-
Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Jiru Maali Dha?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
2. Seexannii fi jinniiwwan isaa eenyu faʼi?
Maleekonni tokko tokko Yihowaadhaaf amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru. Maleekaan jalqaba fincila kaase, ‘isa Diyaabilosii fi Seexana jedhamu, akkasumas guutummaa lafaa dogoggorsaa’ jiru dha. (Mulʼata 12:9) Seexanni ilmaan namootaa dogoggorsuu waan barbaaduuf, namoota jalqabaa irratti dhiibbaa godheera; yeroo boodas maleekonni kaan isaa wajjin akka fincilan godheera. Maleekonni fincilan kunis jinniiwwan jedhamu. Yihowaan samii irraa gara lafaatti isaan darbateera, gara fuulduraatti immoo ni balleeffamu.—Mulʼata 12:9, 12 dubbisi.
3. Seexannii fi jinniiwwan nu dogoggorsuuf kan yaalan akkamitti?
Seexannii fi jinniiwwan gochawwan hafuurota hamootti fayyadamuudhaan namoota hedduu dogoggorsu; gochi kun yaalii hafuurota hamoo wajjin wal qunnamuuf godhamu dha. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko namoota urjii lakkaaʼan, raagdotaa fi eker dubbistoota gaafatu. Kaan immoo yaalii fayyaa hafuurota hamoo wajjin wal qabate argachuuf yaalu. Seexannii fi jinniiwwan namoonni warra duʼanii wajjin wal qunnamuu akka dandaʼan akka amanan gochuudhaan isaan gowwoomsu. Haa taʼu malee Yihowaan, “Eker dubbistoota bira hin dhaqinaa; raagdotas hin gaafatinaa” jechuudhaan nu akeekkachiiseera. (Leewwota 19:31) Yihowaan akeekkachiisa kana kan nuuf kenne Seexanaa fi jinniiwwan irraa nu eeguuf jedhee ti. Isaan diinota Waaqayyoo ti, akkasumas nu miidhuu barbaadu.
-
-
Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
2. Bara 1914 kaasee addunyaa keessatti maaltu raawwatamaa jira? Namoonni hoo amala akkamii argisiisaa jiru?
Barattoonni Yesuus, “Mallattoon argama keetii fi kan dhuma sirna kanaa maali dha?” jedhanii isa gaafatanii turan. (Maatewos 24:3) Yesuusis deebii yeroo isaaniif kennu, Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee samii keessatti erga bulchuu jalqabee booda wantoonni hedduun akka raawwataman raajii dubbateera. Isaan keessaa tokko tokko waraana, hanqina nyaataa fi kirkira lafaa ti. (Maatewos 24:7 dubbisi.) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun amalli namoonni “guyyoota dhumaatti” argisiisan jireenyi “baayʼee rakkisaa” akka taʼu kan godhu taʼuu isaa dursee dubbateera. (2 Ximotewos 3:1-5) Haalawwanii fi amalli namoonni argisiisan kun keessumaa bara 1914 kaasee ifatti mulʼachaa jira.
3. Mootummaan Waaqayyoo bulchuu erga jalqabee kaasee addunyaan kun baayʼee mancaʼaa kan deeme maaliifi?
Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo erga taʼee utuma baayʼee hin turin, samii keessatti Seexanaa fi jinniiwwan irratti waraana baneera. Waraanicha irratti Seexanni injifatameera. Kitaabni Qulqulluun, “Inni gara lafaatti gad darbatame; maleekonni isaas isaa wajjin gad darbataman” jedha. (Mulʼata 12:9, 10, 12) Seexanni akka balleeffamu waan beekeef baayʼee aareera. Kanaafuu, dhiphinnii fi rakkinni guutummaa lafaa irratti akka baayʼatu godheera. Haalli addunyaa kanaa garmalee mancaʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Mootummaan Waaqayyoo rakkoowwan kana hunda ni balleessa.
-
-
Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
5. Bara 1914 kaasee addunyaan kun jijjiirameera
Yesuus erga Mootii taʼee booda haalli addunyaa kanaa maal akka fakkaatu raajii dubbateera. Luqaas 21:9-11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Haalawwan kanneen keessaa kan ati argite ykn dhageesse isa kami?
Phaawulos ergamaan guyyoota dhumaa bulchiinsa ilmaan namootaatti namoonni amala akkamii akka argisiisan ibseera. Ximotewos Lammaffaa 3:1-5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Namoonni yeroo harʼaa jiran amalawwan kanneen keessaa kamfaa yommuu argisiisan hubatteetta?
-