-
Amantaan Sobaa Maqaa Waaqayyoo kan Balleessu Akkamitti?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
2. Amantaan sobaa gocha isaatiin maqaa Waaqayyoo kan balleessu akkamitti?
Amantaan sobaa namootaaf ilaalcha Yihowaa hin qabu. Kitaabni Qulqulluun amantaa sobaa ilaalchisee “cubbuun ishii hanga samii bira gaʼutti tuulameera” jedha. (Mulʼata 18:5) Jaarraawwan hedduudhaaf amantaawwan siyaasa keessa galaa, waraana deggeraa, akkasumas namoonni hangana hin jedhamne akka duʼan sababa taʼaa fi heyyamaa turaniiru. Geggeessitoonni amantaa tokko tokko jireenya qananii jiraatu; kanaafis hordoftoonni isaanii maallaqa akka isaaniif kennan gaafatu. Gochawwan isaanii kun Waaqayyoon bakka buʼuun haa hafuutii, isa illee akka hin beekne mirkaneessu.—1 Yohaannis 4:8 dubbisi.
-
-
Yihowaadhaaf Amanamaa Taʼii JiraadhuBara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
Luqaas 4:8 fi Mulʼata 18:4, 5 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneeniif deebii kenni:
Amma iyyuu sirna amantaa sobaa irratti hirmaachaan jiraa?
Dhaabbata amantaa sobaa wajjin walitti dhufeenya qabu keessan jiraa?
Hojiin koo karaa taʼe tokkoon amantaa sobaa kan deggaru dhaa?
Karaan amantaa sobaa irraa fagaachuun itti na barbaachisu kan biraan jiraa?
Gaaffiiwwan kana keessaa isa tokkoof illee eeyyee jedhee yoon deebise jijjiirama akkamiin gochuu qaba?
Haala hundumaa keessatti murtoo qalbii qulqulluu siif argamsiisuu fi Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu kee argisiisu godhi.
Dhaabbata tola ooltummaa amantaa tokkoon geggeeffamuuf buusii akka gootu yoo gaafatamte maal goota?
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Dhugaadhaaf falmuu akkan dandaʼuuf wanta gantoonni waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa dubbatan beekuun qaba.”
-