LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 2. Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun abdii akkamii kenna?

      Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu” jedha. (Mulʼata 21:4 dubbisi.) Rakkoowwan yeroo ammaatti abdii nu kutachiisan kanneen akka hiyyummaa, jalʼina haqaa, dhukkubaa fi duʼaa hin jiraatan. Kana malees, ilmaan namootaa lafa Jannata taatu irra bara baraaf akka jiraatan abdii kenna.

  • Hammeenyii fi Rakkinni kan Jiraate Maaliifi?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 7. Waaqayyo rakkina ilmaan namootaa irra gaʼaa jiru hunda ni balleessa

      Isaayyaas 65:17 fi Mulʼata 21:3, 4 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Yihowaan miidhaa wantoonni hamoon ilmaan namootaa irra geessisan hundumaa balleessuuf waadaa galeera. Abdiin kun kan si jajjabeessu maaliifi?

      Kana beektaa?

      Seexanni soba isa jalqabaa yeroo dubbatetti maqaa Yihowaa balleesseera. Karaa biraatiin, Yihowaan Bulchaa haqa qabeessa hin taanee fi jaalala hin qabne akka taʼe dubbachuudhaan maqaa isaa balleesseera. Yihowaan dhiheenyatti rakkoowwan ilmaan namootaa irra gaʼan balleessuudhaan maqaa isaa ni qulqulleessa. Karaa biraatiin, bulchiinsi isaa hunda irra kan caalu taʼuu isaa mirkaneessa. Uumama cufa keessatti wanti baayʼee barbaachisaa taʼe qulqulleeffamuu maqaa Yihowaa ti.—Maatewos 6:9, 10.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi