-
Abbootiin Fardeenii Arfan Eenyufaʼi?Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2017 | Lakk. 3
-
-
ISA FARDA DIIMAA GULUFU
“Fardi diimaa kan biraan ni baʼe; inni isa irra taaʼes namoonni akka wal gorraʼaniif nagaa akka lafa irraa fuudhu aangoon isaaf kenname, goraadee guddaan tokkos isaaf kenname.”—Mulʼata 6:4.
Abbaan fardaa kun waraana argisiisa. Nagaa kan fudhatu biyyoota muraasa irraa utuu hin taʼin, guutummaa lafaa irraa akka taʼe hubadhu. Bara 1914tti seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif addunyaa maratti waraanni ni jalqabe. Itti aansuudhaanis waraanni addunyaa inni lammaffaan caalaatti badii guddaa geessise ni kaʼe. Bara 1914 kaasee namoonni waraanaa fi walitti buʼiinsaan ajjeefaman, walumaa galatti miliyoona 100 ol akka taʼan tilmaamama! Kana malees, namoonni hedduun kaan immoo hirʼinni qaamaa guddaan isaan irra gaʼeera.
Bara keenya kanatti waraanni hammam babalʼateera? Seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif namoonni ilmaan namootaa lafa irra jiran hunda balleessuuf humna waan qaban fakkaata. Dhaabbileen nagaa eegsisna jedhan, kan akka Mootummoota Gamtoomanii jiran illee, abbaa fardaa isa farda diimaa gulufaa jiru kana dhaabsisuu hin dandeenye.
-