-
Abbootiin Fardeenii Arfan Eenyufaʼi?Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2017 | Lakk. 3
-
-
ISA FARDA DAALACHA GULUFU
“Anis nan arge, kunoo, fardi daalachi tokko jira ture; inni isa irra taaʼes maqaan isaa Duʼa jedhama ture. Awwaallis itti dhihaatee isa duukaa buʼa ture. Isaanis goraadee dheeraadhaan, hanqina nyaataatiin, dhaʼicha cimaadhaan, bineensota lafaatiin akka namoota ajjeesan kutaa lafaa harka afur keessaa harka tokko irratti aangoon isaaniif kenname.”—Mulʼata 6:8.
Abbaan fardaa inni arfaffaan namoota sababii golfaa fi sababa biraatiin duʼan argisiisa. Bara 1914 booda utuma baayʼee hin turin, dhukkubni Ispaanish filuu jedhamu namoota miliyoona hedduudhaan lakkaaʼaman galaafateera. Namoonni miliyoona 500 taʼan, jechuunis namoota yeroo sanatti addunyaa irra turan 3 keessaa 1 dhukkuba kanaan qabamee akka ture tilmaama!
Haa taʼu malee, Ispaanish filuun isa jalqabaa qofa ture. Hayyoonni tokko tokko akka tilmaamanitti jaarraa 20ffaatti namoonni miliyoona 300 ol dhukkuba maariyyeetiin (smallpox) duʼaniiru. Yeroo harʼaatti illee, gama yaalii fayyaatiin sadarkaa guddaa irra kan gaʼame taʼus, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Eedsii, daranyoo sombaa fi busaadhaan dhumaa jiru.
Waraanni, beellii fi golfaan dhuma irratti duʼa geessisuun isaanii hin oolu. Awwaalli utuu wal irraa hin kutin namoota duʼan walitti sassaabaa jira.
-