-
Gara Samii kan Deeman Eenyu Faʼi?Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
-
-
Samii irra jiraachuuf duʼaa kan kaʼan namoota meeqa dha?
Kitaabni Qulqulluun namoonni 144,000 taʼan jireenya samii argachuuf duʼaa akka kaʼan ibsa. (Mulʼata 7:4) Mulʼata kitaaba Mulʼataa 14:1-3 irratti galmeeffame irratti Yohaannis ergamaan, ‘hoolichi Gaara Xiyoon irra akka dhaabate, warri 144,000 taʼanis isaa wajjin akka turan’ argeera. Mulʼata kana irratti “Hoolicha” kan jedhame Yesuus isa duʼaa kaʼe argisiisa. (Yohaannis 1:29; 1 Pheexiros 1:19) ‘Gaarri Xiyoon’ sadarkaa ol aanaa Yesuusii fi namoota 144,000 warra isaa wajjin samii irratti bulchanii kan argisiisu dha.—Faarfannaa 2:6; Ibroota 12:22.
Namoonni Kiristoosii wajjin Mootummicha irratti bulchuuf ‘waamamanii fi filataman,’ “tuuta xinnoo” jedhamaniiru. (Mulʼata 17:14; Luqaas 12:32) Kun immoo lakkoofsa hoolota Yesuus taʼan hundumaa wajjin yommuu wal bira qabamee ilaalamu lakkoofsi isaanii xinnoo akka taʼe argisiisa.—Yohaannis 10:16.
-
-
Gara Samii kan Deeman Eenyu Faʼi?Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
-
-
Yaada dogoggoraa: Lakkoofsi 144,000 fakkeenya malee, wanta kallattiidhaan fudhatamu miti.
Dhugaan jiru: Kitaabni Mulʼataa lakkoofsota fakkeenyaan ibsaman kan qabate taʼus, lakkoofsonni tokko tokko kallattiidhaan kan caqasamani dha. Fakkeenyaaf, kitaabni kun waaʼee, “maqaawwan 12n ergamoota Hoolichaa 12” ni dubbata. (Mulʼata 21:14) Mee ragaa lakkoofsi 144,000 kallattiidhaan fudhatamuu akka qabu ibsan ilaalaa.
Mulʼanni 7:4, ‘lakkoofsi warra chaappaan itti godhame [ykn samii irratti jireenya akka argatan mirkaneeffame] sanaa 144,000 akka taʼe’ ibsa. Yaanni caqasa kanatti aanee jiru garee lammaffaa kan biraan, jechuunis ‘tuutni uummataa guddaan eenyu illee lakkaaʼuu hin dandeenye’ akka jiru dubbata. ‘Tuutni uummataa guddaanis’ Waaqayyo irraa fayyina argatu. (Mulʼata 7:9, 10) Lakkoofsi 144,000 kun fakkeenyaan kan ibsamee fi garee lakkoofsi isaa hammana hin jedhamne tokko kan argisiisu utuu taʼee garee lamaan kana wal bira qabanii ibsuun hiika hin qabaatu.a
Dabalataanis namoonni 144,000 jedhaman “warra firii jalqabaa taʼanii . . . ilmaan namootaa keessaa bitaman” akka taʼan ibsameera. (Mulʼata 14:4) Jechi “firii jalqabaa” jedhu namoota muraasa warra kaan bakka buʼuuf filataman argisiisa. Lakkoofsi kun warra Kiristoosii wajjin samii irra taʼuudhaan namoota lafa irra jiraatanii fi lakkoofsi isaanii hin murteeffamne irratti bulchan kan argisiisu taʼuun isaa sirrii dha.—Mulʼata 5:10.
a Haaluma wal fakkaatuun Piroofeesar Roobarti Toomaas lakkoofsa 144,000 isa Mulʼata 7:4 irratti ibsame ilaalchisee akkana jechuudhaan barreessaniiru: “Lakkoofsi kun lakkoofsa Mulʼata 7:9 irra jiruu fi baayʼinni isaa hin ibsamne irraa haala adda taʼeen ibsamee kan kaaʼame dha. Lakkoofsi kun akka fakkeenyaatti fudhatama taanaan, lakkoofsi kitaabicha keessatti ibsame kam iyyuu kallattiidhaan fudhatamuu hin dandaʼu.”—Mulʼata 1-7: An Exegetical Commentary, fuula 474.
-