Addaamiifi Hewwaan Cubbuu Akka Hojjetan Waaqayyo Beeka Turee?
NAMOONNI hedduun deebii gaaffii kanaa beekuu barbaadu. Waaqayyo hammeenyi akka jiraatu heyyamuusaa ilaalchisee yommuu gaaffiin kaʼu, Addaamiifi Hewwaan dhaaba Eeden keessatti cubbuu hojjechuunsaaniis kanaa wajjin wal qabatee kaʼa. Yaanni ‘Waaqayyo waan hundumaa beeka’ jedhu, namoonni tokko tokko Waaqayyo Addaamiifi Hewwaan akka isaaf hin abboomamne dursee beeka ture jedhanii akka yaadan godha.
Yaanni Waaqayyo Addaamiifi Hewwaan cubbuu akka hojjetan dursee beeka ture jedhu ergaa akkamii dabarsa? Ilaalchi akkasii, namoonni Waaqayyo amalawwan gadhee qaba jedhanii akka yaadan godha. Waaqayyo jaalala kan hin qabne, murtoo qajeelaa kan hin kennineefi soba kan dubbatu isa fakkeessuu dandaʼa. Namoonni tokko tokkommoo Waaqayyo, Addaamiifi Hewwaan wanti gadheen akka isaanirra gaʼu utuu beekuu, taʼe jedhee waan isaan uumeef gara jabeessadha jedhanii yaadu. Kana jechuunimmoo, hammeenyaafi rakkina hanga yoonaatti gaʼe hundaaf guutummaatti ykn hamma tokko kan itti gaafatamu Waaqayyodha jechuu taʼa. Kanaan kan kaʼes namoonni tokko tokko Uumaan keenya gowwaa akka taʼe godhanii yaadu.
Haataʼu malee, Waaqni keenya Yihowaan inni Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti ibsame amalawwan gadhee akkasii akka qabu godhanii ibsuun sirriidhaa? Deebii gaaffii kanaa argachuuf, uumamawwaniifi amalawwan Yihowaa ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun ibsu haa qorannu.
“Baayʼee Gaarii Ture”
Macaafni Seera Uumamaa namoota jalqabaa dabalatee uumamawwan Waaqayyoo hunda ilaalchisee, “Waaqayyo waanuma hojjete hundumaa in ilaale; kunoo, innis baayʼee gaarii ture” jechuudhaan ibsa. (Uumama 1:31) Addaamiifi Hewwaan yeroo uumaman mudaa tokkoyyuu kan hin qabne siʼa taʼan, naannoon keessa jiraatanis mijaaʼaa ture. Akkaataan itti uumamanis mudaa kan hin qabne ture. “Baayʼee gaarii” taʼanii waan uumamaniif, amala gaarii isaanirraa barbaadamu qabaachuu akka dandaʼan hin shakkisiisu. Isaan, ‘akka bifa Waaqayyootti’ kan uumaman turan. (Uumama 1:27) Kanaaf, hamma tokko amalawwan Waaqayyoo kan akka ogummaa, jaalala, murtoo qajeelaafi gaarummaa fakkaatan argisiisuu dandaʼu turan. Utuu amalawwan kana argisiisaniiru taʼee, murtoo isaan fayyaduufi Abbaasaanii isa samii gammachiisu gochuu dandaʼu turan.
Yihowaan uumamawwan yaaduu dandaʼaniifi mudaa hin qabne kanaaf, filannaa gochuuf mirga akka qabaatan godhee isaan uumeera. Kanaaf, akka roobootii waan tokko ofiin murteeffachuu hin dandeenyetti, dirqamaan Waaqayyoon akka gammachiisan godhamanii hin uumamne. Mee yaadi. Kennaa fakkeessuudhaaf sii kennamemoo, kennaa garaadhaa sii kennametu si gammachiisa? Deebiinsaa ifadha. Haaluma wal fakkaatuun, Addaamiifi Hewwaanis Waaqayyoof abboomamuu filachuu kan dandaʼan siʼa taʼu, kunimmoo isaaf hiika guddaa qaba. Mirgi filannaa namoonni jalqabaa kun qaban, jaalalaan kakaʼanii Yihowaadhaaf akka abboomaman kan isaan dandeessisu ture.—Keessa deebii 30:19, 20.
Qajeelaa, Murtoo Kan Hin Jalʼisneefi Gaarii
Macaafni Qulqulluun amalawwan Yihowaa nuu ibsa. Amalawwansaa kunimmoo wanta cubbuu wajjin walitti dhufeenya qabu akkamiiyyuu akka hin raawwanne isa godha. Faarfannaan 33:5, Yihowaan “qajeelummaa fi wanta seeraan eegame [“firdii qajeelaa,” NW] in jaallata” jedha. Yaaqoob 1:13, “Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin dandaʼu, ofii isaatiis nama tokko illee hamaadhaaf hin qoru” kan jedhu kanaafidha. Waaqayyo Addaamiif waan yaaduuf, “Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa in nyaatta; ija mukicha nyaatanii hamaafi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta” jedheen. (Uumama 2:16, 17) Abbaan manaafi haati manaa jalqabaa kun, jireenya barabaraa ykn duʼa filachuuf mirga qabu turan. Waaqayyo wanti gadheen akka isaanirra gaʼu utuu beekuu, cubbuu akka hin raawwanne isaan akeekkachiisuunsaa sobuu isatti hin taʼuu? Yihowaan, ‘qajeelummaafi murtoo qajeelaa kan jaallatu’ waan taʼeef, wanta isaan gochuu dandaʼan utuu beekuu filannaa akka godhan isaan hin gaafatu.
Kana malees Yihowaan gaarummaa guddaa qaba. (Faarfannaa 31:19) Yesus gaarummaa Waaqayyoo ilaalchisee akkas jedheera: “Isin keessaa nama attamiitu ilmi isaa buddeena yoo isa kadhate, dhagaa kennaafii ree? Yookiis ilmi isaa qurxummii yoo kadhate, bofa kennaafii ree! Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa keessaa immoo hammam isin caalaa warra isa kadhataniif waan gaggaarii kenna!” (Maatewos 7:9-11) Waaqayyo uumamawwansaatiif “waan gaggaarii” kenna. Akkaataan Waaqayyo namoota itti uumeefi bakka jireenyaasaanii kan taate Jannata itti qopheesse, gaarummaasaa kan argisiisudha. Waaqni Aangoo Qabeessaafi gaarii taʼe kun gara jabeessa taʼuudhaan, akka baddu utuu beekuu bakka jireenyaa bareedduu qopheessa jettee yaaddaa? Kun waan hin yaadamnedha. Uumaan keenya inni qajeelaafi gaarii taʼe kun, namoonni isarratti kaʼuusaaniitiif itti gaafatamuu hin qabu.
“Ogeessa Tokkicha”
Caaffanni Qulqullaaʼoon Yihowaan “ogeessa tokkicha” akka taʼes ni ibsu. (Roomaa 16:27) Ergamoonni Waaqayyoo, inni ogummaa hangana hin jedhamne akka qabu karaa addaddaatiin ibsaniiru. Yeroo Yihowaan wantoota lafarratti argaman uume ergamoonni kun, ‘guddisanii sagalee gammachuu dhageessisuu’ jalqaban. (Iyoob 38:4-7) Uumamawwan hafuuraa yaaduu dandaʼan kun, wantoota dhaaba Eeden keessatti raawwataman hawwii guddaadhaan hordofaa akka turan hin shakkisiisu. Waaqni ogummaa qabu kun, uumama cufa nama dinqisiisuufi wantoota ajaaʼibsiisoo hedduu lafarratti uumee, Addaamiifi Hewwaan akka badan utuu beekuu ergamoonnisaa duratti isaan jedhanii yaaduun sirriidhaa? Waaqayyo wanti gadheen akkasii akka raawwatamu karoora baasa jedhanii yaaduun matumaa waan hin fakkaannedha.
Haataʼu malee namoonni tokko tokko, ‘Waaqni ogummaa guddaa qabu kun wanta kana akkamitti wallaala?’ jedhanii gaafachuu dandaʼu. Wanta Yihowaan ogummaa guddaa qaba akka jennu nu godhu keessaa inni tokko, inni “wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee” beekuu dandaʼuusaa akka taʼe beekamaadha. (Isaayaas 46:9, 10) Haataʼu malee, akkuma yeroo hunda humnasaa isa guddaatti guutummaatti fayyadamuun isa hin barbaachisne, dandeettiisaa kanattis guutummaatti fayyadamuun isa hin barbaachisu. Yihowaan dandeettii wanta tokko dursee beekuuf qabu yeroo barbaadetti qofa itti fayyadama. Yihowaan dandeettii kanatti kan fayyadamu yeroo barbaachisaa taʼuufi yeroo haalasaa wajjin walsimuttidha.
Dandeettii wanta tokko dursanii beekuuf qaban itti fayyadamuu dhiisuun, akkaataa itti fayyadama teknoolojii ammayyaa tokkoon ibsamuu dandaʼa. Namni wal dorgommii ispoortii waraabame tokko ilaalu, qabxii isa dhumaa beekuuf wal dorgommii daqiiqaa dhumaarratti godhamerraa jalqabuu dandaʼa. Haataʼu malee kana gochuuf dirqamni isarra hin jiru. Namni kun wal dorgommii kana jalqabaa kaasee hanga dhumaatti ilaaluu yoo filate namni isa komachuu dandaʼu jiraa? Haaluma wal fakkaatuun, Uumaan keenyas wantoota kana jalqabaa kaasee hanga dhumaatti ilaaluuf akka hin filanne haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Kanaa mannaa, ijoolleensaa warri lafarratti argaman amala akkamii akka argisiisan beekuuf takka turuu filateera.
Akkuma olitti ibsame, Yihowaan ogummaasaatti fayyadamee namoota jalqabaa akka roobootii wanta tokko akka hojjetu ajajamutti hin uumne. Kanaa mannaa, jaalalaan kakaʼee filannaa gochuuf mirga akka qabaatan godhee isaan uume. Isaanis filannoo sirrii gochuudhaan isa jaallachuu, isa galateeffachuufi isaaf abboomamuu akka barbaadan argisiisuu dandaʼu turan; kunimmoo isaaniifis taʼe Abbaasaanii Yihowaadhaaf gammachuu guddaa argamsiisuu dandaʼa ture.—Fakkeenya 27:11; Isaayaas 48:18.
Caaffanni Qulqullaaʼoon, fakkeenyawwan Waaqayyo dandeettii wanta gara fuulduraatti taʼu beekuuf qabutti akka hin fayyadamne argisiisan hedduu qabataniiru. Fakkeenyaaf, Abrahaam inni amanamaa ture yeroo ilmasaa aarsaa godhee dhiheessuuf jedhetti Yihowaan, “Ati ilma kee isa tokkicha isaaf waan hin mararsiifatiniif, ati Waaqayyoon akka sodaattu ani amma beekeera” jedheen. (Uumama 22:12) Karaa biraammoo, namoonni tokko tokko amala gadhee argisiisuudhaan Waaqayyoon akka “gaddisiisan” ibsameera. Waaqayyo namoonni kun maal akka godhan dursee beekeera utuu taʼee, akkas ni gadda turee?—Faarfannaa 78:40, 41; 1 Mootota 11:9, 10.
Sababiiwwan olitti ibsamanirraa kaʼuudhaan, Waaqni inni ogummaa guddaa qabu Addaamiifi Hewwaan cubbuu akka hojjetan beekuuf, dandeettii wanta gara fuulduraatti raawwatamu beekuuf qabutti hin fayyadamne jedhanii yaaduun sirriidha. Inni dandeettii wanta gara fuulduraatti taʼu beekuuf qabutti fayyadamee wanta Addaamiifi Hewwaanirra gaʼu utuu beekuu isaan uumuudhaan hoji gowwummaa hin raawwatu.
“Waaqayyo Jaalala”
Diina Waaqayyoo kan taʼe Seexanni, dhaaba Eeden keessatti Waaqayyorratti kaʼuun akka jalqabamu gochuudhaan cubbuufi duʼa dabalatee rakkoowwan garaagaraa akka uumaman godheera. Kanaaf Seexanni ‘nama kan ajjeesu’ jedhameera. Kana malees, inni “sobaafi abbaa sobaa” taʼuunsaa mirkanaaʼeera. (Yohannis 8:44) Ofumasaatii yaada gadheedhaan kakaʼee, Uumaan keenya inni jaalala qabeessi yaada gadhee akka qabu godhee dhiheessuuf yaalii godha. Kana malees, cubbuu namoonni hojjetaniif kan itti gaafatamu Yihowaa akka taʼe godhee dhiheessuu barbaada.
Yihowaan, Addaamiifi Hewwaan cubbuu akka hojjetan beekuuf dandeettii wanta gara fuulduraatti raawwatamu beekuuf qabutti akka hin fayyadamne kan isa godhe sababii inni guddaan, jaalala qabeessa taʼuusaati. Jaalalli amalawwan Waaqayyoo keessaa isa guddaadha. Ergaan Yohannis inni duraa 4:8 “Waaqayyo jaalala” jedha. Jaalallimmoo gara laafessa malee hamaa miti. Jaalalli, wanta gaarii warri kaan qabanirratti xiyyeeffata. Eeyyee, Yihowaan jaalalaan kakaʼee, Addaamiifi Hewwaan wanta gaarii akka argatan barbaada ture.
Ijoolleen Waaqayyoo warri lafarratti argaman kun murtoo sirrii hin taane gochuuf mirga kan qaban yoo taʼaniyyuu, Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe uumamawwansaa warra mudaa hin qabne kun amala gadhee qabaachuu dandaʼu jedhee hin shakkine. Wanta jireenyaaf isaan barbaachisuufi odeeffannoo beekuu qaban hunda isaanii kenneera. Kanaan kan kaʼes, Waaqayyo isarratti akka kaʼan utuu hin taʼin, jaalalaan kakaʼanii akka isaaf abboomaman eeguunsaa sirriidha. Yeroo booda namoonni mudaa qaban, jechuunis kan akka Abrahaam, Iyoob, Daaniʼeliifi namoonni hedduun kaan amanamoo taʼan, Addaamiifi Hewwaanis amanamoo taʼuu akka dandaʼan beeka.
Yesus, “Waaqayyoof . . . wanti hundinuu in dandaʼama” jedheera. (Maatewos 19:26) Yaanni kun baayʼee kan nama jajjabeessudha. Jaalalli Yihowaafi amalawwansaa, jechuunis murtoo qajeelaa, ogummaafi humnisaa, inni yommuu yeroonsaa gaʼu rakkoowwan sababii cubbuufi duʼaan namatti dhufan hunda balleessuu akka dandaʼu nuu mirkaneessu.—Mulʼata 21:3-5.
Kanaaf, Yihowaan Addaamiifi Hewwaan cubbuu akka raawwatan dursee hin beeku ture. Waaqayyo namoonni abboomamuu diduusaaniifi rakkoowwan sababii kanaan dhufanitti kan gadde taʼus, haalli yeroo muraasaaf uumame kun, kaayyoo inni barabaraaf lafaafis taʼe namoota achirra jiraataniif qabu gufachiisuu akka hin dandeenye beeka ture. Kaayyoon kun maal akka taʼeefi kaayyoon kun yommuu raawwiisaa argatu atis faayidaa argachuuf maal gochuu akka qabdu caalaatti maaliif hin barattu?a
[Miiljalee]
a Kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 3 ilaali.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 14rra jiru]
Yihowaan namoota jalqabaa akka roobootii wanta tokko akka hojjetu ajajamutti hin uumne
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 15rra jiru]
Waaqayyo Addaamiifi Hewwaan amanamoo taʼuu akka dandaʼan beeka ture