Faarfannaa 39
Nagaa Argachuu
1. Waaqa nagaaf tokkummaa,
Yihowaa guddaa,
Waraana balleessuudhaan,
Jaalala fidaa.
Yesus Angafa Nagaaf,
Gara laafessaa;
Qajeelummaadhaaf lolee,
Nagaa nuu buusaa.
2. Lolarraa fagaanneerraa,
Aarrabsoo dhiisnee.
Meeshaa waraanaa hunda,
Kan nagaa goonee.
Dhiifama gochuu qabna,
Nagaa buusuudhaaf.
Hoolotasaa waan taaneef,
Dhamaana nagaaf.
3. Ija qajeelummaatii,
Nagaa qabaannaa,
Ogummaa Waaqarraatiif,
Isa kadhannaa.
Abboommiin kennameera,
Nagaan jiraachuuf,
Ni dhufa Mootummaansaa,
Nagaa nuu fiduuf.
(Dabalataan Far. 46:9; Isa. 2:4; Yaq. 3:17, 18 ilaali.)