LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bh ful. 199-ful. 201 key. 4
  • Yesus Kiristos—Masiihii Isa Abdachiifame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesus Kiristos—Masiihii Isa Abdachiifame
  • Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Raajiiwwan Waaʼee Masiihichaa Dubbataman Yesuus Masiihicha Taʼuu Isaa Mirkaneessuu?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Raajiiwwan Masiihicha Ilaalchisee Dubbataman
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Masiihicha Eeggachaa Turaniiru
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Masiihicha Argataniiru!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
bh ful. 199-ful. 201 key. 4

KUTAA DABALATAA

Yesus Kiristos​—Masiihii Isa Abdachiifame

YIHOWAAN Masiihicha akka adda baasnee barruuf, raajonni Macaafa Qulqulluu baay’een geggeessituun ilmaan namootaa akka walaba baasu raajiidhaan dubbatameef kun waa’ee dhalootasaa, waa’ee tajaajilasaafi waa’ee du’asaa ilaalchisee odeeffannoo bal’aa akka barreessan hafuurasaatiin isaan kakaaseera. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu kun hundi Yesus Kiristosirratti raawwiisaanii argataniiru. Raajiiwwan kun haala nama dinqisiisuun raawwiisaanii kan argatan yeroo ta’u odeeffannoo barbaachisoo ta’anis bal’inaan qabataniiru. Kana fakkeenyaan ilaaluuf, haala Masiihiin kun itti dhalatuufi raajiiwwan ijoollummaasaa wajjin wal qabatan keessaa muraasasaanii haa ilaallu.

Isaayaas raajichi Masiihichi sanyii Daawit keessaa akka dhalatu raajii dubbatee ture. (Isaayaas 9:7) Dhugumayyuu Yesus kan dhalate sanyii Daawit keessaa ture.​—Maatewos 1:1, 6-17.

Miikiyaas kan jedhamu raajii garabiraanimmoo, mucaan kun yeroo booda akka geggeessaa ta’uufi “mandara Betlihem-Efraataa” keessatti akka dhalatu raajii dubbatee ture. (Miikiyaas 5:2) Yeroo Yesus dhalatetti, Israa’el keessa magaalaawwan Betlihem jedhamanii waamaman lama turan. Magaalaan Betlihem isheen tokko karaa kaaba naannoo Naazireetitti kan argamtu yeroo taatu, Betlihem isheen kaanimmoo biyya Yihudaa keessatti naannoo Yerusaalemitti argamti turte. Betlihem isheen naannoo Yerusaalemitti argamtu dur Efraataa jedhamtee waamamti turte. Akkuma dursee raajiidhaan dubbatametti Yesus magaalaa kanatti dhalate!​—Maatewos 2:1.

Raajiin Macaafa Qulqulluu garabiraanimmoo, Ilmi Waaqayyoo “biyya Gibxii keessaa” akka waamamu raajiidhaan dubbatamee ture. Yesus ijoollummaasaatti gara biyya Gibxiitti geeffamee ture. Herodis erga du’ee booda biyya Giibxiitii waan deebi’eef raajiin kun sirriitti raawwiisaa argateera.—Hose’aa 11:1; Maatewos 2:15.

Gabatee fuula 200⁠rratti mataduree “Raajii” jedhu jalatti caqasawwan argaman geggeessituu dibame ilaalchisee, yaada bal’aa qabataniiru. Caqasawwan kana mataduree “Raawwii” jedhu jalatti argamanii wajjin waliin ilaali. Kana gochuunkee amantii Sagalee Waaqayyoorratti qabdu caalaatti siif jabeessa.

Caqasawwan kana yeroo qortu, raajiiwwan kun kan barreeffaman Yesus utuu hin dhalatin waggoota dheeraa dura ta’uusaanii qalbeeffadhu. Yesus, ‘Waa’ee kootiif seera Musee, macaafa raajotaa fi, macaafa faarfannaa keessatti kan caafame hundinuu raawwatamuuf jira’ jechuudhaan dubbateera. (Luqaas 24:44) Macaafa Qulqulluu keerraa mirkaneeffachuu akka dandeessutti, wantoonni raajiiwwan keessatti ibsaman hundi sirriitti raawwiisaanii argataniiru!

RAAJIIWWAN MASIIHICHA ILAALCHISANII DUBBATAMAN

WANTA TA’E

RAAJII

RAAWWII

Gosa Yihudaa keessaa dhalate

Uumama 49:10

Luqaas 3:23-33

Durbarraa dhalate

Isaayaas 7:14

Maatewos 1:18-25

Sanyii Daawit Mootichaa keessaa dhalate

Isaayaas 9:7

Maatewos 1:1, 6-17

Yihowaan mootichi Ilmasaa ta’uusaa beeksise

Faarfannaa 2:7

Maatewos 3:17

Namoonni baay’een isatti hin amanne

Isaayaas 53:1

Yohannis 12:37, 38

Ilmoo harreerra taa’ee gara Yerusaalem dhaqe

Zakaariyaas 9:9

Maatewos 21:1-9

Michuunsaa dabarsee isa kenne

Faarfannaa 41:9

Yohannis 13:18, 21-30

Meetii guroo 30n dabarsee isa kenne

Zakaariyaas 11:12

Maatewos 26:14-16

Namoota isa himatan duratti ni callise

Isaayaas 53:7

Maatewos 27:11-14

Wayyaasaarratti muka [ixaa] buufatan

Faarfannaa 22:18

Maatewos 27:35

Utuu inni mukarratti fannifamee jiruu itti ga’isan

Faarfannaa 22:7, 8

Maatewos 27:39-43

Lafeesaa keessaa tokkoyyuu hin cabne

Faarfannaa 34:20

Yohannis 19:33, 36

Warra sooressaa wajjin awwaalame

Isaayaas 53:9

Maatewos 27:57-60

Utuu hin tortorin du’aa ka’e

Faarfannaa 16:10

Hojii Ergamootaa 2:24, 27

Mirga Waaqayyoo taa’e

Faarfannaa 110:1

Hojii Ergamootaa 7:56

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi