Faarfannaa 16
Mootummaa Waaqayyootti Baqadhaa!
1. Isin warri filattan garraamummaa.
Fedhaa gaarummaafi qajeelummaa.
Tarii guyyaa dheekkamsaarraa ooluudhaan
Ni jiraattu barabaraan.
(WALLEE)
Mootummaa Waaqayyootti baqadhaa;
Bulchiinsasaaf dhaabadhaa.
Eegumsaafi eebba Waaqaa argadhaa;
Ajajasaa fudhadhaa.
2. Kottaa warri dhugaaf haqa beeloftan;
Haa ga’uu gaddiifi boo’uun keessan
Cunqursaarraa ooluuf Waaqayyoon kadhaa,
Bulchiinsa Yesus simadhaa.
(WALLEE)
Mootummaa Waaqayyootti baqadhaa;
Bulchiinsasaaf dhaabadhaa.
Eegumsaafi eebba Waaqaa argadhaa;
Ajajasaa fudhadhaa.
3. Gammachuudhaan mataa keessan ol kaasaa
Ilaalaa Yesus Mootii ta’uusaa!
Ifa Yihowaan ergutti gammadaa,
Isuma qofaa sodaadhaa!
(WALLEE)
Mootummaa Waaqayyootti baqadhaa;
Bulchiinsasaaf dhaabadhaa.
Eegumsaafi eebba Waaqaa argadhaa;
Ajajasaa fudhadhaa..
(Dabalataan Far. 59:16; Fak. 18:10; 1 Qor. 16:13 ilaali.)