Faarfannaa 4
Waaqayyo Biratti Maqaa Gaarii Qabaachuu
1. Yeroo hundumaa Waaqaaf abboomamnaa
Seerasaa eegnee Maqaa bareechannaa.
Wanta itti tolu Hunda ni raawwannaa,
Garaasaa ciibsuuf Tattaafannaa.
2. Biyyalafaarraa Ulfina argachuun,
Beekamaa ta’uun Ittiinis of boonsuun
Gowwoomfamuu ta’a Kanaaf harka laachuun
Eebba Yihowaa Of dhabsiisuun.
3. Yaadatamuudhaaf Waaqayyo duurattii
Galmeeffamuudhaaf Kitaabasaarrattii
Isumaaf of laannee Dhugaadhaaf falminaa
Baruma baraan Kana goonaa.
(Dabalataan Uma. 11:4; Fak. 22:1; Mil. 3:16; Mul. 20:15 ilaali.)