Faarfannaa 54
Amantaa Qabaachuu Qabna
1. Himaa ture Yihowaan waan sirrii
Karaa raajotasaa durii.
Har’as Yesusitti fayyadamee
Jedhe ‘Qalbii jijjiirii.’
(WALLEE)
Amantaa dhugaa ni qabnaa?
Yoo qabaanne ni fayyinaa.
Hojiidhaan ni argisiisnaa?
Amantaan kun jireenya nuu kennaa.
2. Gammannee Yesusiif abboomamna
Mootummicha ni labsina.
Mirga dubbachuuf qabnu eegsisna;
Dubbanna dhugaa kana.
(WALLEE)
Amantaa dhugaa ni qabnaa?
Yoo qabaanne ni fayyinaa.
Hojiidhaan ni argisiisnaa?
Amantaan kun jireenya nuu kennaa.
3. Jabaadha amantaan nuti qabnu;
Sodaannee duubattin jennu.
Nutti roorrisanillee diinonni
Dhihaateera fayyinni.
(WALLEE)
Amantaa dhugaa ni qabnaa?
Yoo qabaanne ni fayyinaa.
Hojiidhaan ni argisiisnaa?
Amantaan kun jireenya nuu kennaa.
(Dabalataan Rom. 10:10; Efe. 3:12; Ibr. 11:6; 1 Yoh. 5:4 ilaali.)