Faarfannaa 50
Waaqayyo Fakkeenya Jaalalaati
1. Yihowaan waan hunda nuu qopheesseera
Nu hundaaf,
Hundumaaf,
Seera jaalalaa, nuuf jecha baaseera
Nu eeguudhaaf,
Nu eeguudhaaf.
Afeeramtanii, Waaqa duukaa bu’aa,
Hojii gaariidhaaf garaadhaa dhama’aa;
Daandii nageenyaa, eegaa tokko ta’aa.
Jaalaladha.
Waaqni jaalalaa.
2. Seerasaa eegnaan jaalal obbolootaa
Nii cimaa,
Nii cimaa;
Wal gargaaruudhaaf kan kakaasu ta’a
Karaa hundaan,
Karaa hundaan;
Namoota hundaaf dhiifama gochuudhaaf,
Jaalala dhugaa namootaaf qabaachuuf,
Nu dandeessisaa Yihowaa fakkaachuuf,
Ni jaallannaa,
Nama jaallannaa.
3. Isa jaallannaa, kanaaf tajaajillaa
Yoomiyyuu,
Hooggayyuu.
Filannaa keenyaan, seerasaatiif bulla,
Isa jajnaa,
Isa jajnaa.
Nama hundaattii maqaasaa labsinaa;
Beekumsa dhugaa isaan hubachiisnaa.
Tajaajilasaa isaan jaallachiisnaa,
Kun jaalalaa.
Jaalalli kanaa.
(Dabalataan Rom. 12:10; Efe. 4:3; 2 Phe. 1:7 ilaali.)