Faarfannaa 18
Jaalala Waaqayyoo
1. Yihowaan jaalalaa!
Dhugaan kunis nuuf galaa.
Nuuf ergeera Ilmasaa,
Akka nuu ta’uuf aarsaa,
Qajeeloo akka taanuuf,
Jireenyas haa argannuuf.
(WALLEE)
Dhugaa warri dheebottan,
Bishaan jireenyaa tolaan.
Eeyyee koottaatii dhugaa;
Gaarummaasaa argaa.
2. Yihowaan jaalalaa!
Hojiisaatiin nuu galaa.
Ilmasaa nuu moosisee
Jaalalasaa nuuf ibsee
Mootummicha hundeessee.
Kakuusaa fiixaan baasee.
(WALLEE)
Dhugaa warri dheebottan,
Bishaan jireenyaa tolaan.
Eeyyee koottaatii dhugaa;
Gaarummaasaa argaa.
3. Yihowaan jaalalaa!
Isa fakkaachuuf yaallaa.
Garraamota gargaarraa,
Haa bu’an karaasaarra.
Ija jabinaan labsaa,
Warra kaan jajjabeessaa.
(WALLEE)
Dhugaa warri dheebottan,
Bishaan jireenyaa tolaan.
Eeyyee koottaatii dhugaa;
Gaarummaasaa argaa.
(Dabalataan Far. 33:5; 57:10; Efe. 1:7 ilaali.)