Faarfannaa 6
Kadhannaa Tajaajiltoota Waaqayyoo
1. Aabbaa samii Gooftaa Ol’aanaa,
Barabaraan maqaakee faarfannaa.
Garaa nuu laaftaa yeroo hundaa,
Gaarummaa nutti ni mul’istaa.
Gaarummaa ni mul’istaa,
Aati garaa nuu laaftaa.
2. Nu gargaarii dhugaa jaallachuuf.
Akka fedhakee ittiin raawwannuuf.
Abboommikee eeguuf hawwinaa,
Dhimminee hoolota barbaannaa.
Hoolotakee barbaannaa.
Abboommiikee ni eegnaa.
3. Ogummaakee argachuu feenaa.
Jaalalaafi ogummaa hawwinaa.
Oo’a qabaachuuf nu gargaarii,
Ni beeksisna ta’uukee gaarii.
Waaqa keenya beeksisnaa,
Jaalala argisiisnaa.
(Dabalataan Far. 143:10; Yoh. 21:15-17; Yaq. 1:5 ilaali.)