LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w14 8/15 ful. 26-28
  • ‘Deebiʼiitii Obbolootakee Jabeessi!’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Deebiʼiitii Obbolootakee Jabeessi!’
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “GAMMACHUU GUUTUUTTI FUDHADHAA”
  • DEEBIʼUU NI DANDEESSAA?
  • WAAQAYYO NAMOOTA DEEBIʼANII TIKSITOOTA TAʼAN NI EEBBISA
  • Jaarsoliin Gumii ‘Nu Gammachiisuuf Nu Wajjin Hojjetu’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Obbolootaa—Hafuuraan Facaasuudhaan Itti Gaafatamummaa Fudhachuuf Carraaqaa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Dhiironni Itti Gaafatamummaa Akka Fudhatan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Gorsi Kennitu ‘Garaa Namaa kan Gammachiisu’ Dhaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
w14 8/15 ful. 26-28
Yesus, deebiʼee obbolootasaa akka jajjabeessu Phexrositti himaa jira

‘Deebiʼiitii Obbolootakee Jabeessi!’

PHEXROS Yesusiin erga ganee booda mararamee booʼe. Ergamaan kun karaa hafuuraa haala duraaniitti deebiʼuuf carraaquu kan qabu taʼullee, Yesus warra kaan gargaaruuf isatti fayyadamuu barbaadee ture. Kanaafuu Yesus, “Ati yeroo itti gara kootti deebitutti, obboloota kee jabeessi!” jedheen. (Luq. 22:32, 54-62) Yeroo booda Phexros, namoota jaarraa jalqabaatti utubaa gumii Kiristiyaanaa taʼan keessaa tokko taʼuu dandaʼeera. (Gal. 2:9) Haaluma wal fakkaatuun, namni kanaan dura jaarsa gumii ture tokko, mirga kana deebisee argachuufi namoota hidhatasaa taʼan karaa hafuuraa jabeessuudhaan gammachuu argachuu ni dandaʼa.

Namoonni kanaan dura ilaaltota olaanaa turaniifi mirga kana dhaban, gama kanaan akka hin milkoofne itti dhagaʼamuu dandaʼa. Juuliyooa inni Booliiviyaa keessatti waggaa 20 oliif jaarsa gumii taʼee tajaajile akkas jedheera: “Jireenyikoo haasaa qophaaʼuu, obboloota daawwachuufi miseensota gumii dhaqanii jajjabeessuudhaan kan qabame ture! Mirga kana akka tasaa yeroon dhabetti garuu, wantin hojjedhu baayʼeen hin jiru ture. Walumaa galatti yeroonsaa yeroo rakkisaa ture.” Yeroo harʼaa, Juuliyoon deebiʼee jaarsa taʼeera.

“GAMMACHUU GUUTUUTTI FUDHADHAA”

Yaaqoob, “Yaa obboloota ko! Qoramsa garaa garaatiin ilaalamuun yommuu isinitti dhufu, gammachuu guutuutti fudhadhaa!” jechuudhaan barreesseera. (Yaq. 1:2) Yaaqoob, waaʼee qorumsa cubbuu dhaalleefi ariʼatamaan nurra gaʼuu dubbachuusaa ture. Waaʼee kajeellaa ofittummaa, nama wal caalchisuufi wantoota kana fakkaatanii caqaseera. (Yaq. 1:14; 2:1; 4:1, 2, 11) Yihowaan nu adabuunsaa nu gaddisiisuu dandaʼa. (Ibr. 12:11) Taʼus, qorumsawwan akkasii gammachuu keenya nu dhabsiisuu hin qaban.

Mirga gumii keessatti qabnu yoo dhabnellee, amantiin keenya hammam cimaa akka taʼe qoruufi jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisuuf ammayyuu carraa qabna. Akkasumas mirga sanaan tajaajilaa kan turre maaliif akka taʼe xiinxaluu dandeenya. Mirga kanarra gaʼuuf carraaqqii kan goone faayidaa ofii keenyaafimoo, Waaqayyoon waan jaallannuuf, akkasumas gumichi kansaa akka taʼeefi eegumsi godhamuufii akka qabu waan amanneef ture? (HoE. 20:28-30) Namoonni jaarsolii turan gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluusaanii itti fufuudhaan, Yihowaadhaaf jaalala dhugaa akka qaban Seexana dabalatee warra kaaniif mirkaneessaniiru.

Daawit cubbuu cimaa hojjechuusaatiin yeroo adabametti, adaba sana waan fudhateef dhiifama argateera. Akkas jedheera: “Namni irra-daddarbaan isaa dhiifameef, cubbuun isaas deebiʼee akka hin argamne godhameef haa gammadu! Namni Waaqayyo yakka tokko illee irratti hin lakkoofne, yaada isaa keessas haxxummaan hin jirre haa gammadu!” (Far. 32:1, 2) Daawit adabamuunsaa kan isa sirreesse siʼa taʼu, saba Waaqayyootiif tiksee gaarii akka taʼus isa godheera.

Yeroo baayʼee obboloonni deebiʼanii jaarsa taʼan, isa duraa caalaa tiksitoota gaarii taʼu. Obboleessi deebiʼee jaarsa taʼe tokko, “Amma namoota dogoggora hojjetan akkamitti qabuu akkan qabu caalaatti hubadheera” jedheera. Jaarsi kan biraanimmoo, “Amma mirgan obboloota tajaajiluuf argadheef isa kanaan duraa caalaa bakka guddaa nan kenna” jedheera.

DEEBIʼUU NI DANDEESSAA?

Faarfatichi, “[Yihowaan] yeroo hunda dogoggora hin funaanu” jechuudhaan barreesseera. (Far. 103:9, NW) Kanaafuu, Waaqayyo nama cubbuu cimaa hojjete tokko deebiʼee akka hin amanne yaaduu hin qabnu. Riikaardoo inni waggoota hedduudhaaf jaarsa taʼee erga tajaajilee booda mirgasaa dhabe akkas jedheera: “Dadhabinakootti baayʼee abdii kutadheen ture. Gaʼumsa akkan hin qabne waan natti dhagaʼameef, deebiʼee jaarsa taʼee obboloota utuun hin tajaajilin yeroo dheeraan darbee ture. Ofitti amanannaa waanan dhabeef, lammata amanamuu akkan dandaʼu natti hin dhagaʼamu ture. Haataʼu malee, warra kaan gargaaruun waan na gammachiisuuf, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu, Galma Mootummaa keessatti obboloota jajjabeessuufi isaanii wajjin tajaajilarratti hirmaachuu dandaʼeen ture. Kana gochuunkoo ofitti amanannaa akkan qabaadhu kan na gargaare siʼa taʼu, amma deebiʼee jaarsa taʼee tajaajilaan jira.”

Jaarsoliin obboleessi tokko deebiʼee jaarsa akka taʼu isa jajjabeessaa jiru

Yihowaan dhiironni tokko tokko gammachuusaaniifi fedhii gumii geggeessuuf qaban deebisanii akka argatan isaan gargaareera

Obboleessi tokko haaloo qabachuunsaa jaarsa taʼee akka hin tajaajille isa gochuu dandaʼa. Fakkeenya Daawit isa tajaajilaa Yihowaa tureefi Saaʼol Mooticha isa hinaafaa jalaa baqatee turee hordofuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Daawit yeroo carraa argatee turettillee, Saaʼolirratti haaloo baʼuurraa of qusateera. (1 Sam. 24:4-7; 26:8-12) Saaʼol waraanarratti yeroo duʼetti, Daawit Saaʼoliifi Yonaataan ‘namoonni kan isaan jaallataniifi kan isaanitti gammadan’ akka taʼan dubbachuudhaan gaddasaa ibseera. (2 Sam. 1:21-23) Daawit haaloo hin qabanne.

Karaa dogoggora taʼeen akka hubatamte ykn jalʼinni akka sirratti raawwatame yoo sitti dhagaʼamellee, haaloo qabachuurraa fagaadhu. Fakkeenyaaf, Wiiliyaam waggoota 30f jaarsa taʼee Biritaaniyaa keessatti erga tajaajilee booda mirga kana yeroo dhabu, jaarsolii tokko tokkorratti haaloo qabatee ture. Wiiliyaam ilaalchasaa akka sirreessu kan isa gargaare maalidha? Akkas jedheera: “Macaafa Iyoob dubbisuunkoo na jajjabeesseera. Yihowaan Iyoob michootasaa sadanii wajjin nagaa akka uumu erga isa gargaaree, anaanimmoo jaarsolii Kiristiyaanaa wajjin nagaa akkan uumu caalaatti akka na gargaaru beekamaadha.”—Iyo. 42:7-9.

WAAQAYYO NAMOOTA DEEBIʼANII TIKSITOOTA TAʼAN NI EEBBISA

Tiksee hoolota Waaqayyoo taʼuukee dhaabdeetta yoo taʼe, sababii kana itti goote irra deebitee qoruunkee gaariidha. Kan dhaabde rakkinni humnakeetii ol taʼe si mudateetii? Jireenyakee keessatti wantoota kaaniif iddoo guddaa kennuu jalqabdeetii? Moo dogoggora warra kaaniitu abdii si kutachiise? Sababiinsaa maaliyyuu yoo taʼe, yeroo jaarsa turtetti caalaatti warra kaan gargaaraa akka turte yaadadhu. Haasaawwankee jabina isaaniif kennanii, fakkeenyummaankee isaan jajjabeessee, akkasumas manasaanii dhaqxee isaan daawwachuunkee qorumsa moʼuuf isaan gargaaree ture. Hojiin jaarsa amanamaa taʼuudhaan raawwachaa turte Yihowaas taʼe siin gammachiisaa ture.—Fak. 27:11.

Jaarsa gumii gammachuudhaan tajaajilaa jiru

Gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluudhaan akka isa jaallattu argisiisi

Yihowaan dhiironni tokko tokko gammachuusaaniifi fedhii gumii geggeessuuf qaban deebisanii akka argatan isaan gargaareera. Jaarsummaarraa buuteetta ykn ofii keetiin dhaabdeetta taanaan, deebitee ‘hojii baʼeessa hawwuu’ ni dandeessa. (1 Xim. 3:1) Phaawulos, Kiristiyaanonni Qolosaayis “jireenya gooftaadhaaf taʼu jiraachuu, yeroo hundumaa waan isatti tolu gochuu” akka dandaʼaniif beekumsa dhugaa fedha Waaqayyootiin akka guutaman isaaniif “kadhachuu hin dhiifne” ture. (Qol. 1:9, 10) Deebitee jaarsa taʼuuf mirga argatteetta taanaan, Yihowaan jabina, obsaafi gammachuu akka sii kennu kadhadhu. Guyyoota dhumaa kanatti, sabni Waaqayyoo tiksitoota jaalala qabeeyyii taʼanirraa gargaarsa hafuuraa argachuun isaan barbaachisa. Obbolootakee jabeessuu ni dandeessaa? Fedhiisaahoo qabdaa?

a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi