Faarfannaa 51
Yihowaatti Maxxanna
1. Yihowaan argisiisee qajeelaa ta’uusaa.
Yoomiyyuu hin jijjiiramu firdiif gochisaa.
Wanti jedhe hundi ta’ee ni arginaa.
Isatti dhihaannee maxxannee jiraanna;
Ajajamnaan barabaraaf fayyadamnaa.
2. Teessoonsaa dhugaafi haqaan hundeeffameeraa.
Iddoon jireenyaasaa ulfinaan marfameeraa.
Ofitti waan nu waameef baay’ee gammannaa.
Waaqa olaanaa Yihowaatti maxxannaa;
Kabaja guddaadhaan isa Waaqeffannaa.
3. Bantiin Waaqaa isa fudhachuu hin danda’uu.
Matumaa hin jiraatu diinnii isa mo’uu.
Abdii kenne akka raawwatu amannaa.
Isatti maxxannaa; fedhasaa raawwannaa,
Waaqaaf buluu keenya cimnee itti fufnaa.
(Dabalataan Kes. 4:4; 30:20; 2 Mot. 18:6; Far. 89:14 ilaali.)