-
Yaaddoon Bakka Hunda Jira!Masaraa Eegumsaa—2015 | Onkoloolessa 1
-
-
MATA DUREE FUULA JALQABAA | YAADDOO MOʼUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
Yaaddoon Bakka Hunda Jira!
“Nyaata bituu yeroon deemu wanti ani argadhe buskutii qofa ture, inni iyyuu gatiin isaa harka 10,000 dabalee ture! Guyyaa itti aanutti immoo suuqii keessa nyaanni tokko illee hin jiru ture.”—Pool, Zimbaabuwee.
“Abbaan manaa koo taaʼi naan jedhee, nu dhiisee deemuuf akka jedhu dubbate. Gocha gantummaa akkanaa akkamittan dandaʼee jiraadha? Ijoolleen koo hoo akkam taʼu?” —Jaaneet, Yunaayitid Isteetis.
“Sagaleen meeshaa balaa akeekkachiisu yommuu dhagaʼamu, iddoon itti dhokadhu argachuuf nan fiige, yommuu rokkeettiin dhukaʼus lafa irra nan ciise. Saʼaatii hedduu booda illee harki koo ni hollata ture.”—Aloonaa, Israaʼel.
‘Yeroo sodaachisaa’ yaaddoon itti baayʼate keessa jiraanna. (2 Ximotewos 3:1) Namoonni baayʼeen, rakkina qarshiitiin, maatiin diigamuu isaatiin, waraanaan, dhukkuboota akka tasaa kaʼanii nama fixaniin, akkasumas balaawwan uumamaatiin ykn balaawwan nam tolcheetiin jeeqamaa jiru. Kana malees, wantoonni dhuunfaatti nama yaaddessan kanneen, ‘Wanti qaama koo irratti baʼe kun gara kaansariitti jijjiiramaa laata?’ ‘Addunyaan ijoolleen ijoollee koo keessatti guddatan kan akkamii taʼa laata?’ jedhan jiru.
Taʼus yaaddoon hundi gadhee dha jechuu miti. Qorumsa jalqabuu, namoota duratti waa raawwachuu ykn hojii qacaramuuf gaafannoodhaaf dhihaachuu keenya dura yaaddaʼuun waanuma jiru dha. Kana malees wanta balaa geessisu tokko sodaachuun keenya miidhaa irraa fagaachuuf nu gargaara. Taʼus, akka malee ykn yeroo hunda yaaddaʼuun badii guddaa geessisa. Dhiheenya kana qorannoon gaʼeessota 68,000 taʼan irratti walitti aansee godhame tokko, yaaddoon salphaa taʼe illee carraa namni tokko yeroo malee duʼuudhaaf qabu akka dabalu ibseera. Kanaaf Yesus, “Isin keessaa namni tokko hammam yaadda’u illee, bara jireenya isaatiitti yeroo gabaabaa dabalachuu kan danda’u jiraa ree?” jedhee gaafachuun isaa sirrii ture. Dhuguma iyyuu yaaddoon umurii eenyuu illee hin dheeressu. Kanaan kan kaʼes Yesus gorsa, “Hin yaaddaʼinaa!” jedhu kenneera. (Maatewos 6:25, 27) Haa taʼu malee yaaddaʼuu dhiisuun ni dandaʼamaa?
Deebiin gaaffii kanaa, ogummaatti fayyadamu, amantii dhugaa Waaqayyoo irratti qaban guddifachuu fi waaʼee gara fuulduraa abdii amansiisaa qabaachuu irratti kan hundaaʼe dha. Yeroo ammaa rakkinni cimaan nu irra gaʼaa kan hin jirre yoo taʼe illee, gara fuulduraatti nu mudachuu dandaʼa. Kanaafuu Pool, Jaaneetii fi Aloonaan tarkaanfiiwwan armaan olitti ibsaman fudhachuun isaanii yaaddoo moʼuuf akkamitti akka isaan gargaare haa ilaallu.
-
-
Waaʼee Qarshii YaaddaʼuuMasaraa Eegumsaa—2015 | Onkoloolessa 1
-
-
MATA DUREE FUULA JALQABAA | YAADDOO MOʼUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
Waaʼee Qarshii Yaaddaʼuu
Abbaa manaa fi abbaa ijoollee lamaa kan taʼe Pool akkana jedheera: “Gatiin qarshii biyya keenyaa akka malee erga kufee booda, gatiin nyaataa kan dabale taʼuu isaa irra iyyuu nyaatni hin jiru ture. Saʼaatii hedduudhaaf dabaree qabannee kan dhaabannu taʼus, yeroo baayʼee utuu dabareen keenya hin gaʼin nyaatni ni dhuma ture. Sababii beelaatiin namoonni akka malee kan huqqatan siʼa taʼu, tokko tokko immoo karaa irratti kufu turan. Gatiin wantoota jireenyaaf barbaachisoo taʼanii gara miliyoona hedduutti, achiis gara biliyoona hedduutti ol kaʼee ture. Dhuma irrattis, qarshiin biyyattii gatii dhabe. Qarshiin ani baankii kaaʼadhe, qarshiin inshuraansiidhaaf kaffalee fi sooramaaf kuufadhe gatii dhabe.”
Pool
Pool maatii isaa duʼa irraa oolchuuf, ‘ogummaatti’ fayyadamuu akka qabu hubatee ture. (Fakkeenya 3:21) Akkana jechuudhaan ibseera: “Hojiin koo hojii elektiriikii kontiraata fudhadhee hojjechuu dha; haa taʼu malee, hojiin argadhu hunda gatii baayʼee gad aanaa taʼeen illee nan hojjedhan ture. Namoonni tokko tokko nyaata ykn miʼa manaa naaf kaffalu. Saamunaan afur yoo naaf kaffalame, lamaan isaa itti fayyadameen, lama immoo gurgura ture. Dhuma irrattis cuuciin indaaqqoo 40ni naaf kaffalame. Yommuu isaan guddatanis isaaniin gurgureen, cuucii dabalataa 300 bitadhe. Boodas indaaqqoo 50 daakuu boqqolloo madaabaraa abbaa kiiloo giraamii 50 lamaatti nan geddaradhe. Midhaan kanaan maatii koo fi maatiiwwan kan biraa hedduu yeroo dheeraadhaaf sooruu dandaʼeera.”
Pool, wanti hunda caala sirrii taʼee fi namni tokko gochuu dandaʼu Waaqayyotti amanamuu akka taʼes hubatee ture. Wanta Waaqayyo ajaje yeroo hojii irra oolchinu, inni nu gargaara. Wanta jireenyaaf barbaachisu argachuu ilaalchisee Yesus, ‘Yaaddoodhaan hin dhiphatinaa! Wantoonni kun akka isin barbaachisan abbaan keessan ni beeka’ jedheera.—Luqaas 12:29-31.
Kan nama gaddisiisu garuu, diina Waaqayyoo isa guddaa kan taʼe Seexanni, namoonni addunyaa hedduun wantoota karaa qaamaa isaan barbaachisu qofa irratti akka xiyyeeffatan gochuudhaan isaan gowwoomseera. Namoonni wanta dhugumaan isaan barbaachisuufis taʼe akka isaan barbaachisu itti dhagaʼamuuf akka malee yaaddaʼu; wantoota dhugumaan isaan hin barbaachisne argachuufis carraaqqii cimaa godhu. Namoonni hedduun liqii keessa seenuudhaan yaada, ‘inni liqeeffatu abbaa liqiitiif hojjetaa dha’ jedhu dhugaa taʼuu isaa wanta isaan irra gaʼe irraa baratu.—Fakkeenya 22:7.
Namoonni tokko tokko murtoo isaan miidhu godhu. Pool akkana jedheera: “Namoonni naannoo keenya jiran hedduun jireenya gaarii barbaacha maatii fi michoota isaanii dhiisanii biyya alaa dhaqaniiru. Isaan keessaa tokko tokko waraqaa godaantota seera qabeeyyii taʼuu isaanii ibsu utuu hin qabaatin waan deemaniif hojii argachuu hin dandeenye. Kanaan kan kaʼes, yeroo baayʼee poolisii jalaa kan dhokatan taʼuu isaanii irra iyyuu daandii qarqara bulu. Namoonni kun Waaqayyo akka isaan gargaaru carraa isaaf hin kennine. Nuti garuu gargaarsa Waaqayyootiin maatiidhaan tokko taanee rakkoowwan qarshii nu mudatan dandeenyee jiraachuuf murteessinee turre.”
GORSA YESUS HORDOFUU
Pool itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Yesus, ‘Waaʼee boriifis hin yaaddaʼinaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaaddaʼatao; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in ga’a’ jedheera. Kanaaf guyyaa guyyaadhaan wanti ani kadhadhu, duʼa irraa ooluu akka dandeenyuuf Waaqayyo ‘soora harʼaaf nu barbaachisu, harʼa akka nuuf kennu’ qofa ture. Waaqayyos akkuma Yesus abdii kenne nu gargaareera. Yeroo hunda wanta filannu hin argannu turre. Gaaf tokko maaltu gurguramaa akka jiru utuun hin beekin nyaata bitachuuf dabaree qabadheen dhaabadhe. Yeroo dabareen koo gaʼu wanti gurguramaa jiru itittuu taʼuu isaan hubadhe. Ani immoo itittuu hin jaalladhu. Taʼu iyyuu, itittuunis nyaata waan taʼeef, gaafa sana galgala isuma nyaannee bulle. Yeroo sana hundatti maatiin koo matumaa hagabuu bulee waan hin beekneef Waaqayyoon nan galateeffadha.”a
Waaqayyo, “Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!” jedhee waadaa galeera.—Ibroota 13:5
“Yeroo ammaatti gama qarshiitiin haala gaarii irra jirra. Haa taʼu malee, qorichi yaaddoo moʼuuf gargaaru inni guddaan Waaqayyotti amanamuu akka taʼe muuxannoo keenya irraa baranneerra. Nuti fedha isaa raawwachuuf barbaaduu keenya yoo itti fufne Yihowaanb yeroo hunda nu gargaara. Yaadni Faarfannaa 34:8 irra jiruu fi ‘Gaarummaan Waaqayyoo attam akka taʼe, isin miyeeffadhaa ilaalaa! Namni isatti kooluu gale haa gammadu!’ jedhu dhugaa taʼuu isaa argineerra. Kanaan kan kaʼes, rakkinni dinagdee lammata utuu nu mudatee hin sodaannu.
Waaqayyo namoonni amanamoo taʼan ‘soora harʼaaf’ isaan barbaachisu akka argatan ni gargaara
“Namoonni duʼa ooluuf wanti isaan barbaachisu, hojii ykn qarshii utuu hin taʼin, nyaata akka taʼe amma hubanneerra. Yeroo abdiin Waaqayyo, ‘Biyyicha keessa midhaan baayʼatee irraa haa hafu’ jechuudhaan kenne itti raawwatamu hawwii guddaadhaan eegganna. Hamma yeroo sanaatti garuu, ‘Waan ittiin jiraannuu fi waan keessa jiraannu yoo qabaanne nu ga’a.’ Yaada Kitaaba Qulqulluu isa ‘Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin taʼin, wanta argattaniin “Nu ga’a” jedhaa! Waaqayyo, “Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!” jedheera. Kanaafis amanannee, “Gooftaan isa na gargaaruu dha, ani hin sodaadhu” in jenna’ jedhu irraa jajjabina argachuu dandeenya.”c
Akkuma Poolii fi maatiin isaa godhan, ‘karaa Waaqayyoo irra deddeebi’uudhaan Waaqayyoo wajjin jiraachuun’ amantii dhugaa qabaachuu gaafata. (Uumama 6:9) Yeroo ammaatti rakkinni dinagdee cimaan nu mudateera yoo taʼe ykn gara fuulduraatti yoo nu mudate, amantii fi ogummaa qabaachuu ilaalchisee fakkeenya Pool irraa barumsa guddaa arganna.
Haa taʼu malee kan nu yaaddessaa jiru rakkoowwan maatii ti yoo taʼe hoo?
a Maatewos 6:11, 34 ilaali.
b Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.
-
-
Waaʼee Maatii YaaddaʼuuMasaraa Eegumsaa—2015 | Onkoloolessa 1
-
-
MATA DUREE FUULA JALQABAA | YAADDOO MOʼUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
Waaʼee Maatii Yaaddaʼuu
Jaaneet akkana jetteetti: “Abbaan koo duʼee utuu baayʼee hin turin, abbaan manaa koo dubartii gara biraa akka jaallate natti hime. Achiis akkuma tasaa utuu nagaa nutti hin dhaamin, saanduqa dhaabbii isaa onsee anaa fi ijoollee keenya lamaan dhiisee deeme.” Jaaneet hojii kan argatte taʼus, mindaan ishiidhaaf kaffalamu wanta mana ishiitiif barbaachisu guutuuf ishii hin gaʼu ture. Taʼus rakkina qarshii caalaas wanti ishii yaaddessu jira ture. Akkana jetteetti: “Itti gaafatamummaa haaraan ani kophaa koo raawwachuu qabu hedduu taʼuu isaa hubachuun koo akka malee na yaaddesse. Wanta maatiiwwan kaan godhan ijoollee kootiif gochuu waanan dadhabeef sammuun koo na ceephaʼa ture. Amma illee ilaalchi namoonni anaa fi ijoollee kootiif qaban na yaaddessa. Gaaʼela koo oolchuuf wanta naaf dandaʼame hunda gochuu koo ni shakkuu laata?”
Jaaneet
Jaaneet miira ishii akka toʼattuu fi michummaa Waaqayyoo wajjin qabdu akka cimsattu kadhannaan ishii gargaareera. “Keessumaa halkan yeroo wanti hundi callisuu fi yaaddoon anatti baayʼatu haalli isaa ulfaataa dha. Kadhannaa gochuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuun hirriba rafuuf na gargaara. Caqasni ani baayʼee jaalladhu Filiphisiiyus 4:6, 7 siʼa taʼu, caqasichi akkana jedha: ‘Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.’ Guyyoota hedduudhaaf halkan kadhachaa kanan bule siʼa taʼu, nagaan Yihowaas akka na jajjabeesse natti dhagaʼama.”
Wanti Yesus kadhannaa ilaalchisee Lallaba Gaaraa irratti, “Abbaan keessan, utuudhuma isin hin himatin iyyuu waan isiniif barbaachisu in beeka” jechuudhaan dubbate, yaaddoo gosa hundumaa moʼuuf ni gargaara. (Maatewos 6:8) Nutis isa kadhachuun keenya barbaachisa dha. Kadhannaan karaa ‘gara Waaqayyootti dhihaachuu’ itti dandeenyu keessaa isa guddaa dha. Kana gochuun buʼaa maalii qaba? “Innis isinitti in dhiʼaata.”—Yaaqoob 4:8.
Eeyyee, kadhannaan yaaddoo keenya waan ibsineef qofa miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu gochuu caalaa wanta raawwatu qaba. Yihowaan inni ‘kadhata namaa dhagaʼu’ namoota amantiidhaan isa barbaadan hunda gargaaruufis tarkaanfii ni fudhata. (Faarfannaa 65:2) Yesus duuka buutonni isaa, “yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif taʼu, kadhachuus akka hin dadhabne” kan isaan barsiise kanaafi. (Luqaas 18:1) Waaqayyo amantii argisiisneef akka nu kiisu mirkanaaʼoo taanee, qajeelfamaa fi gargaarsa akka nuu kennu yeroo hunda isa kadhachuu qabna. Fedhii ykn dandeettii inni nu gargaaruuf qabu matumaa shakkuu hin qabnu. Haala kanaan, ‘itti fufnee kadhachuun’ keenya amantii dhugaa akka qabnu argisiisa.—1 Tasaloniiqee 5:17.
AMANTII QABAACHUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?
Haa taʼu malee, amantiin maali dha? Amantiin, Waaqayyo qaama mataa isaa akka qabu ‘beekuu’ dabalata. (Yohannis 17:3) Jalqaba, Kitaaba Qulqulluutti fayyadamnee yaada Waaqayyoo akka gaariitti hubachuudhaan kana gochuu dandeenya. Waaqayyo tokkoo tokkoo keenya akka ilaaluu fi nu gargaaruu akka barbaadu ni baradna. Haa taʼu malee, amantii dhugaan waaʼee Waaqayyoo waan tokko beekuu caalaa waan dabalatu qaba. Isaa wajjin michummaa cimaa kabaja irratti hundaaʼe qabaachuus kan dabalatu dha. Akkuma nama tokkoo wajjin takkaatti michoomuu hin dandeenye, michummaa akkasiis guyyaa tokkotti uumuu hin dandeenyu. Waaʼee isaa caalaatti yommuu barannu, ‘wanta isa gammachiisu yommuu hojjennuu’ fi gargaarsa isaa yommuu argachaa deemnu, ‘amantiin’ keenya guddachaa deema. (2 Qorontos 10:15; Yohannis 8:29) Jaaneet yaaddoo akka mootu kan ishii gargaare amantii akkanaa qabaachuu ishii ture.
Jaaneet akkana jetteetti: “Wanti dhugumaan amantii koo akkan guddifadhu na gargaare, tarkaanfiin fudhadhu hunda irratti harka Yihowaa arguu koo ture. Yeroo baayʼee jalʼinni humna keenyaa ol akka taʼe nutti dhagaʼamu nu mudateera. Kadhannaa hedduu erga goonee booda, Yihowaan yeroo baayʼee karaa ani matumaa ofii kootii hin yaadneen keessaa nu baaseera. Isa galateeffachuun koo wanta hedduu akkamii akka inni naaf godhe na yaadachiisa. Yihowaan yeroo hunda yeroo isaatti, yeroo baayʼee immoo yeruma sana nu gargaara. Dhiirotaa fi dubartoonni Kiristiyaanota dhugaa taʼan michuu akka anaaf taʼan godheera. Isaan yeroo na barbaachisu hundatti na gargaaru, akkasumas ijoollee kootiif fakkeenya gaarii taʼu.”a
“Yihowaan Miilkiyaas 2:16, (NW) irratti, ‘wal hiikuu nan jibba’ kan jedhe maaliif akka taʼe naa galeera. Wal hiikuun, hiriyaa gaaʼelaa isa balleessaa hin qabneef gantummaa guddaa dha. Abbaan manaa koo erga na dhiisee deemee waggoonni hedduun darbaniiru; taʼus amma illee kophaa akkan taʼee fi gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama. Yommuu yaanni akkasii natti dhagaʼamu, nama tokko gargaaruuf wanta tokko gochuuf nan yaala, kana gochuun koo immoo yeroo hunda na gargaara.” Jaaneet seera buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu namoota irraa akka adda of hin baase dubbatu hojii irra oolchuudhaan yaaddoo ishii hirʼisuu dandeesseetti.b—Fakkeenya 18:1.
“Warra abbaa hin qabneef abbaan, haadhotii hiyyeessaafis falmaan” Waaqayyo dha.—Faarfannaa 68:5
Jaaneet, “Wanti na jajjabeessu inni guddaan, Waaqayyo ‘warra abbaa hin qabneef abbaa, haadhotii hiyyeessaafis falmaa’ taʼuu isaa beekuu koo ti. Inni akka abbaan manaa koo godhe matumaa nu hin gatu” jetteetti. (Faarfannaa 68:5) Jaaneet Waaqayyo ‘hamaadhaan’ akka nu hin qorre beekti. Kanaa mannaa, inni “nama hundumaaf harka guutee” ogummaa ni kenna; akkasumas yaaddoowwan keenya akka moonu nu gargaaruuf, ‘humna humna gararraa’ nuu kenna.—Yaaqoob 1:5, 13; 2 Qorontos 4:7.
Haa taʼu malee kan yaaddofnu lubbuun keenya balaadhaaf waan saaxilameef yoo taʼe hoo?
a 1 Qorontos 10:13; Ibroota 4:16 ilaali.
b Karaawwan yaaddoo moʼuun itti dandaʼamu dabalataa argachuuf, Dammaqaa! Adoolessa 2015 (Amaariffa) mata dureewwan qola isaa irraa jalqabee walitti aanaanii baʼanii fi www.jw.org/am irratti argaman ilaali.
-
-
Waaʼee Balaa YaaddaʼuuMasaraa Eegumsaa—2015 | Onkoloolessa 1
-
-
MATA DUREE FUULA JALQABAA | YAADDOO MOʼUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
Waaʼee Balaa Yaaddaʼuu
Aloonaan akkana jetteetti: “Sagalee meeshaa balaa akeekkachiisu yommuun dhagaʼu, lapheen koo rukutuu jalqabe; achiis bakka boombii jalaa itti dhokatanitti nan fiige. Taʼus iddoo sanatti illee nan yaaddaʼan ture. Iddoon itti dhokatan waan hin jirreef yeroon gad baʼu immoo kana caalaa nan yaaddaʼe. Gaaf tokko utuun karaa irra deemaa jiruu booʼuun jalqabe, hafuura baafachuus nan dadhabe. Tasgabbaaʼuuf saʼaatii dheeraa natti fudhate. Sagalee meeshaan balaa akeekkachiisu ammas iyyuu jalqabe.”
Aloonaa
Waraanni, wantoota balaa geessisan hedduu keessaa isa tokko qofa dha. Fakkeenyaaf, ati ykn namni ati jaallatu tokko dhukkuba duʼaaf nama saaxiluun akka qabamtan beekuun kee akka waan boombiidhaan rukutamtetti akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Warri kaan immoo waaʼee gara fuulduraa sodaachuun yaaddoo isaanitti taʼuu dandaʼa. Namoonni akkasii, ‘Ijoolleen keenya ykn ijoolleen ijoollee keenyaa, addunyaa waraana, yakka, faalama, jijjiirama qilleensaa fi dhukkuba daddarbaadhaan guutame keessa jiraachuuf dirqamuu laata?’ jedhanii yaaddaʼu. Yaaddoowwan akkanaa moʼuu kan dandeenyu akkamitti?
Wantoonni gadheen akka gaʼan waan beekuuf, “namni hubataan wanta hamaa [“balaa,” NW] argee jalaa in dhokata.” (Fakkeenya 27:12) Akkuma nageenya qaama keenyaa eeguuf carraaqqii goonu, fayyaa sammuu fi miira keenyaa eeguufis tarkaanfii fudhachuu dandeenya. Bohaartiiwwan hammina babalʼisanii fi oduuwwan fakkii nama suukanneessuun guutaman illee nu irrattis taʼe ijoollee keenya irratti yaaddoo dabalataa fiduu dandaʼu. Wantoota akkanaatiif utuu hin barbaachisin akka hin saaxilamne of eeggachuu jechuun, dhugaa jiru haaluu jechuu miti. Waaqayyo sammuun keenya hammina akka yaadu godhee hin uumne. Kanaa mannaa sammuu keenya, ‘waan dhugaa taʼe, qajeelaatti lakkaaʼamu, qulqulluu taʼee fi jaallatamaa’ taʼeen guutuu qabna. Kana yoo goone, ‘Waaqayyo inni nagaa kennu’ sammuu fi garaa keenyaaf nagaa kenna.—Filiphisiiyus 4:8, 9.
BARBAACHISUMMAA KADHANNAA
Amantii dhugaan yaaddoo moʼuuf nu gargaara. Kitaabni Qulqulluun, “Kadhata gochuufis warra eeggatan taʼaa!” jechuudhaan nu gorsa. (1 Phexros 4:7) Waaqayyo “kadhata keenya akka inni nuuf dhaga’u” amanuudhaan, haala keenya fooyyessuuf akka nu gargaaru, akkasumas ogummaa fi ija jabina akka nuu kennu isa kadhachuu ni dandeenya.—1 Yohannis 5:15.
Abbaa manaa ishii Aavii wajjin
Kitaabni Qulqulluun, ‘biyya lafaa kana kan seerratu’ Waaqayyo utuu hin taʼin, Seexana akka taʼee fi “guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru” ibsa. (Yohannis 12:31; 1 Yohannis 5:19) Kanaaf Yesus, “isa hamaa sana irraa nu oolchi” jennee akka kadhannu yommuu nu barsiisu akkasumaan fakkeenyaan dubbachuu isaa hin turre. (Maatewos 6:13, NW) Aloonaan akkana jetteetti: “Sagaleen meeshaa balaa akeekkachiisu yommuu dhagaʼamu hundatti, Yihowaan miira koo toʼachuuf akka na gargaaru na kadhadha. Abbaan manaa koos na waamee naa wajjin kadhata. Dhuguma iyyuu kadhannaan nama gargaara.” Kitaabni Qulqulluunis, “Waaqayyo warra isa waammatan hundumaatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhiʼoo dha” jedha.—Faarfannaa 145:18.
ABDII KEENYA ISA GARA FUULDURAA
Yesus Lallaba isaa isa Gaaraa irratti, “Mootummaan kee haa dhufu” jedhanii akka kadhatan duuka buutota isaa barsiiseera. (Maatewos 6:10) Mootummaan Waaqayyoo yaaddoo miidhaa geessisu hunda bara baraaf hundee isaatii buqqisee balleessa. Waaqayyo, Yesus isa “angafa nagaa” taʼeetti fayyadamee, “hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha.” (Isaayaas 9:6; Faarfannaa 46:9) “Inni [Waaqayyo] saba baayʼee gidduutti firdii in kenna . . . Sabni sabatti billaa hin luqqifatu, isaan deebiʼaniis lola hin baran. . . . Namni tokko illee isaan hin sodaachisu.” (Miikiyaas 4:3, 4) Maatiiwwan gammadoo taʼan, “Mana ijaarratanii keessa in jiraatu, muka wayniis dhaabbatanii ija isaa in nyaatu.” (Isaayaas 65:21) “Isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”—Isaayaas 33:24.
Yeroo harʼaa of eeggannoon hammamii illee yoo godhame, yeroo hunda “wantoota ni taʼu jedhamanii hin eegamne” hambisuun ykn yeroo sirrii hin taanetti bakka sirrii hin taanetti argamuu irraa fagaachuun hin dandaʼamu. (Lallaba 9:11, NW) Waraanni, jeequmsii fi dhukkubni akkuma jaarraawwan hedduudhaaf gochaa turan namoota gaarii ajjeesuu isaanii itti fufaniiru. Namoonni gaariin ajjeefaman kun abdii maalii qabu?
Namoonni miliyoona hedduutti lakkaaʼamanii fi lakkoofsa isaanii Waaqayyo qofti beeku deebiʼanii jiraatu. Ammaaf garuu namoonni kun hamma guyyaa ‘warri awwaala keessa jiran hundi awwaala keessaa baʼanitti’ yaadannoo Waaqayyoo isa mudaa hin qabne keessa rafanii jiru. (Yohannis 5:28, 29) Kitaabni Qulqulluun duʼaa kaʼuu ilaalchisee, “Akka qofoon sibiilaa markaba qabee dhaabu, nuyis abdii amanamaadhaa fi cimaa . . . qabna” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (Ibroota 6:19) Waaqayyos, “[Yesusiin] duʼaa kaasuu isaatiin, kana nama hundumaaf cimseera.”—Hojii Ergamootaa 17:31.
Ammaaf garuu namoonni Waaqayyoon gammachiisuuf yaalii godhan illee yaaddoon isaan mudata. Pool, Jaaneetii fi Aloonaan tarkaanfii sirrii taʼe fudhachuu, kadhannaadhaan Waaqayyotti dhihaachuu fi abdii gara fuulduraa Kitaabni Qulqulluun kennu irratti amantii qabaachuudhaan, hundi isaanii akka gaariitti yaaddoo moʼuu dandaʼaniiru. Akkuma namoota kanaaf godhe, “Waaqayyo inni abdii namaaf kennu, isatti amanuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu!”—Roomaa 15:13.
-