Faarfannaa 2
Yihowaa, Si Galateeffanna
1. Yihowaa galatoomi yeroo hundaa,
Waan nuu ibsiteef ifakee guuddaa.
Mirga kadhannaaf sii galateeffannaa,
Ulfina guddaan sitti dhihaannaa.
2. Ilmakeetiifis si galateeffannaa,
Mo’ee biyya lafaa hamaa kanaa.
Qajeelfamakeef sii galateeffannaa,
Gargaarsakeen waadaa keenya guunnaa.
3. Mirga lallabaaf sii galateeffannaa
Maqaakeefi dhugaa ittiin himnaa.
Rakkoon ni badaa sii galateeffannaa,
Barabaraan eebbakee argannaa.
(Dabalataan Far. 50:14; 95:2; 147:7; Qol. 3:15 ilaali.)