Faarfannaa 42
‘Dadhaboota Gargaaraa’
1. Nu hundi dadhaboodha,
Rakkina qabnaa.
Ta’us, Yihowaan qaba,
Gara laafinaa.
Inni namaaf na’aa,
Jaalala nuuf qabaa.
Jaalala akkasiitiin,
Fakkaanna Abbaa.
2. Phaawulos ‘Dadhaboo faanan,
Dadhaba’ jedhee.
Dhiiga Yesustuu nuunis
Walaba godhee.
Yihowaan gaariidha.
Dadhaboo jabeessaa.
Yaaddoosaanii hubannee,
Qabaannaaf obsaa.
3. Isaaniin hin ceephaanu,
Gaarii haa taanuu
Isaan jajjabeesuudhaaf,
Yaalii haa goonuu.
Dhimminee cimsina;
Isaan ni gargaarraa.
Humna guddaa argatu.
Isaan deggerraa.
(Dabalataan Isa. 35:3, 4; 2 Qor. 11:29; Gal. 6:2 ilaali.)