LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Amanamummaan Waan Yeroon itti Darbe Dhaa?
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2016 | Lakk. 1
    • Nama qacaree hojjechiisuu fi hojjetaa isaatti quba raasaa jiru

      Mata Duree Fuula Jalqabaa | Amanamoo Taʼuu Kan Qabnu Maaliifi?

      Amanamummaan Waan Yeroon itti Darbe Dhaa?

      Hiitooshiin waajjira Jaappaan hojii qacarsiisu tokko keessatti hojii herregaa hojjeta. Hogganaa isaa wajjin herrega waajjirichaa utuu ilaalanii, gabaasa sobaa dhiheessuu akka qabu isatti himame. Hiitooshiin hojii amanamummaa isaa hirʼisu akkanaa hojjechuuf sammuun isaa akka isaaf hin heyyamne dubbate. Kanaan kan kaʼe, hogganaan isaa hojii irraa akka isa ariʼu kan itti hime siʼa taʼu, dhuma irrattis Hiitooshiin ni ariʼame.

      Hiitooshiin jiʼoota itti aananii jiran keessatti hojii argachuu ilaalchisee abdii kutate. Fakkeenyaaf, hojii tokko qacaramuuf gaafannoon yeroo isaaf godhametti, hojii amanamummaa isaa hirʼisu irratti akka hin hirmaanne dubbatee ture. Namichi gaafannoo godhuufis, “Akkaataan itti yaaddu adda dha!” isaan jedhe. Maatii fi michoonni Hiitooshii amanamummaa ilaalchisee ejjennoo qabutti akka cimu kan isa jajjabeessan taʼus, shakkiin isatti uumamuu jalqabe. Fakkeenyaaf, “Waaʼee ejjennoo koo ifatti dubbachuun koo gaarii dha moo miti jedhee yaaduun jalqabe” jedheera.

      Muuxannoo Hiitooshii irraa akka hubannutti, amanamummaadhaaf iddoo guddaa kan kennu nama hunda miti. Kan nama ajaaʼibu, namoonni tokko tokko, keessumaa immoo warri hojii daldalaa hojjetan amanamummaan gufuu akka taʼetti ilaalu. Hojjettuun Afriikaa Kibbaa keessa jiraattu tokko, “namoota amanamoo hin taaneenan marfamee jira; yeroo tokko tokko immoo dhiibbaan akkan isaan fakkaadhuuf ana irra gaʼu baayʼee cimaa dha” jetteetti.

      Namoonni amanamoo taʼuu dhiisuu isaanii karaa itti argisiisan keessaa tokko soba dha. Ogeessi xinsammuu Roobart Feeldimaan jedhamanii fi Yunivarsiitii Maasaachuuseetis Amerist keessa hojjetan qorannaa waggoota muraasa dura geggeessan irratti, gaʼeessonni dhibbeentaa 60 taʼan haasaa daqiiqaa kudhanii gidduutti yoo xinnaate siʼa tokko akka soban hubataniiru. Roobart Feeldimaan, “Buʼaa baayʼee nama ajaaʼibsiisu ture. Sobuun jireenya namootaa keessatti hammana barameera jennee hin eegne turre” jedhaniiru. Namoonni hedduun sobamuu kan jibban taʼus, ofii isaaniitii kan soban taʼuun isaa nama hin dinqisiisuu?

      Yeroo harʼaatti sobuun, hatuunii fi gochawwan amanamoo taʼuu dhiisuu argisiisan kaan kan babalʼatan maaliifi? Amanamoo taʼuu dhiisuun hawaasa kan miidhu akkamitti? Wantoota amanamoo akka hin taane nu taasisan akkanaa irratti hirmaachuu irraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?

  • Amanamaa Taʼuu Dhiisuun kan Nama Miidhu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2016 | Lakk. 1
    •  Dubartoota waliin haasaʼaa jiran lama

      MATADUREE FUULA JALQABAA | Amanamoo Taʼuu Kan Qabnu Maaliifi?

      Amanamaa Taʼuu Dhiisuun kan Nama Miidhu Akkamitti?

      “Yeroo hunda rakkoowwan guguddaan xinnuma amanamaa taʼuu dhiisuudhaan furmaata kennuufii dandeenyu jiru.”—Saamaantaa, Afriikaa Kibbaa.

      Yaada kana irratti walii galtaa? Akkuma Saamaantaa hunda keenya iyyuu yeroo garaa garaatti rakkoowwan guguddaan nu mudatu. Rakkoowwan amanamoo akka hin taane nu qoraniif deebiin nuti kenninu, wanti iddoo guddaa kenninuuf maal akka taʼe mulʼisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, wanta kam iyyuu caalaa wanti nu yaaddessu namoota duratti akka hin qaanofne of eeguu taanaan, amanamoo taʼuu dhiisuun sirrii akka taʼe nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee dhugaan isaa yeroo baʼu, amanamoo taʼuu dhiisuun keenya miidhaa nu irra geessisuun isaa hin oolu. Mee yaadawwan armaan gadii ilaali.

      AMANAMOO TAʼUU DHIISUUN WAL AMANTAAN AKKA HIN JIRAANNE GODHA

      Walitti dhufeenyaaf wal amantaan baayʼee barbaachisaa dha. Namoonni lama amantaa yeroo wal irratti qabaatan nagaa fi tasgabbii qabaatu. Taʼus, wal amantaan guyyaa tokko keessatti uumamuu hin dandaʼu. Namoonni yommuu yeroo waliin dabarsan, yommuu dhugaa waliin haasaʼanii fi gocha ofittummaa irraa bilisa taʼe yommuu raawwatan wal amantaan isaan gidduutti uumama. Haa taʼu malee, gocha amanamummaa hin argisiisne tokkoon qofa wal amantaan baduu dandaʼa. Amantaan wal irratti qabnu takkaa badnaan immoo, deebiʼee akka jiraatu gochuun ulfaataa dha.

      Namni michuu gaarii dha jettee yaaddu si gowwoomsee beekaa? Taanaan, yeroo sanatti maaltu sitti dhagaʼame? Baayʼee akka miidhamtee fi akka ganamte akka sitti dhagaʼame hin shakkisiisu. Akkas sitti dhagaʼamuun isaa nama hin dinqisiisu. Amanamoo taʼuu dhiisuun, buʼuura walitti dhufeenya gaarii taʼe tokkoo balleessuu ni dandaʼa.

      AMANAMAA TAʼUU DHIISUUN NAMATTI DARBA

      Qorannaan piroofeesara ikonoomiksii Yunivarsiitii Kaalifoorniyaa kan taʼan Roobart Iinas godhan akka argisiisutti “amanamaa taʼuu dhiisuun namatti darba.” Kanaaf, amanamummaa dhabuu vaayirasii wajjin wal fakkeessuun ni dandaʼama; nama nama gowwoomsuu wajjin walitti dhufeenya qabda taanaan, atis akka isaa amanamaa taʼuu dhiisuun kee hin oolu.

      Amanamaa taʼuu dhiisuu irraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti? Kitaabni Qulqulluun si gargaaruu dandaʼa. Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu muraasa ilaali.

      Gosoota Amanamummaa Dhabuu

      Soba

       Nama qubeelaa gaaʼelaa isaa of irraa baasaa jiru

      MAAL JECHUU DHA? Nama dhugaa isaa beekuuf mirga qabu tokkotti waan dhara taʼe dubbachuu. Sobni nama dogoggorsuuf jecha dhugaa jalʼisuu ykn dabsuu, nama tokko gowwoomsuuf odeeffannoo barbaachisaa keessaa hambisuu, akkasumas ergaa dogoggoraa dabarsuuf jecha dhugaa arbeessanii dubbachuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa.

      KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Namni micciiramaan Waaqayyo duratti in ciiggaʼama, warri yaada qajeelaa qaban garuu in amanamu.” (Fakkeenya 3:32) “Namni adduma addaan soba of keessaa baasee, dhugaa namatti haa dubbatu!”—Efesoon 4:25.

      Hamii

       Yeroo namni tokko gara manaa ol seenu namoonni lama waliin hasaasaa jiru

      MAAL JECHUU DHA? Dubbii sobaa maqaa nama tokkoo balleessu dubbachuu.

      KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Namni micciiramaan goolii kaasa, namni nama hamatu firoota cimoo iyyuu gargar in baasa.” (Fakkeenya 16:28) “Qoraan hin jiru yoo taʼe, ibiddi in dhaama, hameen hin jiru yoo taʼe, qoccolloon in hafa.”—Fakkeenya 26:20.

      Gowwoomsuu

      Nama saʼaatiiwwan harkaa karaa keessaa kootii isaatti qabsiifamanii jiranitti quba qabaa jiru

      MAAL JECHUU DHA? Nama tokkoof waadaa sobaa galuudhaan qarshii ykn qabeenya isaa akka kennu gochuu.

      KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Nama yaada micciiramaa qabuuf, wanti inni hojjetu wal hin qixxaatuuf; namni nama gowwoomsu, rakkina keessa in buʼa.” (Fakkeenya 17:20) “Nama miijana jalʼisuudhaan dhagaa safaraas korojoo keessaa fuudhee waliin dhaʼuudhaan hojjetu calluma jedhee nan dhiisaa ree?”—Miikiyaas 6:11.

      Hanna

      Nama boorsa keessaa boorsaa qarshii hataa jiru

      MAAL JECHUU DHA? Heyyama malee qabeenya nama tokkoo fudhachuu.

      KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Inni hatu deebiʼee hin hatin, warra dhaban gargaaruu akka dandaʼutti hojii waaʼee baasu harka isaatiin itti dadhabee haa hojjetu malee.” (Efesoon 4:28) “Hin gowwoominaa! . . .Warri hatan, warri sassatan, warri machaaʼan, warri maqaa namaa balleessan, warri nama saamanis matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan.”—1 Qorontos 6:9, 10.

  • Amanamaa Taʼuun Faayidaa Qabaa?
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2016 | Lakk. 1
    • Nama boorsaa qarshii abbaa isaatiif deebisaa jiru

      MATADUREE FUULA JALQABAA | Amanamoo Taʼuu Kan Qabnu Maaliifi?

      Amanamaa Taʼuun Faayidaa Qabaa?

      “Guutummaatti amanamummaa gaarii haa argisiisan malee, warra waa miliqsan hin taʼin!”—Tiitoos 2:10.

      Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi Afaan Giriikii yeroo tokko tokko “amanamummaa” jedhamee hiikame jechaa jechatti yeroo hiikamu “baayʼee gaarii kan taʼe” jechuu dha. Akkasumas wanta gama amalaatiin fudhatama qabu tokko argisiisuu dandaʼa.

      Kiristiyaanonni yaada Phaawulos ergamaan, “Guutummaatti amanamummaa gaarii haa argisiisan” jechuudhaan dubbateef bakka guddaa kennu. Kun maal dabalata?

      WALʼAANSOO JIRU

      Namoonni hedduun manaa baʼuu isaanii dura daawwitiidhaan of ilaalu. Maaliif? Hamma isaanii dandaʼametti bareeduu waan barbaadaniifi dha. Garuu wanti akkaataa rifeensaa fi uffata baayʼee bareedu qabaachuu caalaa barbaachisaa taʼe jira. Dhugaa dha, eenyummaan keenya inni keessaa bifni keenya caalaatti akka bareedu ykn akka fokkisu gochuu dandaʼa.

      Dubbiin Waaqayyoo namoonni wanta hamaa hojjechuuf fedhii akka qaban ifatti dubbata. Uumamni 8:21, “wanti namni mucummaa isaatii jalqabee garaa isaatti yaadu hamaa” akka taʼe dubbata. Kanaaf, amanamoo taʼuudhaaf fedhii cubbuu keessa keenya jiruu wajjin walʼaansoo gochuu qabna. Phaawulos ergamaan walʼaansoo ofii isaatii cubbuu wajjin godhu akkana jechuudhaan akka gaariitti ibseera: “Ani keessa namummaa kootiitiin seera Waaqayyootti nan gammada. Seerri kan biraa immoo buʼaa dhagna kootii keessaa, seera isa yaadni garaa kootii fudhatee wajjin utuu wal loluu nan arga; lola kanaanis seera cubbuu, isa buʼaa dhagna kootii keessatti hojjechaa jiru jalatti na boojisiisa.”—Roomaa 7:22, 23.

      Fakkeenyaaf, garaan keenya waan hamaa akka raawwannu yeroo nu jajjabeessu ykn amanamoo akka hin taane dhiibbaa yeroo nu irratti godhu, fedhii garaa keenyaatiif moʼamuu hin qabnu. Wanti gochuu dandeenyu jira. Yaada hamaa yoo of irraa ittisne, namoonni naannoo keenya jiran amanamoo taʼuu baatanis, amanamoo taanee itti fufuu ni dandeenya.

      WALʼAANSOO GOONU IRRATTI MOʼUU

      Amanamoo taʼuudhaaf, seera naamusaa cimaa taʼe qabaachuu qabna. Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni hedduun waaʼee naamusa mataa isaanii caalaa waaʼee uffannaa isaanii yaaduudhaan yeroo hedduu dabarsu. Kanaan kan kaʼes, akka haala isaaniitiif taʼutti amanamummaa isaanii hammam hirʼisuu akka dandaʼan murteeffatu. Kitaabni The (Honest) Truth About Dishonesty (Amanamoo Taʼuu Dhiisuu Ilaalchisee Dhugaa Jiru) jedhamu, “Hanni nuti raawwannu, ilaalcha nuti amanamoo akka taanetti ofiif qabnu kan hin tuqne dha” jedheera. Haa taʼu malee, qajeelfamni amansiisaan amanamoo taʼuu dhiisuun hammam fudhatama akka qabu ofuma keenyaa murteessuuf nu gargaaru jiraa? Eeyyee jira.

      Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argaman Kitaabni Qulqulluun qajeelfama amansiisaa akka qabate hubataniiru. Kitaabni Qulqulluun seera naamusaa waan ittiin qixxaatu hin qabne qabateera. (Faarfannaa 19:7) Wantoota akka jireenya maatii, hojii, naamusaa fi dhimmoota hafuuraa irratti qajeelfama amansiisaa kenna. Qajeelfamni isaas yeroon kan itti darbe miti. Seerrii fi qajeelfamni isa keessatti argamu lammiilee, gosoota, sanyii fi saboota hundumaaf kan taʼu dha. Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, wanta inni jedhu irratti xiinxaluu fi gorsa isaa hojii irra oolchuudhaan, garaan keenya amanamaa fi qajeelaa akka taʼu leenjisuu dandeenya.

      Haa taʼu malee, walʼaansoo amanamummaa dhabuu wajjin goonu irratti moʼuuf, Kitaaba Qulqulluu irraa beekumsa sirrii argachuu caalaa wanti nu barbaachisu jira. Addunyaa gama naamusaatiin mancaʼee fi ulaagaa isaa isa mancaʼaadhaan akka geggeeffamnu dhiibbaa nu irratti godhu keessa jiraanna. Waaqayyo akka nu gargaaru isa kadhachuun keenya barbaachisaa kan taʼe kanaafi. (Filiphisiiyus 4:6, 7, 13) Kana gochuudhaan, wanta sirrii taʼe deggeruu fi guutummaatti amanamoo taʼuuf ija jabina qabaachuu dandeenya.

      FAAYIDAA AMANAMOO TAʼUUN ARGAMSIISU

      Hiitooshiin inni mata duree jalqabaa irratti caqasame, maqaan hojjetaa amanamaa taʼuudhaan argate isa fayyadeera. Yeroo ammaatti, nama amanamummaa isaa dinqisiifatu tokko biratti qacaramee hojjechaa jira. “Hojii sammuu qulqulluu qabaadhee akkan itti fufu na gargaaru argachuu kootiif baayʼeen galateeffadha” jedheera.

      Namoonni kaanis akkuma kana isaanitti dhagaʼameera. Namoota qajeelfama Kitaaba Qulqulluu ‘guutummaatti amanamummaa gaarii akka argisiisnu’ ajaju hojii irra oolchuudhaan faayidaa argatan tokko tokko haa ilaallu.

      • Sammuu Qulqulluu

        Sheeral

        “Hattootaa wajjin hojjechuuf jechan umurii koo waggaa 13⁠tti barumsa addaan kute. Kanaan kan kaʼes, galii koo keessaa dhibbeentaan 95 amanamtuu taʼuu dhiisuudhaan kan argamu ture. Yeroo booda kanan heerume siʼa taʼu, anii fi abbaan manaa koo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabne. Yihowaana gochawwan amanamummaa hin taane akka jibbu waan baranneef, akkaataa jireenyaa keenya jijjiiruuf murteessine. Bara 1990⁠tti Yihowaadhaaf of murteessinee cuuphamuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa taane.”—Fakkeenya 6:16-19.

        “Kanaan dura manni koo meeshaawwan hatamaniin kan guutame ture; amma garuu wantoota akkanaa irraa bilisa dha; kun immoo sammuu qulqulluu naaf argamsiiseera. Waggoota hedduu ani amanamtuu utuun hin taʼin dabarse yeroon yaadu, Yihowaan dhiifama naa gochuu isaatiif baayʼeen isa galateeffadha. Amma Yihowaan akka natti gammadu waanan beekuuf guyyaa hundumaa hirriba gaariin rafa.”—Sheeral, Ayarlaand.

        Soonii

        “Hogganaan koo nama maamila keenya taʼuu dandaʼu tokko irraa mattaʼaa fudhachuu akkan dide yeroo beeku akkana naan jedhe: ‘Waaqni kee nama amanamaa akkanaa akka taatu godheera! Dhaabbata keenya keessatti hojjechuun kee nuuf eebba guddaa dha.’ Waan hundumaa irratti amanamaa taʼuun koo Yihowaa duratti sammuu qulqulluu akkan qabaadhu godheera. Kana malees, maatiin koo fi warri kaan akkuma koo akka godhan isaan gargaaruuf na dandeessiseera.”—Soonii, Hoong Koong.

      • Nagaa Sammuu

        Toom

        “Baankii biyyoolessaa tokko keessatti hogganaa itti aanaa taʼeen hojjedha. Gosa hojii kana keessatti wanti iddoo guddaan kennamuuf amanamaa taʼuu utuu hin taʼin, sooressa taʼuu dha. ‘Qabeenya kan argamsiisuu fi dinagdee kan gargaaru taanaan hamma tokko amanamaa taʼuu dhiisuun rakkina maalii qaba?’ ilaalchi jedhu babalʼateera. Ani garuu amanamaa taʼuu kootiin nagaa sammuu argadheera. Amanamaa taʼee itti fufuu fi wanta sababii kanaan na mudatu hunda dandamachuuf murteesseera. Hoggantoonni koo akkan isaan hin sobnes taʼe isaaniif hin sobne beeku.”—Toom, Yunaayitid Isteetis.

      • Kabaja Ofiif Qabaachuu

        Kaaʼoorii

        “Hogganaan koo meeshaalee bakka hojiitti badan ilaalchisee akkan sobu na gaafate; ani garuu nan dide. Warri meeshaalee sana hatan dhuma irratti yeroo saaxilaman, namni qacaree na hojjechiisu amanamtuu taʼuu kootiif na galateeffate. Addunyaa amanamummaan keessa hin jirre keessatti amanamaa taʼuun ija jabina gaafata. Xumura irratti garuu, namoonni kaan amantaa nu irratti qabaatu; akkasumas nu kabaju.”—Kaaʼoorii, Jaappaan.

      Sammuu qulqulluun, nagaan sammuu fi kabaja ofiif qabaachuun eebbawwan amanamaa taʼuudhaan argamani dha; kun immoo amanamaa taʼuun faayidaa akka qabu argisiisa. Kana irratti walii hin galtuu?

      a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi