LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Qayyabannaa 21
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
    • Qayyabannaa 21

      Bakka Barbaachisutti Caqasoota Jabeessanii Dubbisuu

      Maal gochuu qabda?

      Jechoota wanta ibsaa jirtu jabeessan addeessi. Achiis karaa miirasaa ibsuun dubbisi.

      Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

      Caqasa tokko akka gaariitti utuu hin jabeessin yoo hafte ergaan caqasichaa humna dhabuu dandaʼa.

      NAMOOTAA wajjin yommuu mariʼattus taʼe, yeroo haasaa dhiheessitu kaayyoo Waaqayyoo ilaalchisee wanti dubbattu, Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. Kun yeroo baayʼee Macaafa Qulqulluu dubbisuu kan gaafatu siʼa taʼu, yeroo kanatti caqasoota sirriitti dubbisuu qabda.

      Karaa Miirasaa Ibsuun Dubbisuu. Caqasoonni karaa miirasaa ibsuun dubbifamuu qabu. Mee fakkeenya muraasa ilaali. Faarfannaa 37:11 yommuu dubbistu, sagaleenkee nagaa caqasicharratti ibsame akka hawwitu kan argisiisu taʼuu qaba. Mulʼata 21:4⁠rratti rakkinniifi duuti akka badu ilaalchisee abdii kenname yommuu dubbistu, sagaleenkee boqonnaa guddaa ilmaan namootaa argataniif dinqisiifannaa akka qabdu kan argisiisu taʼuu qaba. “Baabilon guddittii” ishee cubbuunshee tuulame keessaa baʼuu ilaalchisee, yaada Mulʼata 18:2, 4, 5⁠rra jiru yommuu dubbistu, karaa ergaan kun ariifachiisaa taʼuusaa argisiisuun dubbisuu qabda. Taʼus caqasni dubbistu miira sitti dhagaʼamu kan argisiisu malee, garmalee kan arbeeffame taʼuu hin qabu. Miira akkamiitiin dubbisuu akka qabdu kan murteessu caqasichaafi sababii caqasichi itti caqasamedha.

      Jechoota Sirrii Taʼan Jabeessuu. Caqasa tokko keessaa yaada muraasarratti ibsa kan kennitu yoo taʼe, caqasicha yommuu dubbistu yaada barbaadame qofa jabeessuu qabda. Fakkeenyaaf Maatewos 6:33 yommuu dubbistu, ‘duraan dursanii mootummaa Waaqayyoo barbaaduun’ barbaachisaa taʼuusaa ibsita taanaan, jechoota “qajeelummaa isaa” fi “kan barbaachisu hundinuu” jedhan jabeessitee dubbisuu hin qabdu.

      Walgaʼii Tajaajilaarratti yommuu haasaa dhiheessitu, Maatewos 28:19 dubbisuu barbaadde haa jennu. Yeroo kanatti jechoota kam jabeessitee dubbisuu qabda? Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqabsiisan jajjabeessuu barbaadda taanaan, jecha “bartoota koo godhaa” jedhu jabeessitee dubbisuu qabda. Kiristiyaanonni, namoota biyya kan biraadhaa dhufanitti dhugaa himuu akka qaban ibsuu ykn naannoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan dhaqanii akka tajaajilan jajjabeessuu yoo barbaaddemmoo, jecha “saba hundumaa” jedhu jabeessitee dubbisuu qabda.

      Yeroo baayʼee caqasni tokko gaaffii tokkoof deebii kennuuf ykn yaada tokko deggeruuf caqasama. Yaada caqasichaa guutummaatti jabeessitee yoo dubbiste, dhaggeeffattoonni caqasichi dhimma sanaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu hubachuun isaan rakkisuu dandaʼa. Yaannisaa siif ifa taʼus isaaniif ifa taʼuu dhiisuu dandaʼa.

      Fakkeenyaaf Hisqiʼel 18:4 yommuu dubbistu jecha, “cubbuu hojjetuu” jedhu jabeessitee yoo dubbiste, namni haasofsiistu dhugaa lubbuun akka duutu ibsu utuu hin hubatin hafuu dandaʼa. Kanaaf, jecha “lubbuun . . . haa duʼu!” jedhu jabeessitee dubbisuu qabda. Haataʼu malee, caqasuma kanatti fayyadamtee namni maaliif akka duʼu yommuu ibsitu, jecha “isa cubbuu hojjetuu” jedhu jabeessitee dubbisuu qabda. Haaluma wal fakkaatuun, amantiin hojiidhaan argisiifamuu akka qabu ibsuuf Yaaqoob 2:24 yommuu dubbistu, jecha “hojii” jedhu dhiistee, jecha “qajeelaatti akka lakkaaʼamu” jedhu jabeessitee yoo dubbiste, namoonni tokko tokko yaadasaa utuu hin hubatin hafuu dandaʼu.

      Fakkeenyi gaariin garabiraanimmoo, Roomaa 15:7-13⁠rratti argama. Phaawulos caqasa kana kan barreesse, gumii warri saba Waaqayyoo hin taʼiniifi warri dhalootaan Yihudoota taʼan keessatti argamaniif ture. Phaawulos caqasa kanarratti tajaajilli Kiristos Yihudoota dhagna qabatan qofa utuu hin taʼin, warra saba Waaqayyoo hin taʼinis kan fayyadu akka taʼe kan ibse siʼa taʼu, kunis “saba Yihudootaa warri hin taʼin, araara isaatiif Waaqayyoof ulfina akka kennan” taʼuusaa ibseera. Achiis, carraa warri saba Waaqayyoo hin taʼin argatan ibsuuf caqasoota afur caqaseera. Wanta Phaawulos yaadatti qabatee dubbate jabeessitee ibsuuf, caqasoota kana akkamitti dubbisuu qabda? Caqasa jabeessitee dubbisturratti mallattoo godhachuu yoo barbaadde, Rom 15 lakkoofsa 9⁠rraa jecha “saba Yihudootaa warri hin taʼin,” Rom 15 lakkoofsa 10⁠rraa “isin saba Waaqayyoo warri hin taʼin,” Rom 15 lakkoofsa 11⁠rraa “isin saba Waaqayyoo warri hin taʼin hundumti keessan,” jedhuufi “sabni hundinuus” jedhu, akkasumas Rom 15 lakkoofsa 12⁠rraa “warra saba Waaqayyoo hin taʼin” jedhan filatta taʼa. Yaada kana sammuutti qabadhuutii Roomaa 15:7-13 dubbisi. Akkas yoo goote, yaada Phaawulos ibsaa ture salphaatti hubachuu dandeessa.

      Malawwan Jabeessanii Dubbisuuf Gargaaran. Jechoota ergaa guddaa qabaniifi warra kaanirraa adda baafamanii akka hubataman barbaaddu karaa addaddaa jabeessitee dubbisuu dandeessa. Taʼus, malli itti fayyadamtu qabiyyee caqasichaafi qabxiiwwan gurguddaa haasichaa wajjin kan walsimu taʼuu qaba. Malawwan kana gochuuf gargaaran muraasni armaan gaditti ibsamaniiru.

      Sagalee Jijijjiiruu. Malli kun, jechoota yaada ijoo dabarsan hima isa kaanirraa adda baasanii ibsuuf jijjiirama sagalee godhamu hunda kan argisiisudha. Yeroo tokko tokko sagalee dabaluu ykn hirʼisuudhaan jabeessuun ni dandaʼama. Afaanota hedduu keessatti sagalee jijijjiiruun yaadasaa addeessuuf kan gargaaru siʼa taʼu, afaan tokko tokko keessatti garuu akkas gochuun guutummaatti yaadasaa jijjiiruu dandaʼa. Jecha ijoo bira yommuu geessu takka turuunkee, jecha sanaaf xiyyeeffannaan akka kennamu godha. Afaanota sagalee jijijjiiruudhaan jechoota jabeessuun hin dandaʼamne keessatti, malawwan afaanicha keessatti beekamaa taʼan kaanitti fayyadamuun barbaachisaadha.

      Takka Turuu. Ijoo caqasa jabeessitee dubbisuu barbaade dura ykn booda ykn bakka lamaanittuu takka turuudhaan kana gochuu dandeessa. Yaada ijoo dubbisuukee dura takka turuunkee, dhaggeeffattoonni wanta dubbifamu hawwiidhaan akka eeggatan godha; erga dubbistee booda takka turuunkeemmoo, caalaatti dhimma sanarratti akka yaadan godha. Haataʼu malee, bakka barbaachisaa hin taanetti takka turta taanaan qabxiin jabeeffamu hin jiraatu.

      Irra Deddeebiʼuu. Irra deebitee jecha ykn gaaleesaa dubbisuudhaan yaada ijoo tokko jabeessuu dandeessa. Yeroo baayʼee caalaatti gaarii kan taʼu, caqasicha erga dubbistee booda yaada jabeessuu barbaadu irra deebiʼuudha.

      Sochii Qaamaa. Miirri fuula keenyarraa mulʼatuufi sochiin qamaa argisiisnu jecha ykn gaalee sana caalaatti jabeessuu dandaʼa.

      Sagalee. Afaan tokko tokko keessatti, sagalee jechoonni itti dubbifaman darbee darbee yaadasaa jijjiiruufi jechoonni sun adda baafamanii akka mulʼatan gochuu dandaʼu. Yeroo kanatti, akkaataan itti dubbattu yaada agiboo kan dabarsu yoo taʼe of eeggannoo gochuu qabda.

      Yommuu Warri Kaan Caqasicha Dubbisan. Namni haasofsiistu caqasicha yommuu dubbisu, jecha hin barbaachisne jabeessee dubbisuu ykn jecha tokkoyyuu jabeessee utuu hin dubbisin hafuu dandaʼa. Yeroo kanatti maal gochuu qabda? Yeroo baayʼee yaada caqasichaa ibsuun gaarii taʼuu dandaʼa. Sana booda Macaafa Qulqulluu baastee yaada ijoo caqasichaa ifa gochuu dandeessa.

      DANDEETTII KANA FOOYYEFFACHUUF:

      • Caqasa tokko dubbisuukee dura, ‘Jechoonni kun miira akkamii dabarsu? Yeroon dubbisu miira kana argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu.

      • Caqasa itti fayyadamuu barbaadde hunda ilaalchisee, ‘Kaayyoo ani caqasa kana itti dubbisu maalidha? Kaayyoo kana galmaan gaʼuuf, jechoota kamfaa jabeessee dubbisuun qaba?’ jedhii of gaafadhu.

      GILGAALA: (1) Caqasa tajaajilarratti itti fayyadamuu yaadde erga filattee booda, karaa miirasaa sirriitti ibsuun dubbisuu shaakali. Kaayyoo caqasicha itti dubbistu yaadatti qabadhuutii, jecha (jechoota) barbaachisaa taʼan jabeessuudhaan sagaleekee ol kaasii dubbisi. (2) Barreeffama qayyabannaa dhiheenyatti baʼe keessaa keeyyata caqasoota Macaafa Qulqulluurraa kallattiidhaan fudhataman qabu tokko filadhu. Akkaataa caqasni sun keeyyaticha keessatti itti hojjetame qalbeeffadhu. Jechoota ergaa guddaa dabarsanirratti mallattoo godhi. Achiis karaa yaada ijoo caqasicha keessatti argamu jabeessuun, sagaleekee ol kaasii guutummaa keeyyatichaa dubbisi.

  • Caqasoota Sirriitti Ibsuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
    • Qayyabannaa 22

      Caqasoota Sirriitti Ibsuu

      Maal gochuu qabda?

      Ibsi caqasa tokkoof kennitu, yaada naannoo caqasichaafi Macaafa Qulqulluu wajjin guutummaatti kan walsimu taʼuu qaba. Ibsi kennitu barreeffamoota “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheessee wajjinis kan walsimu taʼuu qaba.

      Barbaachisaa kan ta’e maalfiifi?

      Dubbii Waaqayyoo namoota barsiisuun itti gaafatamummaa guddaadha. Waaqayyo namoonni ‘dhugaa beekuu bira akka gaʼan’ barbaada. (1 Xim. 2:3, 4) Kunimmoo Dubbiisaa sirriitti akka barsiisnu nu dirqisiisa.

      YEROO namoota barsiisnu caqasoota Macaafa Qulqulluu dubbisuu qofti gaʼaa miti. Phaawulos, “Ati akka hojjetaa qoramee fudhatamee, waan itti yeellaʼu hin qabneetti, akka nama dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjetuutti, Waaqayyo dura of dhaabachiisuudhaaf dhamaʼi!” jechuudhaan Ximotewos isa hidhatasaa taʼeef barreesseera.—2 Xim. 2:15.

      Kanaaf, ibsi caqasa tokkorratti kenninu wanta Macaafni Qulqulluun barsiisuu wajjin guutummaatti kan walsimu taʼuu qaba. Caqasicha keessaa yaada nutti tole filannee karaa nutti fakkaateen ibsuu mannaa, yaada naannoo caqasichaatti argamu hubachuu qabna. Yihowaan karaa Ermiyaas raajichaa, raajota wanta Waaqayyo jedhe utuu hin taʼin, “wanta yaada isaaniitti mulʼate” dubbatan akeekkachiiseera. (Er. 23:16) Phaawulos, Kiristiyaanonni Dubbii Waaqayyoo falaasama namootaa wajjin akka walitti hin makne yommuu akeekkachiisu, “Waan yeellaasisaa namni dhoksaatti hojjetu garuu dhiifneerra; haxxummaadhaan hin hojjennu, dubbii Waaqayyoos hin micciirru” jedheera. Bara sanatti daldaltoonni wayinii amanamoo hin taane, wayiniinsaanii akka isaanii baayʼatuufi buʼaa baayʼee irraa argachuuf, bishaan itti naqanii qallisu turan. Nuyi garuu falaasama ilmaan namootaa itti makuudhaan Dubbii Waaqayyoo hin busheessinu. Phaawulos, “Nuyi akka warra Waaqayyo biraa ergamaniitti karaa Kristos fuula Waaqayyoo duratti garaa guutuudhaan dubbanna malee, akka namoonni baayʼeen dubbii Waaqayyoo miʼa harkatti gatii dhabe fakkeessanitti miti” jechuudhaan barreesseera.—2 Qor. 2:17; 4:2.

      Darbee darbee, seera buʼuuraa tokko ibsuuf caqasa tokko caqasta taʼa. Macaafni Qulqulluun, seerawwan buʼuuraa haalawwan addaddaatiif qajeelfama taʼan hedduu qabateera. (2 Xim. 3:16, 17) Haataʼu malee, yaada barbaadduu wajjin walsimsiisuuf jecha karaa sirrii hin taaneen caqasa tokkotti fayyadamuurraa of qusadhu. (Far. 91:11, 12; Mat. 4:5, 6) Karaan itti caqasicha ibsitu, kaayyoo Yihowaafi Dubbiisaa wajjin guutummaatti kan walsimu taʼuu qaba.

      Kana malees, ‘dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjechuun’ yaada caqasichaa sirriitti hubachuu gaafata. Caqasni tokko “ulee” ittiin namoota rukutan taʼuu hin qabu. Geggeessitoonni amantii Yesusiin mormaa turan, amalawwan Waaqayyo jaallatu, kan akka firdii qajeelaa, gara laafinaafi amanamummaa fakkaataniif dantaa kan hin qabne taʼanillee, Caaffata Qulqullaaʼoorraa ni caqasu turan. (Mat. 22:23, 24; 23:23, 24) Yesus Dubbii Waaqayyoo yommuu barsiisu, amalawwan Abbaasaa calaqqiseera. Dhugaadhaaf hinaaffaa kan argisiise taʼuusaarrayyuu, namoota barsiisu garaadhaa jaallata ture. Nuyis fakkeenyasaa hordofuuf carraaqqii gochuu qabna.—Mat. 11:28.

      Caqasa tokko karaa itti hojiirra ooluu dandaʼu sirriitti ibsuu keenya akkamitti beekuu dandeenya? Yeroo hunda Macaafa Qulqulluu dubbisuun kana gochuuf nu gargaaruu dandaʼa. Kana malees, Yihowaan tajaajiltootasaa hundaaf nyaata hafuuraa dhiheessuuf qophii inni karaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ godheef bakka guddaa kennuu qabna. (Mat. 24:45) Qajeelfama hojjetaan amanamaaniifi ogeessi kennurraa faayidaa argachuuf, qayyabannaa dhuunfaa gochuu, yeroo hunda walgaʼii gumiirratti argamuufi hirmaannaa gochuu qabna.

      Kitaabni Riiziniingi Firoom za Iskiriipcharsi jedhamu afaankeetiin kan argamu yoo taʼeefi akka gaariitti yoo itti fayyadamte, caqasoota dhibbaan lakkaaʼamaniifi yeroo baayʼee tajaajilarratti itti fayyadamnu, yaada dubbachaa jirtuu wajjin akkamitti wal qabsiisuu akka dandeessu hubachuuf si gargaara. Caqasni itti fayyadamuu barbaadde tokko yaada akkamii akka dabarsu hin beektu yoo taʼe, gad of deebisuudhaan qorannoo dabalataa gochuunkee, dubbicha isa dhugaatti qajeeltootti akka hojjettu si gargaara.—Fak. 11:2.

      Yaada Caqasichaa Sirriitti Ibsuu. Warra kaan yommuu barsiistu, yaanni ibsaa jirtuufi caqasni caqaste walitti dhufeenya akkamii akka qaban ifa gochuu qabda. Caqasicha dubbisuukee dura gaaffii tokko gaafatteetta taanaan, caqasichi gaaffii sanaaf akkamitti deebii taʼuu akka dandaʼu dhaggeeffattootaaf ibsuu qabda. Yaada tokko akka sii deggeru caqaste taanaan, caqasichi yaada sanaaf ragaa taʼuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe baratichaaf ibsuu qabda.

      Yeroo baayʼee caqasa tokko jabeessanii dubbisuun qoftillee gaʼaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Namoonni baayʼeen waaʼee Macaafa Qulqulluu waan hin beekneef, caqasicha al tokko qofa waan dubbisteef akka isaanii hin galle yaadachuu qabda. Caqasicha keessaa yaada wanta irratti mariʼachaa jirtanii wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya qabu akka hubatan gargaari.

      Akkas gochuun, yeroo baayʼee jechoota ijoo yaada irratti mariʼachaa jirtanii wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya qaban adda baastee ibsuu gaafata. Malli gaariin jechoota ijoo taʼan irra deebiʼuudha. Nama tokkoo wajjin kan mariʼattu yoo taʼe, gaaffii jechoota ijoo adda baasee hubachuuf isa gargaaru gaafachuu dandeessa. Obboloonni tokko tokko yeroo haasaa dhiheessan, jechoota ijoo adda baasanii ibsuuf, jecha wal fakkaatu garabiraatti fayyadamu ykn yaadasaa irra deebiʼanii dubbatu. Kana gochuu yoo filatte garuu, yaanni ibsaa jirtuufi jechoonni caqasicha keessatti argaman dhaggeeffattoota jalaa akka hin dhokanne of eeggannoo gochuu qabda.

      Jechoota ijoo adda baasuu dandeesseetta taanaan, buʼuura gaarii keesseetta jechuudha. Kana booda tarkaanfii ittaanutti darbuu dandeessa. Karaan itti caqasicha beeksiste, kaayyoo itti caqasicha caqastu kan ibsudhaa? Taanaan, yaada dhaggeeffattoonni caqasicharraa eeganiifi walitti dhufeenya jechoota jabeessitee dubbistu gidduu jiran akka hubatan gargaari. Malli caqasicha beeksisuuf itti fayyadamte sababii caqasicha itti dubbistu kallattiidhaan hin ibsu taanaan, wanti gochuu qabdu garabiraan jira.

      Fariisonni, “Namni tokko sababiidhuma halleen haadha manaa isaa baasuun seeraa?” jechuudhaan gaaffii ulfaataadha jedhanii yaadan tokko Yesusiin gaafatan. Yesus Uumama 2:24⁠rratti hundaaʼee gaaffii kanaaf deebii kenneera. Caqasicha keessaa jechoota muraasa qofarratti xiyyeeffachuudhaan yaada dabarsuu barbaade akka ifa godheef qalbeeffadhu. Yesus, abbaan manaafi haati manaa “foon tokko” akka taʼan erga ibsee booda, “Kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jechuudhaan yaadasaa xumureera.—Mat. 19:3-6.

      Kaayyoo caqasni tokko itti caqasame ifa gochuuf, ibsa hammamii kennuu qabda? Kana kan murteessu haala dhaggeeffattoota keefi qabxiin mareen irratti godhamaa jiru hangam barbaachisaadha? isa jedhudha. Kaayyoonkee salphaafi kallattiidhaan ibsa kennuu taʼuu qaba.

      Macaafa Qulqulluurraa Ragaa Dhiheessuu. Hojiin Ergamootaa 17:2, 3 tajaajila Phaawulos Tasaloniiqeetti raawwate, ‘dubbii Macaafa Qulqulluu isaanii wajjin dubbate’ jechuudhaan nuu ibsa. Tajaajiltoonni Yihowaa hundi dandeettii kana guddifachuuf carraaqqii gochuu qabu. Fakkeenyaaf, Phaawulos waaʼee tajaajilaafi jireenya Yesus, akkasumas wantoonni kun Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti raajiidhaan dubbatamanii akka turan erga ibsee booda, “Yesus inni ani isinitti labsu kun immoo, Kristos Masiihicha” jechuudhaan yaadasaa xumureera.

      Phaawulos ergaa Kiristiyaanota Ibrootaatiif barreesserratti yeroo hedduu Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaarraa caqaseera. Qabxii barbaadu jabeessuuf ykn ibsuuf, jecha tokko ykn gaalee gabaabaa filatee hiikasaa ibsa ture. (Ibr. 12:26, 27) Phaawulos yaada Ibroota boqonnaa 3⁠rratti argamu, Faarfannaa 95:7-11⁠rraa caqasee barreesseera. Caqasicha keessaa qabxiiwwan sadii, jechuunis (1) yaada garaa ilaalchisee (Ibr. 3:8-12), (2) jecha “Harʼa” jedhu (Ibr. 3:7, 13-15; 4:6-11), akkasumas (3) himni “isaan matumaa iddoo boqonnaa kootti hin galan!” jedhu hiika maalii akka qabu (Ibr. 3:11, 18, 19; 4:1-11) filachuudhaan ibsa balʼaa irratti kennuusaa qalbeeffadhu. Yeroo hunda caqasni tokko yaadasaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu yommuu ibsitu fakkeenya akkasiitti fayyadami.

      Seenaa Luqaas 10:25-37⁠rratti argamuufi Yesus akka gaariitti caqasootatti fayyadamuusaa dubbatu qalbeeffadhu. Barsiisaan Seeraa tokko, “Yaa barsiisaa, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf taʼa?” jedhee isa gaafate. Yesus jalqaba, namichi dhimma sana ilaalchisee yaada qabu akka ibsu erga godhee booda, wanta Dubbiin Waaqayyoo jedhu hojiirra oolchuun baayʼee barbaachisaa taʼuusaa ibse. Booda garuu, namichi yaadasaa sirriitti akka hin hubanne yommuu argu, guutummaa caqasichaa keessaa jecha “nama” jedhu filachuudhaan ibsa balʼaa kenneef. Jechi sun hiika maalii akka qabu ibsuu mannaa, fakkeenya namichi ofumasaatiif deebiisaa akka hubatu gargaarutti fayyadameera.

      Yesus gaaffii isaaf dhihaatuuf, caqasoota dhimma sanaa wajjin walitti dhufeenya qaban qofatti fayyadamee deebii kennaa akka hin turre kanarraa hubachuun ni dandaʼama. Caqasicha hubachuudhaan gaaffii kaʼee wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu ibsa ture.

      Saduqoonni abdii duʼaa kaʼuu ilaalchisee kenname yommuu morman, Yesus yaada Baʼuu 3:6⁠rratti argamurraa qabxii tokkorratti qofa xiyyeeffachuudhaan deebii kenneera. Taʼus caqasicha qofa caqasee hin dhiisne. Caqasicharratti hundaaʼuudhaan duʼaa kaʼuun kaayyoo Waaqayyoo akka taʼe akka gaariitti ibseera.—Mar. 12:24-27.

      Caqasoota akka gaariitti fayyadamtee ibsuurratti dandeettii qabdu guddifachuunkee, barsiisaa gaarii akka taatu si gargaara.

      DANDEETTII KANA GUDDIFACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

      • Yeroo hunda Macaafa Qulqulluu dubbisi. Masaraa Eegumsaa akka gaariitti qoradhu; walgaʼii gumiitiifis akka gaariitti qophaaʼi.

      • Jechoonni caqasa itti fayyadamuu barbaadde keessatti argaman hiika akkamii akka qaban sirriitti hubadhu. Yaada caqasichaa sirriitti hubachuuf of eeggannoodhaan dubbisi.

      • Barreeffamoota keenyatti fayyadamuudhaan qorannoo gochuu amaleeffadhu.

      GILGAALA: Phexros Inni Lammaffaan boqonnaa 3:7 hiika akkamii akka qabu ibsi. Caqasni kun lafti ibiddaan akka baddu argisiisaa? (Jecha “lafa” jedhu yommuu ibsitu, jechi “bantiiwwan waaqaa” jedhus hiika maalii akka qabu ibsi. Jechi “lafa” jedhu fakkeenyaan kan ibsame taʼuusaa caqasawwan argisiisan garabiraan kamfaʼi? Akka 2Phe 3 lakkoofsa 7⁠rratti ibsametti kan badu eenyudha? Yookiin maalidha? Yaanni kun wanta bara Nohitti raawwatameefi 2Phe 3 lakkoofsa 5⁠fi 6⁠rratti ibsamee wajjin kan walsimu akkamitti?)

  • Qayyabannaa 23
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
    • Qayyabannaa 23

      Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu

      Maal gochuu qabda?

      Barumsi dhiheessitu jireenyasaanii kan tuqu ykn barumsicha karaa isaan fayyaduun hojiirra oolchuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe dhaggeeffattoota hubachiisi.

      Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

      Wanti ati dubbattu faayidaa maalii akka isaaniif argamsiisu yoo hubachuu baatan, fedhii dhabuu ykn si dhaggeeffachuu dhiisanii yaadaan baduu dandaʼu.

      NAMA tokkoo wajjin yommuu mariʼattus taʼe namoota hedduudhaaf yommuu haasaa dhiheessitu, barumsichi waan si gammachiiseef qofa isaaniinis ni gammachiisa jettee hin yaadin. Barumsikee barbaachisaa taʼus, faayidaa barumsichaa ifa gochuu baannaan utuu hin turin yaannisaanii baduu dandaʼa.

      Yaanni kun namoota walgaʼii gumiirratti argamaniifis ni hojjeta. Fakkeenya ykn muuxannoo kanaan dura dhagaʼanii hin beekne yommuu dubbattu hawwiidhaan si dhaggeeffatu taʼa. Wanta isaan beekan dubbachuu yommuu jalqabdu garuu, wanta dubbattu fakkeenyaafi muuxannoo sanaa wajjin wal qabsiisuu baannaan, yaannisaanii baduu dandaʼa. Kanaaf, wanti dubbattu maaliifi akkamitti akka isaan fayyadu isaan hubachiisi.

      Macaafni Qulqulluun, karaa wanti tokko hojiirra ooluu itti dandaʼu ogummaadhaan akka yaannu nu jajjabeessa. (Fak. 3:21) Yihowaan, sabasaa “gara ogummaa tolootaatti” deebisuuf Yohannis Cuuphaatti fayyadameera. (Luq. 1:17, hiika bara 1899) Ogummaan akkasii sodaa sirrii Yihowaadhaaf qabnurraa kan maddudha. (Far. 111:10) Namoonni ogummaa kana hubatan, yeroo harʼaatti jireenya gaarii jiraachuu, gara fuulduraattimmoo jireenya dhugaa, jechuunis jireenya barabaraa argachuu dandaʼu.—1 Xim. 4:8; 6:19.

      Haasaa Dhaggeeffattoota Fayyadu Dhiheessuu. Haasaa dhiheessiturraa faayidaa akka argatan yoo barbaadde, waaʼee barumsichaa qofa utuu hin taʼin waaʼee dhaggeeffattootaas yaadi. Walitti qabaatti utuu hin taʼin dhuunfaatti dhaggeeffattoota keetiif yaadi. Dhaggeeffattoonnikee namoota dhuunfaafi maatiirraa kan walitti qabamedha. Ijoollee xixinnoon, dargaggoonni, gaʼeessonniifi maanguddoonni tokko tokko achi keessa jiraachuu dandaʼu. Namoonni haaraan ykn namoonni utuu ati hin dhalatin Yihowaa tajaajiluu jalqabanis jiraachuu dandaʼu. Namoonni tokko tokko karaa hafuuraa gaʼumsa kan qaban siʼa taʼu, warri kaanimmoo ilaalchi biyya lafaa tokko tokko dhibbaa isaanirraan gaʼaa kan jiran taʼuu dandaʼu. ‘Barumsi ani dhiheessu dhaggeeffattoota gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Ijoo barumsichaa akka hubatan isaan gargaaruu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Garee dhaggeeffattootaa olitti ibsaman keessaa tokkoosaanii ykn lamaansaaniirratti xiyyeeffachuu barbaadda taʼa. Haataʼu malee, yeroo kanatti warra kaanis dagachuu hin qabdu.

      Kutaan ati dhiheessitu barumsa buʼuuraa Macaafa Qulqulluu kan ibsu yoo taʼe maal goota? Dhaggeeffattoonni barumsichatti kan amanan yoo taʼe, karaa isaan fayyaduun dhiheessuu kan dandeessu akkamitti? Karaa dhimma sanarratti amantii qaban jabeessuun dhiheessuu yaali. Akkamitti? Caqasoota barumsa sanaaf ragaa taʼanitti fayyadami. Kana malees, dinqisiifannaa barumsa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe kanaaf qaban akka guddifatan gargaaruu dandeessa. Barumsichi dhugaa Macaafa Qulqulluu warra kaanii wajjin, akkasumas amalawwan Yihowaa wajjin akkamitti akka walsimu ibsuudhaan kana gochuu dandeessa. Muuxannoo namoota barumsa kanarraa faayidaa argataniifi ilaalcha gara fuulduraatiif qabanirratti jijjiirama godhanii caqasuu dandeessa.

      Faayidaa barumsichaa, yaada gabaabaa xumurarratti dhiheessitu qofarratti ibsuu hin qabdu. Jalqabaa kaasee, dhaggeeffattoonni hundi “barumsi kun anaan na ilaallata” jedhanii yaaduu qabu. Yaadawwan ijoo haasaakee yommuu ibsitus taʼe xumurarra yommuu geessu, faayidaa barumsichi dhaggeeffatootaaf qabu ibsi.

      Karaan dhaggeeffattoonni barumsicha akka hojiirra oolchan itti ibsitu, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin kan walsimu taʼuu qaba. Kana jechuun maal jechuudha? Isaan jaallachuufi bakkasaanii of kaaʼuu qabda jechuudha. (1 Phe. 3:8; 1 Yoh. 4:8) Phaawulos, rakkina guddaa gumii Tasaloniiqee keessa ture ilaalchisee yommuu ergaa ergettillee, guddina Kiristiyaanonni hidhatasaa taʼan gama hafuuraatiin godhan caqasuudhaan isaan galateeffateera. Gorsa isaaniif barreesse hojiirra akka oolchan abdii qabus ibseera. (1 Tas. 4:1-12) Kun fakkeenya gaarii hordofuu qabnu mitii?

      Haasaankee dhaggeeffattoonni hojii lallabaafi bartoota gochuurratti akka hirmaatan kan jajjabeessuudhaa? Mirga argatan akka dinqisiifataniifi hinaaffadhaan akka irratti hirmaatan isaan jajjabeessi. Haataʼu malee, hirmaannaan namoonni hundi godhan garaagarummaa akka qabuufi Macaafni Qulqulluunis kana tilmaama keessa akka galchu dagachuu hin qabdu. (Mat. 13:23) Obboloonnikee akka of ceephaʼan hin godhin. Ibroonni 10:24, ‘jaalala argisiisuufi waan gaarii hojjechuudhaaf tuttuqnee yaada walii akka kakaasnu’ nu gorsa. Hojicha akka jaallatan yoo isaan kakaasne garaadhaa kakaʼanii hojjetu. Namoonni wanta tokko akka hojjetan dirqisiisuu mannaa, Yihowaan namoonni ‘amantiidhaan akka abboomaman’ akka barbaadu hubachuu qabna. (Rom. 16:26) Amantii keenyas taʼe kan warra kaanii jabeessuu yommuu barbaannu dhugaa kana yaadachuu qabna.

      Faayidaa Barumsichaa Akka Hubatan Gargaaruu. Namootaaf yommuu dhugaa baatu misiraachichi faayidaa akkamii akka argamsiisu ibsuu qabda. Kunimmoo, wanta namoota naannoo tajaajilaa keetti argaman yaaddessu hubachuu gaafata. Wanta isaan yaaddessu beekuu kan dandeessu akkamitti? Oduu raadiyoo ykn televijiiniidhaan darbu dhaggeeffadhu. Dhimmawwan gaazexaarratti baʼan ilaali. Kana malees, namoonni yaadasaanii akka ibsan carraa kenniif; akkasumas isaan dhaggeeffadhu. Hojii dhabuun, gatiin kiraayii dabaluu, dhukkuba, miseensa maatii duʼaan dhabuu, yakka sodaachuu, daba abbootiin taayitaa raawwatan, gaaʼelli diigamuu, ijoolleen amala gaarii akka qabaatan godhanii guddisuufi rakkoowwan kanaa wajjin wal fakkaatan akka isaan yaaddessan hubatta taʼa. Macaafni Qulqulluun namoota kana gargaaruu dandaʼaa? Eeyyee isaan gargaaruu dandaʼa.

      Nama tokko haasofsiisuu yommuu barbaaddu wanta itti himtu tokko akka qabdu beekamaadha. Haataʼu malee, wanti nama haasofsiisaa jirtu caalaatti yaaddessu akka jiru yoo hubatte, hamma sii dandaʼametti dhimma sanarratti isa haasofsiisuu yaali ykn yeroo garabiraa yaada isa gargaaru akka itti himtu ibsiif. Kana jechuun garuu, gorsa gaarii hojiirra ooluu dandaʼuufi Macaafa Qulqulluu keessatti argamu itti himna malee, dhimma namaa ‘keessa lixna’ jechuu miti. (2 Tas. 3:11) Namoonni wanta jireenyasaanii wajjin walitti dhufeenya qabu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun gorsa akka kennu yommuu hubatan garaansaanii ni tuqama.

      Namoonni ergaan keenya dhuunfaatti akkamitti akka isaan fayyadu yoo hubachuu baatan maree sana dafanii dhaabuu dandaʼu. Yoo nu dhaggeeffatanillee, matadureen irratti mariʼachaa jirru akkamitti akka isaan fayyadu utuu isaaniif hin ibsin yoo hafne wanti isaanitti himnu garaasaanii tuquu dhiisuu dandaʼa. Ergaan itti himnu faayidaa akkamii akka isaaniif argamsiisu yoo ifa gooneef garuu, mareen kun jireenyasaanii akka jijjiiran isaan kakaasuu dandaʼa.

      Yommuu Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu, faayidaa barumsichaa ifa godhiif. (Fak. 4:7) Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabatan gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo, seera buʼuuraafi fakkeenya daandii Yihowaarra deddeebiʼuun akkamitti akka dandaʼamu ibsu akka hubatan gargaari. Faayidaa kana gochuudhaan argamu akka gaariitti ibsiif. (Isa. 48:17, 18) Kunis jireenyasaanii keessatti jijjiirama barbaachisu akka godhan isaan kakaasa. Yihowaa akka jaallataniifi isa gammachiisuuf fedhii akka qabaatan, akkasumas garaadhaa kakaʼanii gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra akka oolchan gargaari.

      KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

      • Haasaa yommuu qophooftu, waaʼee kutichaa qofa utuu hin taʼin waaʼee dhaggeeffattootaas yaadi. Karaa faayidaa isaaniif argamsiisuun dhiheessi.

      • Faayidaa barumsichaa xumura haasaa keerratti qofa utuu hin taʼin, guutummaa haasaakee keessattis ibsuu qabda.

      • Namootaaf dhugaa baʼuuf yommuu qophooftu, wanta namoota naannoo tajaajilaa keetti argaman yaaddessu hubadhu.

      • Yommuu namootaaf dhugaa baatu, garaadhaa isaan dhaggeeffadhu, akkaataa dhiheenyaa kees akka haalasaatti jijijjiiri.

      GILGAALA: Akkaataa dhiheenyaa Tajaajila Mootummaarratti baʼu irra deebitee ilaaluudhaan yaada namoota naannoo tajaajilaa keetti argamaniif taʼu tokko ykn lama filadhu. Achiis tajaajilarratti itti fayyadami.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi