Wanti Ati Jireenya Kee Keessatti Dursa Laattuuf Maal Innii?
1 Jaarmiyaaleen amantii hedduun, gochawwn gargaarsaa kan akka uummataaf mana barumsaa ijaaruu fi mana yaalaa banuu irratti xiyyeeffatu. Dhuga-baatonni Yihowaa garuu ‘wanta gaarii gochuu, waan qaban warra kaaniin ga’uu utuu hin dagatin’, namoota karaa hafuuraatiin gargaaruuf dursa kennu.—Ibr. 13:16.
2 Fakkeenya Kristiyaanota Jaarraa Duraa: Yesus yeroo lafa irratti tajaajilaa ture, hojiiwwan gaarii hedduu raawwatu iyyuu, hojiin inni dursa kenneef garuu, dhugaadhaaf dhugaa ba’uu ture. (Luq. 4:43; Yoh. 18:37; HoE. 10:38) Bartoota isaatiinis “Egaa dhaqaa, saba hundumaa bartoota koo godhaa! . . . isaan barsiisaa” jedheen. (Mat. 28:19, 20) Warri isatti amananis, hojii inni jalqabe kana bal’inaan akka hojjetan ibseera. (Yoh. 14:12) Sababiin Yesus hojii lallabaa kanaaf dursa kenne, misraachoon kun namoonni karaa fayyinaa akka argatan waan gargaaruufi.—Yoh. 17:3.
3 Phaawulos hojii lallabaa isaa kana, akka waan barbaachisaa ta’ee fi dhiisuu hin dandeenyeetti ilaaleera. (1 Qor. 9:16, 17) Tajaajila isaa kana raawachuudhaafis, aarsaa kam iyyuu kaffaluu, rakkina kam iyyuu ful dura dhaabachuu fi obsaan darbuun isa barbaachiseera. (HoE. 20:22-24) Phexrosii fi hiriyoon isaas jabeenya wal fakkaatu agarsiisaniiru. Yoo hidhamanii fi yoo reebaman illee “ergamoonni barsiisuudhaaf Yesus, masiihii akka ta’e misraachoo himuuttii gargar hin kunne.”—HoE. 5:40-42.
4 Nuyi hoo? Hojii labsii misraachoo Mootummaa kanaa fi bartoota taasisuu kanaaf dursa ni laannaa? Nuiys akkuma Yesus waa’een “namoota akka hoolota tiksee hin qabneetti bututanii, gatamanii” dhugumaan nu yaachisaa? (Mat. 9:36) Haalli addunyaan amma irra jiruu fi raajiin Macaafa qulqulluu akka mul’isutti, badiin sirna addunyaa kanaa dhihaatera. Kana sammuutti qabachuun keenya, barbaachisummaa hojii lallabaa kana hubannee inaaffaadhaan akka lallabnu nu kakaasa.
5 Haala Keessan Gamaaggamaa: Haallii dhuunfaa yeroo hunda waan jijjiiramuuf, yeroo yeroodhaan haalawwan keenya yoo sirreessine, tajaajila keenya caalaatti guddisuu dandeenya. Obboleettiin tokko, bara 1950, 60 fi 70 keessatti qajeelchaa taatee tajaajiluu dandeessuus, booda garuu sababii dhibee fayyaatiin dhaabuuf dirqamteetti. Yeroo booda fayyaa argachuu isheetiin, haala ishee irra deebitee gamaaggamuudhaan, ammas qajeelchaa taateetti. Yeroo umuriin ishee 90 ta’utti, Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchaa irratti hirmaachuu danda’uu isheetiin hammam gammadde! Ati hoo? Soora bahuu yookiin barumsa xumuruu geesseettaa? Haala kee gamaaggamuudhaan qajeelchaa ta’uu dandeessaa?
6 “Maartaan hojii mana keessaatti qabamtee waan kurkurtuuf” argee, utuu isheen waan baay’eedhaaf hammacamuu dhiistee, eebba caalu akka argattu Yesus gaarummaadhaan itti hime. (Luq. 10:40-42) Haala jireenyaa kee salphaa gochuu dandeessaa? Abbaan manaas haati manaas dirqama qacaramanii hojjechuu qabuu? Haala isaanii gamaaggamanii, maatii isaanii galii abbaa tokkootiin bulchuu danda’uu laata? Obboloonni hedduun haala isaanii gamaaggamanii, tajaajila isaanii caalaatti guddisuu danda’uu isaaniitiin karaa hafuuraa bu’aa argataniiru.
7 Nuyis, fakkeenya Yesusiif bartoota isaa haa hordofnu! Hojii barbaachisaa misraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsuu kana irratti guutummaadhaan hirmaachuuf carraaqqii onnee irraa madde gochuudhaan, eebba Yihowaa argachuu dandeenya.—Luq. 9:57-62.