Firoota Keenyaaf Dhugaa Ba’uu kan Dandeenyu Akkamitti?
1 Maatii keenyaa wajjin Yihowaa waaqeffachuufi harka walqabannee gara addunyaa haaraatti galuu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru! Firoottan keenyaaf dhugaa ba’uudhaan abdiin kun dhugaa akka ta’u gochuu ni dandeenya. Haata’u malee, haala gammachiisaa ta’een misiraachoo kana isaaniif hiruuf mala qabeeyyii ta’uu qabna. Ilaaltuun olaanaa aanaa tokko akkas jedhee ture: “yaadawwan xiyyeeffannaa firoottanii harkisanirratti mari’achuudhaan fedhiisaanii kakaasuuf yaaliin godhame bu’aa gaarii argamsiiseera.” Akkas gochuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Fedhiisaanii Kakaasaa: Fedhii firoota keetii akkamitti akka kakaasuu dandeessu of eeggannoodhaan yaadi. (Fak. 15:28) Dhimmi xiyyeeffannaasaanii harkisuufi caalaatti isaan yaaddessu maalidha? Rakkoowwan akkamii isaan mudataniiru? Tarii mata duree xiyyeeffannaasaanii harkisu tokko ykn caqasa Macaafa Qulqulluu garaasaanii xuqu tokko dubbisuufii dandeessa. Firoonni kee sirraa fagaatanii kan jiraatan yoo ta’emmoo, bilbilaan ykn xalayaadhaan lallabuufii dandeessa ta’a. Sanyii dhugaa facaafame kana akka Yihowaan guddisu abdachuudhaan, utuu isaanitti hin baay’isin, sanyii dhugaa facaasi.—1 Qor. 3:6.
3 Yesus namicha hafuurota hamoo baay’ee keessaa baase tokkoon: “Gara mana keetii fi lammii keetii dhaqi, waan gooftaan siif godhe hundumaa, attamittis akka si maare isaanitti himi!” jedheenii ture. (Mar. 5:19) Firoottansaa hangam akka gammadan mee yaadi! Firoottan kee deebii akkasii kennuu baatanis, sochiiwwan ati ykn ijoolleen kee gootan baruu barbaadu ta’a. Waa’ee kutaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti dhiheessitee, waa’ee walga’ii guddaa dhihoo kana irratti argamtee, daawwannaa Bet’elitti goote, ykn wanta dhuunfaatti si xuqe yoo itti himte, waa’ee Yihowaafi waa’ee jaarmiyaasaa wantoota dabalataa itti himuuf carraa sii bana ta’a.
4 Mala Qabeessa Ta’i: Yeroo firoottan keetiif dhugaa baatutti, al takkaatti waan baay’ee itti himuurraa of qusadhu. Obboleessi tokko yeroo itti Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe yaadachuudhaan akkas jedheera: “Yeroo sanatti wantan Macaafa Qulqulluurraa baradhe hundumaa jechuu nan danda’a, sa’aatii dheeraadhaaf haadha kootti nan himan ture; kunimmoo keessumaa abbaakoo wajjin walitti na buuseera.” Firri kee tokko ergaa Macaafa Qulqulluu dhaggeeffachuuf ennaa fedhii argisiisuttillee, deebiin ati kennitu beekumsa dabalataa argachuuf kan isa kakaasu ta’uu qaba. (Fak. 25:7) Akkuma namoota haaraa tajaajilarratti argattu wajjin mari’attutti, yeroo hundumaa kabaja, gaarummaafi obsa qabaadhu.—Qol. 4:6.
5 Yeroo tokko firoonni Yesus maraateera jedhanii yaadanii turan. (Mar. 3:21) Yeroo booda garuu, isaan keessaa tokko tokko amantoota ta’aniiru. (HoE. 1:14) Firoota keetiif dhugaa ba’uuf yaaliin ati jalqabarratti goote sii milkaa’uu yoo dide abdii hin kutin. Haalliifi ilaalchi firoota keetii yeroo booda jijjiiramuu danda’a. Wanta fedhasaanii kakaasuuf carraa sii banu dammaqinaan hordofi. Firoonni kee daandii jireenya bara baraatti geessurra adeemuu akka jalqaban gargaaruudhaan gammachuu argachuu dandeessa.—Mat. 7:13, 14.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Yeroo firoota keenyaaf dhugaa baanutti mala qabeeyyii ta’uu kan qabnu maaliifi?
2. Wantoota firoottan keenya caalaatti yaaddeessaniif xiyyeeffannaa kennuun keenya fedhiisaanii kakaasuuf kan nu gargaaru akkamitti?
3. Fedhiin firoottan keenya waa’ee keenya baruuf qaban, misiraachicha isaaniif lallabuuf carraa kan nuu banu akkamitti?
4. Firoota keenyaaf yeroo dhugaa baanutti wantoonni irraa of qusachuu qabnu kam fa’i?
5. Firoota keenyaaf yeroo dhugaa baanutti , deebii gaarii yoo nuu kennuu baatan maal gochuu qabna?