LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/05 ful. 4
  • Walga’iiwwan Gumiitiif—Sagantaa Maatii Qabaadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Walga’iiwwan Gumiitiif—Sagantaa Maatii Qabaadhaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqeffannaadhaaf Walitti Qabamuu kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa kan Si Fayyadan Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Walgaʼiiwwan Gumii Kan Nama Cimsan Akka Taʼan Gumaacha Ni Gootaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Walga’iiwwan Keenya Warra Qulqulluu Ta’aniif Ulfina Kennuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2005
km 5/05 ful. 4

Walga’iiwwan Gumiitiif—Sagantaa Maatii Qabaadhaa

1 Kiristiyaana ijoollee qabu yoo taate, ijoolleen kee Yihowaa akka jaallataniifi akka isa tajaajilan, gara fulduraattis addunyaa haaraa Waaqayyoo abdachiise keessattis jireenya bara baraa akka argatan ni hawwita. Ijoolleen kee jireenyasaanii keessatti waaqeffannaa Yihowaatiif dursa akka kennan gargaaruu kan dandeessu akkamitti? Karaan inni guddaan fakkeenya isaaniif ta’udha. (Fak. 20:7) Fakkeenya haadhashee yaadachuudhaan obboleettiin tokko: “Gumii deemuun keenyaafi dhiisuun keenya tasumaa dhimma gaaffii keessa galu hin turre” jechuudhaan dubbatteetti. Kun jireenyasheerratti dhiibbaa guddaa geessiseera.

2 Miseensonni maatii kee kaayyoo walga’iiwwan gumii ni hubatuu? Qajeelfamni walga’iiwwan kanarratti argannu, jaalala Waaqayyoo gochuu keenya akka itti fufnu nu jajjabeessa; obboloota keenyaa wajjin walga’uun keenyas jajjabina hammana hin jedhamne nuuf argamsiisa. (Isa. 54:13; Rom. 1:11, 12) Haata’u malee, kaayyoon walga’iiwwan kanaa inni guddaan, “walga’ii keessattis” Yihowaa faarsuudhaafi. (Far. 26:12) Walga’iiwwan Kiristiyaanaa jaalala Yihowaadhaafi isa waaqessuuf qabnu argisiisuuf carraa nuu kennu.

3 “Haleelaa Ilaalladhaa!”: Dinqisiifannaan walga’iiwwan kaayyoo qulqulluu qaban kanaaf, wantoota baay’ee barbaachisaa hin taaneef jennee suuta suutaan walga’ii hafuu amala akka hin godhannetti ‘haleellee ilaallachuuf’ nu gargaara. (Efe. 5:15, 16; Ibr. 10:24, 25) Yeroo maatii keessaniif sagantaa baastan, walga’iiwwan gumiirraa jalqabuu dandeessu. Sochiiwwan kan biraa sagantaa keessan akka isin duraa hin gufachiisne of eeggadhaa. Maatii keessan keessatti walga’iiwwan gumiirratti argamuun wanta dursi kennamuuf ta’uu qaba.

4 Obboloonni keenya walga’iiwwan gumiifi walga’iiwwan gurguddaarratti argamuuf jecha, gufuuwwan adda addaa mo’usaanii ennaa dubbisnu nuyis akkas gochuuf hin kakaanuu? Gufuun si mudatu hamma sana ta’uu baatuyyuu, haalli rakkisaan si mudachuunsaa hin oolu. Seexanni, sabni Waaqayyoo Yihowaa waaqeessuun ulfaataa akka itti ta’u gochuusaa ittuma fufa. Haata’u malee, ijoolleen kee maatiin keessan walga’iiwwan gumiirratti argamuuf carraaqqii godhu kan hubatan ta’uusaanii hin shakkin. Dhugumaan, akkas gochuudhaan, kennaa hafuuraa tasumaa hin irraanfatamne isaaniif kennuu dandeessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi