-
Gatiin Namootaa Nurra JiraTajaajila Mootummaa—2005 | Adoolessa
-
-
Gatiin Namootaa Nurra Jira
1 Phaawulos namootaaf lallabuuf itti gaafatamummaan itti dhaga’amee ture. Yihowaan dhiiga Ilmasaa isa dhangala’een namoonni hundinuu fayyina akka argataniif qophii inni godhe beeka ture. (1 Xim. 2:3-6) Kanaan kan ka’es Phaawulos: “Ani saba hundumaafuu, warra Griikotaa fi warra Griikota hin ta’iniifis, warra beektotaa fi warra wallaalotaafis kanan itti gaafatamu gatiitu ana irra jira” jechuu danda’eera. Gatii isarra jiru kana kaffaluuf nuffii tokko malee dhimmee hojjechuudhaan misiraachoo kana namootatti himaa ture.—Rom. 1:14, 15.
2 Kiristaanonni yeroo har’aas akkuma Phaawulos, carraa argataniin namoota hundumaatti misiraachoo kana lallabuuf yaalu. Wayita “rakkinni guddaan” haala saffisiisaatiin dhihaachaa jiru kanatti, namoota garaa qajeelaa qaban barbaachuun keenya ariifachiisaadha. Jaalala dhugaa namootaaf qabnuun hojii lubbu baraarsaa ta’e kanarratti haa hirmaannu.—Mat. 24:21; His. 33:8.
3 Gatii Nurra Jiru Kaffaluu: Lallaba manaa gara manaatti hirmaachuudhaan namoota baay’ee argachuu dandeenya. Naannoo tajaajilaa namoonni manatti hin argamne keessatti yeroo tajaajillu, sirriitti galmeessinee qabachuufi deddeebinee dhaquun keenya namoota baay’ee argachuuf nu dandeessisa. (1 Qor. 10:33) Akkasumas naannoo daldalaatti, daandiirratti, bakka konkolaataan dhaabatuufi bilbilaan namoota hedduuf dhugaa ba’uu dandeenya. Haala kanaan, ‘Lallaba ergaa jireenyaa kana karaa hundaan fayyadamee dabarsuun hamma humna kootii raawwachaan jiraa?’ jennee of haa gaafannu.—Mat. 10:11.
4 Qajeelchituun tokko namoota naannoo tajaajilaashee jiran hundumaatti dhugaa ba’uuf carraaqqii gooti turte. Naannooshee keessatti mana yeroo hundaa cufamee taa’u argiti. Guyyaa tokko qajeelchituun kun dhimma biraaf utuu deemaa jirtuu, manasa tasumaa namni keessa hin jiraanne itti fakkaatee ture sana cinatti konkolaataa dhaabatu argite. Carraa kanaan fayyadamtee battaluma sana balbala rurrukutuun namicha haasofsiifte. Namichis deebii qajeelaa kenneef. Sanaan booda abbaa manaashee waliin ta’uun deddeebi’anii gaaffii godhaniif. Dhumarratti namichi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabuudhaan wayita ammaa obboleessa cuuphame ta’eera. Warra kaaniif lallabuuf dirqama akka qabdu isheetti dhagaa’amuusaatti ishee galateeffata.
5 Barri dhumaa kun, humna keenya guutuudhaan lallabarratti xiyyeeffannaan hirmaannee namootatti himuudhaan gatii nurra jiru yeroo itti kaffalludha.—2 Qor. 6:1, 2.
-
-
Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan GeggeessuuTajaajila Mootummaa—2005 | Adoolessa
-
-
Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
Kutaa 11: Barattoonni Keenya Deddeebii Gaaffii Akka Godhan Gargaaruu
1 Barataan Macaafa Qulqulluu tokko tajaajilarratti hirmaachuu yommuu jalqabu, namoota fedhii qaban ni argata. Babal’isaa haaraan kun karaa bu’a qabeessa ta’een deddeebii gaaffii akka godhuufi fedhii namootaa akka kakaasu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
2 Deddeebii gaaffii gochuuf qophaa’uu kan qabnu guyyuma jalqabaa sanaa kaaseti. Baratichi namoota haasofsiise sanaaf kan yaadu ta’uusaa akka argisiisu jajjabeessi. (Filp. 2:4) Baratichi, namoonni haasofsiise yaadasaanii akka ibsan akka afeeru, akka isaan dhaggeeffatuufi waan isaan yaaddessu akka hubatu suuta suutaan leenjisi. Babal’isichi nama fedhii qabu yoo argate, waa’ee namichaa odeeffannoo barbaachisu hundumaa yaadannoosaarratti akka qabatu godhi. Odeeffannoo sanarratti hunndaa’uudhaan baratichi maree dabalataarratti akka qophaa’u gargaari.
3 Deddeebii Gaaffii Gochuuf Qophaa’uu: Yaadannoo yeroo jalqabaatiif namicha ennaa dubbistan qabattan irra deebi’aa; achiis, baratichi ergaa Mootummattii keessaa isa kamirratti namicha akka haasofsiisu akkamitti akka filatu itti argisiisi. (1 Qor. 9:19-23) Akkaataa dhiheenyaa caqasa tokkoofi barreeffama qayyabannaadhaaf qophaa’erraa keeyyata tokko dabalaturratti wajjin qophaa’aa. Kana malees, gaaffii dhuma marii keessanirratti kaastaniifi yeroo itti aanus deebitanii akka gaafattan isin gargaaru qopheessaa. Babal’isaa haaraan kun, yeroo namichaaf deddeebii gaaffii godhu hundumaatti, beekumsa namichaa isa Sagalee Waaqayyoorratti hundaa’e akkamitti akka guddisuufii danda’u itti argisiisi.
4 Baratichi yeroo deddeebii gaaffii godhutti yaada seensa salphaa ta’etti akka gargaaramu leenjisuunis gaariidha. Erga namicha nagaa gaafatee booda: “Marii kanaan dura goonetti baay’ee gammadeera; kanaaf, [mata-duricha ibsiitii] ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu marii dabalataa akka goonuufan dhufe.” Balbala kan banuuf nama kan biraa yoo ta’e, babal’isaa haaraan maal akka godhu itti himuunis barbaachisaa ta’uu danda’a.
5 Deebitanii Gaafachuutti Cimaa: Baratichi namoota fedhii argisiisan hundumaa utuu hin turin deebi’ee gaafachuudhaan fakkeenya gaarii akka ta’u jajjabeessi. Namoota manasaaniitti argachuuf utuu walirraa hin kutin deddeebi’uun barbaachisaadha. Baratichi deddeebii gaaffii gochuuf akkamitti beellama qabachuu akka danda’u barsiisi; yeroo jedhanitti deebi’anii gaafachuun barbaachisaa ta’uusaa akka hubatus gargaari. (Mat. 5:37) Babal’isaa haaraan kun, namoota akka hoolaa jiran ennaa barbaaduufi ennaa fedhiisaanii kakaasutti nama gaarii, kan namaaf yaaduufi nama safeeffatu akka ta’u leenjisi.—Tit. 3:2.
-