LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ergaa Mootummattii Lallabuun Mirga Guddaadha
    Tajaajila Mootummaa—2005 | Hagayya
    • Ergaa Mootummattii Lallabuun Mirga Guddaadha

      1 Namoonni biliyoonatti lakkaa’amaniifi addunyaarratti argaman guyyaa guyyaan wantoota jireenyaaf ta’aniifi Yihowaan qopheesserraa faayidaa argatu. (Mat. 5:45) Haata’u malee, misiraachoo Mootummaa kana lallabuudhaan dinqisiifannaa Uumaasaaniitiif qaban kan argisiisan namoota muraasa qofadha. (Mat. 24:14) Mirga guddaa kanaaf ilaalcha akkamii qabda?

      2 Ergaa Mootummattii lallabuun Waaqayyoof ulfinaafi namoota rakkoowwan yeroo har’aatiin dhiphataniif abdiifi gammachuu kan argamsiisuudha. (Ibr. 13:15) Namoonni misiraachoo kana fudhatan abdii jireenya bara baraa argatu. (Yoh. 17:3) Hojii addunyaa kanaa ykn ogummaa isa kamtu bu’aa akkasii nuu argamsiisuu danda’a? Phaawulos dinqisiifannaa tajaajilasaatiif qabu akkaataa tajaajila kana ittiin raawwachaa tureen argisiiseera. Kanas akka wanta gatii jabaa qabuutti ilaala ture.—HoE. 20:20, 21, 24; 2 Qor. 4:1, 7.

      3 Mirga Guddaa Kana Dinqisiifachuu: Mirga lallabaa kanaaf dinqisiifannaa kan ittiin argisiisnu keessaa inni tokko qulqullina tajaajila keenyaatiif xiyyeeffannaa kennuudha. Akkaataa dhiheenyaa garaa dhaggeeffattoota keenya xuquu danda’urratti yeroo fudhannee ni qophoofnaa? Dandeettiin Caaffata Qulqullaa’ootti fayyadamuufi sababii dhiheessuudhaan namoota mariisisnuufi dandeettii qabnu fooyyessuu ni dandeenyaa? Naannoo tajaajilaa nuu kenname guutummaatti ni hojjennaa? Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuufi geggeessuu ni dandeenyaa? Akkuma Kiristiyaanota amanamoo bara duraafi yeroo har’aa jiranii, nutis hojii kanaaf ilaalcha sirrii qabaachuufi mirga kana akka waan guddaatti ilaaluu qabna.—Mat. 25:14-23.

      4 Tarii dhiibbaa kanneen akka dullumaa, fayyaa dhabuu, ykn haala rakkisaa ta’e keessa jiraattullee tajaajilarratti hirmaachuuf hinaaffaan ati argisiiftu gatii guddaa qaba. Sagaleen Waaqayyoo, sochii nuti goonu namoonni akka waan guddaatti ilaaluu baatanillee, Yihowaan namoota isa tajaajiluuf carraaqqii godhaniif iddoo guddaa akka kennu nuu mirkaneessa.—Luq. 21:1-4.

      5 Ergaa Mootummatti lallabuun gammachuu guddaa namaa argamsiisa. Obboleettiin umuriinshee 92 ta’e tokko akkas jette: “Waaqayyoof of murteessuudhaan waggoota 80 ol ta’aniif isa tajaajiluu danda’uunkoo mirga guddaadha. Waanan itti gaabbu tokkollee hin qabu! ‘Gaarummaa Waaqayyoo argachuun jireenyarra waan wayyuuf’ jireenyan dabarse utuun ammas argadhee jiraachuu danda’ee haaluma kanaanan jiraadha ture.” (Far. 63:3) Nutis mirga guddaa Mootummaa kana lallabuuf Waaqayyorraa arganne kana haa dinqisiifannu.

  • Kutaa 12: Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
    Tajaajila Mootummaa—2005 | Hagayya
    • Kutaa 12: Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu

      Barattoonni Macaafa Qulqulluu Qayyabatan Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuufi Geggeessuu Akka Danda’an Gargaaruu

      1 Barattoonni Macaafa Qulqulluu nuu wajjin qayyabatan tajaajilarratti hirmaachuu wayita eegalan, ofiisaaniitiin qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuufi geggeessuu ni sodaatu ta’a. Sodaa malee tajaajila barbaachisaa ta’e kanarratti akka hirmaatan isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?—Mat. 24:14; 28:19, 20.

      2 Barataan Macaafa Qulqulluu babal’isaa hin cuuphamne ta’uuf ga’eessa ta’ee amma argametti, Mana Barumsaa Tajaajilaa Ti’ookraasiirratti hirmaachuu jalqabeera jechuudha. Kutaa barataadhaaf kennamu fudhatee qophaa’uufi dhiheessuudhaan leenjii inni argatu, hojii barsiisummaa namoota kaan duuka buutota gochuuf isa gargaaruufi ‘hojjetaa waan itti yeella’u hin qabne ta’uudhaan dubbii dhugaa qajeeltootti hojjechuuf’ isa gargaara.—2 Xim. 2:15.

      3 Fakkeenya Ta’uudhaan Barsiisi: Yesus barumsa ifaafi fakkeenya gaarii ta’uun bartootasaa leenjisaa ture. ‘Barataan tokko guutummaatti erga barsiifamee booda akka barsiisaasaa ta’a’ jedheera. (Luq. 6:40) Tajaajila keerratti fakkeenya gaarii ta’uudhaan Yesusiin hordofuunkee barbaachisaadha. Barataankee fakkeenya ta’uufiidhaan tajaajilakee akkasitti yeroo raawwattu ilaaluunsaa, kaayyoon deddeebi’anii gaafachuu qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf ta’uusaa hubata.

      4 Tajaajilarratti yeroo namoota qayyabannaadhaaf afeerru, barataa kanaaf akkaataa qayyabannaa bal’inaan ibsuun barbaachisaa miti. Barreeffamoota qayyabannaadhaaf qophaa’anirraa keeyyata tokko ykn lama hojiin argisiisaan baratichaaf ibsuun caalaatti gaariidha. Kana gochuuf yaadawwan nu gargaaruu danda’an Tajaajila Mootummaa kana fuula 8fi Amajjii 2002 fuula 6⁠rraa argachuu dandeenya.

      5 Yoo barbaachisaa ta’e baratichi si duukaa ykn babal’isaa muuxannoo qabuu wajjin qayyabannaa Macaafa Qulqulluurratti akka hirmaatu afeeri. Wayita kanatti keeyyata ykn caqasa ijoo ta’erratti yaada akka kennuu godhi. Haala kana ilaaluun qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu guddina argisiisan akka itti geggeessuu danda’u barata. (Fak. 27:17; 2 Xim. 2:2) Carraaqqii inni godhuuf baraticha galateeffadhu; akkasumas akkamitti guddina argisiisuu akka danda’u itti himi.

      6 Barataa haaraan barsiisaa Sagalee Waaqayyoo akka ta’uuf leenjisuun, “hojii gaarii” qayyabannaa Macaafa Qulqulluu ofiisaaniitiin jalqabsiisuufi geggeessuu akka danda’uuf isa gargaara. (2 Xim. 3:17) Afeerraa: “Namni dheebote haa dhufu, namni bishaan barbaadus utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu haa fudhatu!” jedhu kanarratti, namoota haaraa kanaa wajjin hirmaachuun keenya akkam kan nama gammachiisudhaa!—Mul. 22:17.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi