LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Gargaarsi Kee Ni Barbaachisa
    Tajaajila Mootummaa—2004 | Muddee
    • Gargaarsi Kee Ni Barbaachisa

      1 “Nu gargaaruuf carraaqqii garaadhaa gooteef guddiseen si galateeffanna. Dhugumaan gargaarsi kee nu barbaachisa.” Yaadni gaariin kun dinqisiifannaa jaarsolii Kiristiyaanaa nu gidduutti argamaniif qabnu kan argisiisudha. Jaarmiyaan Waaqayyoo babal’achaa waan adeemuuf, addunyaa maratti gumiiwwan 100,000⁠tti dhihaatan tajaajiluuf namoonni ga’eessota ta’an ni barbaachisu. Atis obboleessa cuuphamte yoo taate, gargaarsi kee ni barbaachisa.

      2 “Galma Kee Bira Ga’uuf Carraaqqii Godhi:” Hojiiwwan hafuuraa dabalataan argachuuf carraaquu kan dandeessu akkamitti? (1 Xim. 3:⁠1) Akkaataa jireenya kee hundaan fakkeenya gaarii ta’uudhaanidha. (1 Xim. 4:​12; Tit 2:​6-8; 1 Phe. 5:⁠3) Hojii lallabaarratti hirmaannaa guutuu godhi; warri kaaniis akkas akka godhan jajjabeessi. (2 Xim. 4:⁠5) Obboloota keetiif garaadhaa yaadi. (Rom. 12:13) Sagalee Waaqayyoo akka gaariitti qayyabadhu; haala itti ‘barsiistus’ foyyeessi. (Tit. 1:9; 1 Xim. 4:​13) Hojii jaarsoliin siif kennan of eeggannoodhaan raawwadhu. (1 Xim. 3:​10) Mataa maatii yoo taatemmoo, ‘mana kee ba’eessa godhii bulchi.’​​—⁠1 Xim. 3:​4, 5, 12.

      3 Tajaajilaa gumii ykn jaarsa gumii ta’uun hojii cimaa hojjechuu kan dabalatuufi aarsaa godhanii of dhiheessuu kan gaafatudha. (1 Xim. 5:​17) Kanaaf, warra kaan gargaaruuf yommuu carraaqxu amala gad of qabuurratti xiyyeeffadhu. (Mat. 20:​25-​28; Yoh. 13:​3-5, 12-​17) Amala Ximotewosirratti xinxali; fakkeenyasaas hordofi. (Filp. 2:​20-​22) Akkumasaa akkaataa jireenyaa kee isa gaariidhaan ga’eessa ta’uu kee mirkaneessi. (HoE. 16:​1, 2) Ulaagaalee hafuuraa itti gaafatamummaa dabalataa siif argamsiisan horachaa yeroo adeemtuufi akka guddattuuf gorsa sii kennamu kamiyyuu hojiirra oolchuudhaan, ‘Namoonni hundinuu guddachaa adeemuu kee akka argan’ goota.​​—⁠1 Xim. 4:​15.

      4 Warri, Ijoolleen Keessan Warra Kaan Akka Gargaaraniif Leenjisaa: Ijoolleen warra kaan akka itti gargaaran ijoollummaasaaniitii kaasanii barachuu danda’u. Walga’iirratti akka gaariitti akka dhaggeeffatan, akka lallaban, Galma Mootummaa keessattiifi mana barumsaatti amalasaaniitiin fakkeenya gaarii akka ta’an leenjisaa. Warra kaan gargaaruutti, jechuunis Galma Mootummaa qulqulleessuu, warra dullooman gargaaruufi kkf irratti akka hirmaatan jajjabeessaa. Gammachuu waa namaa kennuudhaan argamu akka dhamdhaman godhaa. (HoE. 20:35) Leenjiin akkasii kun gara fulduraatti tajaajiltootaafi jaarsolii gumii ta’uuf isaan gargaaruu danda’a.

  • Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
    Tajaajila Mootummaa—2004 | Muddee
    • Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu

      Kutaa 4: Barattoonni Akkamitti Akka Qophaa’an Leenjisuu

      1 Barataan tokko barumsicha dursee kan dubbisu, deebisaa jala kan sararuufi jecha mataasaatiin deebisuuf kan yaalu yoo ta’e karaa hafuuraa yeroo gabaabaa gidduutti guddina argisiisuu danda’a. Kanaaf, qayyabannaa itti fufu yoo argattan akkamitti akka qophaa’u itti argisiisuuf barumsa isa jalqabaa wajjin qophaa’aa. Harka caalaa barattootaatiif, boqonnaa ykn mataduree tokko guutuu walii wajjin qophaa’uun bu’a qabeessadha.

      2 Jala Sararuufi Yaadannoo Qabachuu: Gaaffii dhihaateef deebii sirrii akkamitti akka argatu ibsiif. Barruu keerraa jechaafi himawwan ijoo jala murte baratichatti argisiisi. Yeroo barumsicha qayyabattan, barruu dhuunfaasaarratti deebisaa qofa yaadachuuf akka isa gargaarutti jala muruudhaan innis fakkeenya kee hordofa. (Luq. 6:​40) Achiis jecha mataasaatiin akka deebii kennu godhi. Kun barumsicha hammam akka hubate beekuuf si gargaara.

      3 Baratichi caqasawwan yaadnisaanii hin kaa’amne of eeggannoodhaan qoruun, kutaa qophii keessaa isa barbaachisaadha. (HoE. 17:11) Caqasni kaa’ame hundi yaada keeyyata sanaa kan deggeru ta’uusaa akka hubatu gargaari. Miljalee barruusaa isa qayyabaturratti yaadannoo gabaabaa akkamitti akka qabatu itti argisiisi. Bu’urri barumsichaa Macaafa Qulqulluu akka ta’e ibsiif. Qayyabannaasaarratti caqasawwan kaa’aman keessaa baay’eesaaniirratti yaada akka kennu jajjabeessi.

      4 Wanta Barattan Ilaalchisee Jalqabaafi Dhumarratti Yaada Gabaabaa Kenni: Baratichi qayyabannaa jalqabuusaa dura, waa’ee barumsichaa yaada tokko tokko ibsuun gaariidha. Barumsicha gabaabumatti yaada barumsichaa hubachuuf mata duree, mata dureewwan xixiqqaafi fakkiiwwan ilaaluu akka danda’u ibsiif. Qophiisaa utuu hin xumurin dura, yeroo xinnoo fudhatee ijoo barumsichaa irra deebi’uuf, barumsichi saanduqa irra deebii yoo qabaate isaan gargaaramuu akka danda’u ibsiif. Irra deebiin akkasii kun, barumsa sana yaadachuuf isa gargaara.

      5 Barataan Macaafa Qulqulluu akka gaariitti akka qophaa’uuf leenjisuun, walga’ii gumiirratti yaada gaariifi hojiirra ooluu danda’u akka kennu isa gargaara. Akkasumas qayyabannaasaa erga xumuree boodallee umuriisaa guutuu amala qayyabannaa dhuunfaa akka qabaatuuf isa gargaara.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi