LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Dubbii Amanamaa’ Soorachuu
    Tajaajila Mootummaa—2005 | Amajjii
    • ‘Dubbii Amanamaa’ Soorachuu

      1 Nama Waaqayyoo ta’anii jiraachuun carraaqqii guddaa gaafata. (1 Xim. 4:7-10) Kanaaf jabina keenya qofaan jireenya akkasii hordofuuf yoo yaalle, dadhabuufi gufachuu dandeenya. (Isa. 40:29-31) Yihowaarraa jabina argachuu kan itti dandeenyu karaan inni tokko, ‘dubbii amanamaa’ soorachuutti guddachuudhaani.—1 Xim. 4:6.

      2 Nyaata Hafuuraa Ga’aa ta’e: Yihowaan karaa Sagaleesaa, karaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaatiin’ nyaata hafuuraa ga’aa ta’e nuu dhiheessa. (Mat. 24:45) Qophii kanarraa fayyadamuuf hamma dandeenye gochaa jiraa? Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu ni dubbisnaa? Qayyabannaa dhuunfaa gochuufi waan qayyabannerratti xiinxaluuf yeroo ramadnaa? (Far. 1:2, 3) Nyaanni hafuuraa akkasii kun, dhiibbaa addunyaan Seexanaa nurraan geessisuun akka hin dadhabneef nu jabeessa. (1 Yoh. 5:19) Sammuu keenya wantoota gaarii ta’aniin yoo soorreefi wantoota kana jireenya keenya keessatti hojiirra yoo oolchine, Yihowaan nu wajjin ta’a.—Filp. 4:8, 9.

      3 Yihowaan walga’iiwwan gumiitiinis nu jajjabeessa. (Ibr. 10:24, 25) Qajeelfamni hafuuraafi walitti dhufeenyi gaariin walga’iiwwan kanarratti argannu, yeroo qorumsi dhufu jabaannee dhaabachuuf nu gargaara. (1 Phe. 5:9, 10) Shamarreen Kiristiyaanaa tokko akkas jetteetti: “Guyyaa guutuu mana barumsaa oolee ennaan dhufu nan dadhaba. Walga’iiwwan gumii garuu, akkuma jannata gammoojjii keessa jiruutti guyyaa mana barumsaa itti aanuuf na jajjabeessu.” Walga’iiwwanirratti argamuuf carraaqqii gochuu keenyaan eebifamneera.

      4 Dhugaa Labsuu: Warra kaaniif lallabuun Yesusiif akka nyaataa ture. (Yoh. 4:32-34) Nuyis akkasuma, abdii dinqisiisaa Waaqayyo kenne warra kaaniitti ennaa lallabnu ni jabaanna. Akkasumas tajaajilaan qabamuun keenya, garaaniifi sammuun keenya Mootummattiirrattiifi eebbawwan dhihootti dhufuuf jiranirratti akka xiyyeeffannu nu gargaara. Dhugumaan hojiin lallabaa nu jajjabeessa.—Mat. 11:28-30.

      5 Soorata hafuuraa Yihowaan yeroo har’aatti sabasaatiif dhiheessurraa hirmaachuu keenyaan dhugumaan eebbifamneerra. Eegaa sagalee keenya ol kaasnee isa galateeffachuu keenya itti haa fufnu.—Isa. 65:13, 14.

  • Kutaa 5—Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
    Tajaajila Mootummaa—2005 | Amajjii
    • Kutaa 5​—Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu

      Barumsi Hammamii Akka Qayyabatamu Murteessuu

      1 Yesus yommuu barsiisu, dandeettii bartootasaa tilmaama keessa galchuudhaan “hamma isaan dhaggeeffachuu danda’anitti” isaanitti hima ture. (Mar. 4:33; Yoh. 16:12) Haaluma walfakkaatuun, barsiistonni Sagalee Waaqayyoo yeroo har’aatti argaman, qayyabannaa Macaafa Qulqulluurratti barumsa hammamii barsiisuu akka qaban murteessuu qabu. Hammi barumsichaa dandeettiifi haala barsiisichaafi baratichaarratti kan hundaa’e ta’a.

      2 Amantii Jabaa Akka Qabaatan Godhaa: Barattoonni tokko tokko wanta barattoonni kaan salphaatti sagantaa qayyabannaa tokkootti hubatan, sagantaa qayyabannaa lama sadii qayyabachuun isaan barbaachisa ta’a. Yeroo gabaabaa gidduutti wanta baay’ee isa barsiisuuf jennee, baratichi sirriitti utuu hin hubatin akka darbu gochuu hin barbaannu. Barataan hundi, amantii haaraa Sagalee Waaqayyoorraa argate mirkaneessuun isa barbaachisa.—Fak. 4:7; Rom. 12:2.

      3 Torban torbaniin qayyabannaa kee yeroo geggeessitu, barataan kee waan Sagalee Waaqayyoorraa barate akka hubatuufi akka fudhatu gargaaruuf sa’aatii barbaachisaa ta’e hundaa dabarsi. Baratichi faayidaa barumsicharraa argatu akka hin dhabneef barumsicharra hin fiigiin. Yaadawwan ijoorratti xiyyeeffachuufi caqasawwan barumsichaaf bu’uura ta’anirratti mari’achuuf yeroo ga’aa ramadi.—2 Xim. 3:16, 17.

      4 Yaadawwan Xiyyeeffannaa Keessan Harkisan Dhabamsisaa: Barumsicharra fiiguu akkuma hin qabne, yaada bal’isuudhaan barumsicharraa akka hin fagaannees of eeguu qabna. Baratichi dhimmawwan dhuunfaasaa bal’inaan haasa’uu yoo barbaade, qayyabannaa booda irratti haasa’uuf haala mijeessuun ni danda’ama.—Lal. 3:1.

      5 Karaa biraammoo, yommuu qayyabannaa geggeessinutti hinaaffaan dhugaatiif qabnu baay’ee akka dadhabnu nu gochuu danda’a. (Far. 145:6, 7) Yaadni dabalataa ykn muuxannoon barumsicha mi’eessuu danda’aniyyuu, yaadasaa baay’isuudhaan ykn dheeressuudhaan baratichi beekumsa sirrii Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e akka nuffu gochuu hin barbaadnu.

      6 Yeroo qayyabannaatti barumsa murtaa’e qofaarratti mari’achuudhaan, qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu ‘ifa Waaqayyoo keessa akka deddeebi’an’ gargaaruu dandeenya.—Isa. 2:5.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi