-
Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan GeggeessuuTajaajila Mootummaa—2005 | Bitootessa
-
-
Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
Kutaa 7: Qayyabannaarratti Kadhannaa Dhiheessuu
1 Qayyabattoonni Macaafa Qulqulluu, karaa hafuuraa guddina akka argisiisaniif gargaarsi Yihowaa isaan barbaachisa. (1 Qor. 3:6) Kanaafuu, yeroo qayyabannaa jalqabnuufi xumuru kadhannaa dhiheessuun keenya barbaachisaadha. Namni qayyabsiisnu waa’ee kadhannaa kan beeku yoo ta’e, guyyaa jalqabaatii kaasee kadhannaa gochuu dandeenya. Barattoota warra kaanii wajjin garuu yeroo kamitti kadhannaa akka jalqabnu irratti yaaduu nu barbaachisa. Kadhannaa kan barbaachisu maaliif akka ta’e baratichi akka hubatu gargaaruuf Faarfannaa 25:4, 5fi 1 Yohannis 5:14tti gargaaramuu dandeessa; akkasumas kadhannaa keenya karaa Yesusiin gara Yihowaatti dhiheessuun maaliif akka barbaachisu ibsuuf Yohannis 15:16tti gargaaramuu dandeessa.
2 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluurratti kadhannaa dhiheessuu kan qabu eenyu? Obboleessi cuuphame tokko obboleettii tokkoo wajjin akka qayyabsiisuu yoo afeerame, mataashee haguuggachuudhaan qayyabanicha kan geggeessitu ishee taatuyyuu, kadhannaa kan dhiheessu qabu obboleessa sanadha. (1 Qor. 11:5, 10) Karaa gara biraammoo, obboleettii wajjin qayyabsiisuuf kan afeerame, babal’isaa hin cuuphamne yoo ta’e kadhannaa kan dhiheessu isheedha. Yeroo kanatti, yemmuu kadhattus ta’e yommuu qayyabannicha geggeessitu mataatti haguuggachuu qabdi.
3 Wantoota Kadhachuu Qabnu: Kadhannaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluurratti dhihaatu wanta barbaachisu kan ibsu malee dheerachuu hin qabu. Yihowaan qayyabanicharratti gargaarsasaa akka nuu kennu kadhachuufi dhugaa baranneef isa galateeffachuu malees, madda barumsichaa ta’uusaatiifis isa galateeffachuu qabna. (Isa. 54:13) Akkasumas bartoota keenyaaf garaadhaa akka yaadnuufi jaarmiyaa Yihowaan itti fayyadamuuf dinqisiifannaa qabnu itti dabaluu dandeenya. (1 Tas. 1:2, 3; 2:7, 8) Baratichi waan barate hojiirra oolchuuf carraaqqii godhu Yihowaan akka eebbisuuf kadhachuun keenya, “warra dubbicha hojiirra oolchan” ta’uun barbaachisaa ta’uusaa akka hubatu isa gargaaruu danda’a.—Yaq. 1:22.
4 Kadhannaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluurratti dhihaatu faayidaa baay’ee qaba. Eebba Yihowaa nuuf argamsiisa. (Luq. 11:13) Sagalee Waaqayyoo qayyabachuun waan bakki guddaan kennamuufii qabu ta’uusaa addeessa. Baratichis kadhannaa keenya dhaggeeffachuudhaan akkamitti akka kadhatamu bara. (Luq. 6:40) Kana caalaas, jaalala Waaqayyoof qabnuufi dinqisiifannaa amalawwansaatiif qabnuun guutamnee kadhannaan dhiheessinu, baratichi walitti dhufeenya dhuunfaa Yihowaa wajjin qabu akka cimsuuf isa gargaaruu danda’a.
-
-
Gabaasa Tajaajila MuddeeTajaajila Mootummaa—2005 | Bitootessa
-
-
Gabaasa Tajaajila Muddee
Gi.dduGa.leessa Gi.Ga. Gi.Ga. Gi.Ga.
Baa’ina: Sa’aa Barr.uulee De.ddeebi’aniiGaa.fachuu Q.ayyabannaaM.acaafaQ.ulqulluu
Qaj. Addaa 216 130.5 25.5 86.4 6.7
Qajeelchaa 862 70.2 8.5 29.8 2.0
Qaj. Gargaaraa 360 53.2 7.1 19.0 1.1
Babal’isaa 5,929 12.7 2.0 5.4 0.4
Walitti 7,367 Baay’ina Haaraa!
-
-
Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?Tajaajila Mootummaa—2005 | Bitootessa
-
-
Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Ama. 1
“Amantiiwwan hedduun namoonni ollaawwansaanii akka jaallatan ni barsiisu. [Maatewos 22:39 dubbisiif.] Kun erga ta’e, dhaabbileen amantii waraanaafi walitti bu’iinsa addunyaarratti godhamurratti kan hirmaatan maaliifiree? [Hanga deebii kennutti eegi.] Masaraan Eegumsaa kun, gaaffii amantiin dhala namaatiif tokkummaa argamsiisuu ni danda’aa? jedhuuf deebii kenna.”
Dammaqaa! Ama. 2005
“Yeroo har’aatti gama teeknoolojiitiin guddinni olaanaan argamus, fedhii dhalli namaa michuu argachuuf qabu hin hanbisne. Haata’u malee, yeroo har’aa jijjiiramni hawaasa keessatti godhame, michuu argachuun rakkisaa akka ta’u gochuusaa hubatteettaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii Fakkeenya 18:24 dubbisiif.] Barruun kun, michuu dhugaa argachuufi michoomni keenya akka itti fufu gochuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e ibsa.”
MASARAA EEGUMSAA Ama. 15
“Hundi keenyayyuu, ofii keenyaafis ta’e ijoollee keenyaaf jireenya gaarii hawwina. Haata’u malee namoonni baay’een, kana gochuuf humna akka hin qabnetu itti dhaga’ama. Jireenya keenya isa gara fulduraarratti murteessuu waan dandeenyu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun, jireenya keenya isa fulduraa to’achuu akka dandeenyuufi kunimmoo kan hundaa’e filannoo amma goonurratti ta’uusaa ibsa.” Keessa Deebii 30:19 dubbisiif.
-