-
Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan GeggeessuuTajaajila Mootummaa—2005 | Ebla
-
-
Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
Kutaa 8: Qayyabattoota Gara Jaarmiyaa Yihowaatti Qajeelchuu
1 Kaayyoon keenya, barataan Macaafa Qulqulluu tokko beekumsa bu’uuraa akka argatu qofa utuu hin ta’in, kutaa gumii Kiristiyaanaa akka ta’uu gargaaruufi. (Zak. 8:23) Birooshuurri Dhugaa Baatota Yihowaa Addunyaa Maratti Tokkummaadhaan Fedha Waaqayyoo Raawwatan jedhamu, kana gochuuf nu gargaaruu danda’a. Birooshuura kana barattoota haaraa ta’aniif kennaatii akka dubbisan jajjabeessaa. Kana malees, torban torbaniin ennaa qayyabattanitti waa’ee jaarmiyaa Yihowaa itti himuuf daqiiqaa muraasa ramadi.
2 Walga’iiwwan Gumii: Karaan qayyabataan Macaafa Qulqulluu jaarmiyaa Yihowaa itti dinqisiifatu inni guddaan, nuu wajjin walga’iiwwan gumiirratti argamuudhaani. (1 Qor. 14:24, 25) Kanaafuu, yeroo tokkotti waa’ee isa tokkoo ibsuufiidhaan walga’iiwwan shananiin wal isa barsiisuu dandeessu. Mata duree haasawaa sabaa itti aanu itti himaa. Masaraa Eegumsaa ykn wanta Qayyabannaa Kitaabaa Gumiirratti qayyabatamu itti argisiisaa. Manni Barumsaa Tajaajila Ti’okraasiifi Walga’iin Tajaajilaa maal akka ta’e ibsaafii. Mana barumsaa keessatti kutaa yoo qabaattan isaanii wajjin shaakaluu dandeessu. Yaadawwan ijoo walga’iirratti dhihaatan itti himaa. Wanta geggeessamu akka hubataniif suuraawwan barreeffamoota keenyarra jiranitti gargaaramaa. Guyyaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabanii kaasee, walga’iiwwan gumiirratti akka argaman afeeraa.
3 Yeroo Ayyaanni Yaadannoo, walga’iiwwan gurguddaafi daawwannaan ilaaltuu aanaa dhihaatanitti, daqiiqaa muraasa fudhadhuutii dinqisiifannaan qophiiwwan kanaaf qaban akka guddatu godhi. Irraa jalaan gaaffiiwwan kanaa gadi jiran deebisaafii: Dhugaa Baatota Yihowaa kan jedhamne maaliifi? Bakki itti walga’ii goonu Galma Mootummaa kan jedhame maaliifi? Hojiin jaarsoliifi tajaajiltoota gumii maalidha? Hojiin lallabaafi naannoon tajaajilaa akkamitti qindeeffamu? Barreeffamawwan keenya akkamitti oomishamu? Jaarmiyaan kun deeggarsa qarshii eessaa argata? Hojii lallabicha to’achuu ilaalchisee ga’eewwan waajjira dameefi Qaama Bulchiinsaa maalidha?
4 Viidiyoowwan Barumsa Kennan: Karaan qayyabattoonni Macaafa Qulqulluu waa’ee jaarmiyaa Yihowaa isa dinqisiisaa barachuu itti danda’an inni biraanimmoo, viidiyoowwan keenya ilaaluudhaani. Viidiyoowwan kun, hojiin Hanga Handaara Lafaatti hojjetamu maal akka fakkaatu, walitti dhufeenya Waldaa Obboloota Addunyaa Maraa, akkasumas Barumsa Waaqayyootiin Tokko Ta’uu akka dandeenye isaan hubachiisuu danda’u. Dubartiin waggaa shaniif barruuleefi barreeffamawwan keenya adda addaa fudhachaa turte tokko, viidiyoo Dhugaa Baatota Yihowaa—Jaarmiyaa Maqaa kana Duuba Jiru jedhamu ennaa ilaaltu imimmaan ijashee guute. Amantaan obboloota deddeebi’anii ishee gaafachaa turanirratti qabdu ni dabaleef; akkasumas viidiyoo kana erga ilaaltee booda jaarmiyaa kanas amanuun akka isheerra jiru ni hubatte. Achiis qayyabannaa jalqabde; torban itti aanuttis walga’iiwwan Galma Mootummaatti godhamanirratti argamuu jalqabde.
5 Torban torbanitti barattoota keenyaa wajjin daqiiqaawwan muraasa dabarsuudhaan, akkasumas meeshaawwan nuu qophaa’aniin gargaaramuudhaan suuta suutaan barattoota Macaafa Qulqulluu gara jaarmiyaa tokkicha yeroo ammaa Yihowaan itti gargaaramutti isaan qajeelchuu dandeenya.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
-
-
Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?Tajaajila Mootummaa—2005 | Ebla
-
-
Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Gur. 1
“[Wanta naannoo keessanitti raawwatame caqasiitii] Yeroo har’aatti namoonni baay’een hacuuccaafi hammeenyaaf kan saaxilaman ta’uunsaanii nama hin gaddisiisuu? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun Waaqayyo lubbuu namaaf ilaalcha maalii akka qabu ibsa. Akkasumas rakkina yeroo ammaa jiru jalaa akkamitti akka nu oolchu addeessa.” Faarfannaa 72:12-14 dubbisiif.
Dammaqaa! Gur.2005
“Namoonni baay’een miidhaginaaf xiyyeeffannaa guddaa akka kennan hubatteettaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun miidhagina qaamaatiif dhiphachuun balaawwan geessisu tokko tokko dubbata. Akkasumas miidhaginni caalaatti xiyyeeffannaan kennamuufii qabu isa kam akka ta’e ni ibsa.” 1 Phexros 3:3, 4 dubbisiif.
MASARAA EEGUMSAA Gur. 15
“Yeroo tokko tokko, gabaasawwan wanti dinqii ta’e akka raawwatame ibsan ni dhageenya. [Fakkeenya tokko dubbadhu.] Namoonni tokko tokko gabaasawwan kana ni amanu. Kaanimmoo ni shakku. Barruun kun, dinqiiwwan Macaafa Qulqulluurratti galmeeffamanii jiran, dhugumaan kan raawwataman ta’uusaaniifi yeroo si’anaa kanatti dinqiiwwan kan raawwataman ykn hin raawwatamne ta’uusaanii ibsa.” Ermiyaas 32:21 dubbisiif.
-