LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lallabuun Jabaannee Akka Dhaabannuuf Nu Gargaara
    Tajaajila Mootummaa—2005 | Waxabajjii
    • Lallabuun Jabaannee Akka Dhaabannuuf Nu Gargaara

      1 Sagaleen Waaqayyoo: ‘dorgommii isa nu dura jiru obsaan dandeenyee akka fiignu’ nu gorsa. (Ibr. 12:1) Akkuma namni dorgommii fiigichaarratti hirmaatu tokko dorgommiisaa injifannoodhaan xumuruuf jabina isa gaafatu, nutis badhaasa jireenya bara baraa argachuuf jabinni nu barbaachisa. (Ibr. 10:36) Tajaajilli Kiristaanummaa hamma dhumaatti amanamummaadhaan jabaannee akka dhaabannu kan nu gargaaru akkamitti?—Mat. 24:13.

      2 Karaa Hafuuraa Nu Jabeessa: Addunyaa haaraa qajeelummaan keessatti dagaagu ilaalchisee abdii dinqisiisaa Macaafni Qulqulluun kennu lallabuun keenya, abdiin keenya ifa ta’ee akka nutti mul’atu nu gargaara. (1 Tas. 5:8) Yeroo hundaa tajaajilarratti hirmaachuu yoo amaleeffanne, dhugaa Macaafa Qulqulluurraa baranne dubbachuuf carraa arganna. Akkasumas wanta itti amannu warra kaaniif ibsuun keenya karaa hafuuraa akka jajjabaannu nu gargaara.

      3 Karaa bu’a qabeessa ta’een warra kaan barsiisuu yoo barbaanne, dursinee ofii keenyaa waa’ee dhugaa Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaan hubachuu qabna. Barumsa sanarratti qorannaa gochuufi xiinxaluu qabna. Dhimma kana ilaalchisee carraaqqiin nuti goonu, beekumsa keenya guddisuuf, amantii keenya cimsuufi karaa hafuuraa jajjabaachuuf nu gargaara. (Fak. 2:3-5) Kanaafuu, namoota biroo gargaaruuf yommuu carraaqnu ofii keenyaas ni jabaanna.—1 Xim. 4:15, 16.

      4 Hinaaffaadhaan tajaajilarratti hirmaachuun keenya ‘mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhachuun’ keenya Seexanaafi hafuurota hamoo mormuuf nu dandeessisa. (Efe. 6:10-13, 15) Tajaajilarratti yeroo baay’ee dabarsuun keenya yaadni keenya wantoota nama jajjabeessaniin akka guutamuufi ilaalcha biyya lafaa isa manca’aarraa fagaachuuf nu gargaara. (Qol. 3:2) Yeroo daandii Yihowaa namoota kaan barsiisnu, ofii keenyaafis amala gaarii akka qabaachuu qabnu of yaadachiisaa adeemna.—1 Phe. 2:12.

      5 Humna Waaqayyoo Argachuu: Hojii wangeelaarratti hirmaachuun keenya, Yihowaarratti akka amanamnu nu barsiisa. (2 Qor. 4:1, 7) Kun dhugumaan eebba akkamiiti! Amantaa akkasii guddifachuun, tajaajila keenya bakkaan ga’uu qofa osoo hin ta’in haalawwan jireenya keessatti nu mudatan kamiyyuu mo’uuf nu gargaara. (Filp. 4:11-13) Dhugumaan, Yihowaarratti amantaa godhachuu baruun keenya, wantoota jabina argachuuf nu barbaachisan keessaa isa guddaadha. (Far. 55:22) Hojii lallabaarratti hirmaachuun keenya karaa baay’ee akka jabaannu nu gargaara.

  • Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
    Tajaajila Mootummaa—2005 | Waxabajjii
    • Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu

      Kutaa 10: Barattoonni Macaafa Qulqulluu Manaa Gara Manaatti Akka Tajaajilan Leenjisuu

      1 Jaarsoliin gumii barataan Macaafa Qulqulluu tokko babal’isaa hin cuuphamne ta’uuf ga’eessa ta’uusaa yoo mirkaneessan, gumii wajjin ta’uudhaan hojii lallabaarratti bobba’uu ni danda’a. (Kitaaba, Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’e, jedhu ful. 79-81 ilaali.) Barataan Macaafa Qulqulluu, hojii lallabaa manaa gara manaa godhamurratti akka hirmaatu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

      2 Wajjin Qophaa’uu: Qophii gaarii gochuun baay’ee barbaachisaadha. Barataan kun, yaadawwan akkaataa dhiheenyaa Tajaajila Mootummaa fi kitaaba Caaffata Qulqullaa’aarraa Ragaa Dhiheessuu jedhaman keessaa bakka kamii argachuu akka danda’u, akkasumas akkaataa dhiheenyaa salphaa ta’eefi naannoo sanaaf mijaa’aa ta’e akkamitti filachuu akka danda’u itti argisiisi. Jalqabumaa kaasii, tajaajilarratti Macaafa Qulqulluutti akka gargaaramu jajjabeessiin.—2 Xim. 4:2.

      3 Irra deddeebi’anii shaakaluun barataa haaraa tokko baay’ee fayyada. Barataan Macaafa Qulqulluu kun, akkaataa dhiheenyaa yeroo shaakalu, ilaalcha namoonni naannoo sanaa qabaniif akkamitti furmaata kennuu akka danda’u itti argisiisi. (Qol. 4:6) Kiristiyaanni tokko gaaffii namni kaasu hundaaf deebii kennuu danda’a jechuu akka hin taane itti himi. Yeroo baay’ee, gaaffii akkanaatiif utuu deebii hin kennin dura qorannaa gochuufi guyyaa garabiraa bal’inaan irratti marii gochuun filatamaadha.—Fak. 15:28.

      4 Walii Wajjin Lallabuu: Baratichi yeroo jalqabaaf tajaajila manaa gara manaatti yeroo hirmaatu, akkaataa dhiheenyaa isa waliin qophooftaniin gargaaramtee yeroo nama sana haasofsiiftu akka si hordofu godhi. Sanaan booda akka yaada kennu godhi. Yeroo tokko tokko, babal’isaa haaraan akkaataa dhiheenyaa keessaa gartokkoosaarratti jechuunis caqasa dubbisuufi caqasicharratti qofa akka yaada kennu gochuun gaarii ta’uu danda’a. Dandeettii fi amala barataa kanaa tilmaama keessa galchi. (Filp. 4:5) Hojii lallabaa bifa adda addaarratti wayita isa leenjiftu yeroo hundumaa isa galateeffadhu.

      5 Babal’isaa haaraan tokko, danda’amnaan yeroo hunda hin danda’amuuf taanaan immoo torbee torbeedhaan tajaajilarratti hirmaachuuf sagantaa akka baafatu gargaaruun barbaachisaadha. (Filp. 3:16) Sagantaa murtaa’e baasuudhaan waliin tajaajili. Akkasumas, obboloota hinaaffaadhaan tajaajilanii wajjin akka tajaajilu jajjabeessiin. Fakkeenyisaaniifi isaanii wajjin walitti dhufeenya qabaachuunsaa dandeettiisaa akka guddifatuufi tajaajila manaa gara manaatti akka gammaduu isa godha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi