Tajaajila Yihowaarratti Hamma Nuu Danda’ame Gammachuudhaan Hirmaanna!
1 Phaawulos tajaajila Kiristiyaana ta’uusaatiin isarraa eegamu galmaan ga’uuf ‘ofii isaa dabarsee kennuudhaaf’ gammada ture. (2 Qor. 12:15) Haaluma wal fakkaatuun yeroo har’aas, Kiristiyaanonni hedduun qajeelchitoota ta’uudhaan dhimmanii hojjetu. Warri itti gaafatamummaa maatii qaban kaanimmoo hojiin kan isaanitti baay’atu yoo ta’eyyuu, torban torbaniin tajaajilarratti hirmaachuuf karoorfatu. Warri dhibee fayyaa cimaa ta’e qaban tokko tokkommoo humna xinnoo qabanitti fayyadamanii fedhiiwwan Mootummichaa babal’isu. Sabni Yihowaa umriin ykn haalli keessa jiran utuu isaan hin daangessin hamma isaanii danda’ame tajaajila Yihowaarratti yommuu hirmaatan arguun akkam nama jajjabeessaa!
2 Jaalala Namaa: Yihowaa tajaajiluuf waan nuu danda’ame hunda gochuudhaan jaalala Waaqayyoofi namootaaf qabnu argisiisuun keenya, garaa nama hin ceephaane nuu argamsiisa. Phaawulos misiraachoo babal’isuurratti lubbuusaa waan kenneef gammachuudhaan: “Kanaafis isin keessaa tokko karaa irraa yoo bade, akka ani itti hin gaafatamne har’a guyyaa kanatti isinitti dhugaa ba’uu koo ti” jechuu danda’eera. (HoE. 20:24, 26; 1 Tas. 2:8) Hamma haalli keenya nuu heyyame tajaajilarratti hirmaachuun keenya lubbuu (dhiiga) namaatti gaafatamuurraa nu oolcha.—His. 3:18-21.
3 Warra kaan gargaaruuf hojjechuun keenya gammachuu nuu argamsiisa. (HoE. 20:35) Obboleessi tokko akkas jedheera: “Tajaajila oolee galgala yommuun gara manaatti deebi’u dadhabuun koo waan hin oolledha. Haata’u malee, gammachuun kan natti dhaga’amu ta’uusaarrayyuu, gammachuu eenyuyyuu narraa fudhachuu hin dandeenye waan naa kenneef Yihowaa nan galateeffadha.”
4 Jaalala Waaqayyoo: Tajaajila Yihowaarratti hamma nuu danda’ame akka hirmaannu kan nu taasisu sababii inni guddaan, tajaajilli kun Abbaa keenya isa samii kan gammachiisu ta’uusaati. Jaalalli Waaqayyoof qabnu abboommotasaa akka eegnu nu kakaasa, kunimmoo lallabuufi bartoota gochuu kan dabalatudha. (1 Yoh. 5:3) Yommuu namoonni dantaa dhaban ykn mormanillee jabaannee Yihowaadhaaf hojjechuu keenya gammachuudhaan itti fufna.
5 Yeroon amma keessa jirru yeroo tajaajila keenya itti qabbaneessinu miti. Yeroon amma keessa jirru yeroo midhaan sassaabbiiti. (Mat. 9:37) Qonnaan bulaan tokko yeroo midhaan sassaabbii, sa’aatii dheeraa kan hojjetu yommuu ta’u, midhaansaa utuu jalaa hin manca’in sassaabuuf yeroon inni qabu murtaa’aadha. Haaluma wal fakkaatuun yeroon hojii sassaabbii hafuuraatiif heyyamames kan murtaa’edha. Yeroo keessa jirru tilmaama keessa galchuudhaan, hundi keenya hanga nuu danda’ame tajaajila keenya cimsinee itti haa fufnu.—Luq. 13:24; 1 Qor. 7:29-31.