LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 32 ful. 194-ful. 196 key. 4
  • Haala Akka Itti Amantu Argisiisuun Dubbadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Haala Akka Itti Amantu Argisiisuun Dubbadhu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Amantii Guutuudhaan Dubbachuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Warra kan Taatan—Ijoolleen Keessan ‘Fayyina Argachuuf Ogeessota Akka Taʼan’ Isaan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Wanti Itti Amantu Dhugaa Taʼuu Isaa Mirkaneeffadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Amantii Cimaa Dhugaa Irratti Qabdu Jabeessii Qabadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 32 ful. 194-ful. 196 key. 4

Qayyabannaa 32

Haala Akka Itti Amantu Argisiisuun Dubbadhu

Maal gochuu qabda?

Wanti dubbattu dhugaafi barbaachisaa taʼuusaa akka itti amantu kan argisiisu taʼuu qaba.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Haala akka itti amantu argisiisuun dubbachuunkee, namoonni wanta dubbatturratti akka yaadaniifi tarkaanfii akka fudhatan isaan kakaasa.

NAMNI tokko haala akka itti amanu argisiisuun dubbachuunsaa, dhaggeeffattoonni namni kun dhimma kanarratti amantii guddaa qabaachuusaa akka hubatan godha. Phaawulos tajaajilasaarratti haala akka itti amanu argisiisuun dubbateera. Amantoota Tasaloniiqeetti argamaniif, “Wangeelli nuyi isiniif lallabne . . . amansiisa guutuudhaan malee, sagalee duwwaadhaan gara keessan hin dhufne” jechuudhaan barreesseera. (1 Tas. 1:5) Amantiinsaa kun, dubbiisaafi gochasaarraa kan mulʼatu ture. Nuyis dhugaa Macaafa Qulqulluu haala akka itti amannu argisiisuun namootatti dubbachuu qabna.

Haala akka itti amannu argisiisuun dubbachuu jechuun, ejjennoo gogaa qabaachuufi of tuulummaadhaan dubbachuu jechuu miti. Kanaa mannaa, namni tokko Dubbii Waaqayyoorraa yommuu caqasu, haala dhimma sanarratti amantii cimaa akka qabu argisiisuun dubbachuu qaba jechuudha.—Ibr. 11:1.

Haala Akka Itti Amannu Argisiisuun Dubbachuu Kan Qabnu Yoomi? Tajaajilarratti yommuu hirmaattu haala akka itti amantu argisiisuun dubbachuun barbaachisaadha. Yeroo baayʼee namoonni ergaakee qofa utuu hin taʼin akkaataa itti dubbattus ni hubatu. Wanta dubbattu ilaalchisee maaltu akka sitti dhagaʼamus ni hubatu. Jechoota filatamanitti fayyadamuukee qofa utuu hin taʼin, haala akka itti amantu argisiisuun dubbachuunkees ergaankee barbaachisaa taʼuusaa argisiisa.

Namoota hidhata amantiikee taʼaniif yommuu haasaa dhiheessitus haala akka itti amantu argisiisuun dubbachuunkee barbaachisaadha. Phexros, “Isin gorsuudhaaf, kun ayyaana Waaqayyoo isa dhugaa taʼuu isaas dhugaa baʼuudhaaf” jechuudhaan ergaasaa isa jalqabaarratti haala akka itti amanu argisiisuun barreesseera. Ergaasaa kanarratti, “Jabaadhaa dhaabadhaa!” jechuudhaan obboloota jajjabeesseera. (1 Phe. 5:12) Phaawulosis, ergaa warra Roomaatiif barreesserratti akkas jechuudhaan haala akka itti amanu argisiisuun dubbateera: “Duuni, jireenyi, ergamoonni waaqa irraa, warri bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru, wanti dhufuuf jirus hundinuu, wanti humna argisiisuu dandaʼus, jaalala Waaqayyoottii gargar akka nu hin baafne ani beeka. Wanti ol kaʼee jiru, wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Yesus nuuf dhufettii, dandaʼee gargar nu hin baasu.” (Rom. 8:38, 39) Phaawulos hojiin lallabaa barbaachisaa akka taʼe karaa nama amansii suun kan barreesse siʼa taʼu, hojii kanarrattis hinaaffaadhaan hirmaachuunsaa, wanti kun barbaachisaa taʼuusaa akka itti amane kan argisiisu ture. (HoE. 20:18-21; Rom. 10:9, 13-15) Harʼas jaarsoliin haala akka itti amanan argisiisuun Dubbii Waaqayyoo barsiisuu qabu.

Warri, yeroo qayyabannaattis taʼe yeroo garabiraatti, ijoolleesaanii wajjin dhimmawwan hafuuraarratti yommuu mariʼatan, haala akka itti amanan argisiisuun yaadasaanii ibsuu qabu. Kana gochuuf, warri Waaqayyoonis taʼe seerasaa garaadhaa jaallachuu qabu. ‘Waan garaa keessa guute afaan waan dubbatuuf,’ warri haala akka itti amanan argisiisuun dubbachuu kan dandaʼan yoo akkas godhanidha. (Luq. 6:45; Kes. 6:5-7) Warri, ‘amantii garaa qulqulluu’ qabaachuunsaanii fakkeenya akka taʼan isaan gargaara.—2 Xim. 1:5.

Keessumaa yeroo amantiinkee qoramu, haala akka itti amantu argisiisuun dubbachuunkee baayʼee barbaachisaadha. Namni wajjin barattu, barsiisaankee ykn namni wajjin hojjettu ayyaana tokko tokko maaliif akka hin kabajne si gaafata taʼa. Deebii quubsaa yoo isaanii kennite, ejjennoo Macaafa Qulqulluurratti qabdu sii kabajuu dandaʼu. Namni tokko, gowwoomsaa, qoricha sammuu hadoochu fudhachuu ykn saalqunnamtii seeraan ala taʼe akka raawwattuufi gochawwan gadhee kaanirratti akka hirmaattu yoo dhiibbaa sirratti godhe maal gochuu qabda? Matumaa gocha akkasiirratti akka hin hirmaanneefi carraaqqiin akkamiiyyuu, yaadakee akka si hin jijjiirsisne ifatti dubbachuunkee baayʼee barbaachisaadha. Kunimmoo, afeerrii sii dhihaate akka hin fudhanne karaa argisiisuun dubbachuu gaafata. Yoseef, afeerrii haati manaa Phoxiifaar ishee wajjin saalqunnamtii akka raawwatu isaaf dhiheessite yommuu dide, “Egaa ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?” jechuudhaan ejjennoosaa ibseera. Yeroo isheen isa dirqisiisuuf jettus, baqatee manaa baʼeera.—Uma. 39:9, 12.

Haala Akka Itti Amannu Argisiisuun Dubbachuu Kan Dandeenyu Karaawwan Kamiini? Jechoonni itti fayyadamtu dhimma sanatti akka amantu argisiisuurratti gaʼee guddaa qabu. Yesus yeroo baayʼee yaada barbaachisaa taʼe dubbachuusaa dura, jecha “Dhuguma, dhuguman sitti hima” jedhu dubbata ture. (Yoh. 3:3, 5, 11; 5:19, 24, 25) Phaawulosis akka itti amanu argisiisuuf jechoota, “Ani beeka,” “Ani karaa gooftaa Yesus . . . beekeera,” akkasumas “Ani dhugaan dubbadha malee hin sobu” jedhanitti fayyadama ture. (Rom. 8:38; 14:14; 1 Xim. 2:7) Yihowaan dubbiinsaa akka raawwatamu yommuu ibsu, raajonnisaa “Inni dhuguma in dhufa” jedhanii akka barreessan godheera. (Ibr. 2:3) Atis raajiiwwan kana yommuu caqastu, jechoota wal fakkaatanitti fayyadamuu dandeessa. Ofitti utuu hin taʼin, Yihowaatti akka amanamtuufi namoota akka kabajju karaa argisiisuun kan dubbattu yoo taʼe, akka raajota Waaqayyoo amantii cimaa qabaachuukee argisiisuu dandeessa.

Haala akka itti amantu argisiisuun dubbachuunkee, wanta dubbachaa jirturratti amantaa cimaa akka qabdu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Miirri fuulaafi sochiin qaamaa, namaa gara namaatti garaagarummaa qabaatuyyuu, wanta dubbattutti akka amantu ibsuurratti gaʼee guddaa qabu. Ija laafessa ykn suuta jettee kan dubbattu yoo taatellee, wanti dubbattu dhugaa akka taʼeefi namoonni ergaa kana dhagaʼuu akka qaban kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, akka itti amantu karaa argisiisuun dubbachuu dandeessa.

Akka itti amannu karaa argisiisuun yommuu dubbannu, garaadhaa dubbachuu akka qabnu beekamaadha. Dhaggeeffattoonni garaadhaa utuu hin taʼin fakkeessuuf akka dubbannu yoo hubatan, ergaan keenya barbaachisaa akka hin taane itti dhagaʼamuu dandaʼa. Kanaaf, haasaan keenya yeroo hunda garaadhaa kan madde taʼuu qaba. Namoota baayʼeedhaaf yommuu haasaa dhiheessinu, sagalee keenya ol kaasnee miira hoʼaadhaan dubbachuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee yeroo kanatti akkaataa uumamaa keenyaan garaadhaa dubbachuu qabna.

Yaadawwan Haala Akka Itti Amannu Argisiisuun Dubbachuuf Nu Gargaaran. Haala akka itti amantu argisiisuun dubbachuun barumsichaaf ilaalcha akkamii akka qabdu waan argisiisuuf, akka gaariitti qophaaʼuun barbaachisaadha. Yaada tokko barreeffamarraa fudhatanii akka jirutti dabarsuu qofti gaʼaa miti. Barumsicha akka gaariitti hubachuudhaan, jecha mataa keetiin ibsuu qabda. Barumsichi dhugaa akka taʼeefi dhaggeeffattootas kan fayyadu taʼuusaa itti amanuu qabda. Kunis haasicha yommuu qophooftu haala dhaggeeffattootaa, barumsicha hammam akka beekan ykn miirasaanii tilmaama keessa galchuu qabda jechuudha.

Siʼaayinaan kan dubbannu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni barumsichatti akka amannu hubachuun isaan hin rakkisu. Kanaaf, barumsa dhiheessitu qofarratti utuu hin taʼin, akkaataa itti dubbatturrattis yaadi. Qabxiiwwan xiyyeeffannaan kennamuufii qaban yommuu dubbattu, irra deddeebitee yaadannookee akka hin ilaalle of eeggannoo godhi. Yihowaan carraaqqiikee akka sii eebbisu kadhachuu akka qabdus hin dagatin. Akkas yoo goote, Waaqayyo ergaa dhugaafi barbaachisaa taʼe kana haala akka itti amantu argisiisuun dubbachuuf ‘ija jabina’ sii kenna.—1 Tas. 2:2.

KANA GOCHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

  • Miira barumsa dhiheessituu wajjin walsimuun dubbadhu.

  • Jechoota akka itti amantu argisiisanitti fayyadami.

  • Barumsicha sirriitti hubachuufi jecha mataa keetiin ibsuu hanga dandeessutti akka gaariitti qayyabadhu. Barumsichi dhugaa taʼuusaafi dhaggeeffattoota kan fayyadu taʼuusaa garaa guutuudhaan amanuu qabda.

GILGAALA: Seenaawwan Macaafa Qulqulluu armaan gadii qoradhu: Baʼuu 14:10-14; 2 Mootota 5:1-3; Daani’el 3:13-18; Hojii Ergamootaa 2:22-36. Seenaawwan kana keessatti tajaajiltoonni Yihowaa haala akka itti amanan argisiisuun miirasaanii kan ibsan akkamitti? Akkas akka isaanitti dhagaʼamu kan godhe maalidha? Atoo yeroo harʼaatti miira akkasiitiin yaadakee ibsuu kan dandeessu akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi