LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu Jedhamuun Qayyabannaa Jalqabsiisuun Kan Danda’amu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2006 | Amajjii
    • Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu Jedhamuun Qayyabannaa Jalqabsiisuun Kan Danda’amu Akkamitti?

      Baay’een keenya yeroo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu argannee jalqabsiisnu ni gammanna. Gama kanaanis kitaabni haaraan Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu nu gargaaruu danda’a. Yaanni seensaa ful. 3-7⁠rratti argamu barreeffama kanaan fayyadamanii maree akka jalqaban gochuuf akka gargaaruuf kan qophaa’edha. Babal’istoonni tajaajilarratti muuxannoo hin qabnellee kitaaba kanaan salphaatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu danda’u.

      ◼ Yaada fuula 3⁠rratti argamuun gargaaramtee akkaataa dhiheenyaa kanaan fayyadamuu dandeessa:

      Oduu ykn rakkoo naannoo keessanitti raawwatamaniifi namoota yaaddessu tokko erga caqastee booda, gaaffiiwwan ful. 3⁠rratti qubee fufurdaadhaan barreeffaman itti argisiisuudhaan akka yaada irratti kennu gaafadhu. Achiis gara ful. 4-5⁠tti darbi.

      ◼ Yookiin fakkiiwwan fuula 4-5⁠rra jiran ibsuudhaan jalqabuu filatta ta’a:

      Akkas jechuu dandeessa: “Jijjiiramawwan fakkii kanarratti argaman utuu raawwatamanii hin gammadduu?” Yookiin akkas jettee gaafachuu dandeessa ta’a: “Abdiiwwan kana keessa inni kam utuu raawwatame caalaatti hawwita?” Deebii inni sii kennuu sirriitti dhaggeeffadhu.

      Namni sun caqasawwan achirratti argaman keessaa caqasa tokkoof fedhii addaa yoo argisiise, dhimma kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu kitaabicha keessa keeyyata wanta kana ibsu filuudhaan isa mariisisi. (Saanduqa miiltoo kanarra jiru ilaali.) Barumsicha akkuma qayyabannaan Macaafa Qulqulluun geggeeffamutti qayyabadhaa. Kanas guyyaa jalqabaa balbaluma namootaa dura dhaabannee daqiiqaa shanii hanga kudhanii gidduutti godhamuu kan danda’udha.

      ◼ Akkaataa dhiheenyaa garabiraanimmoo, yaada fuula 6⁠rra jirutti fayyadamuudhaan namni haasofsiisnu ilaalcha mataasaa akka ibsu gochuudha:

      Xiyyeeffannaa namichaa gara gaaffiiwwan ful. 6 mataduricha jalatti argamanitti geessiitii akkas jedhii gaafadhu: “Gaaffiiwwan kana keessaa tokko gaafattee beektaa?” Gaaffiiwwan kana keessaa isa tokkorratti mari’achuuf fedhii yoo qabaate, kitaabicha keessaa gara keeyyatoota gaaffichaaf deebii kennanitti isa geessi. (Saanduqa miiltoo kanarratti argamu ilaali.) Barumsa achirra jiru yeroo mari’attan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessaa jirtu jechuudha.

      ◼ Yaada fuula 7⁠rratti argamuun gargaaramtee hojiin argisiisa Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akkamitti akka jalqabsiifamu itti argisiisuu dandeessa:

      Keeyyata fuula jalqabaarratti argamurraa hima sadii dubbisiif. Achiis gara boqonnaa 3⁠tti ce’uudhaan key. 1-3⁠tti gargaaramuudhaan qayyabannaa akkamitti akka geggeeffamu itti argisiisi. Gaaffiiwwan key. 3⁠rratti argamaniif deebii kennuuf deebitee dhaquuf qophii godhi.

      ◼ Deddeebii Gaaffiitiif Qophii Gochuun kan Danda’amu Akkamitti? Qayyabannaa guyyaa jalqabaa erga gootanii booda, mareen keessan akka itti fufuuf qophii godhaa. Tarii akkas jechuu dandeessa: “Daqiiqaawwan muraasa keessatti, dhimmawwan barbaachisoo ta’anirratti wanta Macaafni Qulqulluun jedhu baranneerra. Yeroo itti aanutti [gaaffii irratti mari’attan tokko kaasuudhaan] yaada kanarratti mari’achuu dandeenya. Torban itti aanutti sa’aatuma akkasiitti yoon dhufe isinii mijaa’aa?

      Guyyaan Yihowaa caalaatti dhihaachaa yeroo adeemu kanatti, hojii raawwachuu qabnuuf nu qopheessuusaa ittuma fufa. (Mat. 28:19, 20; 2 Xim. 3:​17) Meeshaa haaraa Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf gargaaru kanatti akka gaariitti haa fayyadamnu.

  • Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu Jedhamu Akkamitti Raabsina?
    Tajaajila Mootummaa—2006 | Amajjii
    • Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu Jedhamu Akkamitti Raabsina?

      Miiltoon kun yaadawwan seensaa kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu raabsuuf gargaaran adda addaa qabatee jira. Yaadawwan seensaa kana jecha mataakeetiin yoo dubbbatte, akkaataa dhiheenyaakee haala namoota naannoo tajaajilaakee keessatti argamanii wajjin walsimuun yoo jijijjiirteefi matadureewwan kitaabicha keessatti argaman akka gaariitti yoo hubatte bu’aa argachuu dandeessa. Akkaataawwan dhiheenyaa naannoo tajaajilaakeetiif mijaa’aa ta’an garabiraas fayyadamuu ni dandeessa.​—Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005, ful. 6 ilaali.

      Armaagedoon

      ◼ “Namoonni baay’een jecha ‘Armaagedoon’ jedhu yeroo dhaga’an, dimshaashumatti ilmaan namootaa kan balleessudha jedhanii yaadu. Haata’u malee, Armaagedooniin abdiidhaan eeggachuu akka qabnu hubachuunkee si hin dinqisiisuu? [Hanga deebii kennutti eegi; achiis Mul’ata 16:14, 16 dubbisiif.] Armaagedoon booda jireenyi maal akka fakkaatu mee yaada kana ilaali.” Fuula 82-84, key. 21 dubbisiif.

      Macaafa Qulqulluu

      ◼ “Yeroo baay’ee namoonni Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyooti jedhanii dubbatu. Kitaabni namootaan barreeffame kun akkamitti Sagalee Waaqayyoo jedhamuu danda’e jettee gaafatee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis 2 Phexros 1:​21⁠fi ful. 19-20⁠rraa key. 5 dubbisiif.] Kitaabni kun gaaffiiwwan kanaaf Macaafa Qulqulluurraa deebii kenna.” Gaaffiiwwan ful. 6⁠rra jiran itti argisiisi.

      ◼ “Yeroo ammaatti namoonni isa kanaan duraa caalaa odeeffannoo baay’ee argatu. Haata’u malee, gorsa gaarii jireenya gammachiisaa geggeessuuf nu gargaaruu danda’u eessaa argachuu dandeenya jettee yaadaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis 2 Ximotewos 3:​16, 17⁠fi ful. 23⁠rraa key. 12 dubbisiif.] Kitaabni kun karaa Waaqayyoon gammachiisuufi karaa nu fayyaduu danda’u akkamitti jiraachuu akka dandeenyu ibsa.” Taattoofi fakkii ful. 122-123⁠rra jiru itti argisiisi.

      Du’a/Du’aa Ka’uu

      ◼ “Namoonni baay’een du’a booda maaltu ta’a? jedhanii gaafatu. Kana beekuu ni dandeenyaa jettee yaadee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Lallaba 9:5⁠fi ful. 58-59⁠rraa key. 5-6 dubbisiif.] Kana malees, kitaabni kun namoota du’aniif abdii Macaafni Qulqulluun du’aa ka’uu ilaalchisee kenne maal akka ta’e ibsa.” Fakkii ful. 75⁠rra jiru itti argisiisi.

      ◼ “Namni jaallannu yeroo deebinee isa arguu ni hawwina. Dhugaa mitii? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni baay’een abdii Macaafa Qulqulluu du’aa ka’uu ilaalchisee kennurraa jajjabina argataniiru. [Yohannis 5:​28, 29⁠fi ful. 71-72⁠rraa key. 16-​17 dubbisiif.] Boqonnaan kun gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.” Gaaffiiwwan seensaa ful. 66⁠rra jiran itti argisiisi.

      Jireenya Bara Baraa

      ◼ “Namoonni baay’een fayyaa qabaatanii umurii dheeraa jiraachuu barbaadu. Utuu danda’amee barabaraaf jiraachuu ni barbaadaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Mul’ata 21:​3, 4⁠fi ful. 54⁠rraa key. 17 dubbisiif.] Kitaabni kun jireenya bara baraa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’eefi yeroo abdiin kun raawwatamu jireenya akkamii akka jiraannu ibsa.”

      Maatii

      ◼ “Hundi keenyayyuu jireenya maatii gammachuu qabu argachuu barbaanna. Dhugaa mitii? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun tokkoon tokkoon miseensa maatii akka Waaqayyoo jaalala argisiisuudhaan wanta maatiisaatiif gammachuu argamsiisu gochuu akka danda’u dubbata.” Efesoon 5:​1, 2⁠fi ful. 135⁠rraa key. 4 dubbisiif.

      Mana Jireenyaa

      ◼ “Biyyoota hedduutti mana jireenyaa mijaa’aa ta’e argachuun baay’ee rakkisaadha. Yeroo namni hundumtuu mana mataasaa qabaatu ni dhufa jettee yaadaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Isaayaas 65:21, 22⁠fi ful. 34⁠rraa key. 20 dubbisiif.] Kitaabni kun abdii Waaqayyoo kenne akkamitti akka raawwatamu ibsa.”

      Yihowaa

      ◼ “Namoonni Waaqayyootti amanan baay’een isatti dhihaachuu barbaadu. Macaafni Qulqulluun akka isatti dhihaannu akka nu afeeru beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Yaaqoob 4:8a fi ful. 16⁠rraa key. 20 dubbisiif.] Kitaabni kun namoonni Macaafuma Qulqulluusaaniirraa waa’ee Waaqayyoo caalaatti akka beekan gargaaruuf qophaa’e.” Gaaffiiwwan seensa ful. 8⁠rra jiran itti argisiisi.

      ◼ “Namoonni baay’een maqaan Waaqayyoo qulqulluu ta’ee akka eegamuuf kadhatu. Maqaan Waaqayyoo eenyu jettee gaafattee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Faarfannaa 83:18, NW fi ful. 195⁠rraa key. 2-3 dubbisiif.] Kitaabni kun waa’ee Yihowaafi kaayyoo inni ilmaan namootaatiif qabu ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu ibsa.”

      Yesus Kiristos

      ◼ “Namoonni addunyaa maratti argaman waa’ee Yesus Kiristos dhaga’aniiru. Warri tokko tokko inni nama beekamaadha jedhu. Warri kaanimmoo Waaqa Hundumaa Danda’udha jechuudhaan isa waaqeffatu. Yesus Kiristosiin ilaalchisee wanti nuti amannu jijjiirama ni fida jettee yaaddaa?” Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Yohannis 17:3⁠fi ful. 37-38⁠rraa key. 3 dubbisiif. Gaaffiiwwan seensaa boqonnichaarratti akka xiyyeeffatu godhi.

      Kadhannaa

      ◼ “Waaqayyoo kadhannaadhaaf akkamitti deebii kenna jettee gaafattee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis 1 Yohannis 5:​14, 15fi ful. 170-172⁠rraa key. 16-​18 dubbisiif.] Kana malees, boqonnaan kun Waaqayyoon kadhachuu kan qabnu maaliif akka ta’eefi kadhannaa keenya akka nu dhaga’uuf maal gochuu akka qabnu ibsa.”

      Amantii

      ◼ “Namoonni baay’een, amantiiwwan addunyaarratti argaman rakkoowwan dhala namaarra ga’aniif furmaata kan argamsiisan utuu hin ta’in, rakkina kan itti caalchisan ta’uusaanii hubataniiru. Amantiin namoota karaa sirriirra kan geggeessaa jiru sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Maatewos 7:​13, 14⁠fi ful. 145-146⁠rraa key. 5 dubbisiif.] Boqonnaan kun karaawwan waaqeffannaa Waaqayyoo duratti fudhatama qabu beekuuf nu gargaaran ja’a ni ibsa.” Yaadawwan ful. 147⁠rratti ibsaman itti argisiisi.

      Balaa Gaddisiisaa/Rakkoo

      ◼ “Namoonni baay’een yeroo balaawwan gaddisiisoon ga’anitti, dhugumaan Waaqni waa’ee keenya ni yaadaa? Rakkina isaanirra ga’uhoo ni hubataa? jedhanii gaafatu. Atoo waa’ee kanaa gaafatee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis 1 Phexros 5:7⁠fi ful. 11⁠rraa key. 11 dubbisiif.] Kitaabni kun Waaqayyo rakkoowwan dhala namaa akkamitti guutummaatti akka hambisu ibsa.” Gaaffiiwwan seensaa ful. 106⁠rra jiran itti argisiisi.

      Waraana/Nagaa

      ◼ “Namoonni bakka kamiyyuu jiraatan nagaa argachuu hawwu. Lafarratti nagaa argachuu ilaalchisee abdiin kenname abjuudha jettee yaadaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Faarfannaa 46:​8, 9 dubbisiif.] Kitaabni kun Waaqayyo akeekasaa galmaan ga’uudhaan addunyaa maratti akkamitti akka nagaa fidu ibsa.” Fakkii ful. 35⁠rra jiru itti argisiisi; achiis ful. 34-36⁠rraa key. 17-​21⁠rratti hundaa’uudhaan mariisisi.

      [Ibsa fakkii fuula 5rra jiru]

      Karaawwan Akkaataa Buusiin Itti Gaafatamu Ibsuuf Nu Gargaaran

      “Hojii keenya isa addunyaa maratti geggeeffamuuf buusii gochuu yoo barbaade, gammachuudhaanan fudhadha.”

      “Barreeffamoota keenya kaffaltii malee kan kennaman ta’aniyyuu, hojii keenya isa guutummaa addunyaatti geggeeffamu deggeruuf buusii muraasa godhamu ni fudhanna.”

      “Hojiin kun akkamitti raawwatama jettee gaafata ta’a. Hojiin guutummaa addunyaatti hojjetamu kun buusii fedhiidhaan godhamuun geggeeffama. Har’a buusii muraasa gochuu yoo barbaadde gammachuudhaanan fudhadha.”

  • (1) Gaaffii Gaafachuu, (2) Caqasa Caqasuu, (3) Boqonnaa Tokko Baasanii Itti Argisiisuudhaan Qayyabannaa Jalqabsiisuu
    Tajaajila Mootummaa—2006 | Amajjii
    • (1) Gaaffii Gaafachuu, (2) Caqasa Caqasuu, (3) Boqonnaa Tokko Baasanii Itti Argisiisuudhaan Qayyabannaa Jalqabsiisuu

      Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu karaa salphaa ta’een raabsuuf, (1) gaaffii gaafachuu, (2) caqasa yaada sanaa wajjin adeemu dubbisuufi (3) boqonnaa dhimma sana ibsu kitaabicharraa itti argisiisanii gaaffiiwwan matadureesaa jala jiraniin gargaaramuudha. Namni sun fedhii yoo argisiise, seensa boqonnaa kitaabichaatiin gargaaramtee qayyabannaa Macaafa qulqulluu jalqabsiisuu dandeessa. Qayyabannaa jalqabsiisuuf, maree guyyaa jalqabaarratti ykn yeroo deddeebii gaaffiitti mala kanaan gargaaramuun ni danda’ama.

      ◼ Hojii Ergamootaa 17:26, 27 dubbisiitii, “Akka Macaafa Qulqulluurratti caqasametti, ilmaan namootaa Uumaa wanta hundumaa danda’u beekuu danda’u jettee ni yaaddaa?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 1 itti argisiisi.

      ◼ Roomaa 15:4 dubbisiitii, “Rakkoowwan yeroo ammaatti argaman utuu jiranii jajjabinaafi abdii asirratti ibsaman ni arganna jettee yaaddaa?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 2 itti argisiisi.

      ◼ Mul’ata 21:4 dubbisitii, “Utuu humna qabaattee jijjiiramawwan asirratti ibsaman ni fidda turtee?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 3 itti argisiisi.

      ◼ Faarfannaa 37:10, 11 dubbisitii, “Ijoolleen keenya akka faarfannaa bara duriirratti caqasame kanaa gammachuudhaan ni jiraatu jettee yaaddaa?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 3 itti argisiisi.

      ◼ Isaayaas 33:24 dubbisiitii, “Yeroo jechoonni kun itti raawwataman ni dhufa jettee yaaddaa?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 3 itti argisiisi.

      ◼ “Warri du’an wanta namoonni lubbuudhaan jiran hojjetan beekuu laata jettee gaafattee beektaa?” Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Lallaba 9:5 dubbisiifiitii boqonnaa 6 itti argisiisi.

      ◼ Yohannis 5:​28, 29 dubbisiitii, “Akkuma Yesus caqasa kanarratti dubbate michuuwwan keenya warri du’an gaaf tokko deebinee ni arganna jettee yaaddee beektaa?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 7 itti argisiisi.

      ◼ Maatewos 6:​9, 10 dubbisiitii, “Akkuma kadhannaa beekamaa ta’e kanarratti ibsame, jaalalli Waaqayyoo akka waaqarratti ta’u lafarrattis akka ta’u gochuuf maaltu barbaachisa jettee yaadda?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 8 itti argisiisi.

      ◼ 2 Ximotewos 3:​1-4 dubbisiitii, “Yeroo ammaatti yeroo raajiin kun raawwatamaa jiru keessa akka jiraachaa jirru sitti dhaga’amaa?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 9 itti argisiisi.

      ◼ “Namoonni baay’een rakkoon ilmaan namootaa yeroodhaa gara yerootti itti caalaa kan adeemu maaliif jedhanii gaafatu. Mul’ata 12:9 dubbisi. Wanti asirratti caqasame sababii ta’a jettee yaaddee beektaa?” Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 10 itti argisiisi.

      ◼ Iyoob 21:7 dubbisiitii, “Gaaffii akkasiitiif deebii argachuu hin barbaadduu?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 11 itti argisiisi.

      ◼ Efesoon 5:​33 dubbisiitii, “Namoonni gorsa Macaafa Qulqulluu kana utuu hojiirra oolchanii maatiinsaanii akka gammachuu argatu ni gargaara jettee yaaddaa?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 14 itti argisiisi.

      Qayyabannaan kun al lama kan geggeeffame yoo ta’eefi akka itti fufu kan abdatamu yoo ta’e, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jettanii gabaasuu ni dandeessu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi