LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 3/08 ful. 1
  • Wanta Yihowaadhaaf Kenninu Qabna

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanta Yihowaadhaaf Kenninu Qabna
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Annisaa Qusachuu Ilaalchisee Wanta Beekuu Qabdu
    Dammaqaa!—2017
  • Mootummichaaf Aarsaa Ni Kaffaltuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Waaqa Waan Hundumaa Qabuuf kan Kenninu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Tajaajila Keessan Guutummaatti Raawwachaa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2008
km 3/08 ful. 1

Wanta Yihowaadhaaf Kenninu Qabna

1 Namoonni Waaqayyoof wanta tokko kennuu akka danda’an beekta turtee? Abeel horiisaa keessaa kan gagabbatan tokko tokko Yihowaadhaaf aarsaa godheera; Nohiifi Iyoobis aarsaa Yihowaa gammachiisu dhiheessaniiru. (Uma. 4:4; 8:20; Iyo. 1:5) Dhugaadha, wanti hundumtuu kansaa waan ta’eef, aarsaawwan kun Uumaa keenya kan sooromsan hin turre. Haata’u malee, aarsaawwan kun jaalala guddaa namoonni amanamoo ta’an kun Waaqayyoof qaban argisiisaniiru. Har’as yeroo, humnaafi qabeenya keenya “aarsaa galataa” goonee Yihowaadhaaf dhiheessuu dandeenya.—Ibr. 13:15.

2 Yeroo Keenya: Wantoota baay’ee barbaachisaa hin taanerratti yeroo dheeraa ‘dabarsuu dhiisuudhaan,’ tajaajilarratti guutummaatti hirmaachuun keenya baay’ee barbaachisaadha. (Efe. 5:15, 16) Tarii waggaatti ji’a tokkoof ykn isaa oliif qajeelchaa gargaaraa ta’uudhaaf sagantaa keenya sirreessuu dandeenya. Sa’aatii duraan tajaajilarratti dabarsinu guddisuu dandeenya. Torbanitti daqiiqaa dabalataa 30 tajaajilarratti dabarsuudhaan, yoo xinnaate ji’atti tajaajila keenya sa’aatii lamaan guddisuu dandeenya.

3 Humna Keenya: Humna tajaajilarratti itti fayyadamnu argachuuf, bashannanaafi hojiiwwan garmalee nu dadhabsiisuudhaan Yihowaadhaaf wanta gaarii akka hin kennine nu godhanirraa fagaachuu qabna. Kana malees, yaaddoowwan humna Waaqayyoon tajaajiluuf itti gargaaramnu nu jalaa fixuudhaan ‘gad nu qabanirraa’ fagaachuu qabna. (Fak. 12:25) Wantoonni dhugumaan nu yaaddessan yoo jiraataniyyuu, ‘wanta yaada nutti ta’u Waaqayyotti ganne dhiisuun’ keenya barbaachisaadha.—Far. 55:22; Filp. 4:6, 7.

4 Qabeenya Keenya: Hojii lallabaa kana deggeruuf yeroofi humna keenyaan alattis, qabeenya keenya kennuu dandeenya. Phaawulos, Kiristiyaanonni obbolootasaa ta’an warra rakkina keessa jiran gargaaruu akka danda’aniif yeroo hundaa ‘hamma wal isaanii qixxaate akka walitti buusan’ jajjabeessee ture. (1 Qor. 16:1, 2) Haaluma wal fakkaatuun, nutis baasii gumiifi hojii addunyaa maraatiif qarshii ramannee buusii gochuu dandeenya. Wanti kenninu xinnoo yoo ta’eyyuu, Yihowaan wanta garaadhaa kennine ni dinqisiifata.—Luq. 21:1-4.

5 Yihowaan waan hedduu nuu kenneera. (Yaq. 1:17) Yeroo, humnaafi qabeenya keenya kan biraa tajaajilasaatiif oolchuudhaan dinqisiifannaa keenya argisiifna. ‘Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf,’ kana gochuun keenya Yihowaa gammachiisa.—2 Qor. 9:7.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi