-
Markabni Tokko Biyya Bishaan Gidduu Jirtu Tokko Biratti CabeKitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
-
-
SEENAA 112
Markabni Tokko Biyya Bishaan Gidduu Jirtu Tokko Biratti Cabe
MEE ilaali! markaba kanarra rakkoon ga’eera. Caccabaa jira. Namoota gara bishaanichaatti utaalanii ba’an argitee? Warri tokko tokkommoo galaanicha keessaa ba’aa jiru. Namni fakkii kanarratti argamu Phaawulosidhaa? Mee wanta isa mudate haa ilaallu.
Phaawulos waggaa lamaaf Qiisaariyaatti hidhamee akka ture yaadadhu. Inniifi namoonni isaa wajjin hidhamanii turan markabaan gara Roomaatti geessamaa jiru. Qareexis, biyyattii bishaan gidduu jirtu bira utuu darbaa jiranii bubbee hamaan ka’e. Bubbichi cimaa waan tureef jarreen markabicha oofuu hin dandeenye. Akkasumas guyyaa aduu; halkanimmoo urjii arguu hin dandeenye. Dhumarratti, guyyaa baay’ee booda, namoonni markabicharra turan abdii kutatan.
Kana booda, Phaawulos ka’ee: ‘Markabicha qofaatu caba malee isin keessaa namni tokkollee hin du’u. Halkan ergamaan Waaqayyoo na bira dhufee, “Yaa Phaawulos hin sodaatin! Mootii Roomaa dura dhaabachuuf jirta. Kunoo, Waaqayyo ayyaana isaatiin, namoonni si duukaa jiran hundinuu du’aa akka oolan, in godha” anaan jedheera jedhe.
Bubbichi ka’ee guyyaa 14ffaatti, gara halkan walakkaa yeroo ta’u, namoonni markabicha keessa turan bishaanichi hir’achaa akka dhufe hubatan. Dukkana waan tureef, dhagaa bishaan keessa jiruu wajjin akka walitti hin buuneef qofoo sibilaa isa ittiin markaba dhaaban galaana keessatti gadi darbatan. Buleesaa ganama golba galaanaa argan. Markabicha gara qarqara bishaanichaatti geessuu barbaadan.
Qarqara galaanichaatti yemmuu dhihaatan, markabichi tuullaa cirrachaa wajjin walitti bu’e. Achiis, bubichi isa rukkutuu jalqabe; yeroo kanatti markabichi caccabuutti ka’e. Geggeessaan loltoota waraanaa tokko: ‘Warri daakaa dandeessan gara bishaanichaatti utaalaatii gara qarqara galaanaatti ba’aa. Warri haftanimmoo, caccabaa markabichaa qabadhaatii duukaa bu’aa’ isaaniin jedhe. Jarris akkuma jedhaman godhan. Akka kanaan, namoonni markabarra turan 276 ta’an hundi, akkuma ergamichi waadaa galetti nagaadhaan qarqara galaanaa ga’an.
Biyyattiin bishaan gidduu jirtu Malaaxiyaa jedhamti. Namoonni biyya sanaa baay’ee gaarii turan; namoota markabattirraa bu’aniif wanta isaan barbaachisu hundumaa godhaniif. Haalli qilleensaa yemmuu sirraa’u Phaawulos markaba kan biraatiin gara Roomaatti geessame.
-
-
Phaawulos Roomaa KeessattiKitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
-
-
SEENAA 113
Phaawulos Roomaa Keessatti
SANSALATA Phaawulosirra jiruufi loltuu Roomaa isa eegaa jiru ilaali. Phaawulos Roomaatti hidhamee jira. Waan Mootiin Roomaa murteessu eeggachaa jira. Bakka hidhameetti namoonni dhufanii akka isa gaafatan heyyamameefii ture.
Phaawulos gara Roomaatti erga geessamee guyyaa sadii booda, geggeessitoonni amantii Yihudii tokko tokko akka dhufanii isa ilaalaniif itti erge. Kanaafuu, Yihudoonni Roomaa keessa jiran baay’een garasaa dhufan. Phaawulosis waa’ee Yesusiifi waa’ee mootummaa Waaqayyoo isaanii lallabe. Warri tokko tokko amananii Kiristiyaanota ta’an; kaan garuu hin amanne.
Phaawulos loltoota adda addaa isa eegaa turaniifis lallabeera. Phaawulos bakka kanatti waggaa lamaaf hidhamee yeroo turetti hamma danda’e namoota baay’eedhaaf lallabeera. Kanaan kan ka’es, maatii Mootichaa keessaallee tokko tokko misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo dhaga’anii Kiristiyaanota ta’aniiru.
Inni Phaawulosiin gaafachuu dhufeefi barreessaa jiru eenyu sitti fakkaata? Mee yaali? Eyyee, Ximotewosidha. Ximotewos waa’ee Mootummaa Waaqayyoo lallabuusaatiin hidhamee ture; booda, garuu hiikameera. Kan as dhufe Phaawulosiin gargaarufidha. Ximotewos maal akka barreessaa jiru beektaa? Mee haa ilaallu.
Seenaa 110rratti waa’ee magaalota Filiphisiiyusiifi Efesoon barachuu keenya ni yaadattaa? Phaawulos magaalota kanatti gumiin akka dhaabatu gargaareera. Amma Phaawulos utuu hidhamee jiruu Kiristiyaanota kanaaf xalayaa barreesseef. Xalayaawwan kun Macaafa Qulqulluu keessatti kan argaman yeroo ta’an, Efesooniifi Filiphisiiyus jedhamanii waamamu. Phaawulos Kiristiyaanota Filiphisiiyus keessa jiraataniif maal jedhee akka barressu Ximotewositti himaa jira.
Kiristiyaanonni Filiphisiiyus jiran Phaawulosiif baay’ee yaadu turan. Mana hidhaa kana keessa utuu jiruu kennaa erganiifii turan; kanaaf isaan galateeffachaa jira. Namni kennaa kana fide Ephafrodixos jedhama. Innis, baay’ee dhukubsatee du’uu ga’ee ture. Amma garuu itti wayyaa’ee gara biyyasaatti deebi’uuf jedha. Gara Filiphisiiyusitti yemmuu deebi’u xalayaa kana Phaawulosiifi Ximotewos harkaa fuudhee adeema.
Phaawulos utuu mana hidhaa jiruu, xalayaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman kan biraas lama barreessera. Inni tokko Kiristiyaanota magaalaa Qolosaayis keessa jiraniif kan barreeffamedha. Xalayaan kun maal jedhamee akka waamamu beektaa? Qolosaayis jedhama. Inni kaanimmoo michuusaa kan ta’e Filemon, isa Qolosaayis keessa jiraatuuf dhuunfaatti kan barreeffamedha. Xalayichi waa’ee hojjetaa Filemon, isa Oneesimos jedhamuu kan dubbatudha.
Oneesimos Filemon jalaa badee gara Roomaa dhufee ture. Oneesimos, Phaawulos akka Roomaatti hidhame nama tokkorraa dhaga’uu hin oolu. Kanaafuu, Phaawulosiin gaafachuu dhufe; innis ni lallabeef. Utuma hin turin Oneesimos Kiristiyaana ta’e. Amma badee dhufusaatti baay’ee gadde. Kanaafuu, xalayaa kanarratti Phaawulos Filemoniif waa’ee maalii akka barreessu beektaa?
Phaawulos, Filemon Oneesimosiif dhiifama akka godhu gaafate. Akkas jedhee barreesseef: ‘Deebisee gara keetti isa ergeera. Amma hojjetaa kee qofaa miti; obboleessa Kiristiyaanaa jaallatamaadha.’ Oneesimos gara Qolosiyaasitti yommuu deebi’u, xalayaawwan lamaan kana, tokko warra Qolosaayisiif, kaanimmoo Filemoniif geesse. Filemon, hojjetaansaa Kiristiyaana ta’uusaa yeroo beeku baay’ee gammada.
Xalayaawwan Phaawulos warra Filiphisiiyusiifi Filemoniif barreesse misiraachoo kan qabatan turan. Phaawulos warra Filiphisiiyusiin: ‘Ximotewosiin gara keessanitti nan erga. Anis yeroo dhihootti dhufeen isin ilaala’ isaaniin jedhe. Filemoniifimmoo: ‘Iddoon itti boqodhu naa qopheessi!’ jedhee barreesseef.
Phaawulos mana hidhaatii yommuu gadhiifamu, obboloota Kiristiyaanaa ilaaluuf bakka baay’ee dhaqeera. Haata’u malee, Phaawulos ammas Roomaatti hidhame. Yeroo kanatti akka ajjeeffamu beeka ture. Kanaafuu, Ximotewos dafee garasaa akka dhufu barreesseef. Phaawulos: ‘Ani Waaqayyoof amanamaa ta’eera. Waaqayyos na badhaasa’ jedhee barreesse. Phaawulos erga ajjeefamee waggoota muraasa booda, Yerusaalem ammas ni balleeffamte; Yeroo kanatti kan balleeffamte warra Roomaatiin ture.
Haata’u malee, wantonni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman baay’eedha. Yihowaan, Yohannis ergamaan macaafa Mul’ataa dabalatee, macaafotasaa warra dhumaa akka barreessu godheera. Kutaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e macaafni Mul’ataa waa’ee gara fulduraa ni dubbata. Amma, wanta gara fulduraatti ta’u haa ilaallu.
-