LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bh ful. 3-7
  • Kun Kaayyoo Waaqayyoo Turee?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kun Kaayyoo Waaqayyoo Turee?
  • Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • MACAAFNI QULQULLUUN WAAQAYYO WANTOOTA KANAA GADITTI ARGAMAN LAFARRATTI AKKA RAAWWATU DUBBATA.
  • WANTA MACAAFNI QULQULLUUN BARSIISURRAA FAAYIDAA ARGADHU
Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
bh ful. 3-7

Kun Kaayyoo Waaqayyoo Turee?

GAAZEXAA kamiyyuu yoo dubbiste, televijiinii yoo ilaalte ykn raadiyoonii yoo dhaggeeffatte, wanti dubbistus ta’e wanti ilaaltu ykn wanti ati dhaggeeffattu garri caalaansaa yakka, waraanaafi goolii uumtummaa wajjin kan wal qabatedha! Atumtiyyuu mee waa’ee rakkoowwan sirra ga’an yaadi. Tarii dhukkubaan dhiphachaa jirta ta’a; ykn nama jaallattu tokko du’aan dhabuudhaan gaddi guddaan sirra ga’eera ta’a. Kanaan kan ka’es akka Iyoob inni nama qajeelaa ture ‘gadi qabamuudhaan liqimfameera’ jedhee dubbatetti sitti dhaga’amuu danda’a.—Iyoob 10:15.

Akkas jedhii of gaafadhu:

  • Kaayyoon Waaqayyo anaafis ta’e namoota kaaniif qabu kana turee?

  • Gargaarsa rakkoowwan mo’uuf na dandeessisu eessaan argachuu danda’a?

  • Lafa kanarratti yeroo nagaan itti dagaagu ni dhufaa laata?

Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf deebii quubsaa kenna.

MACAAFNI QULQULLUUN WAAQAYYO WANTOOTA KANAA GADITTI ARGAMAN LAFARRATTI AKKA RAAWWATU DUBBATA.

“Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!”​—Mul’ata 21:4

“Namni naafti akka borofaa in utaala.” —Isaayaas 35:6

“Iji warra jaamotaa in banama.”​—Isaayaas 35:5

“Warri du’anii awwaalaman . . . awwaala keessaa in ba’u.”​—Yohannis 5:28, 29

“Isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”​—Isaayaas 33:24

“Biyyicha keessa midhaan baay’atee irraa haa hafu.”​—Faarfannaa 72:16

Dhiirota kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti fayyadamanii Macaafa Qulqulluu qo‵achaa jiran

WANTA MACAAFNI QULQULLUUN BARSIISURRAA FAAYIDAA ARGADHU

Yaadawwan fuula darbanirratti ibsaman hawwii malee wantoota raawwatamuu danda’an miti jettee murteessuuf hin jarjarin. Waaqayyo wantoota kana akka raawwatu waadaa kan galee yeroo ta’u, Macaafni Qulqulluunis Waaqayyo abdiiwwan kana akkamitti akka raawwatu ibsa.

Dhiirota kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti fayyadamanii Macaafa Qulqulluu qo‵achaa jiran

Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun faayidaa kana caalu qaba. Yeroo ammaattillee jireenya gammachuu qabu akka jiraattu si barsiisa. Mee yeroo muraasaaf waa’ee wantoota si yaaddessaniifi si dhiphisanii yaadi. Tarii rakkoowwan kun qarshii, maatii, fayyaa ykn nama jaallattu du’aan dhabuu wajjin kan wal qabatan ta’uu danda’u. Macaafni Qulqulluun yeroo ammaatti rakkoowwan kana mo’uu akka dandeessu si gargaaruusaarrayyuu, gaaffiiwwan kanaa gaditti dhihaataniif deebii kennuudhaan gammachuu siif argamsiisuu danda’a:

  • Rakkinni kan nurra ga’u maaliifi?

  • Dhiphina bu’aa ba’iin jireenyaa nurraan ga’u mo’uu kan dandeenyu akkamitti?

  • Maatiin keenya akka gammachuu argatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Yeroo duunu maal taana?

  • Jaalleewwan keenya du’aan dhabne deebisnee ni argannaa?

  • Wantoota Waaqayyo gara fuulduraatti raawwatu ilaalchisee abdii kenne akka raawwatu akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?

Kitaaba kana dubbisuu jalqabuunkeeyyuu wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu baruu akka barbaaddu kan argisiisudha. Gama kanaan Macaafni kun si gargaara. Keeyyatawwan miiljaleesaaniitti gaaffii qabaachuusaanii qalbeeffadhu. Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman akkaataa kanaan gaaffiifi deebiidhaan Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuunsaanii baay’ee isaan gargaareera. Atis akka faayidaa argattu ni abdanna. Beekumsa Macaafa Qulqulluu isa sirrii ta’e argachuuf carraaqqii gooturratti eebbi Waaqayyoo akka si wajjin ta’u hawwii keenyadha!

MACAAFA QULQULLUU WAJJIN WAL BARI

Macaafni Qulqulluun kitaabawwan 66fi ergaawwan garagaraa of keessaa qaba. Kitaabotaafi ergaawwan kana salphaatti baasuun akka danda’amutti boqonnaafi lakkoofsaan hiramaniiru. Kitaaba kana keessatti yeroo caqasoonni caqasaman lakkoofsi jalqabarratti maqaa kitaabichaatti aanee argamu boqonnaa Macaafa Qulqulluu kan argisiisu yeroo ta’u, lakkoofsi itti aanee jirummoo lakkoofsa boqonnichaa kan argisiisudha. Fakkeenyaaf, “2 Ximotewos 3:16” jechuun, Ximotewos isa lammaffaa boqonnaa 3 lakkoofsa 16 jechuudha.

Caqasawwan kitaaba kana keessatti caqasaman baastee dubbisuudhaan Macaafa Qulqulluu wajjin daftee wal baruu dandeessa. Kana malees Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaan dubbisuuf maaliif sagantaa hin baafattu? Guyyaa guyyaan boqonnaa sadii hanga shaniitti dubbisuudhaan Macaafa Qulqulluu waggaa tokko keessatti dubbistee fixuu dandeessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi