LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • fy boq. 1 ful. 4-12
  • Maatiin Gammachuu Akka Argatu Wanti Gargaaru Jiraa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maatiin Gammachuu Akka Argatu Wanti Gargaaru Jiraa?
  • Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • MAATIIN MAALIDHA?
  • MAATIIN DHIPHINA KEESSA JIRA
  • MAATIIN GAMMACHUU ARGACHUU KAN DANDA’U AKKAMITTI?
Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
fy boq. 1 ful. 4-12
Fakkii guutuu fuula 4rra jiru

BOQONNAA TOKKO

Maatiin Gammachuu Akka Argatu Wanti Gargaaru Jiraa?

Fakkii fuula 5rra jiru

1. Hawaasa ilmaan namootaa keessatti maatii jabaan barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

MAATIIN dhaabbata jalqaba lafarratti hundaa’e yommuu ta’u, hawaasa ilmaan namootaa keessattis gahee guddaa qaba. Seenaa keessatti akka ilaalametti, maatii jabaan hawaasa jabaa argamsiisa. Ijoollee ga’eessota ta’an guddisuuf maatiin dhaabbata hunda caaludha.

2-5. (a) Maatii gammachuu qabu keessatti wanta mucaa tokkotti dhaga’amu ibsi. (b) Maatiiwwan tokko tokko keessa rakkinni akkamii akka jirutu ibsame?

2 Maatiin gammachuu qabu bakka tasgabbiifi eegumsa namaaf argamsiisudha. Mee waa’ee maatii gaarii tokkoo yeroodhaaf haa yaannu. Sa’aatii irbaataatti, warri jaalala qaban ijoolleesaanii wajjin taa’anii wanta guyyaa sana isaan mudaterratti mari’atu. Ijoolleen wanta mana barumsaatti isaan mudate gammachuudhaan kolfaa haadhaafi abbaasaaniitti himu. Yeroo bashannansiisaan waliin dabarsan kun guyyaa ittaanuuf hundasaanii haaromsa.

3 Maatii gammachuu qabu keessatti, mucaan tokko, yeroo inni dhukkubsatu abbaafi haatisaa tarii halkan guutuu dabareedhaan isa bira taa’anii akka isa kunuunsan beeka. Rakkina ijoollummaasaatti isa mudate haadha ykn abbaasaatti himuudhaan gorsaafi gargaarsa argachuu akka danda’u beeka. Eeyyee, rakkina akkamiitiiniyyuu yoo marfame, eegumsa akka argatu itti dhaga’ama.

4 Ijoolleen yommuu guddatan gaa’ela godhatanii maatii ofiisaanii qabaatu. Mammaaksi Baha Fagoo tokko, “Namni tokko wanta warrisaa isaaf godhan kan hubatu yommuu ijoollee godhatudha” jedha. Ijoolleen guddatan kun, galataafi jaalala garaadhaa maddeen maatiinsaanii gammachuu akka qabaatu gochuuf yaalu; haadhaafi abbaasaanii warra dulloomaa jiraniifi ijoollee ijoolleesaanii arguusaanitti gammadanis ni kunuunsu.

5 Kanarraa ka’uudhaan akkas jettee yaadda ta’a: ‘Anis maatiikoo nan jaalladha, haata’u malee haalli maatiikootii akka maatii armaan olitti ibsamee miti. Aniifi hiriyaan gaa’elaakoo sagantaan keenya garaagara waan ta’eef waliyyuu hin arginu. Yoo wal argines yeroo baay’ee kan haasofnu waa’ee rakkina qarshiiti.’ Yookiinimmoo, ‘Ijoolleenkoofi ijoolleen ijoolleekoo kan jiraatan magaalaa garabiraa waan ta’eef isaanii wajjin wal arguu hin danda’u’ jetta ta’a. Sababiiwwan humna miseensota maatiitii ol ta’aniin kan ka’e, jireenyi maatiiwwan hedduu kan nama hin gammachiisne ta’uunsaa dhugaadha. Maatiiwwan tokko tokko garuu gammachuu qabu. Akkamitti? Maatiin gammachuu akka argatu wanti gargaaru jiraa? Deebiinsaa eeyyee kan jedhudha. Maatiin tokko gammachuu akka argatu wanti godhu maal akka ta’e mari’achuu keenya dura gaaffii barbaachisaa ta’e tokko deebisuu qabna.

MAATIIN MAALIDHA?

6. Kitaaba kana keessatti waa’ee maatii isa akkamii mari’anna?

6 Biyyoota Lixaatti maatiin yeroo baay’ee, abbaa, haadhaafi ijoollee kan qabatanidha. Akkoofi akaakayyuun hamma humnisaanii danda’etti mana ofiisaanii keessa jiraatu. Firoota fagoo wajjin walitti dhufeenyisaanii kan itti fufu ta’us, isaanii wajjin haala wal qabateen wanti godhamu xinnoodha. Kitaaba kana keessatti kan mari’annu, waa’ee abbaa, haadhaafi ijoolleedha. Haata’u malee, yeroo har’aa maatiiwwan haadha ykn abbaa qofa qaban, haadha ykn abbaa buddeenaa qaban, akkasumas warrisaanii sababii tokkoon gargar ba’an garmalee baay’achaa deemaniiru.

7. Maatii bal’aan kan akkamiiti?

7 Aadaawwan baay’ee keessatti maatii bal’aan kan baramedha. Maatii akkasii keessatti yoo danda’ame akkoofi akaakayyuun ijoolleesaaniitiin kunuunsi ni godhamaaf; firootasaanii wajjinillee walitti dhufeenya cimaa waan qabaniif isaan gargaaruufis itti gaafatamummaan isaanirra jira. Fakkeenyaaf, miseensonni maatii durbiiwwansaanii ykn firoota fagoo ta’an guddisuuf ykn barsiisuuf gargaarsa godhu. Seerri bu’uuraa kitaaba kana keessatti irratti mari’atamu, maatiiwwan bal’aa ta’an akkasiitiifis ni hojjeta.

MAATIIN DHIPHINA KEESSA JIRA

8, 9. Rakkoo biyyoota tokko tokko keessa jiru kamtu haalli maatii jijjiiramaa akka jiru argisiisa?

8 Yeroo har’aa jireenyi maatii haala gadheetti jijjiiramuunsaa kan nama gaddisiisudha. Haalli biyya Hindii kanaaf fakkeenya ta’a; haati manaa maatii abbaa manaashee wajjin kan jiraattu yommuu ta’u, qajeelfama warrasaa jala ta’uudhaan mana keessaa hojjetti. Yeroo ammaatti garuu dubartoonni Hindii hojii alaa barbaaddachuunsaanii kan barame ta’eera. Haata’u malee, akkuma aadaa biyyichaatti gahee mana keessatti qabanis akka raawwatan isaanirraa eegama. Gaaffiin biyyoota hedduutti ka’u, Dubartiin hojii alaa hojjettu tokko, miseensota maatii kaanii wajjin yeroo waliin ilaalamu mana keessatti akka hojjettu kan irraa eegamu hammamidha? kan jedhudha.

9 Aadaa naannoowwan Baha Fagootti, walitti dhufeenya maatii cimaatu jira. Haata’u malee, namoonni naannoo gara Lixaa of danda’anii jiraachuutti amanan, akkasumas rakkinni dinagdee dhiibbaa waan isaanirra geessiseef, walitti dhufeenya maatii bal’aa keessa jiru laaffisaa jiru. Kanaan kan ka’es namoonni baay’een, miseensota maatii dullooman kunuunsuu akka ba’aatti malee akka itti gaafatamummaatti ykn akka mirga addaatti hin ilaalan. Warra dullooman tokko tokkorra miidhaan ga’eera. Dhugaadha, yeroo har’aa maanguddoonni miidhaan irra ga’uufi dagataman biyyoota baay’ee keessa jiru.

10, 11. Biyyoota Awurooppaa keessatti haalli maatii jijjiiramaa akka jiru kan argisiisu maalidha?

10 Wal hiikuun baay’ee kan barame ta’aa dhufeera. Biyya Ispeenitti, waggoota kurnan bara 1990 kaasanii jiranitti, lakkoofsi namoota wal hiikanii waan baay’ateef gaa’ela 8 keessaa 1 sadarkaa diigamuurra ga’eera; waggaa 25 dura garuu gaa’eloota 100 keessaa kan diigamu 1 qofa kan ture yommuu ta’u, kunis lakkoofsisaa saffisaan dabalaa akka jiru argisiisa. Biyyoota Awurooppaa keessaa baay’ina gaa’eloota diigamaniin tokkoffaa kan taate Biritaaniyaa keessatti (gaa’ela 10 keessaa 4 ni diigama) lakkoofsi maatiiwwan haadha ykn abbaa qofaan bulanii saffisaan dabaleera.

11 Biyya Jarman keessatti namoonni baay’een maatii hundeeffatanii jiraachuu guutummaatti dhiisaa kan jiran fakkaatu. Bara 1990⁠tti maatiiwwan Jarman keessatti argaman keessaa dhibbeentaan 35 nama tokko qofa kan qabu yommuu ta’u, dhibbeentaan 31⁠mmoo namoota lama qofa kan qabatedha. Namoota biyya Faransaayi keessaa baay’eensaanii gaa’ela kan hin godhanne yommuu ta’u, warra gaa’ela godhatan keessaammoo hedduunsaanii utuu baay’ee hin turin wal hiiku. Namoonni itti gaafatamummaa gaa’elaa keessa utuu hin galin akkasumaan waliin jiraachuu barbaadan lakkoofsisaanii baay’ee dabalaa jira. Addunyaa maratti haalli akkasii mul’achaa jira.

12. Yeroo ammaa haalli maatii jijjiiramuusaatiin ijoolleen kan rakkatan akkamitti?

12 Ijoolleerrahoo maaltu ga’aa jira? Biyya Ameerikaattis ta’e biyyoota kan biraatti, ijoollee baay’een namoota seeraan wal hin fuuneen, kaanimmoo dargaggoota umrii kurnanii keessa jiraniin dhalatu. Dubartoonni umrii kurnanii keessa jiran hedduun dhiirota addaddaarraa ijoollee baay’ee godhataniiru. Gabaasni addunyaa mararraa argamu, ijoolleen mana hin qabne hedduun karaarra akka jooran argisiisa; baay’eensaanii maatii miidhaa isaanirra geessisu keessaa kan baqatan ykn ijoollee maatiin isaan gargaaruu hin dandeenye isaan ari’edha.

13. Rakkoowwan babal’atan akkamiitu maatii gammachuu dhabsiisaa jira?

13 Eeyyee, maatiirra rakkoon ga’aa jira. Wantoota armaan olitti caqasamaa turan malees, hammeenyi ijoolleen umrii kurnanii keessatti argaman raawwatan, miidhaan ijoolleerra ga’u, hiriyaa gaa’elaa reebuun, araada dhugaatii alkoolii qabaachuuniifi rakkoowwan kaanis maatiin gammachuu akka dhabu godhaniiru. Ijoolleefi ga’eessota hedduudhaaf maatiin bakka boqonnaa itti argatan ta’uu hin dandeenye.

14. (a) Akka namoonni tokko tokko jedhanitti maatiin rakkinaan kan guutame maaliifi? (b) Hayyuun seeraa jaarraa jalqabaa tokko addunyaa har’a jiru kan ibse akkamitti? Wanti inni dubbate raawwatamuunsaa jireenya maatiirratti dhiibbaa akkamii geessiseera?

14 Maatiin rakkinaan kan guutame maaliifi? Namoonni tokko tokko, sababiinsaa dubartoonni alaa hojjechuu jalqabuusaaniiti jechuudhaan komii dhiheessu. Kaanimmoo, yeroo har’aa amalli gadheen babal’achuusaati jedhu. Sababiiwwan gara biraanis ni caqasamu. Waggoota kuma lamaa ol dura, hayyuun seeraa beekamaan tokko wanta kanaa gadi jiru barreessuudhaan dhiibbaawwan hedduun maatii akka miidhan raajii dubbatee ture: “Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan akka dhufu hubadhu! Namoonni warra ofittoo, sassatoota, of-jajoo, afuufamoo, arrabsituuwwan, warra abboota isaanii fi haadhota isaaniif hin abboomamne, galata hin qabnee, warra wanta qulqullaa’aadhaan morman in ta’u. Warra jaalala of keessaa hin qabne, warra araara hin jaallanne, warra maqaa namaa balleessan, warra of hin qabne, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii jibban, warra dabarsanii nama kennan, warra eeggannaa hin qabne, warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan ta’uuf jiru.” (2 Ximotewos 3:1-4) Jechoonni kun yeroo ammaatti raawwatamaa akka jiran kan hin amanne jiraa? Addunyaa haala akkasii qabu keessatti maatiin rakkinaan guutamuunsaa nama dinqisiisaa?

MAATIIN GAMMACHUU ARGACHUU KAN DANDA’U AKKAMITTI?

15-17. Kitaaba kana keessatti, karaa maatiin gammachuu itti argatu macaafa kam akka ta’etu ibsame?

15 Gorsi maatiin tokko akkamitti gammachuu argachuu akka danda’u ibsu bakka addaddaatii argama. Biyyoota gara Lixaatti, kitaabotaafi barruulee gorsa kennan baay’eetu maxxanfama. Rakkoonsaa garuu, gorsi ilmaan namootaarraa argamu kan wal faallessu waan ta’eef, gorsi har’a gaariidha jedhame bor faayidaa kan hin qabne ta’uu danda’a.

16 Erga akkas ta’ee qajeelfamni maatii amansiisaa ta’e eessaa argama? Kitaaba waggoota 1,900 dura barreeffamee xumurame maaliif hin qortan? Moo, kitaabni akkasii kan yeroon itti darbe waan ta’eef gatii hin qabu jettanii yaadduu? Dhugaa dubbachuuf garuu, karaa sirriin maatiin gammachuu itti argachuu danda’u macaafa kana keessatti argama.

17 Macaafni kun Macaafa Qulqulluudha. Ragaawwan hundi akka argisiisanitti, macaafichi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffamedha. Macaafa Qulqulluu keessatti yaada akkas jedhu arganna: “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leenjisuudhaaf dhimma in baasa.” (2 Ximotewos 3:16) Dhiphinaafi rakkina yeroo ammaatti maatiiwwan mudatu “qajeelchuuf” Macaafni Qulqulluun akkamitti akka isin gargaaru akka hubattan karaa barreeffama kanaa isin jajjabeessina.

18. Gorsi gaariin maatiidhaaf ta’u Macaafa Qulqulluu keessatti akka argamu amanuun sirrii kan ta’e maaliifi?

18 Macaafni Qulqulluun maatiiwwan gammachuu akka qabaatan gargaaruu kan danda’u ta’uusaa yoo shakkitan, yaada kanatti aanu ilaalaa: Macaafa Qulqulluu geggeessaa hafuurasaatiin kan barreessise, Waaqa isa gaa’ela hundeessedha. (Uumama 2:18-25) Macaafni Qulqulluun maqaansaa Yihowaadha jedha. (Faarfannaa 83:18, NW) Inni, Uumaafi ‘Abbaa maatiin hundinuu maqaasaa irraa argatedha.’ (Efesoon 3:14, 15, NW) Yihowaan jalqaba ilmaan namootaatii kaasee haala jireenya maatii daawwachaa tureera. Rakkoo uumamuu danda’u waan beekuuf, gorsa rakkoo kanaaf furmaata ta’u kenneera. Seenaarraa akka hubannutti, namoonni seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu maatiisaanii keessatti hojiirra oolchan gammachuu guddaa argataniiru.

19-21. Muuxannoowwan yeroo ammaatti argaman kamtu Macaafni Qulqulluun rakkina gaa’ela keessatti uumame hiikuuf humna qabaachuusaa argisiisa?

19 Fakkeenyaaf, haati manaa biyyaa Indooneeshiyaa keessa jiraattu tokko qumaara taphachuun araada itti ta’ee ture. Waggoota baay’eedhaaf ijoolleeshee sadaniif dhimma kan hin qabne yommuu taatu, abbaa manaashee wajjinis yeroo hunda wal lolti turte. Booddee Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabde. Suuta suutaanis wanta Macaafni Qulqulluun jedhutti amante. Gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra yeroo oolchitu haadha manaa gaarii taate. Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan carraaqqii isheen goote maatiisheetiif gammachuu argamsiiseera.

20 Haati manaa biyya Ispeen keessa jiraattu tokko akkas jetti: “Rakkinni guddaan uumamuu kan jalqabe wal fuunee waggaa tokko akkuma turreenidha.” Isheeniifi abbaan manaashee walii galuu hin dandeenye; yeroo waliin mormaniin ala yeroo kan biraatti walitti hin dubbatan. Intala xinnoo qabaataniyyuu seeraan wal hiikuuf murteessan. Kun ta’uusaa dura garuu Macaafa Qulqulluu akka dubbisan gorfaman. Gorsa Macaafni Qulqulluun abbootii manaafi haadhotii manaatiif kennu erga qayyabatanii booda hojiirra oolchuu jalqaban. Yeroo gabaabaa booda, nagaadhaan waliin haasa’uu kan jalqaban si’a ta’u, maatiinsaanii inni xinnoonis gammachuufi tokkummaa argachuu danda’eera.

21 Macaafni Qulqulluun namoota dulloomanis ni gargaara. Fakkeenyaaf, muuxannoo haadha manaafi abbaa manaa biyya Jaappaan tokko ilaalaa. Abbaan manaa nama obsa hin qabneefi yeroo tokko tokkos kan nama rukutu ture. Dura ijoolleensaanii warri durbaa, warrisaanii isaaniin mormaniyyuu Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqaban. Achiis abbaansaanii qayyabachuu jalqabe; haati garuu mormuushee itti fufte. Waggoota baay’ee booda jijjiirama Macaafni Qulqulluun maatiisheerratti fide hubatte. Ijoolleenshee baay’ee kan ishee kunuunsan yommuu ta’u, abbaan manaashees baay’ee garraamii ta’e. Jijjiiramni kun haadhattiinis Macaafa Qulqulluu akka qayyabattu ishee godhe; akkas gochuunshee isheerrattis jijjiirama gaarii fide. Dubartiin dulloomte kun, “Reefuu abbaa manaafi haadha manaa dhugaa taane” jechuudhaan irra deddeebitee dubbatti.

22, 23. Macaafni Qulqulluun namoonni saba hundumaa keessatti argaman jireenya maatiisaanii keessatti gammachuu akka argatan kan gargaaru akkamitti?

22 Namoonni kun, namoota hedduu karaa maatiin gammachuu itti argatu baratan keessaa muraasadha. Gorsa Macaafa Qulqulluu fudhatanii hojiirra oolchaniiru. Dhugaadha, akkuma warra kaanii isaanis addunyaa hammeenyaafi amala addaggummaatiin guutame, akkasumas rakkoo dinagdeetiin qabame keessa jiraatu. Cubbamoo ta’aniyyuu, wanta Waaqa isa gaa’ela hundeesse gammachiisu gochuuf yaaluudhaan gammachuu argataniiru. Akkuma Macaafni Qulqulluun jedhu, Yihowaan “isa wanta waa’ee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.”—Isaayaas 48:17.

23 Macaafni Qulqulluun barreeffamee kan xumurame waggoota kuma lamaan dura ta’us, gorsisaa yeroo ammaattis faayidaa kan qabudha. Kana malees namoota hundaaf kan barreeffamedha. Macaafni Qulqulluun kan warra Ameerikaa ykn macaafa Faranjootaa miti. Yihowaan ‘sanyii nama hundumaa nama tokkicharraa waan uumeef,’ namoonni bakka kamiyyuu yoo jiraatan akka itti uumaman beeka. (Hojii Ergamootaa 17:26) Seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu nama hundaafiyyuu ni hojjeta. Isinis yoo hojiirra oolchitan karaa maatiin gammachuu itti argatu beekuu ni dandeessu.

GAAFFIIWWAN KANA DEEBISUU DANDEESSAA?

Yeroo ammaa maatiin haala akkamii keessatti argama?—2 Ximotewos 3:1-4.

Maatii kan hundeesse eenyu?—Efesoon 3:14, 15, NW.

Maatii gammachuu qabu argachuun kan danda’amu akkamitti?—Isaayaas 48:17.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi