BOQONNAA JA’A
Ijoolleen Keessan Umrii Kurnanii Keessatti Argaman Sirriitti Akka Guddatan Gargaaraa
1, 2. Dargaggoonni umrii kurnanii keessa jiraachuunsaanii qorumsaafi gammachuu akkamii fiduu danda’a?
DARGAGGEESSA umrii kurnanii keessa jiru manaa qabaachuuniifi mucaa waggaa shanii ykn kudhanii qabaachuun garaa garummaa guddaa qaba. Umriin waggoota kurnanii qorumsaafi rakkina mataasaa fiduu ykn gammachuufi eebba argamsiisuu danda’a. Fakkeenya Yoseef, Daawit, Yosiyaasiifi Ximotewosirraa hubachuu akka dandeenyutti, ijoolleen itti gaafatamummaa qabaachuufi Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii uumuu danda’u. (Uumama 37:2-11; 1 Saamu’el 16:11-13; 2 Mootota 22:3-7; Hojii Ergamootaa 16:1, 2) Yeroo har’aas ijoolleen umrii kurnanii keessatti argaman akkasii jiru. Isinis kan beektan qabdu ta’a.
2 Haata’u malee, hedduusaaniitiif umriin kurnanii baay’ee rakkisaadha. Dargaggoonni miirrisaanii ni jijijjiirama. Dardarriifi shamarran umrii kurnanii keessa jiran to’annaa warrasaaniirraa walaba ta’uu barbaadu ta’a; kanaafuu daangaan warrisaanii isaanirratti godhan isaan mufachiisuu danda’a. Dargaggoonni kun muuxannoo waan hin qabneef, warrisaanii obsaaf jaalalaan isaan qabuun barbaachisaadha. Umrii kurnanii keessatti argamuun kan nama gammachiisu ta’uu akka danda’u beekamaadha; garuu warras ta’e ijoollee umrii kanarratti argaman kan rakkisu ta’uus ni danda’a. Dargaggoota umrii kanarratti argaman gargaaruun kan danda’amu akkamitti?
3. Warri, ijoolleesaanii warra umrii dargaggummaa keessatti argamaniif karaawwan kamiin jireenyasaanii keessatti carraa gaarii banuufii danda’u?
3 Warri gorsa Macaafa Qulqulluu hordofan, ijoolleen umrii dargaggummaarratti argaman qorumsa isaan mudatu mo’anii carraa argatan hundaatti fayyadamuudhaan ga’eessota itti gaafatamummaan itti dhaga’amu ta’anii akka guddatan isaan gargaaruuf yaalu. Biyyoota hundaatti, yeroo kamittiyyuu, warris ta’an ijoolleen umrii kurnanii keessatti argamaniifi seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchan milkaa’ina argachuudhaan eebbifamaniiru.—Faarfannaa 119:1.
AMANAMUMMAADHAANIIFI IFATTI WALIIN MARI’ACHUU
Yeroo ijoolleen keessan isin haasofsiisuu barbaadanitti isaan haasofsiisuuf qophaa’oo ta’aa
4. Keessumaa waggoota umrii kurnanii keessatti ijoolleen warrasaanii wajjin mari’achuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
4 Macaafni Qulqulluun, “Mareen hin jiru yoo ta’e, wanti yaadame fiixaan hin ba’u” jedha. (Fakkeenya 15:22) Ijoolleen xixinnoo ta’anii yeroo jiranitti warrasaanii wajjin mari’achuun barbaachisaa kan ture erga ta’e, umrii kurnaniitti dargaggoonni yeroon manatti dabarsan xinnoo, yeroon hiriyoota mana barumsaafi warra kaan wajjin dabarsan garuu baay’ee waan ta’eef, keessumaa umrii kanatti warrasaanii wajjin mari’achuunsaanii barbaachisaadha. Warriifi ijoolleen ifatti hin mari’atan taanaan, walirraa fagaachaa adeemu. Daandiin walitti dhufeenya keessanii banaa ta’uu kan danda’u akkamittiree?
5. Dargaggoonni umrii kurnanii keessa jiran warrasaanii wajjin mari’achuudhaaf ilaalcha akkamii akka qabaatan jajjabeeffamaniiru?
5 Karaa kanaan dargaggoonni umrii kana keessatti argamanis ta’an warrisaanii gahee mataasaanii raawwachuu qabu. Dargaggoonni yeroo xixinnoo turanirra caalaa, yeroo kanatti warrasaanii wajjin mari’achuun akka isaanitti ulfaatu beekamaadha. Ta’ullee, “Geggeessaan yoo itti hir’ate sabni in kufa, gorsituun baay’achuun garuu, biyya nagaatti jiraachisa” jedhamuusaa yaadadhaa. (Fakkeenya 11:14) Jechi kun, dargaggeessaafi maanguddoo utuu hin jedhin nama hundaaf kan hojjetudha. Dargaggoonni kana hubatan, isa kanaan duraa caalaa dhimmawwan rakkisaan waan isaan mudataniif qajeelfamni ogummaarratti hundaa’e akka isaan barbaachisu hubatu. Warrisaanii isaan caalaa muuxannoo jireenyaa waan qabaniifi waggoota baay’eedhaaf isaaniif kan yaadan ta’uusaanii waan mirkaneessaniif, dargaggoonni warrisaanii Dhugaa Baatota ta’an gorsa isaaniif kennuuf ga’eessota akka ta’an hubachuu qabu. Kanaaf, dargaggoonni beektota ta’an umrii akkasii kana keessatti warrasaaniirraa garagaluu hin qaban.
6. Warri ogeeyyii ta’an ijoollee umrii kurnan keessatti argaman wajjin haasa’uuf ilaalcha akkamii qabaatu?
6 Ifatti waliin mari’achuu jechuun, haati ykn abbaan tokko mucaansaanii inni umrii kurnanii keessa jiru yeroo isaanii wajjin mari’achuu barbaadu hundaatti of qopheessuuf carraaquu jechuudha. Haadha ykn abbaa yoo taate, ati karaa keetiin mareedhaaf of dhiheessuukee mirkaneessi. Kun salphaa ta’uu dhiisuu danda’a. Macaafni Qulqulluun, “calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba” jedha. (Lallaba 3:7) Mucaan keessan dubbachuuf yeroosaa akka ta’e yeroo itti dhaga’amu, cal jechuufimmoo yeroo keessan ta’uu danda’a. Tarii qayyabannaa dhuunfaatiif, bashannanaaf ykn hojii naannoo manaatti hojjetamuuf sa’aatii ramaddu ta’a. Haata’u malee, mucaan keessan isin haasofsiisuu yoo barbaade sagantaa keessan sirreessuudhaan isa dhaggeeffachuuf yaalaa. Kun ta’uu baannaan garuu lammata isin haasofsiisuu hin barbaadu ta’a. Fakkeenya Yesus yaadadhaa. Yeroo tokko aara galfachuuf sa’aatii ramadee ture. Haata’u malee, namoonni baay’een isa dhaga’uuf yommuu isatti marsan, boqonnaasaa dhiisee isaan barsiisuu jalqabe. (Maarqos 6:30-34) Dargaggoonni hedduun warrisaanii kan yeroo hin qabne akka ta’an itti dhaga’amuyyuu, yeroo barbaadamanitti akka isaan argachuu danda’an mirkaneeffamuufii qaba. Kanaaf yeroo isin barbaadanitti of dhiheessaa, akkasumas waan isinitti himan isaaniif hubadhaa.
7. Warri maal akka hin goone of eeguu qabu?
7 Isin umrii kurnanii keessa yeroo turtanitti haallisaa maal akka fakkaatu yaadachuuf yaalaa; taphni akkam akka nama gammachiisu hin irraanfatinaa! Warri, ijoolleesaanii wajjin ta’uun kan isaan gammachiisu ta’uu qaba. Warri, yoo yeroo argatan akkamitti dabarsu? Wantoota maatiisaanii hin ilaallanne raawwachuudhaan kan dabarsan yoo ta’e, ijoolleensaanii kana dafanii hubatu. Dargaggoonni warrasaanii caalaa hiriyoonni mana barumsaa bakka guddaa akka isaaniif kennan murteessuurra yoo ga’an rakkoorra bu’uunsaanii hin oolu.
WAA’EE MAALII MARI’ACHUU DANDEESSU?
8. Amanamummaan, ciminaan hojjechuufi amala gaarii qabaachuun barbaachisaa ta’uusaa ijoolleen akka hubatan gochuun kan danda’amu akkamitti?
8 Warri, amanamummaafi cimanii hojjechuun barbaachisaa ta’uusaa ilaalchisee irra deddeebi’uudhaan dursanii ijoolleesaanii yoo barsiisuu baatan, ijoolleensaanii umrii kurnan keessa erga galanii booda kana gochuun isaan rakkisa. (1 Tasaloniiqee 4:11; 2 Tasaloniiqee 3:10) Ijoolleensaanii, amala gaarii qabaachuufi jireenya qulqulluu jiraachuun barbaachisaa ta’uusaatti garaa guutuudhaan kan amanan ta’uusaaniis mirkaneessuu qabu. (Fakkeenya 20:11) Warri fakkeenya gaarii ta’uudhaan ijoolleesaanii barsiisuu danda’u. Abbootiin manaa hin amanne haadhotiin manaasaanii, “waan tokko utuu hin dubbatin, amala [isaan argisiisaniin] akka mo’amanitti” ijoolleen umrii kurnanii keessa jiranis amala warrasaaniitiin seera bu’uuraa sirrii ta’e barachuu danda’u. (1 Phexros 3:1) Ijoolleen fakkeenyawwan gadheefi barumsa sobaa manaa ala jiruuf kan saaxilaman waan ta’aniif, fakkeenya ta’uun qofaasaatti ga’aa miti. Warri ijoolleesaanii jaallatan, ijoolleensaanii wanta arganiifi dhaga’aniif ilaalcha akkamii akka qaban beekuun isaan barbaachisa; kunis akka gaariitti waliin haasa’uuf isaan gargaara.—Fakkeenya 20:5.
9, 10. Dhimmawwan saalaa wajjin wal qabatan ilaalchisee warri ijoolleesaaniitiif qajeelfama kennuu kan qaban maaliifi? Kana gochuu kan danda’anoo akkamitti?
9 Keessumaa dhimma saalaa wajjin wal qabateen kana gochuun barbaachisaadha. Ijoollee keessanii wajjin waa’ee saalaa kaastanii mari’achuuf ni qaanoftuu? Kan qaanoftan ta’uyyuu, ijoolleen keessan dhimma kana nama biraarraa dhaga’uunsaanii waan hin oolleef isinumti itti himuuf carraaqqii godhaa. Isin yoo itti himuu baattan dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo sirrii hin taane akkamii akka argatan maaltu beeka? Yihowaan Macaafa Qulqulluu keessatti dhimmawwan saalaa wajjin wal qabatan dubbachuurraa duubatti hin jenne, warris duubatti jechuu hin qaban.—Fakkeenya 4:1-4; 5:1-21.
10 Macaafni Qulqulluun haala saalaa wajjin wal qabateen amala argisiisuu qabnu ilaalchisee qajeelfama ifa ta’e waan nuu kennuuf ni galateeffanna. Dhugaa Baatonni Yihowaa barreeffamoota qajeelfamni kun addunyaa ammaa kana keessattillee hojiirra kan oolu ta’uusaa argisiisan maxxansaa turaniiru. Qophii kanatti maaliif hin fayyadamtan? Fakkeenyaaf, kitaaba Gaaffii Dargaggootaa jildii 1fi 2rraa boqonnaawwan barbaachisaa ta’anirratti ilma ykn intala keessanii wajjin maaliif hin mari’attan? Bu’aa isin ajaa’ibsiisu argachuu dandeessu ta’a.
11. Warri, ijoolleensaanii akkamitti Yihowaa tajaajiluu akka qaban barsiisuuf karaan bu’a qabeessa ta’e isa kami?
11 Dhimmi guddaan warriifi ijoolleen irratti mari’achuu qaban maalidha? Phaawulos ergamaan, “Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa” jechuudhaan yeroo barreessetti waa’eesaa dubbateera. (Efesoon 6:4) Ijoolleen waa’ee Yihowaa barachuusaanii itti fufuu qabu. Keessumaammoo, akka isa jaallatan barachuufi isa tajaajiluuf fedhii qabaachuu qabu. Karaa kanaanis fakkeenya ta’uudhaan waan baay’ee isaan barsiisuun ni danda’ama. Ijoolleen umrii kurnanii keessa jiran warrisaanii ‘garaasaanii guutuudhaan, jireenyasaanii guutuudhaan, yaadasaanii guutuudhaanis’ Waaqayyoon akka jaallatan, akkasumas kana gochuunsaanii bu’aa gaarii argamsiisuusaa yeroo hubatan, isaanis akkasuma gochuuf kaka’uu danda’u. (Maatewos 22:37) Haaluma wal fakkaatuun, ijoolleen, warrisaanii Mootummaa Waaqayyoo dursuudhaan qabeenyaaf ilaalcha sirrii akka qaban yoo argan, isaanis ilaalchuma akkasii qabaachuuf kaka’u.—Lallaba 7:12; Maatewos 6:31-33.
Yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu qayyabachuun maatiidhaaf baay’ee barbaachisaadha
12, 13. Qayyabannaan maatii bu’a qabeessa akka ta’u yoo barbaadame, qabxiiwwan akkamii yaadatti qabachuutu barbaachisa?
12 Qayyabannaan maatii torban torbaniin godhamu, dargaggootaa wajjin dhimmawwan hafuuraarratti mari’achuuf baay’ee gargaara. (Faarfannaa 119:33, 34; Fakkeenya 4:20-23) Utuu walirraa hin kutin qayyabannaa akkasii gochuun baay’ee barbaachisaadha. (Faarfannaa 1:1-3) Warris ta’an ijoolleen, dursi kennamuu kan qabu sagantaawwan qabaman kan biraatiif utuu hin ta’in qayyabannaa maatiitiif akka ta’e hubachuu qabu. Kana malees, qayyabannaan maatii bu’a qabeessa akka ta’u yoo barbaadame, ilaalcha sirrii qabaachuun barbaachisaadha. Abbaan tokko akkas jedheera: “Geggeessaan sagantichaa, qayyabannaan maatii kan nama bashannansiisuufi ulfina qabeessa, jechuunis alidilee ta’uyyuu garmalee qoosaadhaan kan hin guutamne akka ta’u gochuunsaa barbaachisaadha. Wanta sirrii ta’e gochuun yeroo hundumaa salphaa ta’uu dhiisuu danda’a; dargaggoonni yeroo hundumaa ilaalchasaanii sirreessuun isaan barbaachisa. Wantoonni tokko tokko yeroo tokkoof ykn lamaaf gaarii yoo ta’uu baatan, abdii utuu hin kutatin yeroo itti aanutti akka sirreeffamu eegaa.” Abbaan armaan olitti ibsame kun, kan qayyabannicharratti argaman hundi ilaalcha sirrii akka qabaataniif, qayyabannaa hundumaa dura kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaata ture.—Faarfannaa 119:66.
13 Qayyabannaa maatii geggeessuuf itti gaafatamummaa kan qaban abbaa ykn haadha Dhugaa Baatota ta’anidha. Warri tokko tokko akka gaariitti barsiisuuf dandeettii waan hin qabneef, qayyabannaa maatiisaanii gammachiisaa gochuun isaan rakkisuu danda’a. Haata’u malee, “hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan” ijoollee keessan kan jaallattan yoo ta’e, gad of qabuufi amanamoo ta’uudhaan karaa hafuuraa guddina akka argisiisan isaan gargaaruu barbaaddu. (1 Yohannis 3:18) Yeroo tokko tokko guungumaniyyuu, booddeerratti akka isaaniif yaaddan ni hubatu.
14. Warri ijoollee umrii kurnanii keessa jiranii wajjin dhimma hafuuraarratti yeroo mari’atanitti, Keessa Deebiin 11:18, 19 hojiirra ooluu kan danda’u akkamitti?
14 Dhimmawwan hafuuraa barbaachisaa ta’anirratti mari’achuun kan danda’amu qayyabannaa maatiirratti qofa miti. Yihowaan warraaf ajaja akkamii akka kenne ni yaadattuu? Akkas jedhe: “Dubbii koo kana garaa kee keessa, yaada kee keessas kaa’adhu, milikkitaaf akka siif ta’uttis harka keetti hidhadhu, akka seenaattis ija kee lamaan gidduutti rarraafadhu! Mana kee keessa yommuu teessu, karaa irra yommuu adeemtu, yommuu ciiftu, yommuu kaatus waa’ee isaanii dubbadhu, ijoollee kees ittiin barsiisi!” (Keessa Deebii 11:18, 19; akkasumas Keessa Deebii 6:6, 7 ilaali.) Kana jechuun garuu, warri yeroo hundumaa ijoolleesaaniitiif lallabuu qabu jechuu miti. Kanaa mannaa, mataan maatii jaalala qabeessa ta’e maatiisaa karaa hafuuraa jabeessuuf carraawwan argatu hundatti dammaqinaan fayyadamuu qaba jechuudha.
ADABAAFI KABAJA
15, 16. (a) Adabni maalidha? (b) Adaba kennuun itti gaafatamummaa eenyuuti? Adaba fudhachuunoo itti gaafatamummaa eenyuuti?
15 Adabni, leenjii nama sirreessu yeroo ta’u, waliin mari’achuus ni dabalata. Ijoollee adabuun barbaachisaa ta’uyyuu, jechi adaba jedhu uleedhaan adabuu caalaa sirreeffama kennuu kan argisiisudha. Ijoolleen keessan xixinnoo yeroo turanitti adabamuun isaan barbaachisee ture; amma umrii kurnanii keessa jiru, ta’us ammayyuu adabni ykn wanti isarrayyuu darbe isaan barbaachisuu danda’a. Dargaggoonni ogeeyyii ta’an, kun dhugaa ta’uusaa beeku.
16 Macaafni Qulqulluun, “Gowwaan gorsa abbaa isaa tuffata, namni ifata dhaga’u garuu hubataa dha” jedha. (Fakkeenya 15:5) Caqasa kanarraa waan baay’ee baranna. Ifanni akka kennamu ni argisiisa. Dargaggeessi tokko yoo ifanni kennamuufii baate ‘ifata dhaga’uu’ hin danda’u. Yihowaan, warri keessumaammoo abbaan ijoolleesaa akka adabu itti gaafatamummaa kenneera. Adaba kennamu fudhachuun garuu itti gaafatamummaa dargaggeessa umrii kurnanii keessatti argamuuti. Adaba abbaaniifi haatisaa kennaniif yoo fudhate, baay’ee barachuufi balleessaa hojjetu hir’isuu danda’a. (Fakkeenya 1:8) Macaafni Qulqulluun, “Nama gorsa tuffatutti deegaa fi yeellootu dhufa, namni ifata dhaga’ee deebi’u garuu, ulfina in argata” jedha.—Fakkeenya 13:18.
17. Warri, ijoolleesaanii adabuu kan qaban akkamitti?
17 Warri, ijoolleesaanii umrii kurnanii keessa jiran garmalee adabuu ykn gadhiisiidhaan guddisuu hin qaban. Hamma ijoolleensaanii aaranitti ykn amanannaa hamma dhabanitti garmalee isaanitti jabaachuurraa of qusachuu qabu. (Qolosaayis 3:21) Haata’u malee, ijoolleensaanii leenjii barbaachisaa ta’e utuu hin argatin hamma hafanittis laafoo ta’uu hin qaban. Laafinni akkasii balaa guddaa geessisuu danda’a. Fakkeenyi 29:17, “Ilma kee adabii karaa irra isa buusi! Inni immoo aara si galfachiisa, garaas si in ciibsa” jedha. Fakkeenya 29 lakkoofsa 21rrattimmoo akkas jedha: “Namni garbicha isaa mucummaa isaatii jalqabee qanansiisu, dhuma irratti tuffatamuu ofitti in fida.” Caqasni kun kan dubbatu waa’ee hojjetaa ta’uyyuu, dargaggeessa maatii keessa jiruufis qixxuma hojjeta.
18. Adabni maal mirkaneessa? Warri adaba hin gegeeddaramne kennuunsaanii rakkina kam hambisa?
18 Dhugaasaa dubbachuuf yoo ta’e, warri ijoollee adabuunsaanii jaalala isaaniif qaban kan argisiisudha. (Ibroota 12:6, 11) Abbaa ykn haadha yoo taatan, adaba hin gegeeddaramneefi sirrii ta’e kennuun ulfaataa akka ta’e beektu. Nagaa argachuuf jecha dargaggeessa didaa umrii kurnanii keessatti argamu tokkoof waanuma barbaade akka godhu heyyamuun salphaa fakkaachuu danda’a. Haata’u malee, yeroo booda bu’aansaa maatii to’annaadhaan ala ta’e qabaachuu ta’uu danda’a.—Fakkeenya 29:15; Galaatiyaa 6:9.
HOJIIFI TAPHA
19, 20. Warri, bashannana ijoolleensaanii irratti hirmaatan ilaalchisee maal gochuu qabu?
19 Bara duriittii ijoolleen mana keessa ykn maasiirratti akka hojjetan isaanirraa eegama ture. Yeroo har’aa dargaggoonni umrii kurnanii keessatti argaman hedduun yeroo boqonnaa baay’ee qabu. Yeroonsaanii akka qabamu gochuuf, addunyaan daldalaa wantoota yeroo itti dabarsuu danda’an baay’ee dhiheesseera. Kana malees, biyyi lafaa kun seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluufi amala gaariidhaaf dantaa waan hin qabneef, kun hundumtuu badiisa guddaa geessisuu kan danda’udha.
20 Kanaafuu, warri ogeeyyii ta’an bashannana ilaalchisee murtoo xumuraa gochuuf mirga qabanitti ni fayyadamu. Ta’uyyuu, ijoolleen umrii kurnanii keessatti argaman kun guddachaa akka jiran hin irraanfatinaa. Waggaa waggaadhaan, caalaatti akka nama guddaatti ilaalamuuf ni hawwu. Kanaafuu, warri filannaan ijoolleesaanii karaa hafuuraa guddachuusaanii kan argisiisu hamma ta’etti, yeroo guddachaa deemanitti bashannana ilaalchisee filannaa godhaniif mirga dabalataa isaaniif kennuunsaanii gaariidha. Ijoolleen umrii kurnanii keessatti argaman yeroo tokko tokko muuziqaa, hiriyaafi wantoota kaanirratti filannaansaanii dogoggora ta’uu danda’a. Yeroo kanatti, gara fuulduraatti filannaa gaarii akka godhan gargaaruuf ijoollee kanaa wajjin mari’achuun barbaachisaadha.
21. Dargaggoonni umrii kurnanii keessatti argaman bashannanarratti yeroo murtaa’e akka dabarsan murteessuun eegumsa kan isaaniif ta’u akkamitti?
21 Bashannanaaf yeroo hammamiitu heyyamamuu qaba? Biyyoota tokko tokkotti dargaggoonni umrii kurnanii keessa jiran, yeroo hundaa bashannanuuf mirga akka qaban amanu. Kanaaf, dargaggeessi tokko “yeroo gaarii” tokko erga dabarsee booda isa itti aanutti ce’uuf sagantaa baafata. Sochiiwwan akka qayyabannaa maatii, qayyabannaa dhuunfaa, namoota karaa hafuuraa guddatanii wajjin haasa’uu, walga’iiwwan Kiristiyaanaafi hojii mana keessaa jiraniirrattis yeroo dabarsuu akka qaban barsiisuun, itti gaafatamummaa warraati. Kun ta’uunsaa, “qannoon jireenyaa” Dubbii Waaqayyoo akka hin huune godha.—Luqaas 8:11-15.
22. Iddoon dargaggeessi umrii kurnanii keessatti argamu bashannanaaf kennu, maalis xiyyeeffannaa keessa kan galche ta’uu qaba?
22 Solomoon Mootichi akkas jedhee ture: “Namni bara jireenya isaatti wanta gaarii hojjetee itti gammaduu irra kan caalu wanta tokko illee gochuu akka hin dandeenye nan beeka; namni hundinuu nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabettis gammaduun kennaa Waaqayyooti.” (Lallaba 3:12, 13) Dhugaadha, gammachuun kutaa jireenya gaariiti. Gammachuu kana argachuun garuu jabaatanii hojjechuu gaafata. Yeroo har’aa dargaggoonni baay’een, gammachuu hojii cimaa hojjechuudhaan argamu ykn kabaja rakkoo tokkoof furmaata argachuun namaaf argamsiisu hin beekan. Tokko tokkommoo, ogummaa gara fuulduraatti jireenyasaanii geggeessuuf isaan gargaaru fooyyessuuf carraa hin arganne. Kunimmoo warraaf rakkina guddaadha. Ijoolleen keessan carraa akkasii akka argatan gochaa jirtuu? Ijoolleen keessan umrii kurnanii keessatti argaman hojii cimaadhaaf bakka guddaa akka kennaniifi akka hojjetan barsiisuun bu’aa isiniif argamsiiseera yoo ta’e, ilaalcha sirrii bara jireenyaasaanii hundatti faayidaa argamsiisuuf qabaachuu danda’u.
UMRII KURNANIIRRAA GARA GA’EESSUMMAATTI
Ijoollee keessaniif jaalalaafi dinqisiifannaa qabaachuu keessan ibsaa
23. Warri ijoolleesaanii umrii kurnanii keessatti argaman jajjabeessuu kan danda’an akkamitti?
23 Ijoollee keessan umrii kurnanii keessatti argamanii wajjin rakkoo qabaattaniyyuu, caqasni, “Jaalalli yoom iyyuu hin badu” jedhu ni hojjeta. (1 Qorontos 13:8) Yoomiyyuu taanaan jaalala isaaniif qabdan ibsuurraa duubatti hin jedhinaa. Akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Rakkoo isaan mudateef furmaata kennuusaaniitiin ykn rakkoo sana mo’uu danda’uusaaniitiin ijoolleekoo hunda nan galateeffadhaa? Jaalalaafi dinqisiifannaan isaaniif qabu ibsuuf carraan argadhetti yeruma sana nan fayyadamaa?’ Yeroo tokko tokko rakkoon akka uumamu beekamuyyuu, ijoolleen umrii kurnanii keessatti argaman akka isaan jaallattan yoo hubatan, isaanis jaalalasaanii akka isiniif ibsan beekamaadha.
24. Seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu ijoollee guddisuuf walumaa galatti hojiirra ooluu danda’u isa kami? Ta’uyyuu maal yaadachuutu barbaachisa?
24 Ijoolleen gara ga’eessummaatti yeroo guddatan, suuta suutaan ofiisaaniitiif murtoo gurguddaa akka godhan beekamaadha. Yeroo tokko tokko warri murtoo ijoolleen godhan sanatti hin gammadan ta’a. Ijoolleensaanii Yihowaa tajaajiluusaanii dhaabuuf yoo murteessan maal godhu? Kun ta’uu danda’a. Ilmaan Yihowaa warri hafuuraallee gorsasaa fudhachuu didanii isarratti ka’aniiru. (Uumama 6:2; Yihudaa 6) Ijoolleen, akka kompiitara karaa nuyi barbaanneen hojjechuu danda’uu miti. Uumamawwan waan barbaadan filachuuf mirga qabanidha; murtoo godhaniifis Yihowaa biratti itti gaafatamu. Ta’uyyuu, wanti Fakkeenyi 22:6 akkas jechuudhaan dubbatu sirriidha: “Akka itti jiraachuun ta’u mucaa barsiisi! Innis yommuu dulloomu iyyuu irraa hin kaatu.”
25. Warri, Abbaafi haadha ta’uudhaan mirga argataniif Yihowaa akka galateeffatan karaan itti argisiisuu danda’an inni guddaan isa kami?
25 Egaa, ijoollee keessaniif jaalala guddaa qabaachuu keessan argisiisaa. Hamma dandeessan seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluutiin isaan guddisuuf yaalii godhaa. Amala gaarii argisiisuudhaan fakkeenya ta’aafii. Yoo akkas ta’e, ijoolleen keessan ga’eessota itti gaafatamummaan isaanitti dhaga’amuufi Waaqayyoon sodaatan akka ta’an carraa bantuuf. Kun, mirga warra ta’uuf argattaniif Yihowaa akka galateeffattan karaa itti argisiistan isa guddaadha.