Faarfannaa 49
Yihowaan Da’oo Keenya
1. Yihowaan da’oo keenyaa,
Itti amanamnaa.
Gaaddisni keenya isaa;
Isatti maxxannaa.
Waaqayyotu kattaa keenya,
Humnasaatti amanamnaa.
Yihowaan da’oo keenyaa,
Qajeeloodhaafis gaachanaa.
2. Kumaatamni kufanis
Dhuman si birattii,
Amanamootaa wajjin,
Oolta gaafasittii.
Matumaayyuu hin sodaattuu,
Balaanillee sin mudatuu.
Eegumsasaa argattaa.
Fagoo dhaabattee ilaaltaa.
3. Waaqayyo si baraaraa
Kiyyoofi balaarraa,
Matumaa hin gufattuu
Tasa hin dhiphattuu.
Leencicha ni caccabsitaa;
Boficharra ni eejjettaa.
Yihowaan da’oo keenyaa,
Eegumsasaa ni argannaa.
(Dabalataan Far. 97:10; 121:3, 5; Isa. 52:12 ilaali.)