-
Ittiin Baafata Fuula/Fuula Ibsa Maxxansitootaa qabateEkeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
-
-
Barreeffamni kun kan gurguramu miti. Hojii addunyaa maratti Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf hojjetamu deggeruuf, buusii qarshii namoonni fedhiidhaan kennaniin qophaaʼa.
Buusii gochuuf Weeb saayitii www.jw.org/om jedhamu ilaali.
Ibsi gara biraan yoo kenname malee, caqasawwan birooshura kana keessatti argaman Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo bara 1997 maxxanfame irraa kan fudhatamani dha. Caqasawwan tokko tokko dalga ciibsee kan barreesse nuyi dha. Caqasichatti aansee “NW” yoo jedhame, caqasichi kan fudhatame Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa, Ibsa Dabalataa Qabuu fi afaan Ingiliffaa ammayyaatiin qophaa’e irraa ta’uu isaa argisiisa.
Onkoloolessa 2017tti Maxxanfame
Oromo (sp-OA)
© 2008
Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
-
-
Baafata MatadureeEkeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
-
-
Baafata Mataduree
4 Ekeraan, Namoota Kanaan Dura Lafarra Jiraatanii Du’an Miti
7 Qaamota Hafuuraa Miliyoonaan Lakkaa’aman
11 Hafuuronni Hamoon Nama Ajjeesu!
13 Hafuuronni Hamoon Warri Du’an Lubbuun Jiru Jedhanii Sobaan Dubbatu
19 Hafuuronni Hamoon Waaqayyorratti Ka’uu Jajjabeessu
23 Yihowaa Malee Seexana Hin Tajaajilin
-
-
SeensaEkeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
-
-
Seensa
Daawudaa inni Seraa Liyonitti dhalate, “Mandara xinnoo koonyaa karaa kaabaa argamtu tokko keessattan guddadhe” jedhuun dubbateera. “Yeroon ijoollee xinnoo ture, maatiikoofi maatii garabiraa gidduutti falmiin lafaa uumamee ture. Lamaanuu lafichi kan kooti jedhanii wal falmu. Dhimma kanaaf, furmaata akka argamsiisuufis, qaalluun tokko ni waamame. Innis ofilaalii fuudhee nama tokkotti erga kennee booda huccuu adii itti haguuge. Namichi itti hagoogame sunis yeruma sana rom’uufi dafquu jalqabe. Gara ofilaalichaa ilaaluudhaanis: ‘Namni dulloomaan tokko yommuu dhufu natti mul’ata! Uffata adii uffateera. Dheeraafi dulloomaa, mataansaas harrii si’a ta’u, xinnoo gadi gugguufee adeema’ jedhee iyye.
“Namichi waa’ee akaakayyuukoo dubbachaa ture! Achiis, sodaadhaan rom’aa: ‘Waanan jedhu amanuu baannaan ofii keessanii kottaa ilaalaa!’ jedhee iyye. Nu gidduudhaa kana gochuuf ija kan jabaate hin turre! Qaallichis, qoricha baalaafi bishaaniin walitti makameefi qabee keessa jiru itti facaasuudhaan akka callisu isa taasise.
“‘Akaakayyuunkoo,’ karaa namicha isa ofilaalii keessaan dubbatuu lafichi maatii keenyaaf kan malu ta’uusaa dubbate. Sodaa tokko malee laficha qotachuu akka dandeessu akkookootti hime. Maatiin inni kaanis murtoo kana ni fudhate. Falmiin ka’es furmaata argate.”
Afriikaa Lixaatti muuxannoowwan akkasii dhaga’uun baay’ee beekamaadha. Akkuma kutaawwan addunyaa garabiraatti raawwatamu, biyya kanattis namoonni miliyoonaan lakkaa’aman warri du’an jireenya namoota lafarra jiraatanii arguufi gara addunyaa hafuuraa dhiibbaa geessisuu danda’anitti darbu jedhanii amanu. Amantiin akkasii sirriidhaa? Namoonni du’an dhuguma lubbuun jiruu? Lubbuun hin jiran taanaan ekeraa namoota du’anii fakkaatanii kan dubbatan eenyufa’i? Gaaffiiwwan kanaaf deebii sirrii argachuun keenya baay’ee barbaachisaa ta’uusaarrayyuu dhimma du’aafi jireenyaati.
-
-
Ekeraan Namoota Kanaan Dura Lafarra Jiraatanii Duʼan MitiEkeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
-
-
Ekeraan, Namoota Kanaan Dura Lafarra Jiraatanii Du’an Miti
Dhugumayyuu, hafuuronni ijaan hin argamne jiru! Addunyaa hafuuraa ijaan hin argamne keessa hafuuronni gaariifi hamoon jiru. Isaan namoota kanaan dura lafarra jiraatanii du’anidhaa?
Waawuu isaan miti. Akka namoonni hedduun yaadan, namni tokko yommuu du’u gara addunyaa hafuuraatti hin darbu. Akkamitti beekuu dandeenya? Macaafni Qulqulluun waan akkas jedhuufidha. Macaafni Qulqulluun, kitaaba dhugaa qabateefi Waaqa dhugaa isa maqaansaa Yihowaa jedhamu biraa kan argamedha. Namoota kan uume Yihowaa waan ta’eef, namoonni yommuu du’an maal akka ta’an sirriitti kan beeku isadha.—Faarfannaa 83:18, NW; 2 Ximotewos 3:16.
Addaam biyyoorraa uumamee biyyootti deebi’e
Macaafni Qulqulluun, Yihowaan Addaam nama isa jalqabaa, “biyyoo lafaattii” akka uume dubbata. (Uumama 2:7) Waaqayyo dhaaba Eeden keessa, jechuunis Jannata keessa isa kaa’e. Addaam utuu Yihowaaf abboomameera ta’ee utuu hin du’in hanga har’aatti lafarra jiraata ture. Haata’u malee, Addaam ta’e jedhee yommuu abboomii Waaqayyoo cabsu Waaqayyo, “Deebitees biyyoo in taata; ati biyyoo lafaattii waan kutamteef gara isaatti [in deebita]” ittiin jedhe.—Uumama 3:19.
Akkas jechuun maal jechuudha? Yihowaan biyyoo lafaattii utuu isa hin uumin dura Addaam eessa ture? Eessayyuu hin turre. Hafuura samii jiraatuufi hin dhalanne hin turre. Gabaabaadhumatti hin jiru ture. Kanaaf, Yihowaan, Addaam ‘biyyootti akka deebi’u’ yommuu itti himu akka du’u itti himuusaa ture. Inni gara addunyaa hafuuraatti hin darbine. Addaam yeroo du’e jireenya kan hin qabne ykn jireenyaa ala ta’e. Du’a jechuun jireenyaa ala ta’uu jechuudha.
Ta’us namoonni du’an kaanoo? Isaanis akkuma Addaam matumaa jireenya kan hin qabne ta’aniiru jechuudhaa? Macaafni Qulqulluun akkas jechuun deebii kenna:
“Hundumti isaanii [namoonniifi bineensonni] gara iddoo tokkoo in dhaqu; hundumti isaanii biyyoo irraa dhufan, gara biyyoottis in deebi’u.”—Lallaba 3:20.
“Warri du’an . . . waan tokko iyyuu hin beekan.”—Lallaba 9:5.
“Jaalalli isaanii fi jibbi isaanii, hinaaffaan isaaniis egaa badeera.”—Lallaba 9:6.
“Iddoo lafa jalaa lafa dhaquuf jirtu sana, hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru.”—Lallaba 9:10.
“[Namni] deebi’ee biyyoo in ta’a; guyyuma sanas akeeki isaa in bada.”—Faarfannaa 146:4.
Wantoota kana namoota lubbuudhaan jiran qofatu raawwata
-