LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ekeraan Namoota Kanaan Dura Lafarra Jiraatanii Duʼan Miti
    Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
    • Caqasawwan kana fudhachuun sitti ulfaataa? Akkas taanaan wanta armaan gadiirratti yaadi: Maatiiwwan hedduu keessatti qarshii hojjetee argateen maatiisaa kan bulchu dhiiradha. Yeroo baay’ee namni kun yommuu du’u maatichi balaaf saaxilama. Al tokko tokko haati manaafi ijoolleensaa qarshii nyaata ittiin bitatan hin argatan. Tariimmoo, diinonni namichaa maaticha ni hacuucu ta’a. Amma akkas jedhii of gaafadhu: ‘Namni kun addunyaa hafuuraa keessa jiraannaan, wanta maatiisaatiif barbaachisu dhiheessuusaa maaliif itti hin fufne? Maatiisaa namoota hamoorraa kan hin eegne maaliifi?’ Caqasoonni armaan olii sirrii waan ta’aniifidha. Namni kun waa gochuu kan hin dandeenyeefi jireenya kan hin qabnedha.—Faarfannaa 115:17.

      Dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi ijoolleen ishii yommuu nyaata kadhatan; mucaan tokko yommuu abbaan isaa haadha isaa rukutu ilaalaa jira

      Namoonni du’an warra beela’an gargaaruus ta’e miidhaa irra ga’u isaanirraa ittisuu hin danda’an

      Kana jechuun garuu namoonni du’an matumaa deebi’anii jiraachuu hin danda’an jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Waa’ee du’aa ka’uu booda mari’anna. Haata’u malee, namoonni du’an wanta ati gochaa jirtu hin beekan jechuudha. Si arguu, si dhaga’uu ykn si wajjin dubbachuu hin danda’an. Kanaaf isaan sodaachuu si hin barbaachisu. Si gargaaruus ta’e si miidhuu hin danda’an.—Lallaba 9:4; Isaayaas 26:14.

  • Uumamawwan Hafuuraa Miliyoonaan Lakkaaʼaman
    Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
    • Qaamota Hafuuraa Miliyoonaan Lakkaa’aman

      Macaafni Qulqulluun qaamonni hafuuraa hedduun akka jiran nutti hima. Yihowaanis hafuuradha.—Yohannis 4:24; 2 Qorontos 3:17, 18.

      Yihowaan hawaa keessa kophaasaa jiraachaa tureera. Achiis, qaamota hafuuraa ergamoota jedhaman uumuu jalqabe. Ergamoonni humnaafi beekumsa namootarra baay’ee caalu qabu. Yihowaan ergamoota hedduu uumeera; tajaajilaa Waaqayyoo kan ta’e Daani’el, ergamoota miliyoona dhibbaan lakkaa’aman mul’ataan argeera.—Daani’el 7:10; Ibroota 1:7.

      Ergamoonni kun Waaqayyo utuu lafa hin uumin dura uumaman. (Iyoob 38:4-7) Isaan keessaa kanaan dura nama ta’ee lafarra jiraatee booda gara hafuuraatti kan jijjiirame tokkoyyuu hin jiru.

      Uumamawwan hafuuraa teessoo Yihowaa dura jiran

      Qaama hafuuraa guddaa kan ta’e Yihowaan, qaamota hafuuraa miliyoona hedduun lakkaa’aman uumeera

  • Fincila Samii Irratti Kaʼe
    Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
    • Fincila Samiirratti Ka’e

      Seexanni bofatti fayyadamee Hewwaaniin haasofsiiseera

      Seexanni bofatti fayyadamee Hewwaaniin haasofsiise; isheenis isa cina ta’uun Waaqayyorratti kaate

      Qaamonni hafuuraa Yihowaan uume hundi gaarii turan. Yeroo booda garuu ergamaan tokko hamaa ta’e. Inni Seexana isa Diiyaabilos jedhamedha. Seexanni namoonni lafarratti argaman Yihowaa waaqeffachuu mannaa akka isa waaqeffatan barbaade. Wanti raawwatames kanuma ture:

      Dhaaba Eeden keessa mukkeetii ija mi’aawu godhatan hedduutu jira ture. Yihowaan, Addaamiifi Hewwaan ija mukkeetii kanaarraa nyaachuu akka danda’an itti himee ture. Ta’us, mukti akka hin nyaanne isaan dhowwe tokko jira ture. Ija mukaa kanarraa yoo nyaatan garuu dhugumaan akka du’an itti himee ture.—Uumama 2:9, 16, 17.

      Gaaf tokko Hewwaan qofaashee utuu jirtuu bofni ishee haasofsiise. Kan dubbachaa ture bofa hin turre; bofni dubbachaa akka jiru kan fakkeesse Seexana ture. Seexanni Hewwaan ija mukaa dhowwamerraa yoo nyaatte akka Waaqayyoo akka taatuufi akka hin duune itti hime. Wanti inni dubbate kun lamaan garuu soba ture. Haata’u malee, Hewwaan Seexana amantee ija mukichaa nyaatte. Boodas Addaamiif kan laatte si’a ta’u innis ni nyaate.—Uumama 3:1-6.

      Seenaa dhugaa kanarraa Seexanni mormituufi sobduu ta’uusaa hubanna. Abboomii Waaqayyoo yoo cabsite akka hin duune Hewwaanitti himee ture. Kun garuu soba ture. Isheefi Addaam du’aniiru. Seexanni cubbuu waan hojjeteef yeroo booda du’uunsaa hin hafu. Hamma yeroon sun ga’utti garuu, ilmaan namootaa gowwoomsuusaa itti fufeera. Hamma har’aattis sobuusaa waan itti fufeef, namoonni abboommii Waaqayyoo akka cabsan gochuuf carraaqa.—Yohannis 8:44.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi