LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Fincila Samii Irratti Kaʼe
    Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
    • Ergamoonni Kaanis Mormitoota Ta’an

      Yeroo booda ergamoonni kaanis hamoo ta’an. Ergamoonni kun durboonni lafarratti argaman miidhagoo akka ta’an erga ilaalanii booda isaanii wajjin saalqunnamtii raawwachuu barbaadan. Kanaaf qaama dhiiraa uffachuudhaan gara lafaa dhufan. Boodas, dubartoota kana ofiisaaniitiif fudhatan. Kunimmoo gocha kaayyoo Waaqayyoo wajjin wal faallessudha.—Uumama 6:1, 2; Yihudaa 6.

      Maleekonni hamoon qaama namaa uffatanii dubartoota fuudhaniiru

      Ergamoonni hamoon durbootaa wajjin saalqunnamtii raawwachuuf gara lafaa dhufan

      Gochisaanii kunis namootarratti rakkina guddaa geessiseera. Haadhotiin manaa ergamoota kana ijoollee godhatan; ijoolleen kun garuu adda turan. Yeroo guddatan garmalee gurguddaafi gara jabeeyyii ta’an. Yeroo boodas lafti jal’inaan waan guutamteef, Yihowaan namoota hamoo bishaan badiisaa fiduudhaan isaan balleessuuf murteesse. Bishaan Badiisaa kanarraa Nohi isa qajeelaafi maatiisaa qofatu oole.—Uumama 6:4, 11; 7:23.

      Ergamoonni hamoon kun garuu gara addunyaa hafuuraatti deebi’an malee hin duune. Ta’us adabamaniiru. Bakka ergamoonni qajeeloon maatii Waaqayyoo ta’anitti akka deebi’an hin heyyamamneef. Kana malees, Yihowaan lammaffaa qaama namootaa akka uffatan hin heyyamneef. Yeroo boodas guyyaa firdii isa dhumaatti ni du’u.—2 Phexros 2:4; Yihudaa 6.

      Seexanni Samiirra Darbatameera

      Seexannii fi maleekonni isaa warri hamoon samii irraa ariʼamaniiru

      Seexanniifi ergamoonnisaa hamoon gara lafaatti darbatamaniiru

      Bara 1914⁠tti samiirratti waraanni taasifamee ture. Kutaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e macaafni Mul’ataa wanta raawwatame akkas jechuun ibsa: “Kana booddees waaqa keessatti lolli in ka’e. Mikaa’el, [Yesus Kiristos inni du’aa ka’e] ergamoota isaa [warra gaarii] wajjin bineensa akka jawwee sana [Seexana] in lole; bineensichi akka jawwee sunis ergamoota isaa [warra hamoo] wajjin deebisee isa in lole. Bineensichi mirga hin arganne, deebi’ees isaaf ergamoota isaatiif waaqa keessatti iddoon hin argamneef. Bineensi guddichi akka jawwee sun, bofni bara durii, inni Diiyaabilos, Seexanas jedhame, inni guutummaa biyya lafaa wallaalchisu gara biyya lafaatti gad in darbatame; ergamoonni isaas isaa wajjin gad in darbataman.”

      Waraanni kun bu’aa maalii argamsiise? Seenaansaa itti fufuun, “Egaa yaa bantiiwwan waaqaa, warri isaan keessa jiraattanis gammadaa!” jedha. Seexanniifi ergamoonnisaa warri hamoon ykn hafuura xuraa’oo ta’an sanaan booda samiirra jiraachuu waan hin dandeenyeef gammaduu danda’aniiru. Namoonni lafarratti argamanoo? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Yaa lafaa, yaa galaanaa, Seexanni gara keessanitti waan gad bu’eef isiniif garuu wayyoo! Inni yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera!”—Mul’ata 12:7-9, 12.

      Eeyyee Seexanniifi ergamoonnisaa hamoon isa cina hiriiran, namoota lafarratti argaman wallaalchisaafi wayyoo isaanitti fidaa jiru. Ergamoonni hamoon kun hafuurota xuraa’oo jedhamanii waamamu. Isaan diinota Waaqayyooti. Hundisaanii hamoodha.

  • Hafuuronni Hamoon Nama Ajjeesu!
    Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
    • Hafuuronni Hamoon Nama Ajjeesu!

      Seexanniifi hafuuronni hamoon yeroo hundaa gara jabeeyyiifi balaa kan geessisanidha. Bara durii Seexanni looniifi hojjettoota Iyoob isa amanamaa ajjeeseera. Achiis, “qilleensi jabaan” akka ka’u godhee mana isaan keessa turan jigsuudhaan ijoollee Iyoob kurnan ajjeeseera. Isa boodas, Seexanni “faana miilla isaatii hamma gubbee mataa isaatiitti iita madaa’uun” Iyoobiin hubeera.—Iyoob 1:7-19; 2:7.

      Hafuuronni hamoon bara Yesusittis, namoonni tokko tokko arrabnisaanii akka hidhamuufi ijisaanii akka hin argine godhanii turan. (Maatewos 9:32, 33; 12:22) Namni tokkommoo dhagaadhaan of rukutee akka of madeessu gochuudhaan dhiphisaniiru. (Maarqos 5:5) Mucaa tokkommoo, humnaan lafaan dha’ee “dhidhiitachiise[e]” akka iyyu isa godheera.—Luqaas 9:42.

      Seexannii fi jinniiwwan isaa dhukkuba dhiitoo hamaa ta‵een akka qabamu godhaniiru; namichi tokkos gaggabdoodhaan akka kufu godhaniiru

      Bara duriitti hafuuronni hamoon namoonni tokko tokko akka dhukkubsatan, kaanimmoo of wallaalanii kufuudhaan akka dhidhiittataan godhu turan

      Yeroo ammaatti, Seexanniifi hafuuronni hamoon yeroo kamiyyuu caalaatti namoota ajjeesuuf kutataniiru. Yeroo samiirraa gad darbatamanii eegalee hojiinsaanii inni hamaan itti caalaa adeemeera. Gabaasni addunyaa maraa gara jabinaa Seexanaafi hafuurota hamoo kan mirkaneessanidha. Namoota tokko tokko dhukkubaan dhiphisu. Warra kaanimmoo hirriba dhabsiisuu ykn abjuu sodaachisaa akka abjootan gochuudhaan isaan jeequ. Kaanimmoo ni gudeedu. Warra kaanimmoo ni maraachu; namoota kaan akka ajjeesan ykn akka of ajjeesan isaan kakaasu.

      Jinniiwwan namichi tokko hammina akka raawwatu, inni tokko immoo abjuu sodaachisaadhaan akka dhiphatu yommuu godhan

      Har’as hafuuronni hamoon namoonni tokko tokko yakka akka raawwatan godhu; kaanimmoo halkaniin abjuu sodaachisaa akka abjootan gochuudhaan isaan dhiphisu

      Lintiinaan isheen biyya Suriinaam jiraattu, hafuurri xuraa’aan ykn hafuurri hamaan miseensa maatiishee keessa namoota 16 akka jalaa ajjeeseefi waggaa 18f qaamaafi sammuun ishees dhiphisaa akka ture dubbatti. Muuxannoo mataasheerraa ka’uun “namoota tole isaaniin hin jenne hanga du’aatti dhiphisuun akka isaan gammachiisu” dubbatti.

      Haata’u malee, Yihowaan tajaajiltootasaa miidhaa Seexanaarraa eeguu ni danda’a.—Fakkeenya 18:10.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi