LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • fy boq. 7 ful. 76-89
  • Maatii Keessa Mucaa Didaan Jiraa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maatii Keessa Mucaa Didaan Jiraa?
  • Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • DIDAA JECHUUN MAAL JECHUUDHA?
  • WANTOOTA DIDAA TA’UUF SABABII TA’AN
  • EELII ISA IJOOLLEESAA CALLISEE GADHIISEEFI REHOBIYAAM ISA HACUUCAA TURE
  • FEDHIIWWAN BU’UURAA GUUTUUN MUCAAN TOKKO DIDAA AKKA HIN TAANE GOCHUU DANDA’A
  • YEROO IJOOLLEEN RAKKINA KEESSA GALAN
  • MUCAA MATUMAA DIDAA TA’E AKKA ITTI QABUUN DANDA’AMU
  • Ijoolleen Keessan Umrii Kurnanii Keessatti Argaman Sirriitti Akka Guddatan Gargaaraa
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Ijoollee Keessan Xinnummaasaaniitii Kaasaa Leenjisaa
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Warra Kan Taatan Ijoollee Keessan Jaalalaan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Barsiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
fy boq. 7 ful. 76-89

BOQONNAA TORBA

Maatii Keessa Mucaa Didaan Jiraa?

Fakkii fuula 76rra jiru

1, 2. (a) Yesus geggeessitoonni amantii Yihudii amanamoo utuu hin ta’in hafuusaanii yeroo addeessu fakkeenya akkamii dubbate? (b) Dargaggoota ilaalchisee fakkeenya Yesus dubbaterraa maal baranna?

YESUS du’uusaa guyyoota muraasa dura tuuta geggeessitoota amantii Yihudaa gaaffii xiyyeeffannaasaanii harkisu gaafatee ture. Akkas jedhe: “Waa’ee isa ani isinitti himuuf jedhu kanaa maal yaaddu? Namni ilmaan lama qabu tokko ture; innis ilma isaa isa tokko bira dhaqee, ‘Yaa ilma ko, dhaqiitii har’a dhaabaa waynii keessa hojjedhu!’ jedheen. Ilmi isaa sun immoo, ‘Anoo hin dhaqu’ jedhee deebiseef; ergasii garuu gaabbee dhaqe. Namichi ergasii ilma isaa isa kaan bira dhaqee, isuma ilma isaa isa tokkotti dubbate itti hime; inni immoo, ‘Tole yaa abbayyee ko!’ jedhe, garuu hin dhaqne. Isaan lamaan sana keessaa isa kam inni jaalala abbaa isaatii godhe?” Geggeessitoonni amantii Yihudiis, “Isa duraa ti” jedhanii deebisan.—Maatewos 21:28-31.

2 Asirratti Yesus geggeessitoonni amantii Yihudii amanamoo utuu hin ta’in hafuusaanii saaxiluusaa ture. Fedhii Waaqayyoo raawwachuuf waadaa galanii waadaasaanii utuu hin eegin waan hafaniif, isaan akka mucaa isa jalqabaa turan. Haata’u malee, warri hedduun Yesus kana kan dubbate ilaalcha gaarii jireenya maatiitiif qaburratti hundaa’ee akka ta’e ni hubatu. Akkuma Yesus fakkeenyaan ibsetti, yeroo baay’ee waan dargaggoonni yaadan beekuun ykn wanta isaan godhan dursanii dubbachuun rakkisaadha. Dargaggeessi tokko yeroo dargaggummaatti rakkina baay’ee uumuu danda’a; erga guddatee booda garuu itti gaafatamummaan itti dhaga’amuufi nama kabajamaa ta’uu danda’a. Rakkina ijoollee umrii kurnanii keessatti argamaniirratti yommuu mari’annu, kana sammuutti qabachuun keenya barbaachisaadha.

DIDAA JECHUUN MAAL JECHUUDHA?

3. Warri, mucaansaanii didaa akka ta’e dafanii murteessuu kan hin qabne maaliifi?

3 Yeroo tokko tokko, dargaggoonni garmalee warrasaaniirratti hammaatan akka jiran ni dhageessu ta’a. Tariimmoo maatii dargaggeessi didaan, to’annaadhaan ala ta’e keessa jiru beektu ta’a. Haata’u malee, mucaan tokko didaa ta’uufi dhiisuusaa beekuun yeroo hundumaa salphaa miti. Kana malees, maatiidhuma tokko keessaa ijoolleen tokko tokko kan hin ajajamneefi kaanimmoo kan ajajaman maaliif akka ta’e hubachuun rakkisaadha. Warri, ijoolleesaanii keessaa inni tokko matumaa didaa ta’aa akka jiru yoo itti dhaga’ame maal gochuu qabu? Gaaffii kana deebisuu keenya dura, jalqaba mucaa didaa jechuun maal jechuu akka ta’e haa’ilaallu.

4-6. (a) Mucaa didaan kan akkamiiti? (b) Mucaansaanii yeroo hundumaa didaa ta’uusaa kan itti fufu yoo ta’e warri maal gochuu qabu?

4 Salphaadhumatti, didaa kan jedhamu nama ta’e jedhee irra deddeebi’uudhaan aangoodhaaf bitamuu didu ykn seera cabsudha. Dhugaadha, “wallaalummaan yaada mucaatti qabamee jira.” (Fakkeenya 22:15) Kanaaf, ijoolleen hundumtuu yeroo ta’e tokkotti warrasaaniitiifis ta’e namoota aangoo qaban kan biraadhaaf ajajamuu didu. Keessumaa kun kan ta’u, yeroo qaamaanis ta’e miiraan guddatanitti, jechuunis yeroo dargaggummaasaaniittidha. Jijjiiramni tokko jiraachuunsaa jireenya nama tokkoorratti dhiphina fiduu danda’a; yeroon dargaggummaammoo jijjiiramni baay’een kan itti mul’atudha. Ijoolleen keessan umrii kurnanii keessatti argaman ijoollummaarraa gara ga’eessummaatti deemaa jiru. Kanaan kan ka’es, yeroo umrii dargaggummaa kanatti, warriifi ijoolleen wal ta’anii jiraachuu dadhabu. Yeroo baay’ee warri jijjiirama ijoolleesaanii kana ittisuu ykn tursuu kan barbaadan yommuu ta’u, ijoolleen umrii kurnanii keessa jiranimmoo ariifachiisuu barbaadu.

5 Mucaa didaan umrii kurnanii keessa jiru qajeelfama warrisaa kennaniif hin fudhatu. Haata’u malee, ajaja tokko tokko fudhachuu diduunsaa didaadha jechuu akka hin taane yaadadhaa. Dhimmawwan hafuuraa wajjin haala wal qabateenis, ijoolleen tokko tokko jalqabarratti fedhii xinnoo qofa qabaachuu ykn tasumaa fedhii dhabuu danda’u; kana jechuun garuu hin ajajaman jechuu ta’uu dhiisuu danda’a. Warra waan taataniif, daftanii mucaankoo didaadha jettanii hin murteessinaa.

6 Dargaggoonni umrii dargaggummaa keessa jiran hundi aangoo warrasaaniitiif ajajamuu diduudhaan beekamuu? Tasumaa akkas miti. Ragaan akka argisiisutti, dargaggoota umrii kurnanii keessatti argaman keessaa xinnoo qofatu matumaa kan hin ajajamne ta’a. Haata’u malee, mucaa didee hamminasaatti itti fufu maal gochuutu danda’ama? Akka didaa ta’u kan isa godhu maal ta’uu danda’a?

WANTOOTA DIDAA TA’UUF SABABII TA’AN

7. Hafuurri Seexanaa, biyya lafaarra jiru mucaan tokko didaa akka ta’u gochuu kan danda’u akkamitti?

7 Wanti guddaan didaa ta’uudhaaf sababii ta’u addunyaa Seexanaan qabame kanadha. ‘Guutummaan biyya lafaa harka isa hamaa jala jira.’ (1 Yohannis 5:19) Biyyi lafaa to’annaa seexanaa jala jiru kun, aadaa miidhaa geessisuufi Kiristiyaanonni ofirraa ittisuu qabaniin guutameera. (Yohannis 17:15) Aadaawwan kana keessaammoo, baay’eensaanii kan namatti hin tolle, kan badiisa geessisaniifi yeroo kamiyyuu caalaatti dhiibbaa gadheedhaan kan guutamanidha. (2 Ximotewos 3:1-5, 13) Warri, ijoolleesaanii barsiisuu, akeekkachiisuufi eeguu baannaan, ijoolleen laayyumatti ‘hafuuricha hamaa amma namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa jiruun’ liqimfamuu danda’u. (Efesoon 2:2) Dhiibbaan hiriyootaas kanaa wajjin kan wal qabatudha. Macaafni Qulqulluun, “Miiltoon gowwootaa . . . in bada” jedha. (Fakkeenya 13:20) Haaluma wal fakkaatuun, namni nama hafuura biyya lafaa kanaan guutamee wajjin hiriyaa ta’u, hafuura sanaan dhiibbaan isarra ga’uu danda’a. Ijoolleen, seerawwan bu’uuraa Waaqayyootiif ajajamuun jireenya hunda caaluuf bu’uura ta’uusaa akka hubataniif, gargaarsi walirraa hin cinne godhamuufii qaba.—Isaayaas 48:17, 18.

8. Wantoonni mucaan tokko didaa akka ta’u godhan maalfa’i?

8 Wanti didaa ta’uuf sababii ta’u kan biraanimmoo haala maatii keessatti argamu ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf, abbaan ykn haati araada dhugaatii ykn qoricha sammuu namaa hadoochuu kan qaban yoo ta’e ykn inni tokko isa tokkorratti miidhaa kan geessisu yoo ta’e, ilaalchi mucaan umrii kurnanii keessatti argamu kun lubbuudhaaf qabaatu manca’uu danda’a. Mucaan tokko warrisaa akka isaaf dhimma hin qabne yoo itti dhaga’ame, maatii hamma tokko tasgabbii qaba jedhamu keessattillee didaa ta’uu danda’a. Haata’u malee, ijoolleen umrii kurnanii keessatti argaman didaa kan ta’an yeroo hundumaa dhiibbaa karaa alaa isaanirra ga’uun qofa miti. Ijoolleen tokko tokko warrisaanii seerawwan bu’uuraa Waaqayyoo hojiirra kan oolchan, akkasumas addunyaa isaan marsee jirurraa da’oo guddaa isaaniif ta’aniyyuu, ajaja warrisaanii kennaniif fudhachuu didu. Maaliif? Tarii sababiinsaa cubbuu dhaalle, isa hundee rakkina keenyaa ta’e ta’uu danda’a. Phaawulos akkas jedheera: “Cubbuun karaa nama tokkoo [Addaam] biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga’e.” (Roomaa 5:12) Addaam ofittummaadhaan kaka’ee waan didaa ta’eef, ilmaansaa wanta gadhee dhaalchiseera. Ijoolleen tokko tokko akkuma abaabiliisaanii kanaa didaa ta’uu filataniiru.

EELII ISA IJOOLLEESAA CALLISEE GADHIISEEFI REHOBIYAAM ISA HACUUCAA TURE

9. Ijoollee guddisuu ilaalchisee ilaalcha akkamii qabaachuutu mucaan tokko didaa akka ta’u godha?

9 Wanti mucaan tokko didaa akka ta’u godhu kan biraanimmoo, warri akkaataa guddisa ijoolleetiin ilaalcha sirrii ta’e qabaachuu dhiisuusaaniiti. (Qolosaayis 3:21) Warri itti gaafatamummaan itti dhaga’amu tokko tokko ijoolleesaanii garmalee to’atu, garmalee adabus. Warri kaanimmoo baay’ee laafoo waan ta’aniif, ijoolleesaanii warra dargaggoota ta’aniifi muuxannoo hin qabneef qajeelfama eegumsa isaaniif ta’u hin kennan. Haalawwan faallaa ta’an kana wal simsiisuun yeroo hundumaa salphaa miti. Ijoollee addaddaatiif waan addaddaatu barbaachisa. Inni tokko isa kaanirra to’annaan isa barbaachisuu danda’a. Ta’us, garmalee ijoollee to’achuunis ta’e garmalee gadhiisuun balaa akkamii akka qabu hubachuuf fakkeenyota Macaafa Qulqulluu nu gargaaran lama ilaalla.

10. Eliin hangafa lubaa amanamaa ta’uu danda’us abbaa gaarii kan hin turre akkamitti?

10 Israa’el durii keessatti hangafa lubaa kan ta’e Eliin abbaa ijoollee ture. Waggaa 40f waan tajaajileef seera Waaqayyoo sirriitti kan beeku ta’uunsaa homaa hin shakkisiisu. Eliin hojii lubummaasaa isa yeroo hundaa amanamummaadhaan raawwachuufi ijoolleesaa Hofniifi Fiinehaasiin Seera Waaqayyoo barsiisuu hin oolu. Haata’u malee, Eliin ijoolleesaa wajjin haala wal qabateen baay’ee laafaa ture. Hofniifi Fiinehaas luboota bakka guddaa qaban ta’anii tajaajilaa kan turan ta’uyyuu, garaasaanii guuttachuufi fedhii saalaarratti waan xiyyeeffataniif “namoota waa’ee hin baafne” turan. Haata’u malee, Eliin bakka qulqullaa’aa ta’etti gocha yeellaasisaa akkasii yommuu raawwatanitti, hojii lubummaasaaniitti akka itti hin fufne gochuuf ija jabina hin arganne. Xinnuma qofa isaanitti dheekkame. Eliin ijoolleesaa callisee gadhiisuusaatiin Waaqayyo caalaa ilmaansaa kabaje. Kanaan kan ka’es, ilmaansaa waaqeffannaa Yihowaa isa qulqulluurratti kan ka’an yommuu ta’u, Eliifi maatiisaarras balaa guddaan ga’eera.—1 Saamu’el 2:12-17, 22-25, 29; 3:13, 14; 4:11-22.

11. Warri, dogoggora Eliirraa maal barachuu danda’u?

11 Yeroo kun ta’utti ilmaan Elii ga’eessota kan turan ta’uyyuu, seenaan kun ijoollee adabuu dhiisuun balaa akkamii akka geessisu argisiisa. (Fakkeenya 29:21 waliin ilaali.) Warri tokko tokko jaalalli, ijoollee adabuurratti laafuudhaan kan argisiifamu itti fakkaata; kanaan kan ka’es seera ifa, itti fufaafi sirrii ta’e baasuufi kabajchiisuu dadhabu. Ijoolleen seera bu’uuraa Waaqayyoo hojiirra oolchuu yeroo dhiisanittiyyuu adaba jaalalarratti hundaa’e kennuu dagatu. Kanaan kan ka’es, ijoolleensaanii aangoo warrasaaniitiifis ta’e eenyuufiyyuu dhimma utuu hin qabaatin hafu.—Lallaba 8:11 waliin ilaali.

12. Rehobiyaam aangoosaatti fayyadamuu wajjin haala wal qabateen dogoggora akkamii hojjete?

12 Rehobiyaamimmoo aangoosaatti seeraan ala fayyadamuudhaan fakkeenya ta’a. Mootummaa Israa’el isa tokko tureef, mootii isa dhumaa kan ture ta’uyyuu, mootii gaarii hin turre. Rehobiyaam biyya namoonni ba’aa ulfaataa abbaansaa Solomoon isaanirra kaa’een gaddanii turan keessa jiraatan bulcha ture. Rehobiyaam rakkinasaanii isaaniif hubateeraaree? Lakki. Namoonni ergaman ba’aawwan tokko tokko akka isaanirraa buusu yommuu isa gaafatan, gorsa maanguddoota muuxannoo qabanii dhaga’uu diduusaarrayyuu, ba’aansaanii caalaatti akka isaanitti ulfaatu ajaje. Of tuuluunsaa kun gosni kurnan Israa’el gara kaabaa fincila akka kaasuufi mootummicha bakka lamatti akka hiramu godhe.—1 Mootota 12:1-21; 2 Seenaa 10:19.

13. Warri, dogoggora Rehobiyaam hojjeterraa fagaachuu kan danda’an akkamitti?

13 Seenaa Macaafa Qulqulluu waa’ee Rehobiyaam dubbaturraa, warri barumsa barbaachisaa tokko tokko argachuu danda’u. Kadhannaadhaan ‘fuula Yihowaa barbaaddachuufi’ akkaataa seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hordofuudhaan akkaataa ijoolleesaanii itti guddisaa jiran qoruu qabu. (Faarfannaa 105:4) Lallabni 7:7, [1899] “Jal’inni ogeessa maraachisa” jedha. Qajeelfamni sirriitti itti yaadamee kennamu, dargaggoonni eegumsa argatanii akka guddatan gargaara. Haata’u malee, ijoolleen seera asiifi achi hin jenneen geggeeffamuufi ofitti amanannaa hamma dhabanitti hacuucamuu hin qaban. Warri mirga daangaa qabu kan kennan, qajeelfama ifa ta’eefi hin gegeeddaramne baasuuf carraaqqii kan godhan yoo ta’e, dargaggoonni umrii kurnanii keessatti argaman baay’een ajajamuu hin didan.

FEDHIIWWAN BU’UURAA GUUTUUN MUCAAN TOKKO DIDAA AKKA HIN TAANE GOCHUU DANDA’A

Fakkii fuula 83rra jiru

Warri ijoolleensaanii rakkoo umrii dargaggummaatti isaan mudatu akka mo’an yoo isaan gargaaran, yeroo baay’ee ijoolleen tasgabbii argatanii guddatu

14, 15. Warri, guddina ijoolleesaanii akkamitti ilaaluu qabu?

14 Warri, ijoolleensaanii qaamaan ijoollummaarraa gara ga’eessummaatti yeroo guddatan kan gammadan ta’uyyuu, dargaggoonni kun isaanitti hirkachuu dhiisanii of danda’u yommuu jalqaban jeeqamuu danda’u. Yeroo ce’umsaa kanatti, mucaan keessan inni umrii kurnanii keessatti argamu darbee darbee didaa ykn walii galtee kan hin qabne yoo ta’e hin dinqisiifaminaa. Kaayyoon warra Kiristiyaanota ta’anii, ijoollee Kiristiyaana ga’eessota, jaboofi itti gaafatamummaan itti dhaga’amu guddisuu ta’uu akka qabu hin irraanfatinaa.—1 Qorontos 13:11⁠fi Efesoon 4:13, 14 wajjin wal bira qabii ilaali.

15 Ulfaataa ta’uu danda’uyyuu, warri mucaansaanii umrii dargaggummaarra jiru, birmaduu akka isaaf kennan yeroo gaafatu dhorkuu amaleeffachuu hin qaban. Mucaan tokko karaa sirrii ta’een of danda’ee guddachuun isa barbaachisa. Ijoolleen umrii kurnanii keessa jiran tokko tokko umriinsaanii xinnoo ta’ee utuu jiruu akka ga’eessotaatti yaadu jalqabuu danda’u. Fakkeenyaaf Macaafni Qulqulluun waa’ee Yosiyaas Mootii dargaggeessa turee akkas jedha: “Ijoollee [gara waggaa 15] ta’ee utuma jiruu Waaqayyoon isa kan Daawit abaabilii isaa in barbaaddate.” Dargaggeessi adda ta’e kun nama itti gaafatamummaan itti dhaga’amu akka ture hubachuun ni danda’ama.—2 Seenaa 34:1-3.

16. Ijoolleen itti gaafatamummaan yeroo isaanii kennamu maal hubachuu qabu?

16 Haata’u malee, birmaduu argachuunis itti gaafatamummaa fidu qaba. Kanaaf, mucaan keessan inni gara ga’eessummaatti guddachaa jiru bu’aa murtooniifi gochisaa fidu akka hubatu godhaa. Seerri bu’uuraa, “Namni immoo waanuma facaase in galfata” jedhu ijoollee umrii kurnanii keessatti argamaniifis ta’e ga’eessotaaf ni hojjeta. (Galaatiyaa 6:7) Ijoolleen hamma barabaraatti eegumsa keessan jala jiraachuu hin danda’an. Haata’u malee, mucaan keessan wanta tasumaa fudhatama hin qabne gochuu yoo barbaadehoo? Itti gaafatamummaan waan isinirra jiruuf, ‘Hin ta’u’ jechuu qabdu. Sababii hin ta’u jettaniif ibsuu kan dandeessan ta’uyyuu, yaada keessan jijjiirtanii haata’u jechuu hin qabdan. (Maatewos 5:37 waliin ilaali.) Ta’us, ‘dubbiin laafaan dheekkamsa waan qabbaneessuuf’ yeruma “Hin ta’u” jettanillee haala qabbanaa’aafi sababa-qabeessa ta’een ta’uu qaba.—Fakkeenya 15:1.

17. Wantoonni ijoollee umrii kurnanii keessa jiran barbaachisaniifi warri guutuufii qaban tokko tokko maalfa’i?

17 Dargaggoonni yeroo tokko tokko daangaafi seera isaaniif kennamu fudhachuu kan hin barbaanne ta’aniyyuu, yeroo hundumaa ifatamuudhaan eegumsa argachuu qabu. Ulaagaan isaanirraa eegamu, miira yeroo tokko tokko warratti dhaga’umrratti hundaa’ee yeroo hundumaa kan jijjiiramu yoo ta’e ijoolleen aaruu danda’u. Kana malees, ijoolleen umrii kurnanii keessa jiran tarkaanfii cimaa fudhachuu, ija laafinaafi ofitti amanamuu ilaalchisee rakkina qaban akka mo’aniif, jajjabinaafi gargaarsa yoo argatan, ejjennoo hin gegeeddaramne qabaatanii guddatu. Kana malees, ijoolleen umrii kurnanii keessatti argaman warrisaanii akka isaan amanan hubachuunsaanii isaan gammachiisa.—Isaayaas 35:3, 4⁠fi Luqaas 16:10; 19:17 wajjin wal bira qabii ilaali.

18. Dargaggoota umrii kurnanii keessatti argaman ilaalchisee dhugaa nama jajjabeessu maaliitu jira?

18 Warri, maatii keessatti nagaan, tasgabbiifi jaalalli yoo jiraate ijoolleen akka gammadan beekuunsaanii isaan jajjabeessuu danda’a. (Efesoon 4:31, 32; Yaaqoob 3:17, 18) Kan nama dinqisiisu garuu, dargaggoonni baay’een maatii araada dhugaatii, hammeenyaafi amala gadhee kan biraatiin beekamu keessatti kan guddatan ta’aniyyuu, ga’eessota gaarii ta’anii guddatu. Kanaaf, ijoolleen keessan tasgabbii akka argatan, akkasumas akka isaan jaallattaniifi xiyyeeffannaa laattaniif akka itti dhaga’amu yoo gootan, karaa sirrii ta’een waan tokko yoo isaan dhowwattaniifi adaba seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e yoo kennitaniifillee, gara fuulduraatti ga’eessota itti gammaddan akka ta’an beekamaadha.—Fakkeenya 27:11 waliin ilaali.

YEROO IJOOLLEEN RAKKINA KEESSA GALAN

19. Warri, mucaansaanii karaa itti jiraachuu qabu isa barsiisuu kan qaban ta’uyyuu, mucicharrammoo itti gaafatamummaa akkamiitu jira?

19 Warra gaarii ta’uun dhugumaan jijjiirama fida. Fakkeenyi 22:6 akkas jedha: “Akka itti jiraachuun ta’u mucaa barsiisi! Innis yommuu dulloomu iyyuu irraa hin kaatu.” Haata’u malee, ijoollee warra gaarii qabaataniyyuu rakkina cimaa qaban barsiisuun ni danda’amaa? Eeyyee ni danda’ama. Jechoonni fakkeenya kanaa, caqasoota itti gaafatamummaa mucaan tokko warrasaa ‘dhaga’uufi’ isaaniif abboomamuu akka qabu addeessanii wajjin walbira qabamuu qabu. (Fakkeenya 1:8) Maatii keessatti walta’iinsi akka jiraatu yoo barbaadame, warris ta’an mucaansaanii seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqulluu kabajuudhaan waliin jiraachuu qabu. Warriifi ijoolleen waliin hin hojjetan taanaan rakkinni ni uumama.

20. Ijoolleen dantaa dhabuudhaan dogoggora yommuu hojjetan warri maal yoo godhan sirrii ta’a?

20 Mucaan umrii kurnanii keessa jiru dogoggora raawwatee rakkina keessa yoo gale warri maal gochuu qabu? Mucaan kun caalaatti gargaarsa argachuu kan qabu yeroo kanatti. Warri, mucaansaanii muuxannoo kan hin qabne ta’uusaa yoo yaadatan garmalee dheekkamuurraa of qusatu. Phaawulos akkas jechuudhaan obboloota muuxannoo qaban gorseera: “Namni tokko utuu itti hin yaadin cubbuu kamitti illee yoo kufe, isin warri hafuuraan geggeeffamtanii jiraattan, hafuura garraamummaatiin akka isaa duriitti isa deebisaa!” (Galaatiyaa 6:1) Warris, yeroo mucaansaanii dantaa dhabuudhaan dogoggora hojjetu gorsa kana hojiirra oolchuu danda’u. Gochisaa dogoggora kan ta’e maaliif akka ta’eefi, dogoggorasaa akka irra hin deebineef maal gochuu akka danda’u yeroo ibsaniifitti, gadhee kan ta’e amalasaa isa dogoggora ta’e malee mucicha akka hin taane ifa gochuufii qabu.—Yihudaa 22, 23 waliin ilaali.

21. Warri, ijoolleensaanii cubbuu guddaa yoo hojjetan fakkeenya gumii Kiristiyaanaa hordofuudhaan maal gochuu qabu?

21 Balleessaan mucaan tokko hojjete baay’ee cimaa yoo ta’ehoo? Akkas taanaan gargaarsi adda ta’eefi qajeelfamni ogummaarratti hundaa’e kennamuufii qaba. Miseensi gumii tokko cubbuu guddaa yoo hojjete, yaada garaasaa akka jijjiiruufi gargaarsa jaarsolii akka gaafatu gorfameera. (Yaaqoob 5:14-16) Takkaa qalbiisaa erga jijjiirratee booda, jaarsoliin isaa wajjin hojjechuudhaan karaa hafuuraa deebi’ee akka jabaatu isa gargaaru. Maatii keessatti yoo ta’e garuu, jaarsolii wajjin dhimmasaarratti mari’achuun kan barbaachisu ta’uyyuu, dargaggeessa umrii kurnanii keessa jiruufi dogoggora hojjete gargaaruun itti gaafatamummaa warraati. Cubbuu guddaa, ijoolleesaanii keessaa inni tokko raawwate qaama jaarsolii jalaa dhoksuuf yaaluun tasumaa waan ta’uu hin qabnedha.

22. Warri, yoo mucaansaanii cubbuu guddaa hojjete fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan ilaalcha akkamii qabaachuuf carraaqu?

22 Ijoolleen ofii cubbuu guddaa yeroo hojjetan isaan sirreessuun rakkisaa ta’uu danda’a. Warri, baay’ee aaruusaaniitiin kan ka’e mucaasaanii isa rakkisaa ta’e ni doorsisu ta’a; kana gochuunsaanii garuu mucicha dallansiisuurraa kan hafe faayidaa hin qabu. Haalli mucichaa inni gara fuulduraa akkaataa yeroo rakkisaa kanatti itti qabamurratti kan hundaa’e ta’uu akka danda’u hin irraanfatinaa. Yihowaan sabnisaa waan sirrii hojjechuu yeroo dhiisanitti, yoo qalbii jijjiirratan dhiifama isaanii gochuuf qophaa’aa akka ture hin irraanfatinaa. Wanta inni jaalalaan kaka’ee dubbate dhaga’aa: “Kottaa mee walii wajjin dhugaa in baafnaa cubbuun keessan akka dhiigaa yoo isin diimesse iyyuu, akka cabbii in addaattu; diimaa biluus yoo isin godhe iyyuu, akka jirbii iddamaa adii in taatu.” (Isaayaas 1:18) Kun warraaf fakkeenya gaarii mitii?

23. Ijoolleesaanii keessaa tokko cubbuu cimaa yommuu raawwatu warri maal gochuu qabu? Wanti isaan gochuu hin qabnehoo maalidha?

23 Kanaaf, mucaan jal’aa ta’e amalasaa akka sirreessu jajjabeessuuf yaalaa. Warra muuxannoo qabaniifi jaarsolii gumiirraa gorsa argachuuf yaalii godhaa. (Fakkeenya 11:14) Aariidhaan kakaatanii waan mucichi lammata akka isinitti hin dhihaanne godhu tokko akka hin dubbannes ta’e akka hin goone of eeggadhaa. Aariifi hadhaa’ummaa to’annaa ala ta’erraa fagaadhaa. (Qolosaayis 3:8) Daftanii abdii hin kutatinaa. (1 Qorontos 13:4, 7) Hammeenya kan jibbitan ta’uyyuu, ijoollee keessanitti jabaachuufi isaan aarsuurraa of qusadhaa. Hunda caalaammoo, warri fakkeenya gaarii ta’uufi Waaqayyorratti amantaa jabaa qabaachuuf carraaqqii gochuu qabu.

MUCAA MATUMAA DIDAA TA’E AKKA ITTI QABUUN DANDA’AMU

24. Yeroo tokko tokko maatii Kiristiyaanotaa keessatti haala gaddisiisaa akkamiitu uumama? Yeroo kanatti warri maal gochuu qabu?

24 Yeroo tokko tokko dargaggeessi tokko karaa hammeenyaarra adeemuuf akka murteesseefi ajaja Kiristiyaanotaaf kenname akka tuffatu beekamaadha. Yoo akkas ta’e, xiyyeeffannaa keessan ijoollee warra kaanirratti gochuudhaan maatii keessan eeguu ykn ijaaruu qabdu. Xiyyeeffannaa keessan hundumaa mucaa didaa ta’erra gochuudhaan ijoollee kaan akka hin daganne of eeggannoo godhaa. Rakkoo uumame miseensota maatii warra kaan dhoksuu mannaa, hamma barbaachisaa ta’eefi karaa nama jajjabeessuun dhimmasaarratti mari’adhaa.—Fakkeenya 20:18 waliin ilaali.

25. (a) Warri fakkeenya gumii Kiristiyaanaa hordofuudhaan, mucaansaanii matumaa didaa yoo ta’e maal gochuu qabu? (b) Warri, mucaansaanii didaa yoo ta’e maal yaadatti qabachuu qabu?

25 Yohannis ergamaan miseensa gumii of sirreessuu dide ilaalchisee, “Mana keessanitti isa hin simatinaa! Nagaa iyyuu isa hin gaafatinaa!” jedheera. (2 Yohannis 10) Warris mucaansaanii umrii seeraan itti gaafatamaa ta’urra yoo ga’eefi matumaa yoo didaa ta’e, tarkaanfii akkasii fudhachuun barbaachisaa akka ta’e itti dhaga’amuu danda’a. Tarkaanfii akkasii fudhachuun yeroo tokko tokko ulfaataa ta’uu danda’us, ijoollee warra hafaniif eegumsa gochuuf jecha akkas gochuun gaarii ta’uu danda’a. Maatiin keessan eegumsa keessan argachuufi yeroo hundumaa to’atamuu qaba. Kanaaf, amalasaanii ilaalchisee yeroo hundaa daangaa ifaafi sababa-qabeessa ta’e baasuun barbaachisaadha. Ijoollee kaanii wajjin haasa’aa. Mana barumsaattis ta’e gumiirratti sochiinsaanii maal akka fakkaatu hordofaa. Gocha mucaa isa didaa ta’ee deggeruu baattaniyyuu, mucicha akka hin jibbine ifa godhaafii. Mucicha utuu hin ta’in gochasaa isa gadhee balaaleffadhaa. Ilmaan Yaaqoob lamaan gocha hammeenyaa raawwachuusaaniitiin maatiisaaniirratti rakkina yeroo fidanitti, Yaaqoob ilmaansaa utuu hin ta’in aarii isaanitti dhaga’ame abaare.—Uumama 34:1-31; 49:5-7.

26. Warri ijoolleesaanii guddisuuf carraaqqii guddaa godhan, ijoolleesaanii keessaa inni tokko yoo didaa ta’e maaltu isaan jajjabeessuu danda’a?

26 Waan maatii keessan keessatti uumameef itti gaafatamummaan isinitti dhaga’ama ta’a. Haata’u malee, hamma dandeessan gorsa Yihowaa hojiirra oolchuudhaan kadhannaadhaan waan dandeessan hundumaa erga gootanii, sababii malee of ceepha’uun keessan barbaachisaa miti. Eenyuyyuu abbaa ykn haadha mudaa hin qabne ta’uu hin danda’u; isin garuu hamma humna keessaniitti warra gaarii ta’uuf yaaluu keessanitti gammaduu qabdu. (Hojii Ergamootaa 20:26 waliin ilaali.) Mucaa matumaa didaa ta’e manaa qabaachuun baay’ee nama gaddisiisa; ta’uyyuu kun yoo isinirra ga’e, Waaqayyo rakkina keessan akka isiniif hubatuufi tajaajiltootasaa warra amanamoo ta’an akka hin dhiisne hin shakkinaa. (Faarfannaa 27:10) Egaa maatiin keessan ijoollee hafaniif bakka nageenyaafi karaa hafuuraa eegumsa itti argatan akka ta’u godhaa.

27. Warri fakkeenya mucaa bade sanaa yaadachuudhaan, mucaa didaa ta’e ilaalchisee maal abdachuu danda’u?

27 Matumaa abdii kutachuu hin qabdan. Karaa sirrii ta’een ijoollee keessan guddisuuf carraaqqiin kanaan dura gootan, garaa mucaa badee tuquudhaan gara qalbiisaatti akka deebi’u gochuu danda’a. (Lallaba 11:6) Maatiiwwan Kiristiyaana ta’an baay’een wanti akkasii kan isaan mudate si’a ta’u, isaan keessaa tokko tokko akkuma abbaa fakkeenya Yesus dubbaterratti ibsame sanaa ijoolleensaanii warri didaa ta’an yommuu deebi’an arganiiru. (Luqaas 15:11-32) Mucaan keessanis deebi’uu danda’a ta’a.

SEERAWWAN BU’UURAA MACAAFA QULQULLUU KUN, WARRI MUCAAN TOKKO MATUMAA DIDAA AKKA HIN TAANE GOCHUUF KAN ISAAN GARGAARAN AKKAMITTI?

Mucaan tokko yoo gargaarsa argachuu baate ilaalcha biyya lafaatiin manca’uu danda’a.—Fakkeenya 13:20; Efesoon 2:2.

Warri, ijoolleesaanii callisanii kan gadhiisan ykn kan hacuucan ta’uu hin qaban.—Lallaba 7:7, [1899]; Lal. 8:11.

Amalli gadheen ittifamuu kan qabu ta’uyyuu gaarummaadhaan ta’uu qaba.—Galaatiyaa 6:1.

Namoonni cubbuu guddaa hojjetan, qalbii yoo jijjiirrataniifi gargaarsa kennamuuf yoo fudhatan ‘fayyuu’ danda’u.—Yaaqoob 5:14-16.

WARRA KEESSANITTI HIMAA

Ijoolleen umrii dargaggummaarratti argaman ofiin buluu yommuu jalqaban shakkiifi dhiphinni isaan mudata. Addunyaa kana keessatti ofiisaaniitiin of bulchuuf dandeettii qabaachuunsaanii isaan shakkisiisa. Karaa nama mucuceessurra deemaa waan jiran itti fakkaata. Dargaggootaa, sodaa isinitti dhaga’amuuf warra keessanitti amanamaa. (Fakkeenya 23:22) Warri keessan garmalee akka isin to’atan yoo isinitti dhaga’ame, mirga dabalataa argachuun akka isin barbaachisu itti himaa. Yeroo sammuun keessan hin dhiphannettiifi hojiin isaanitti hin baay’annetti isaanii wajjin haasa’uuf karoorfadhaa. (Fakkeenya 15:23) Sirriitti wal dhaggeeffachuuf yeroo ga’aa qabaadhaa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi