-
Yihowaa Malee Seexana Hin TajaajilinEkeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
-
-
Dhugaa Baatota Yihowaa Wajjin Hariiroo Qabaadhu
Seexanniifi hafuuronni hamoon lafa kanarraa namoota wanta dogoggora ta’e barsiisaniifi raawwatan qabu. Yihowaanis saba mataasaa qaba. Isaanis Dhugaa Baatota Yihowaati. (Isaayaas 43:10) Addunyaa maratti Dhugaa Baatota Yihowaa miliyoona ja’aa ol ta’antu argamu. Hundisaanii wantoota gaarii ta’an gochuufi wantoota dhugaa ta’an namoota barsiisuuf carraaqu. Biyyoota hedduu keessatti, Galma Mootummaasaanii keessatti isaan argachuu kan dandeessu si’a ta’u, isaanis gammachuudhaan si simatu.
Hojiinsaanii namoonni kaan Waaqayyoon akka tajaajilan gargaaruudha. Karaa sirrii ta’een Yihowaa waaqeffachuu kan dandeessu akkamitti akka ta’e akka hubattu si gargaaruuf, manakeetti Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisuu danda’u. Kanaafis qarshii hin kaffaltu. Dhugaa Baatonni kun Waaqayyoofi namoota waan jaallataniif, waa’ee dhugaa barsiisuun isaan gammachiisa.
Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqayyoon akka tajaajiltu si gargaaru
-
-
Abdii Dinqisiisaa Fuulduratti DhufuEkeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
-
-
Abdii Dinqisiisaa Fuulduratti Dhufu
Seexanniifi hafuuronni hamoon yeroo dhihootti ni dhabamsiifamu
Seexanniifi hafuuronni hamoon kana booda yeroo dheeraa namoota itti wallaalchisan hin qaban. Yihowaan samiirraa isaan darbateera. (Mul’ata 12:9) Yeroo dhi’oottis, Waaqayyo tarkaanfii isaanirratti fudhata. Yohannis ergamaan mul’ata Waaqayyo biraa isaaf kennamerratti akkas jedheera: “Kana booddees ergamaan banaa iddoo isa lafa jalaa sanaa, fuuncaa guddaas of harkaa qabu tokko, waaqa keessaa gad bu’uu isaa nan arge. Inni bineensa akka jawwee, bofa bara durii, Diiyaabilos, Seexana sana qabee, waggaa kuma tokkoof in hidhe. Waggaan kumni sun hamma raawwatamutti, akka inni deebi’ee saba biyya lafaa hin wallaalchifnetti, iddoo isa lafa jalaa sanatti darbatee, balbala itti cufee mallattoo itti godhe.” (Mul’ata 20:1-3) Boodas, Seexanniifi hafuuronni hamoon barabaraaf balleeffamu.—Mul’ata 20:10.
Namoonni hamoon lafarratti argamanis isa wajjin balleeffamu.—Faarfannaa 37:9, 10; Luqaas 13:5.
Warri Du’an Ni Ka’u!
Namoonni du’an du’aa ka’anii lafarra jiraatu
Seexanniifi hafuuronni hamoon erga balleeffamanii booda, Yihowaan ilmaan namootaatiif eebba baay’ee fida. Namoonni du’an amma jireenya akka hin qabneefi lubbuudhaan akka hin jirre barachuukee ni yaadatta. Yesus du’a hirribaa wajjin, jechuunis hirriba jabaa abjuu hin qabnee wajjin wal fakkeesseera. (Yohannis 11:11-14) Akkas kan jedhe, namoonni du’aan obbaafatan du’aa kaafamanii yeroon itti dhufu akka jiru waan beekuufidha. Akkas jedhe: “Warri du’anii awwaalaman . . . awwaala keessaa in ba’u.”—Yohannis 5:28, 29; Hojii Ergamootaa 24:15 wajjin waliin ilaali.
Du’aa kaafamanii lafa kanarra jiraatu. Beeksisawwan waa’ee namoota du’anii ibsanii mannaa, oduuwwan gammachiisaa waa’ee namoota du’aa kaafaman ibsantu dhaga’ama! Namni jaallataniifi du’aan dhaban yommuu awwaalaa ka’u simachuun baay’ee nama gammachiisa!
-