LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
    • Kutaa 1

      Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?

      1, 2. Namoonni waa’ee Waaqayyoo gaaffii attamii gaafatu? Kan akkas jedhanii gaafatanoo maaliifi?

      JIREENYA KEE KEESSATTI ‘Waaqni dhugumaan waa’ee keenya yaadu jira taanaan, rakkinni kun hundi akka jiraatu maaliif heeyyame?’ jettee gaafattee beekta ta’a. Hundi keenyayyuu rakkinni nurra ga’ee beeka; warri kaanis ennaa rakkatan argineerra.

      2 Dhugumaaniyyuu, seenaa keessatti waraanaan, gochawwan suukanneessaa ta’aniin, yakkaan, jal’ina murtootiin, hiyyummaadhaan, dhukkubaafi nama jaallatan du’aan dhabuudhaan rakkinniifi dhiphinni namootarra ga’eera. Jaarraa 20⁠ffaa dabarsine kana qofatti, namoonni miiliyoona 100 ol ta’an sababii waraanaatiin ajjeefamaniiru. Namoonni miiliyoona dhibbaan lakkaa’aman garabiraanimmoo, sababuma kanaan miidhaan isaanirra ga’eera ykn manaafi qabeenyasaanii dhabaniiru. Bara keenya kanattis, wantoonni nama suukanneessaniifi gadda guddaa geessisan, namoonni hedduun imimmaan baay’ee akka dhangalaasaniifi akka abdii dhaban godhaniiru.

      3, 4. Namoonni baay’een Waaqayyo akka rakkinni jiraatu heyyamuusaatti maaltu itti dhaga’ama?

      3 Namoonni tokko tokko, baay’ee gadduusaaniitiin kan ka’e Waaqayyo jiraatuyyuu waa’ee keenya hin yaadu jedhanii dubbatu; ykn Waaqayyo hin jiru jedhanii yaadu. Fakkeenyaaf, namichi sababii ari’atama qomootiin Waraana Addunyaa isa jalqabaatti firoottaniifi maatiisaa du’aan dhabe tokko, “Yeroo isa barbaannetti Waaqayyo eessa ture?” jechuudhaan gaafateera. Namni waraana addunyaa isa lammaffaarratti namoota miiliyoonaan lakkaa’amaniifi loltoota warra Naaziitiin ajjeefaman keessaa oole tokkommoo dhiphina isarra ga’een: “Utuu onnee koo dhandhamtanii isinitti hadhaa’a ture” jechuudhaan gaddasaa ibseera.

      4 Kanaan kan ka’es, namoonni hedduun Waaqni gaarii ta’e wanti hamaan akka jiraatu maaliif akka heeyyame hubachuu dadhabu. Dhugumaan, Waaqayyo waa’ee keenya kan yaadu ta’uusaa ykn gonkumaa jiraachuusaa shakku. Namoota kana keessaa garri caalaansaanii rakkinni yoomiyyuu kan jiraatu isaanitti fakkaata.

      [Fakkii fuula 2, 3]

      Addunyaa haaraan rakkinarraa walaba ta’e dhiheenyatti ni dhufaa?

  • Lafa Rakkinarraa Walaba Ta’e
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
    • Kutaa 2

      Lafa Rakkinarraa Walaba Ta’e

      1, 2. Namoonni hedduun ilaalcha addaa attamii qabu?

      HAATA’U MALEE, addunyaa maratti namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman ilaalcha kanarraa adda ta’e qabu. Gara fuulduraatti jireenyi ilmaan namootaa baay’ee gaarii ta’a jedhanii yaadu. Yeroo dhihootti addunyaan dhiphinaafi rakkinarraa walaba ta’e ni dhufa jedhanii dubbatu. Wanti gadhee ta’e hundinuu badee, addunyaa haaraan akka dhaabatu ni amanu. Ammumayyuu bu’uurri addunyaa haaraa kun hundeeffameera jedhanii dubbatu.

      2 Namoonni kun, addunyaa haaraan dhufu waraana, gocha gara jabinaa, yakka, murtoo jal’aafi hiyyummaarraa akka walaba ta’u ni amanu. Addunyaa haaraa dhufu kana keessa, dhukkubni, gaddi, imimmaan dhangalaasuuniifi duutillee hin jiraatu. Yeroo sanatti namoonni gonkummaa argatu; akkasumas lafa jannata taaturra bara baraaf gammachuudhaan jiraatu. Namoonni du’anillee, ka’anii bara baraaf jiraachuuf carraa argatu.

      3, 4. Namoonni kun ilaalcha qaban kanaaf mirkanaa’oo kan ta’an maaliifi?

      3 Yeroo gara fuulduraa kana akkasitti ilaaluun, abjuu ykn hawwii qofaadhaa? Matumaa akkas miti. Abdiin kun, ragaa quubsaa ta’erratti kan hundaa’e waan ta’eef, Jannatni kun gara fulduraatti dhufuunsaa kan hin oolledha. (Ibroota 11:1) Namoonni kun mirkanaa’oo kan ta’an maaliifi? Sababiinsaa, kan abdii kana kenne Uumaa isa uumama cufarratti olaantummaa qabuufi waan hundumaa danda’u waan ta’eefidha.

      4 Abdiiwwan Waaqayyo kenne ilaalchisee Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokkollee akka hin hafne garaa keessan hundumaan, yaada keessan hundumaanis gaarii gootanii beektu; abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru, isaan keessaa tokko illee lafa bu’ee hin hafne.” “Waaqayyo akka namaa miti, inni hin sobu . . . inni wanta jedhe hin godhuu ree? Wanta dubbates hin raawwatuu ree?” “Waaqayyo gooftaan maccaa kakatee, ‘akka ani yaade in ta’a, akka ani murtoo godhettis in raawwatama.’”—Iyaasuu 23:14; Lakkoobsa 23:19; Isaayaas 14:24.

      5. Gaaffiiwwan deebii argachuu qaban kamfa’i?

      5 Kaayyoon Waaqayyoo jannata rakkinarraa walaba ta’e lafarratti hundeessuu erga ta’ee, jalqabumayyuu wantoonni gadhee ta’an akka jiraatan maaliif heyyame? Rakkoowwan uumaman kana sirreessuuf hanga ammaatti waggaa kuma ja’a kan eege maaliifi? Waggoottan hedduun rakkinaan guutaman kun dhugumaan Waaqayyo waa’ee keenya akka hin yaadne ykn akka inni hin jirre kan argisiisanidhaa?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi