LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Mirga Addaa Filannoo Gochuuf Kenname
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
    • Kutaa 5

      Mirga Addaa Filannoo Gochuuf Kenname

      1, 2. Akkaataan uumamaa keenya kan nama dinqisiisu kan ta’e maaliifi?

      WAAQAYYO rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyameefi rakkoowwan kana hambisuuf maal akka godhu hubachuuf, jalqaba akkamitti akka nu uume beekuu qabna. Waaqayyo yeroo nu uumetti sammuufi qaama qofa akka qabaannu godhee nu hin uumne. Kanaa mannaa, sammuufi miira addaa akka qabaannu godhee nu uume.

      2 Kutaa sammuufi miira keenya keessatti bakka guddaa kan qabu mirga addaa filannoo gochuuf qabnudha. Eeyyee, Waaqayyo filannoo gochuuf mirga akka qabaannu godhee nu uumeera. Kunis kennaa dinqisiisaa isa biraa nuu kennamedha.

      Akkaataa Uumamaa Keenya

      3-5. Filannoo gochuuf mirga arganne kan dinqisiifannu maaliifi?

      3 Mirgi addaa filannoo gochuuf nuu kenname, sababii Waaqayyo rakkinni akka jiraatu itti heyyamee wajjin walitti dhufeenya maalii akka qabu haa ilaallu. Jalqaba, wanta kanaa gad jiranirratti yaadi: Maal hojjechuu, maal dubbachuu, maal nyaachuufi uffachuu akka barbaaddu, hojii akkamii hojjechuu, eessa jiraachuufi akkamitti jiraachuu akka barbaaddu filachuuf mirga argatte dinqisiifattamoo, namni garabiraan dirqamaan jechaafi gocha kee hunda akka to’atu barbaadda?

      4 Namni sammuu sirrii qabu kamiyyuu jireenyisaa akka jalaa to’atamu hin barbaadu. Maaliifi? Sababiinsaas, Waaqayyo akka namni garabiraan jireenya keenya to’atu godhee waan nu hin uumneefidha. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo: ‘akka bifasaattiifi akka fakkeenyasaatti’ nama uumuusaa dubbata; amalawwan Waaqayyoo keessaa inni tokkommoo filachuuf mirga qabaachuudha. (Uumama 1:26; Keessa Deebii 7:6) Yeroo nama uumetti, kennaa dinqisiisaa mirga filachuuf nu dandeessisu akka qabaannu godhee nu uume. Namoota nu hacuucan jalatti gabroomuu kan jibbinus kanumaafi.

      5 Kanaafuu, Waaqayyo Waaqa birmaduu waan ta’eef, birmadummaa barbaachuun keenya wanta nama dinqisiisu miti. Macaafni Qulqulluun: “Iddoo hafuurri gooftichaa jiru immoo birmadummaatu jira” jedha. (2 Qorontos 3:17) Waan kana ta’eefis, Waaqayyo filannoo gochuu akka dandeenyu godhee nu uumeera. Akkaataa uumamaa sammuufi miira keenyaa waan beekuuf, mirga filachuu yoo qabaanne caalaatti akka gammannu beeka.

      6. Waaqayyo, sammuu keenya filannoo gochuuf mirga qabnuu wajjin haala wal simuun akka hojjetu godhee kan uume akkamitti?

      6 Waaqayyo, dandeettii waa yaaduu, waa madaaluu, murtoo gochuufi wanta gaariifi gadhee addaan baasanii beekuu nuu kenneera. (Ibroota 5:14) Kanaafuu, mirgi filachuu, filannoo itti yaadamee godhamerratti kan hundaa’edha. Nuyi akka roobootii filannoo gochuu hin dandeenyeetti hin uumamne. Yookin akka bineensota amala argisiisuu qaban akka argisiisan godhamanii uumamaniitti hin uumamne. Kanaa mannaa, sammuun keenya kan uumame mirga filachuu wajjin haala wal simuun akka hojjetu ta’uudhaani.

      Jalqaba Gaarii

      7, 8. Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniif qophii gaarii akkamii qopheesseefii ture?

      7 Waaqayyo, Addaamiifi Hewwaaniif mirga filannoo gochuu qofa utuu hin ta’in, kennaa namni kamiyyuu argachuu barbaadu hundaa isaaniif kennuudhaan akka isaaniif yaadu argisiiseera. Jannata keessa isaan kaa’ee ture. Wanta jireenyaaf isaan barbaachisu hedduu qabu turan. Sammuufi qaama gonkummaa qabu waan qabaniif, dullumaafi dhukkubarraa walaba ta’anii bara baraaf jiraachuu danda’u turan. Ijoollee gonkummaa qabaniifi bara baraaf gammachuudhaan jiraachuu danda’an godhachuu danda’u turan. Namoonni isaanirraa dhalatan hundi, hojii gammachiisaa lafa kana gara jannataatti geedderuurratti hirmaachuu danda’u turan.—Uumama 1:26-30; 2:15.

      8 Wanta Waaqayyo isaaniif qopheesse ilaalchisee Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Waaqayyo waanuma hojjete hundumaa in ilaale; kunoo, innis baay’ee gaarii ture.” (Uumama 1:31) Kana malees, Macaafni Qulqulluun waa’ee Waaqayoo: “Wanti inni godhus mudaa hin qabu” jechuudhaan dubbata. (Keessa Deebii 32:4) Eeyyee, Waaqayyo ilmaan namootaa gonkummaa qabaatanii akka jiraataniif qophii godhee ture. Wanti kana caalu hin jiru ture. Dhugumaan wantoonni kun, Waaqayyo ilmaan namootaatiif akka yaadu kan argisiisan hin turree?

      Mirga Daangaa Qabu

      9, 10. Filannoo gochuuf mirgi qabnu daangaa qabaachuunsaa barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

      9 Haata’u malee, Waaqayyo filannoo gochuuf mirga daangaa hin qabne isaaniif kennee turee? Mee magaalaa namniifi konkolaataan garmalee itti baay’atuufi serrii tiraafiikii utuu hin jiraatin, namni hundinuu akka barbaadetti konkolaataa oofuu itti danda’u yaadi. Haala akkasii keessatti konkolaataa oofuu ni barbaaddaa? Hin barbaaddu. Sababiinsaas, haalli akkasii kun rakkoo tiraafiikii uumuudhaan balaa geessisuunsaa kan hin oolle waan ta’eefidha.

      10 Filannoo gochuuf mirgi Waaqayyo nuu kennes kanaa wajjin kan wal fakkaatudha. Mirgi daangaa hin qabnes hawaasa keessatti jeequmsa uuma. Kanaafuu, seerri sochii namootaa to’atu jiraachuu qaba. Sagaleen Waaqayyoo kana ilaalchisee: ‘Akka nama birmaduu ba’eetti jiraadhaa; garuu birmadummaan keessan kan ittiin hamaa hojjettanii dhoksitan hin ta’in’ jechuudhaan dubbata. (1 Phexros 2:16) Waaqayyo nageenya hunda keenyaaf jecha, filannoo gochuuf mirgi qabnu daangaafi seera akka qabaatu barbaada. Waaqayyo seerawwan inni nuu kenneef akka ajajamnu waan barbaaduuf, mirga kan nuuf kenne, guutummaatti utuu hin ta’in haala daangaa qabuun qofadha.

      Seera Eenyuu?

      11. Seera eenyuu akka eegnuuf uumamne?

      11 Seera eenyuu akka eegnuuf uumamnee? Caqasni 1 Phexros 2:16 akka hiika Macaafa Qulqulluu Jeruusaalemitti kutaan jalqabaa: “Isin garboota Waaqayyoo malee kan eenyuuyyuu miti” jedha. Kana jechuun, garbummaatti hacuucamuu jechuu utuu hin ta’in, Waaqayyoof ajajamuudhaan akka gammannuuf uumamne jechuudha. (Maatewos 22:35-40) Seerrisaa seerawwan namoonni qopheessan kamiyyuu caalaatti qajeelfama gaarii qabateera. “Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waa’ee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.”—Isaayaas 48:17.

      12. Seera Waaqayyoo keessatti filannoo gochuuf mirga akkamiitu nuu kenname?

      12 Filannoo gochuuf mirgi qabnu kun kan daangeffame ta’us, daangaa nuuf kenname keessaa utuu hin ba’in filannoo gochuuf mirgi guddaan nuu kennameera. Kunis haalli adda addaa akka jiraatu gochuudhaan, namoonni lafarratti argaman kan nama dinqisiisan akka ta’an godheera. Mee waa’ee gosa nyaataa, uffannaa, muuziqaafi manoota adda addaa addunyaa maratti argamanii yaadi. Wantoota kana fakkaatan namni garabiraan akka nuu filu utuu hin ta’in ofii keenyaa filachuu barbaanna.

      13. Faayidaa keenyaaf jecha seerawwan uumamaa warra kamiif ajajamuu qabna?

      13 Kanaafuu, amala qabaachuu qabnu ilaalchisee seera Waaqayyo baaseef bitamuudhaan akka gammannuuf uumamne. Haalli kun, seera uumamaa Waaqayyo baaseef ajajamuu wajjin wal fakkaata. Fakkeenyaaf, seera harkisa lafaa cabsuudhaan bakka ol ka’aarraa yoo utaalle, ni cabna ykn ni duuna. Wanta qaamni keenya barbaaduuf ajajamuu diduudhaan nyaachuu, dhuguufi hafuura baafachuu yoo didnes ni duuna.

      14. Ilmaan namootaa Waaqayyorraa adda of baasanii jiraachuuf akka hin uumamne akkamitti beekna?

      14 Akkuma seera uumamaatiif ajajamuu qabnu, seera jireenyaafi hawwasummaa inni baaseefis bitamuu qabna. (Maatewos 4:4) Ilmaan namootaa kan uumaman, Waaqayyoorraa adda ba’anii yoo jiraatan akka isaaniif mijaa’u ta’anii miti. Ermiyaas raajichi: “Namni akeeka jireenya isaatii ofii isaatiin geggeeffachuu hin danda’u. Yaa Waaqayyo, na qajeelchi” jechuudhaan dubbateera. (Ermiyaas 10:23, 24 NW) Kanaafuu, namoonni haala kamiiniyyuu kan uumaman bittaa Waaqayyoo jala akka jiraataniif malee, akka ofiin of bulchaniif hin turre.

      15. Seerri Waaqayyoo Addaamifi Hewwaaniin kan hacuucu turee?

      15 Seera Waaqayyootiif ajajamuunsaanii Addaamiifi Hewwaaniin kan hacuucu hin turre. Kanaa mannaa, isaaniifis ta’e ilmaan namootaa hundaaf faayidaa kan argamsiisu ture. Abbaan manaafi haati manaa kun, mirga filachuu ilaalchisee daangaa Waaqayyo baaseef utuu ajajamaniiru ta’ee, ilmaan namootaa hundi rakkina malee jiraatu turan. Akkasumas, yeroo ammaatti kan wal jaallannuufi maatii walii galtee qabu taanee jannata keessa jiraanna turre. Hammeenyi, rakkinniifi duuti hin jiru ture.

      [Fakkii fuula 11]

      Waaqayyo ilmaan namootaatiif jireenya gaarii qopheessee ture

      [Fakkii fuula 12]

      Bakka seerri traafiikii hin jirreefi daandii konkolaataan itti baay’aturratti konkolaataa oofuu ni barbaaddaa?

  • Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu Maaliif Heyyame?
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
    • Kutaa 6

      Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu Maaliif Heyyame?

      1, 2. Addaamiifi Hewwaan jireenya gaarii Waaqayyo isaaniif kenne kan balleessan akkamitti?

      DOGOGGORA maaliitu uumame? Jireenya gaarii Jannata keessatti Waaqayyo namoota jalqabaatiif kenne kan balleesse maalidha? Jannata keessa nagaafi gammachuudhaan jiraachuu mannaa, hammeenyiifi rakkinni waggoota kumaan lakkaa’amaniif kan mo’e maaliifi?

      2 Sababiinsaa, Addaamiifi Hewwaan mirga filannoo gochuuf argatanitti seeraan ala waan itti fayyadamaniifidha. Seera Waaqayyootiin ala rakkina tokko malee jiraachuuf akka hin uumamne qalbeeffachuu dadhaban. Jireenyasaanii kan isaaniif fooyyessu waan isaanitti fakkaateef Waaqayyorraa adda ba’anii ofiin of bulchuu filatan. Kanaan kan ka’es, daangaa Waaqayyo mirga filachuuf isaaniif kenne cabsan.—Uumama, boqonnaa 3.

      Gaaffii Olaantummaa Waaqayyoorratti Ka’e

      3-5. Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin balleessee, namoota garabiraa kan hin uumne maaliifi?

      3 Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin balleessee abbaa manaafi haadha manaa garabiraa maaliif hin uumne? Sababiinsaa, olaantummaa inni uumama cufarratti qabu ilaalchisee gaaffiin waan ka’eefidha.

      4 Gaaffiin ka’e: Bulchuuf kan mirga qabu eenyu? Bulchiinsa eenyuutu sirriidha? kan jedhudha. Waaqayyo, hundumaa kan danda’uufi kan Uume waan ta’eef, uumama hundaa bulchuuf mirga hin sarbamne qaba. Hundumaa caalaa ogeessa waan ta’eef, bulchiinsisaa uumama hundaatiif faayidaa kan argamsiisudha. Haata’u malee, mirga inni bulchuuf qaburratti gaaffiin ka’eera. Yeroo nama uumetti dogoggorri uumame jiraa laata? gaaffiin jedhus ka’eera. Amanamummaa namootaarrattis akkamitti gaaffiin akka ka’e gara fuulduraatti ilaalla.

      5 Namoonni ofiin of bulchuu yeroo jalqabanitti, gaaffiin akkas jedhus ka’eera: Ilmaan namootaa bulchiinsa Waaqayyoon alatti jireenya gaarii jiraachuu danda’uu? Waaqayyo deebii kanaa sirriitti kan beeku ta’us, akka barbaadanitti akka ofiin of bulchan mirga guutuu kennuufiidhaan deebiisaa akka hubatan godheera. Filannoo gochuuf mirga qabaniin fayyadamanii ofiin of bulchuu kan barbaadan yeroo ta’u, Waaqayyos isaaniif heyyameera.

      6, 7. Waaqayyo, namoonni yeroo dheeraadhaaf filannoo gochuuf mirga guutuu akka qabaatan kan heyyame maaliifi?

      6 Waaqayyo, ilmaan namootaa filannoo gochuuf mirga guutuufi yeroo ga’aa akka argatan gochuudhaan, bulchiinsasaafi bulchiinsasaanii keessaa inni kam gaarii akka ta’e akka hubatamu godheera. Ilmaan namootaa gama siyaasaa, industirii, saayinsiifi yaalii fayyaatiin, wanta gochuu barbaadan hunda akka yaalan yeroo gahaan kennamuufii qaba ture.

      7 Kanaafuu, Waaqayyo yaaliin ilmaan namootaa isaan alatti ofiin of bulchuuf godhan akka mijaa’uufi akka hin mijoofne sirriitti akka beekamuuf jecha, ilmaan namootaa hanga bara keenyaatti guutummaatti isarraa adda ba’uudhaan wanta barbaadan akka godhan heyyameera. Akka kanaan, namoonni gaarummaafi gara jabina, jaalalaafi jibba, qajeelummaafi jal’ina keessaa wanta naaf ta’a jedhan filachuu danda’aniiru. Haata’u malee, wanta filannoonsaanii isaanirraan ga’u jechuunis, gaarummaafi nagaa ykn hammeenyaafi rakkinarraa walaba ta’uu hin danda’an.

      Ergamoonni Waaqayyorratti Ka’an

      8, 9. (a) Waaqayyorratti ka’uun samiirratti kan jalqabame akkamitti? (b) Seexanni Addaamiifi Hewwaaniin alatti eenyuun Waaqayyorratti kaase?

      8 Wanti hubatamuu qabu garabiraanis jira. Waaqayyorratti kan ka’an Addaamiif Hewwaan qofa hin turre. Haata’u malee, yeroo sanatti uumamni garabiraan jiru turanii? Eeyyee! Waaqayyo namoota uumuusaa dura, qaamawwan hafuuraa samiirra jiraatan, jechuunis ergamoota akkaataan uumamasaanii namootaa ol ta’aniifi lakkoofsa hedduu qaban uumee ture. Isaanis, filannoo gochuuf mirga akka qabaataniifi seera Waaqayyootiif akka ajajamaniif uumaman.—Iyoob 38:7; Faarfannaa 104:4; Mul’ata 5:11.

      9 Waaqayyorratti ka’uun kan jalqabame samiirratti ta’uusaa Macaafni Qulqulluun nutti hima. Ergamaan tokko filannoo gochuuf mirga daangaa hin qabne barbaade. Ilmaan namootaa akka isa waaqeffatan hawwe. (Maatewos 4:8, 9) Ergamaan kun, sobaan Waaqayyo Addaamiifi Hewwaan jalaa wanta gaarii ta’e tokko dhokseera jechuudhaan akka isarratti ka’an godhe. (Uumama 3:1-5) Kanaan kan ka’es, Diyaabilos (Kan Maqaa Balleessu) Seexana (Kan Mormu) jedhamee waamame. Kana boodas, ergamoonni garabiraan akka Waaqayyorratti ka’an godheera. Isaanis, hafuurota hamoo jedhamanii waamamaniiru.—Keessa Deebii 32:17; Mul’ata 12:9; 16:14.

      10. Namoonniifi ergamoonni Waaqayyorratti ka’uunsaanii rakkina akkamii geessiseera?

      10 Namoonni Waaqayyorratti ka’uunsaanii dhiibbaa Seexanaafi hafuurota hamootiif isaan saaxileera. Macaafni Qulqulluun, Seexanaan “Waaqayyicha bara si’anaa” isa ‘yaada warra hin amanin sanaa jaamsu’ jedhee waama. Yesusis, Seexanaan ‘isa hamaa biyya lafaa kana seerratu’ jechuudhaan waameera.—2 Qorontos 4:4; 1 Yohannis 5:19; Yohannis 12:31.

      Gaaffiiwwan Lamaan Ka’an

      11. Seexanni gaaffii garabiraa akkamii kaasuudhaan Waaqayyoon morme?

      11 Seexanni Waaqayyoon mormuuf gaaffii garabiraas kaaseera. Haalli itti Waaqayyo namoota uume akka mudaa qabuufi eenyuyyuu utuu dhiibbaan irra ga’ee wanta sirrii ta’e raawwachuu akka dhaabu ibsuudhaan, Waaqayyoon yakke. Utuu qorumsi isaanirra ga’ee Waaqayyoon arrabsuurraa duubatti hin jedhan jedhe. (Iyoob 2:1-5) Akka kanaan, Seexanni amanamummaan namootaa akka shakkii keessa galu godhe.

      12-14. Gaaffiiwwan Seexanni kaase lamaaniif yeroon deebii kan kenne akkamitti?

      12 Kanaafuu, Waaqayyo gaaffiin kunis ta’e gaaffiin olaantummaasaarratti ka’e garabiraan akkamitti furmaata argachuu akka danda’u uumamni hundinuu akka ilaaluuf yeroo ga’aa kenneera. (Ba’uu 9:16 wajjin wal bira qabii ilaali.) Seenaan ilmaan namootaa gaaffii olaantummaasaarratti ka’e kanaaf deebii sirrii kenna.

      13 Hundumaa dura, olaantummaafi bulchiinsa Waaqayyoorratti gaaffii ka’eef yeroon kenname maal mirkaneesse? Dhuguma namoonni Waaqayyoon alatti akka gaariitti ofiin of bulchuu danda’aniiruu? Waaqayyoon alatti namoonni ofiin of bulchuunsaanii addunyaa gammachuu qabuufi waraana, yakkaafi murtoo jal’aarraa walaba ta’e fiduu danda’eeraa? Hiyyummaa balleessuudhaan ilmaan namootaatiif badhaadhummaa argamsiisuu danda’eeraa? Dhukkuba dullumaafi du’a balleessuu danda’eeraa? Bulchiinsi Waaqayyoo garuu kana hundumaa raawwachuuf kan hundeeffame ture.—Uumama 1:26-31.

      14 Gaaffii lammaffaarratti ka’e ilaalchisee yeroon kenname maal mirkaneesse? Waaqayyo ilmaan namootaa kan uume haala mudaa qabuunii? Namni yeroo rakkatu wanta sirrii ta’e godhu jiraa? Namoonni bulchiinsa namootaa mannaa bulchiinsa Waaqayyoo filatan jiruu?

      [Fakkii fuula 13]

      Waaqayyo namoonni sadarkaa guddinaa olaanaarra akka ga’aniif yeroo ga’aa kenneeraaf

      [Madda]

      Shuttle: Based on NASA photo

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi