LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • fy boq. 8 ful. 90-102
  • Maatii Keessan Balaarraa Eegaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maatii Keessan Balaarraa Eegaa
  • Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • IJOOLLEE KEESSAN KAN BARSIISU EENYU?
  • ILAALCHA WAAQAYYO SAALQUNNAMTIIDHAAF QABU
  • HOJII WARRI MANA KEESSATTI QABAN
  • HIRIYOOTA IJOOLLEE KEESSANII
  • BASHANNANA AKKAMII?
  • MAATIIN KEESSAN BIYYA LAFAA MO’UU NI DANDA’A
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Ijoollee Keessan Xinnummaasaaniitii Kaasaa Leenjisaa
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Warra Kan Taatan Ijoollee Keessan Jaalalaan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
fy boq. 8 ful. 90-102

BOQONNAA SADDEET

Maatii Keessan Balaarraa Eegaa

Fakkii fuula 91rra jiru

1-3. (a) Wanti maatiirra miidhaa geessisu karaawwan kamiin dhufa? (b) Warri maatiisaanii eeguurratti ilaalcha sirrii qabaachuu kan qaban akkamitti?

MUCAA keessan isa xinnoo mana barumsaatti erguuf jettu, garuu bokkaa yandoon roobaa jira. Yeroo kanatti maal gootu? Uffata roobaaf ta’u utuu hin uffatin fiigee akka deemu gootumoo, uffata baay’ee bokkaa isarraa ittisu akka inni ofirraa baasuu hin dandeenyetti itti uffistu? Wantoota kana lamaaniyyuu akka hin goone beekamaadha. Wanta bokkaan akka isa hin tuqne godhu akka kennitaniif beekamaadha.

2 Haaluma wal fakkaatuun warris, balaa karaa addaddaatiin, jechuunis karaa bashannanaa, sabqunnamtii, hiriyootaa, akkasumas yeroo tokko tokko karaa manneen barumsaatiin isaanitti rooburraa maatiisaanii eeguuf, mala gaarii malachuu qabu. Warri tokko tokko wanti maatiisaanii eeguudhaaf godhan xinnoodha, yookiinimmoo homaayyuu hin godhan. Warri kaanimmoo dhiibbaa manaa ala jiru hundumaa akka nama miidhutti waan ilaalaniif, hamma ijoolleensaanii akka ukkaamaman itti dhaga’amutti wanta baay’ee isaan dhowwu. Karaa kana giddu galeessa ta’uun ni danda’amaa?

3 Eeyyee ni danda’ama. Daangaasaa darbuun bu’aa kan hin qabne ta’uusaarrayyuu, balaa geessisuu danda’a. (Lallaba 7:16, 17) Haata’u malee, warri Kiristiyaana ta’an, maatiisaanii eeguurratti giddu galeessa ta’uu kan danda’an akkamitti? Karaawwan sadan kana ilaalaa: barumsa, hiriyootaafi bashannana.

IJOOLLEE KEESSAN KAN BARSIISU EENYU?

4. Warri Kiristiyaana ta’an barumsaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?

4 Warri Kiristiyaana ta’an barumsaaf bakka guddaa kennu. Ijoolleen mana barumsaa galuunsaanii dubbisuu, barreessuu, dubbachuufi rakkoo hiikuuf akka isaan gargaaru beeku. Akkaataa itti baratanis isaan leenjisa. Dandeettiin ijoolleen mana barumsaatii argatan, addunyaa rakkisaa kana keessattiyyuu bu’a qabeeyyii akka ta’an isaan gargaaruu danda’a. Kana malees, barumsa gaarii argachuunsaanii hojii gaarii argachuuf isaan gargaara.—Fakkeenya 22:29.

5, 6. Ijoolleen mana barumsaatti saala ilaalchisee odeeffannoo jal’aa ta’eef saaxilamuu kan danda’an akkamitti?

5 Haata’u malee, manni barumsaa, ijoollee keessan ijoollee ilaalcha sirrii hin qabne kan biraa wajjin walitti isaan fida. Fakkeenyaaf, ijoolleen kun ilaalcha saalqunnamtiifi amalaaf qaban haa’ilaallu. Biyya Naayijeeriyaatti mana barumsaa sadarkaa lammaffaa tokko keessatti, intalli saalqunnamtii gadhiisii ta’e raawwattu tokko ijoollee ishee wajjin barataniif saalqunnamtii ilaalchisee gorsa kenniti turte. Yaada gadhee fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasanirraa fudhatte isaanitti himaa kan turte ta’uyyuu, fedhii guddaadhaan ishee dhaggeeffatu turan. Ijoolleen durbaa baay’een gorsashee hojiirra oolchaniiru. Kanaan kan ka’es, ijoollee sana keessaa isheen tokko gaa’ela utuu hin godhatin kan ulfoofte si’a ta’u, ulfa kana ofiisheetiif baasuuf yaalii gochuusheetiin kan ka’e lubbuushee dhabdeetti.

6 Mana barumsaatti saala ilaalchisee odeeffannoon dogoggoraa tokko tokko kan dhufu ijoolleerraa utuu hin ta’in barsiistotarraa ta’uunsaa nama gaddisiisa. Manneen barumsaa ulaagaa amalaafi itti gaafatamummaa isaanirra jiru utuu ijoollee hin barsiisin, waa’ee saalaa qofa barsiisuunsaanii warra ijoollee baay’ee dhiphisaa jira. Haati intala waggaa kudha lamaa qabdu tokko akkas jetteetti: “Kan jiraannu naannoo namoonni amantiifi aadaasaaniitiif iddoo guddaa kennan keessadha; haata’u malee, manni barumsaa sadarkaa lammaffaa naannuma keenya jiru ijoolleedhaaf koondomii kennaa jira!” Isheeniifi abbaan manaashee, dhiironni umriidhaan hiriyaashee ta’an intallisaanii saalqunnamtii akka raawwattu ishee gaafachuusaanii yeroo beekan baay’ee dhiphatan. Warri, dhiibbaa dogoggoraa akkasii kanarraa maatiisaanii eeguu kan danda’an akkamitti?

7. Odeeffannoo sobaa saala ilaalchisee dhihaatu ittisuuf malli gaariin maalidha?

7 Waa’ee saalaa ijoollee biratti dubbachuu dhiisuun gaarii ta’aa? Matumaa. Ijoollee keessan waa’ee saalaa isinumti yoo barsiistan wayya. (Fakkeenya 5:1) Naannoowwan Awurooppaafi Ameerikaa Kaabaa tokko tokkotti, warri waa’ee dhimma kanaa kaasuu ni qaana’u. Biyyoota Afriikaa tokko tokkottis warri ijoolleesaanii wajjin waa’ee saalaa mari’atan baay’ee xinnoodha. Abbaan biyya Seraa Liyoon jiru tokko, “Kun aadaa Afriikaa miti” jechuudhaan dubbateera. Warri tokko tokko, waa’ee saalaa ijoollee barsiisuun saalqunnamtii gadhiisii akka raawwatan yaada isaaniif kennuu akka ta’e itti dhaga’ama. Ilaalchi Waaqayyoo garuu maalidha?

ILAALCHA WAAQAYYO SAALQUNNAMTIIDHAAF QABU

8, 9. Macaafni Qulqulluun saala ilaalchisee odeeffannoo gaarii akkamii qabateera?

8 Dhimma saalaarratti karaa sirrii ta’een mari’achuun waan nama qaanessu akka hin taane Macaafni Qulqulluun ifatti dubbata. Bara duriitti Israa’el keessatti, ‘ijoollee’ dabalatee sabni Waaqayyoo yeroo Seerri Musee ol fuudhamee dubbifamu dhaggeeffachuuf akka walitti sassaabaman itti himamee ture. (Keessa Deebii 31:10-12; Iyaasuu 8:35) Garaa dhukkubbii [laguu], afetaa [sanyii kormaa dhangala’u], ejja, halalummaa, saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti godhamu, saalqunnamtii firoota gidduutti godhamuufi horiiwwan wajjin godhamu dabalatee, dhimmawwan saalaa wajjin wal qabatan baay’ee ilaalchisee Seerichi dhoksaa malee dubbata. (Lewwoota 15:16, 19; 18:6, 22, 23; Keessa Deebii 22:22) Seerichi erga dubbifamee booda warri, ijoolleensaanii gaaffii yeroo isaan gaafatan waan baay’ee ibsaafii akka turan shakkii hin qabu.

9 Macaafni Fakkeenya boqonnaa shan, boqonnaa ja’a, akkasumas Fakkeenya boqonnaa torba irratti, gorsa saalqunnamtii seeraan ala ta’e ilaalchisee warra jaalala qabaniin kenname qabateera. Lakkoofsonni kun, saalqunnamtiin seeraan ala ta’e yeroo tokko tokko nama qoruu akka danda’u argisiisu. (Fakkeenya 5:3; 6:24, 25; 7:14-21) Ta’us, dogoggora akka ta’eefi badii guddaa akka geessisu ni barsiisu; akkasumas dargaggoonni amalawwan gadheerraa akka fagaatan gorsa kennu. (Fakkeenya 5:1-14, 21-23; 6:27-35; 7:22-27) Kana malees, saalqunnamtiin seeraan ala ta’e, saalqunnamtii gammachiisaa karaa sirrii ta’een gaa’ela keessatti raawwatamuu wajjin garaagarummaa akka qabu ibsameera. (Fakkeenya 5:15-20) Warri, fakkeenya gaarii kana hordofuudhaan barsiisuu ni danda’u.

10. Saala ilaalchisee beekumsa Waaqayyoo ijoollee barsiisuun, saalqunnamtii seeraan ala ta’e raawwachuutti kan isaan hin geessine maaliifi?

10 Barumsi akkasii kun, ijoolleen saalqunnamtii seeraan ala ta’e akka raawwatan isaan kakaasaa? Lakki, kanaa mannaa Macaafni Qulqulluun, “Namni qajeelaan . . . beekumsaan isa duraa in ba’a” jedha. (Fakkeenya 11:9) Ijoollee keessan dhiibbaa biyya lafaa jalaa oolchuu hin barbaaddanii? Abbaan ijoollee tokko akkas jedheera: “Yeroo ijoolleen keenya baay’ee xixinnoo turanii kaasee, dhimma saalaa wajjin wal qabaterratti waan hundumaa ifatti itti himna turre. Kanaan kan ka’es, ijoolleen kaan waa’ee saalaa yeroo dubbatan ennaa dhaga’an wanti beekuuf hawwan hin jiru ture. Wanti isaan ajaa’ibsiisu hin jiru.”

11. Wantoota dhoksaa ta’an suuta suutaan ijoollee barsiisuun kan danda’amu akkamitti?

11 Boqonnaawwan darbanirratti akkuma ilaalle, waa’ee saalaa ijoollee barsiisuun xinnummaasaaniitii jalqabamuu qaba. Maqaa kutaa qaamasaanii ijoollee yeroo barsiistan, akka waan nama qaanessuutti maqaa kutaa qaamaa bakka dhoksaa jiran irra hin darbinaa. Maqaasaanii isa sirrii isaanitti himaa. Yeroo boodammoo, wantoota dhoksaatti godhamuu qabaniifi ofeeggannoo godhamuu qabu isaan barsiisuun barbaachisaa ta’a. Kutaawwan qaamaa kun kaanirra adda ta’uusaanii, warra kaaniin tuqamuu ykn nama biraatti argisiifamuu akka hin qabne, akkasumas kutaawwan qaamaa kana ilaalchisee haasaa gadhee haasa’uun tasumaa barbaachisaa akka hin taane abbaanis haatis ijoolleesaanii yoo barsiisan gaariidha. Ijoolleen guddachaa yeroo deeman, dhiirriifi durbi akkamitti walitti dhufanii ijoollee akka godhatan isaanitti himamuu qaba. Umrii dargaggummaa keessa galuu yeroo jalqabanitti jijjiiramawwan isaanitti dhufan dursanii beekuu qabu. Boqonnaa 5⁠rratti akka arginetti, ijoolleedhaaf barumsa akkasii kennuun miidhaa karaa saalaa isaanirra ga’urraa isaan eeguu danda’a.—Fakkeenya 2:10-14.

HOJII WARRI MANA KEESSATTI QABAN

12. Yeroo baay’ee mana barumsaatti ilaalcha dogoggoraa akkamiitu barsiifama?

12 Warri, barumsawwan sobaa akka jijjiirama tirannaa, sabboonummaa ykn yaada wanti guutummaatti dhugaa ta’e hin jiru jedhu, isa falaasama biyya lafaa ta’eefi mana barumsaatti barsiifamu ittisuuf of qopheessuu qabu. (1 Qorontos 3:19; Uumama 1:27, Lewwoota 26:1⁠fi Yohannis 4:24; 17:17 wal bira qabii ilaali.) Hoggantoonni mana barumsaa tokko tokko barumsawwan dabalataa kanaaf xiyyeeffannaa barbaachisaa hin taane kennu. Barumsa dabalataa hordofuun filannoo dhuunfaa ta’ee utuu jiruu, barsiistonni tokko tokko wanta barbaadan hundumaa argachuuf dirqama kan barbaachisu godhanii dubbatu.a—Faarfannaa 146:3-6.

13. Ijoolleen mana barumsaatti yaadawwan dogoggora ta’anirraa eegumsa argachuu kan danda’an akkamitti?

13 Warri, barumsa dogoggoraa ittisuu yoo barbaadan, ijoolleensaanii barumsa akkamii barachaa akka jiran beekuu qabu. Kanaaf, warri haadha ykn abbaa taatan, hoji manee akka qabdan hin irraanfatinaa. Barumsa ijoollee keessanii garaa guutuudhaan hordofaa. Mana barumsaatii yeroo deebi’an isaanii wajjin haasa’aa. Maal akka baratan, hunda caalaa maal akka jaallatan, akkasumas waan hundumaa caalaa wanti isaanitti ulfaatu maal akka ta’e gaafadhaa. Hoji manee isaanii kenname, yaadannoo qabataniifi qabxii qormaatasaanii hordofaa. Barsiisotasaanii wajjin wal baruuf yaalii godhaa. Carraaqqii barsiistonni kun godhan akka dinqisiifattaniifi karaa dandeessan hundaan isaan gargaaruu akka barbaaddanis itti himaa.

HIRIYOOTA IJOOLLEE KEESSANII

14. Ijoolleen ajaja Waaqayyoo fudhatan, hiriyoota gaarii filachuunsaanii baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

14 Warra meeqatu waan suukanneessaa mucaansaanii dubbate ykn godhe tokkotti na’ee “Wanta akkasii eessumaa baratte?” jedhee gaafata? Mucichi hiriyaa mana barumsaarraa ykn ollaarraa akka barate kan dubbatuhoo yeroo baay’eedhaa? Dhugaadha, ijoollees taane ga’eessota hiriyoonni dhiibbaa guddaa nurra geessisu. Phaawulos ergamaan, “Hin gowwoominaa! ‘Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa’” jechuudhaan akeekkachiiseera. (1 Qorontos 15:33; Fakkeenya 13:20) Keessattuu ijoolleen dhiibbaa hiriyootaatiif salphaadhumatti gowwoomfamu. Yeroo baay’ee waa’ee ofiisaanii mirkanaa’oo kan hin taane si’a ta’an, yeroo tokko tokkommoo fedhii hiriyootasaanii gammachiisuufi xiyyeeffannaasaanii harkisuuf qabaniin mo’amu. Kanaaf, hiriyoota gaarii filachuunsaanii baay’ee barbaachisaadha.

15. Hiryaa filachuu ilaalchisee warri ijoolleesaanii qajeelchuu kan danda’an akkamitti?

15 Akkuma warri hundumtuu beekan, ijoolleen yeroo hunda waan gaarii waan hin filanneef, qajeelfamni tokko tokko isaan barbaachisa. Hiriyaa isaanii filuu mannaa, yeroo guddachaa deemanitti hubannaa akka qabaataniifi hiriyoota amala akkamii qaban filachuu akka qaban isaan barsiisaa. Amalli inni guddaan ilaaluu qaban, Yihowaadhaaf jaalala qabaachuusaaniifi wanta isa biratti sirrii ta’e gochuuf fedhii qabaachuusaaniiti. (Maarqos 12:28-30) Ijoollee amanamoo ta’an, gaarummaafi arjummaa qaban, akkasumas cimoo ta’an akka jaallataniifi akka kabajan isaan barsiisaa. Qayyabannaa maatii keessanirratti, ijoolleen keessan namoota seenaa Macaafa Qulqulluu keessatti amalawwan akkasii qaban akka hubataniifi gumiittis namootarratti amala akkasii akka hubatan gargaaraa. Yeroo ofii keessaniif hiriyaa filattanis ulaagaa akkasii kana guutuudhaan fakkeenya gaarii ta’aafii.

16. Warri, akkaataa ijoolleensaanii hiriyaa itti filatan to’achuu kan danda’an akkamitti?

16 Hiriyoonni ijoollee keessanii eenyufaa akka ta’an beektuu? Isaan beekuu akka dandeessanitti gara mana keessanii akka isaan fidan maaliif hin gootan? Ijoolleen kaan waa’ee hiriyootasaanii maal akka itti dhaga’amu akka isinitti himan ijoollee keessan gaafachuus ni dandeessu. Ejjennoo cimaa qabaachuudhaanimoo jireenya bifa lama qabu jiraachuudhaan beekamuu? Jireenya bifa lama qabu jiraachuudhaan beekamu taanaan, ijoolleen keessan walitti dhufeenyi akkasii kun isaan miidhuu kan danda’u maaliif akka ta’e akka hubatan gargaaraa. (Faarfannaa 26:4, 5, 9-12) Amala, uffata, ilaalcha ykn dubbii ijoollee keessaniirratti jijjiirama sirrii hin taane yoo argitan, eenyummaa hiriyootasaanii ilaalchisee isaanii wajjin mari’achuun isin barbaachisuu danda’a. Mucaan keessan hiriyaa dhiibbaa gadhee geessisu wajjin yeroosaa dabarsaa jira ta’a.—Uumama 34:1, 2 waliin ilaali.

17, 18. Hiriyummaa gadhee ilaalchisee ijoolleesaaniitiif akeekkachiisa kennuu malees, warri gargaarsa hojiirra ooluu danda’u akkamii gochuu danda’u?

17 Ijoolleen keessan hiriyummaa gadheerraa akka fagaatan barsiisuu qofti ga’aa miti. Hiriyoota gaarii akka argatan isaan gargaaraa. Abbaan ijoollee tokko akkas jedha: “Yeroo hundumaa mucaan keenya hiriyoota gaarii akka argatu isa gargaarra turre. Manni barumsaa mucaan keenya garee kubbaa miillaa keessatti akka hirmaatu yeroo isa gaafatee turetti, haati manaakoofi ani teenyee dhimmasaarratti isaa wajjin mari’achuudhaan, garee kanaa wajjin taphachuunsaa hiriyaasaanii waan isa godhuuf, afeerriin kun gaarii akka hin taane isa hubachiisne. Haata’u malee, ijoollee gumii keenyaa walitti qabnee gara bakka bashannanaa fudhachuudhaan achitti kubbaa miillaa akka taphatan gochuuf walii galle. Kana gochuun keenya rakkina sanaaf furmaata argamsiiseera.”

18 Warri ogeeyyii ta’an, ijoolleensaanii hiriyoota gaarii akka argataniifi isaanii wajjin bashannana qulqulluu ta’erratti akka hirmaatan gargaaru. Warra baay’eedhaaf garuu, waa’een bashannanaa kun rakkina mataasaa qaba.

BASHANNANA AKKAMII?

19. Maatiiwwan waliin taphachuunsaanii cubbuu akka hin taane fakkeenya Macaafa Qulqulluu kamtu argisiisa?

19 Macaafni Qulqulluun tapha ni dhowwaa? Matumaa! Macaafni Qulqulluun, “Kolfuunis yeroo qaba . . . sirbuunis yeroo qaba” jedha.b (Lallaba 3:4) Sabni Waaqayyoo Israa’el durii keessa turan, sirba, shubbisa, tapha addaddaafi hibboo taphachuudhaan gammadu turan. Yesus afeerrii cidhaa guddaarratti akkasumas “cidha guddaa” Maatewos inni Lewwii jedhamu isaaf qopheesserratti argamee ture. (Luqaas 5:29; Yohannis 2:1, 2) Yesus gammachuu warra kaaniitiif gufuu akka hin turre ifadha. Kolfiifi taphni maatii keessan keessatti tasumaa akka cubbuutti ilaalamuu hin qabu!

Fakkii fuula 99rra jiru

Akka maatiin kun bashannanaa jirutti, bashannanni sirriitti itti yaadamee filatame ijoolleen barumsa akka argataniifi karaa hafuuraa akka guddatan gochuu danda’a

20. Warri, haala maatiin itti bashannanu yeroo mijeessan maal yaadatti qabachuu qabu?

20 Yihowaan Waaqa “gammadaadha.” (1 Ximotewos 1:11, NW) Kanaaf, waaqeffannaan Yihowaa wanta nuffisiisaa jireenyi gammachiisaa akka hin taane godhu utuu hin ta’in, madda gammachuu ta’uu qaba. (Keessa Deebii 16:15 waliin ilaali.) Ijoolleen taphniifi bashannanni baay’ee waan isaan gammachiisuuf yeroo kanatti homaayyuu hin dadhaban. Bashannanni akka gaariitti itti yaadamee filatame gammachuu qofa kan argamsiisu miti. Mucaan tokko akka baratuufi ga’eessa akka ta’u isa gargaara. Bashannana dabalatee waan barbaachisu hundumaa maatiidhaaf guutuun itti gaafatamummaa mataa maatiiti. Haata’u malee giddu galeessa ta’uun barbaachisaadha.

21. Yeroo har’aa bashannanni kiyyoo akkamii qaba?

21 “Guyyoota gara dhumaa” rakkisaa ta’an kanatti, hawaasni lafarraa namoota “Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan[iin]” guutameera. (2 Ximotewos 3:1-5) Namoota baay’eedhaaf bashannanni jireenya keessatti waan baay’ee barbaachisaa ta’edha. Bashannanni addaddaa lafarra waan guuteef, bakka wantoota caalaatti barbaachisaa ta’aniif kenninu fudhachuu danda’a. Kana malees, bashannanawwan yeroo ammaa baay’eensaanii, saalqunnamtii seeraan ala ta’e, hammeenya, qoricha sammuu hadoochu fudhachuufi gochawwan miidhaa guddaa geessisan kan deggeruudha. (Fakkeenya 3:31) Bashannana nama miidhurraa ijoollee eeguuf maaltu godhamuu danda’a?

22. Warri, ijoolleensaanii bashannana ilaalchisee murtoo sirrii akka godhan isaan leenjisuu kan danda’an akkamitti?

22 Warri, wanta tokko tokkorratti seera baasuun isaan barbaachisa. Kana maleesimmoo, ijoolleensaanii bashannana miidhaa geessisu ofumasaaniitiin akka beekaniifi, garmalee kan baay’atus akkamitti akka ta’e akka murteessan barsiisuu qabu. Leenjii akkasii kennuun yeroofi humna gaafata. Fakkeenya tokko ilaalaa. Abbaan ijoollee dhiiraa lama qabu tokko mucaansaa inni hangafaa buufata raadiyoo haaraa tokko yeroo baay’ee akka dhaggeeffatu hubate. Kanaaf, abbichi konkolaataa oofaa gara hojii ennaa deemu buufata raadiyoo sana bane. Gidduu gidduutti konkolaaticha dhaabuudhaan walaloowwan sirbichaa barreessee qabate. Booddees, waan dhaga’e kanarratti ijoolleesaa wajjin mari’ate. Gaaffii “Maal isinitti fakkaata?” jedhuun jalqabuudhaan, ilaalchasaanii erga isaan gaafatee booda deebiisaanii obsaan ni dhaggeeffata ture. Macaafa Qulqulluutti fayyadamee dhimma sanarratti ibsa erga kennee booda, ijoolleensaa buufata raadiyoo sana akka hin dhaggeeffanne waadaa galan.

23. Warri, bashannana qulqulluu hin taanerraa ijoolleesaanii eeguu kan danda’an akkamitti?

23 Warri Kiristiyaanaa ogeeyyii ta’an, muuziqaa, sagantaa televijiinii, kaasseettii viidiyoo, kitaabota qoosaa, taphawwan viidiyoofi fiilmiiwwan ijoolleensaanii jaallatan ni gamaaggamu. Fakkii alasaarra jiru, walaloosaafi mann’ee kaasseettichaa ni ilaalu; ilaalcha gaazexaarratti kennameefi yaada muraasa kaasseetticharratti ibsame ni dubbisu. Wantoonni ijoollee “bashannansiisu” jedhamanii dhihaatan namoota baay’ee suukanneessu. Warri ijoolleesaanii dhiibbaa gadheerraa eeguu barbaadan, maatiisaanii wajjin taa’anii Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluu akka kitaaba Gaaffii Dargaggootaa, akkasumas matadureewwan barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaarra! jiranitti fayyadamuudhaan balaa wanti kun geessisurratti mari’achuu barbaadu.c Warri, utuu walirraa hin kutin karaa sirrii ta’een ijoolleesaaniirratti daangaa cimaa yoo godhan, yeroo baay’ee bu’aa gaarii argatu.—Maatewos 5:37; Filiphisiiyus 4:5.

24, 25. Bashannanawwan qulqulluu ta’aniifi maatiin irratti hirmaachuu danda’u tokko tokko kamfa’i?

24 Bashannana miidhaa geessisurraa ijoollee ittisuun wal’aansoo guddaa akka ta’e beekamaadha. Wanti hamaan waan gaariidhaan mo’amuu qaba; kana ta’uu baannaan ijoolleen gocha dogoggoraatti fiiguu danda’u. Maatiiwwan Kiristiyaanaa hedduun, bashannana akka miillaan deemuu, bakka tokko dhaqanii dunkaana buufatanii bashannanuu, taphawwan addaddaa taphachuufi ispoortii hojjechuu, fira ykn michootasaanii gaafachuuf karaa deemuu jiranirratti hirmaachuudhaan, yeroo gammachiisaa hin irraanfatamne baay’ee dabarsaniiru. Tokko tokkommoo waliin ta’anii sagaleesaanii ol kaasanii dubbisuu qofaan gammachuufi jajjabina isaaniif argamsiiseera. Kaanimmoo seenaawwan nama kolfisiisaniifi nama gammachiisan dubbachuudhaan gammadu. Kaanis, wantoota akka hojii mukaa hojjechuufi ogummaawwan addaddaa, akkasumas meeshaa muuziqaa taphachuu, fakkii kaasuu ykn uumamawwan Waaqayyoo qorachuu jiranirratti walii wajjin yeroo dabarsu. Ijoolleen yeroo gammachiisaa akkasiirratti hirmaatan bashannanawwan qulqulluu hin taanerraa ni eegamu; akkasumas bashannanuu jechuun utuu hirmaannaa hin qabaatin callisanii taa’uu qofa akka hin taane ni hubatu. Yeroo baay’ee, akkasumaan taa’anii ilaaluu mannaa hirmaachuutu nama gammachiisa.

25 Wal afeeranii waliin haasa’uunis bashannana nama gammachiisudha. Sirriitti kan to’atamaniifi garmalee bal’aa ykn yeroo kan fudhatan yoo ta’uu baatan, ijoollee keessaniif gammachuu caalaa waan argamsiisan qabu. Kunis jaalalli gumii akka jabaatu gargaaruu danda’a.—Luqaas 14:13, 14⁠fi Yihudaa 12 wajjin wal bira qabii ilaali.

MAATIIN KEESSAN BIYYA LAFAA MO’UU NI DANDA’A

26. Dhiibbaawwan qulqulluu hin taanerraa maatii eeguuf amalli hunda caalaa barbaachisaa ta’e kami?

26 Maatii keessan dhiibbaawwan biyya lafaa balaa geessisanirraa eeguun carraaqqii guddaa kan gaafatu ta’uunsaa waan gaafatamu miti. Haata’u malee, wanti hunda caalaa dhiibbaa biyya lafaa kana mo’uuf gargaaru tokko jira. Innis jaalaladha! Maatiin jaalalaan walitti maxxanuunsaa, bakka boqonnaa eegumsa itti argatan akka ta’u gochuusaarrayyuu, akka gaariitti akka waliin haasa’an godha; kunimmoo dhiibbaa gadheerraa eegumsa guddaa namaaf ta’a. Kana malees, jaalalli argisiifamuu qabu kan biraan kan jiru yommuu ta’u, innis Yihowaa jaallachuudha. Jaalalli akkasii maatii keessatti yommuu dagaagu, ijoolleen dhiibbaa biyya lafaatiin gowwoomfamuudhaan Waaqayyoon gaddisiisuurraa fagaachuu barbaadu. Warri garaasaaniitii Yihowaa jaallatan, jaalala qabeessa, sababi qabeessaafi giddu galeessa ta’uudhaan fakkeenyasaa hordofuu barbaadu. (Efesoon 5:1; Yaaqoob 3:17) Warri kana yoo godhan, ijoolleen waaqeffannaan Yihowaa daangaadhaan kan guutame, jireenya gammachuufi kolfa nama dhowwu akka ta’e godhanii ilaaluudhaan hanga danda’ametti waaqeffannaa kanarraa fagaachuuf yaalii hin godhan. Kanaa mannaa, Yihowaa waaqeffachuun wanta jireenya faayidaa qabuufi gammachuu argamsiisu jiraachuuf gargaaru ta’uusaa hubatu.

27. Maatiin biyya lafaa mo’uu kan danda’u akkamitti?

27 Maatiiwwan dhiibbaa gadhee biyyi lafaa geessisurraa of eeguudhaan “warra xurii fi mudaa hin qabne” ta’uuf garaa guutuudhaan carraaqan, akkasumas Waaqayyoof tajaajila gammachiisaafi fudhatamaa qabu dhiheessuutti tokko ta’an, Yihowaa gammachiisu. (2 Phexros 3:14; Fakkeenya 27:11) Maatiiwwan akkasii, fakkeenya Yesus isa carraaqqii addunyaan Seexanaa kun isa xureessuuf godhe ofirraa ittisee hordofu. Yesus jireenyasaa isa lafarraa xumuruu yommuu ga’etti, “Ani biyya lafaa mo’eera” jechuu danda’ee ture. (Yohannis 16:33) Maatiin keessanis biyya lafaa mo’ee jireenya barabaraa kan argatu haata’u!

a Barumsa dabalataa hordofuu ilaalchisee yaada argachuuf birooshura Dhugaa Baatota Yihowaafi Barumsa jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e, ful. 4-7 ilaali.

b Jechi afaan Ibrootaa asirratti “kolfuu” jedhame, karaa biraatiinimmoo, “taphachuu,” “wanta nama bashannansiisu tokko dubbachuu,” “ayyaaneffachuu” ykn “gammaduu” jedhamee hiikamuu ni danda’a.

c Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’an.

SEERAWWAN BU’UURAA MACAAFA QULQULLUU KUN, MAATII KEESSAN EEGUUF KAN ISIN GARGAARAN AKKAMITTI?

Beekumsi, ogummaa jireenya namaa nagaatti eegu argamsiisa.—Lallaba 7:12.

“Ogummaan biyya lafaa kanaa Waaqayyo biratti gowwummaa dha.”—1 Qorontos 3:19.

Hiriyummaa gadheerraa fagaachuun barbaachisaadha.—1 Qorontos 15:33.

Bashannanni wanta iddoon kennamuuf ta’uyyuu, to’atamuu qaba.—Lallaba 3:4.

WANTI ISATTI HAFE AKKA JIRU ITTI HIN DHAGA’AMNE

Abbaafi haati Kiristiyaanni Pooliifi Luwaan jedhaman, yeroo tokko tokko manasaaniitti waamicha qopheessu turan. Waamichichi sirriitti to’atamuu akka danda’uufi seera qabeessa akka ta’u godhu. Ijoolleensaanii waamicha akkasiirraa fayyadamaa akka jiran amanuuf sababii ga’aa qabu turan.

Luwaan akkas jetteetti: “Haati hiriyaa Eeriik mucaakoo isa waggaa ja’aa, Eeriik kophaasaa waan taa’uufi ayyaanota guyyaa dhalootaa kutaatti kabajamurratti waan hin hirmaanneef baay’ee akka ishee gaddisiisu natti himte. Anis akkasan jedheen: ‘Mucaa kootiif yaaduu keetiin baay’een si galateeffadha. Kunis nama gaarii ta’uukee kan argisiisudha. Eeriik wanti isatti hafe akka jiru itti hin dhaga’amu yoon siin jedhe na hin amantu ta’a.’ Yaadakoo ni fudhatte. Achiis akkasan jedheen: ‘Kanaaf akka ati hin dhiphanneef Eeriikitti maaltu akka dhaga’amu atumti isa gaafadhu.’ Isheenis bakkan hin jirretti, ‘Ayyaana guyyaa dhalootaa nama gammachiisu kanarratti hirmaachuu dhiisuu keetiin hin gaddituu?’ jettee isa gaafatte. Ajaa’ibsiifannaadhaan ol jedhee ishee ilaalee, ‘Daqiiqaa kudhaniif keekii xinnoo nyaatanii faarfannaa faarfachuun afeerriidha jettee yaaddaa? Mana keenya dhuftee afeerrii dhugaan maal akka fakkaatu ilaaluu qabda!’ jedheen.” Wanti inni garaa qulqulluurraa miira ho’aadhaan dubbate kun, wanti isatti hafe akka jiru akka isatti hin dhaga’amne ifatti kan argisiisu ture!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi