Faarfannaa 17
Isin Dhugaa Baatonni Fuulduratti Adeemaa!
1. Sabni Waaqaa hojiidhaaf ka’aniiru,
Misiraachicha himuuf kutataniiru.
Yoo isaaniin mormes Seexanni,
Sodaatanii duubatti hin jedhani.
(WALLEE)
Gara fulduraa deemaa Dhugaa Baatonni!
Gammadaa Waaqayyoof hojjechuu keessaniin!
Jannanni akka dhufu dhiheenyatti,
Dhaqaa himaa nama hundumaatti.)
2. Tajaajilaan Waaqaa of hin dagatu;
Mootota addunyaatiif harka hin laatu.
Qulqulluummaasaa ni eeggata,
Amanamaa ta’uudhaan ni jiraata.
(WALLEE)
Gara fulduraa deemaa Dhugaa Baatonni!
Gammadaa Waaqayyoof hojjechuu keessaniin!
Jannanni akka dhufu dhiheenyatti,
Dhaqaa himaa nama hundumaatti.
3. Mootummaan Yihowaa tuffatameera;
Olaantummaafi maqaansaa jibbameera.
Maqaasaa haa qulqulleessinu,
Guutummaa lafaarrat haa babal’isnu.
(WALLEE)
Gara fulduraa deemaa Dhugaa Baatonni!
Gammadaa Waaqayyoof hojjechuu keessaniin!
Jannanni akka dhufu dhiheenyatti,
Dhaqaa himaa nama hundumaatti.
(Dabalataan Filp. 1:7; 2 Xim. 2:3,4; Yaq. 1:27 ilaali.)